Subscribe To Our YouTube Channel

«Kophaa Kee miti!» Aadaa Sirna Fuudhaaf fi Heerumaa Ajaa'ibaa Uummata Kibba Baha Ameerikaa

«Kophaa kee miti!»


Aadaa Ajaa'ibaa Uummata Kibba Baha Ameerikaatti Argamanii



Sabni ykn Gosni Cheerooqee jedhaman Kibba Baha Ameerikaatti jiraachaa kan turan uummata Ameerikaa duriiti. Dargaggoonni Cheerooqee fuudhaaf gahuu isaanii kan ittiin ibsan qormaata cimaa qabu. Dargaggessicha abbaan isaa gara galgalaa dhiyuuf yeroo jedhu gara bosonaatti isa qabatee deema. Iji isaas uffataan ni hidhama. Wanta kamiyyuu ilaaluu hin danda'u. Uffata sanas ija isaa irraa kaasuun hin eeyyamamuuf. Iddoo tokko ta'a. Iddoo taa'e sanaas socho'uun hin eeyyamamuuf. Dukkanni sun darbee hanga Aduun baatutti Bosona sana keessatti kophaa isaatti iddoo tokko taa'ee dabarsuu fi «Dhiirummaa» isaa qoruu qaba. Naannawaan isaa cal kan jedhedha. Sagalee bineensotaa fi wantoota shokoksan tokko tokkoon ala homtuu wanti dhaga'amu hin jiru. Namnis naannoo sana hin gahu. Nyaataa fi dhugaatii namni isaaf dhiyeessu hin jiru. Dhahannaa onnee isaa dhageeffachaa dukkana sana callisaan dabarsa. Dukkana ykn halkan kana rakkoo malee dargaggeessi dabarsuu danda'e fuudhaaf gahe jechuudha. Akkamitti akka dabarsee fi maaltu akka isa mudate ijoollee isaa gadi jiraniif himuun hin eeyyamamuuf. Dhiironni tokkoon tokkoon isaanii eenyummaa ofii isaa bu'uura aadaa sanaatiin qorachuu qaba waan ta'eef.

Bu'uura sirna ykn aadaa kanaatiin dargaggeessi Cheerooqee tokko karaa Bahaa Teeniisii fi Kaaba Kaaroolaayinaatti gara Bosona Cheerooqee argamtutti geeffame. Aduun lixaa akka jirtu osoo arguuti kan inni deeme. Abbaan isaa uffata ykn carqii ija isaa ittiin hidhan harkatti qabatee jira. Namoonni muaasni miseensota Gosa sanaa ammoo gaggeessuuf isaan duukaa jiru. Bosona rukkataa sana qaxxaamuranii dheerina mukkeenii irraa kan ka'e iddoo itti Aduu ilaaluu hin dandeenye handhuura bosonichaa seenan. Iddoon itti halkan sana dabarsu ni filatame. Dargaggessichi iji isaa uffataan hidhame. Taajjabdoonni iji isaa sirriitti kan hidhame ta'uu isaa mirkaneessan. Sana boodas iddoo tokko akka taa'u taasifame. Dhuma irrattis namoonni achi turan hundi dabaree dabaree dhaan iddoo sanaa deemuu jalqaban. Yeroo isaan isa dhiisanii deemanis faana miila isaanii ni dhaga'a.

Naannoon sun callisaan guutame. Jalqaba sagaleen baala mukkeenii yeroo qilleensi sochoosu ni dhaga'a ture. Qilleensaa fi baalli mukkeenii sunis tokkummaa uumanii isaa bashannansiisaa jiru ture. Boodarra garuu wanti hundi tasgabba'aa deeme, asittis achittis sagaleen «Kosh» jedhu ni dhaga'ama. Wantoonni turr jedhanii darbanis ni jiru. Oduu duriiwwan Cheerooqee keessatti waa'ee bosona Cheerooqee oduu duriiwwan fi seenaawwan inni dhaga'e ni yaadate. Adamsitoonni gara bosona kanaatti dhufanii gootummaa isaan hojjetan, qormaata isaan mudatan, bu'aa ba'iiwwan isaan keessa darban ni seenessu ture. Bara sanatti bosona sana miila qaxxaamuranii keessa darbuun qoftiyyuu akka gootummaatti ilaalama ture. Jalqaba uleedhaan saaqanii keessa deemuun kan danda'aamu boodarra garuu ija hanga waraanuutti ni gaha. Rukkataa ta'ee guyyaa dukkana fakkeessa. Bosona kana keessatti darbee darbee Gosoota gidduutti waraanni akka gaggeeffame ni dubbatama. 

Halkan sun dabalaa akkuma deemeen sodaan itti dhufuu jalqabe. Maalif as akka dhufe, qormaata kana yeroo darbu kabajni inni argatu, kabajni sunis isaaf qofaa osoo hin taane maatii isaa fi Gosa sana hundaaf akka ta'e yeroo yaadatu ammoo miirri ciminaa itti dhaga'ama. Bosona Cheerooqee heektaara kuma 650 gahu keessatti gosoonni ykn sanyiiwwan bineensotaa fi biqilootaa kuma 20 ol ta'aan ni jiraatu. Tulluuwwan dhedheeroon, laggeen bosona qaxxaamuranii ya'aan, sululawwan garaa garaa, hallayyaawwan rakkisoo fi dirreewwan wal qixxaataa garaa garaa keessa isaatti argamu. Wantoota kana hunda dargaggeessichi ni yaada.

Hundaa ol kan isa dhiphisu fi kan isa sodaachisu wanti tokko jira innis kophaa ta'uu isaa. Cheerooqeewwan manneen isaanii aadaa «Asii» jedhaman keessatti waliin kan bulan ykn waliin kan jiraatan maatii hedduu ta'aaniitu. Kophaa isaa kan jiraatus ta'e kophaa isaa kan bulu hin jiru. Adamoo yeroo deeman waliini, laga yeroo bu'anis waliini. Amma garuu inni kophaa isaa bosona Cheerooqee keessatti sanuu halkan taa'ee jira. Irribni isaa itti dhufa no deema ammoo. Ciminni isaa ni dhufa achumaan ammoo sodaadhaan bakka bu'a. Irra deebiin ammoo miira gootummaatiin weerarama. Bineensi tokko yoo itti dhufe maal gochuu danda'a? osoo hin argiin sagalee fi haala deemsa isaatiin eenyummaa isaa adda baafachuu qaba. Iji isaa akkuma haguugametti ofirraa dhorkuu fi dandamachuu qaba. Sanuu kophaa isaa, kan isa gargaaru hin jiru. Maal akka ta'eyyuu seenaa isaa isaaf himuu kan danda'u hin jiru ; yoo madaa'ellee kan isa yaalu, bineensi yoo isa fudhatee deeme kan bineensa irraa isa oolchu hin jiru. Kana hunda yeroo yaadu sodaan itti cima.

Yaadaan asii fi achi raafamaa halkanichi ni deema. Bineensonni ni iyyu. Inumaayyuu isaan tokko tokko isaa cinaadhaa iyyu. Sagaleen bineensota garaa garaas ni dhufa ni deema. Bineensonni naannawaa isaatti naanna'anii deemanis ni jiru. Miila isaa jala yeroo darban, qaama isaatti hooqqatanii yeroo deeman itti dhaga'ama. Aadaan isaanii garuu iddoo taa'ee jiruu akka socho'u hin eeyyamuuf. Obsaan ; sodaa fi dhiphina malee iddoo jiru akkuma taa'etti dhufaatii ykn ba'uu Aduu eeguu qaba.

Bineensonnis, Ilbiisota, haalli bosona sanaas isa hin dhiphisu. Kan isa dhiphisu Hawaasa daa'imman irraa kaasee hanga akaakileetti tokkummaan jiraatan keessatti guddatee as bosona keessatti kophaa isaa ta'uu isaati. Bineensota sana caalaa kophummaan isaa isa sodaachisa. Bineensota sanaaf bineensa, ilbiisotaafis ilbiisa, mukkeeniifis muka qabu. Inner garuu kophaa isaati. Akka halkan kanaatti nama barbaadee hin beeku. Garuu kophaa isaati. Akka halkan kanaatti nama yaadee hin beeku, garuu kophaa isaati.

Halkanichi deemaa jira. Dhadhabbiin isaa dabalaa jira. Yeroo cimina isaa sanatti bineensonni hin dhufne amma yeroo dhadhabbii isaatti osoo dhufanii maaltu isa liqimsa? Lagni Okonaaluuftee dhagaa waliin walitti bu'uun yeroo inni bu'u sagaleen inni dhageessisu itti dhaga'ama. Lagichi iddoo itti dhagaa waliin walitti bu'u bira yeroo gahu bifti isaa bifa Bunaa qabaata. Yeruma sana ammoo naannawaan isaa Sabbata Waaqayyoo uuma. Amma garuu halkanidha. Maaltu akka ta'aa jiru hin beeku. Irribni isa qabuuf yeroo jedhu sagalee Simbirrootaa dhaga'e. Akka bari'aa jiru yeroo yaadu ciminni isaa walitti qabamee dhufe. Halkan rakkoo sun darbaa jira. Fuudhaaf yeroo itti gahu fi naannawaan sunis Dibbeedhaan sa'aatiin itti sirbamu gahaa jira. Xiqqoo yoo ture Aduun ni baati. Uffata iji isaa ittiin hidhame ho'isuu yeroo jalqabdu yeroo sana uffatichi ni hiikama. Bosona kophummaan keessa ture kana utaalaa keessaa bahee gara bakka Gosti sun abdiin isa eeganiitti ni deema.
 
Akka ishee eegetti Biiftuun bahuu ishee labsite. Uffanni iji isaa ittiin hidhame ho'uu jalqabe. Amma uffata sana ija isaa irraa hiikuu ni danda'a. Harka isaa qorri gogse ho'ifatee uffaticha ariitiin hiikuu jalqabe. Hidhaawean sanas suuta suutaan hiikee ija isaa yeroo bilisa baasu sakandiiwwan muraasaaf iji isaa sirriitti ilaaluufii dide. Innis cal jedhee turuudhaan iji isa sukkuume. Suuta suutaanis ifti naannoo sanaa itti mul'achaa dhufe. Ija isaa gara bosona isa fuuldura jiruutti yeroo naannessu Abbaa isaa arge. Eeboo fi xiyya isaa qabatee taa'ee jira.

Innis fiigichaan deemuun isa haammate.

«Yoom dhufte?» jedheen jiidhinni uffata isaa itti dhaga'amaa.

«Asuman ture» jedheen abbaan isaa.

«Yoom irraa jalqabee?» jedheen mucaan isaa

«Jalqaba irraa kaasee» jedhee deebiseef abbaan isaa 

«Halkan as bultee?»

«Eeyyeen!»

«Ani kophaa koo kanan ta'e natti fakkaatee ture» jedhe mucaan isaa.

«Kophaa kee hin turre, ani si hordofaa fi si eegaan ture. Yeroo ati irribni si qabuuf jedhu ana garuu na hin qabu ture. Si ilaalaan ture. Tarii garuu waan ati na hin ilaalleef waanin an hin jirreefi kophaa kee kan taate sitti fakkaatee ta'uu danda'a. Garuu kophaa kee hin turre. Baala kana beektaa?» jedheen abbaan isaa gadi jedhee Baala shaakarra'aa tokko kutee, «Hin beeku!» jedheen mucichi. «Baalli kun Bofaafi wantoota isa fakkaatan kan ariitudha. Foolii ishee fageenya irraa yoo fuunfatan naannoo isheetti hin siqan» jedheen. «Laga sana hoo ni beektaa?» jedheen laga fageenya irraa Aduun irratti calaqqistu itti agarsiisaa. «Isammaa nan beeka, laga Okonaaluuftee miti moo?» jedhee deebiseef. «Bineensa kamtu laga hallayyaa qabu kana ce'ee sitti dhufa?» jedheen abbaan isaa kolfaa. Mucaan isaas ni kolfe. «Simbirroo halkan halkan dhufu kana hoo beektaa?» jedhee Simbirroo achiin barrisee darbe tokko itti agarsiise. Mucichi garuu fageenya Simbirroo sana argu irra waan hin turreef arguu hin dandeenye.

 «Hin argine» jedheen mucichi. «Simbirri kun halkan halkan ni Korrisa, gara iddoo inni korrisuutti bineensonni hin siqan. Isaan kunneen hundi osoo si hin beekiinii fi atis osoo isaan hin beekiin si eegaa bulan. Argite ilma koo si waliin si eegaa kan bulan hedduudha. Lagichi, Mukni, Tulluun isaan kunneen hundi si waliin turan. Hundaa ol ammoo ani abbaan kee si waliinan ture. Ati garuu kophaa koon ture jette. Kophummaa kee kan fide kophaa ta'uu kee miti, kan si waliin jiruu wallaaluu keeti malee. Halkan kana irraa barumsi akka ati barattu barbaannu inni tokko namni yeroo kamiyyuu kophaa isaa akka hin taane akka beektu dha. Naannoo kee yoo hin beekne namoota gidduu taateeyyuu kophaa kee taata. Naannoo kee yoo beekte garuu yoomiyyuu kophaa kee hin taatu!»

Abbaa fi ilmi gammachuudhaan haasa'aa bosona sana keessaa ba'aanii gara uummata hawwiin isaan eeguutti makaman.

Post a Comment

0 Comments