Subscribe To Our YouTube Channel

Araarsummaa Qulqullootaa | Kutaa 2ffaa : Araarsummaa Qulqullootaa yeroo Fooniin Addunyaa kana irra jiran

Araarsummaa Qulqullootaa


Kutaa 2ffaa


Seensa :- maatiiwwan Waaqayyoo ijoolleen haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nagaa Waaqayyootiin akkam jirtu? Ameen maqaan Waaqayyoo kan galatoome haa ta'u! egaa koorsii Araarsummaa Qulqullootaa jedhu kana yeroo darbe kan eegalle yoo ta'u, kutaa 1ffaa yeroo darbe ilaalleerra. Kutaa 1ffaa keessatti qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaalle;

✓ Malummaa Qulqullootaa : Qulqulloota jechuun maal jechuu akka ta'e;
✓ Qulqulloota kan jedhaman eenyu fa'a akka ta'an;
✓ Qulqullummaa gosa meeqatu jira;
✓ Kitaabni Qulqulluu waa'ee Qulqullootaa maal akka jedhu fi k.k.f ilaallee turre. Isinis gara kutaa lammaffaa kanatti osoo hin darbiin dura kutaa 1ffaa dubbisaa! kutaa 2ffaan har'aaf qabannee dhiyaanne kunooti dubbisaa!

Qulqulloonni ni Araarsu



Hojii araarsummaa kan namoonni fedhii isaaniitiin jalqaban osoo hin taane kan Waaqayyo fedhii isaatiin akka jalqabam godhe dha. Kunis kan ta'e namni hundi namummaa isaatiin walqixa tahee haa dhalatu malee, akkuma wal qixa dhalate
walqixa waan gaarii fi waan yaraa hin hojjetu, wal qixa cubbuu fi hojii bareedas hin hojjetu. Kanaaf kan gaarii hojjetu isa yaraa hojjetuuf ni kadhata jechuu dha. Kanas immoo caqasawwan kanaa gadii irraa hubachuu n ni danda'ama. Akkasuma

Abrahaam yeroo mootii Geeraraa Abemelilk jedhamun haadha manaa isaa yemmuu saamamuuf jedhu Waaqayyo Abemeelikiin ni akeekachiise. 

     «Waaqayyo immoo abjuu sana keessa Abemelikiin, ati garaa keetti hamaa otoo hin yaadin kana akka goote anuu beeka, kanaaf ati akka ana hin yakkineef ani si
dhoowweera, ati akka ishee bira geessufis ani karaa siif hin laanne. Ammna haadha manaa namichaa galchiif. Innoo
raaja dha, inni siif ni kadhata, atis ni jiraatta, namichaaf yoo galchuu dhaa baatte garuu ati akka duutu, namoonni kee hundinuus akka du'an beeki!» jedhe (Uma 20:1)

Abemeliik osoo ofii isaatii kadhatee Waaqayyo akka hin araaramneef, Abrahaam akka isaaf kadhatu isumatu itti hime. Egaa kanarraa ragaa biraa barbaaduun shakkuummaadha, abboommii fi fedha Waaqayyoos kabajuu dhabuu dha. Abemelik, Abirahaamis nama, anis nama maal taha yoon ani si kadhadhe akkamiin anaaf hin araaramne hin jenne. As irratti Waaqayyo qulqullummaa Abrahaami fi cubbummaa Abemelik muldhiseera.

Inumaayyuu Waaqayyo wanta raawwachuuf tahu, yemmuu uummata adabuufis tahu, qulqullootatti akka himu seenaan kanaa gadii kun dhugaa baha. Yemmuu Waagayyo Sodom balleessuuf jedhetti qulqulluu Abirahaam ni beeka ture. «Yemmuus Waaqayyo, wantan gochuuf jedhu Abiraham nan dhoksaa ree? Abirahaam caba guddaa, saba jabaas ni taha, sabni biyya lafaa hundinuu sababii isaatiif ni eebbifamu!» (Uma 18:17) jedheera.

Qulqulluu Phaawuloos namaaf kadhachuun hojii Qulqullootaa
akka ta'e yoo ibsu nuun waadaa kadhachuu (araarsu) kaa'ee, «Egaa Waaqayyoo karaa keenyaan akka araarfamu (kadhatamuuf) waa'ee Kiristoosiif nuti ergamtoota dha. Waaqayyoon wajjin araaramaa jennee Kiristoosiin isin kadhanna» (2 Qor 5:19).

Araarsummaa qulqullootaa bakka lamatti gooduun ni danda'ama.
Isaanis araarsummaa qulqulloota yemmuu lubbuun addunyaa
kana irra jiraniifi araasummaa qulqullootaa erga addunyaa
kana irraa darbanii booda dha.

Araarsummaa Qulqullootaa Jireenya Fooniin (Yeroo Lubbuun jiran)


Qulqulloonni hedduun yemmuu lubbuun jiranitti hojii araarsumma hojjetanii darbaniiru, namootas balaa irra gahuuf ture hundarra Waaqayyoon kadhatanii araara argamsiisaniiru. Kanas fakkeenya fudhachuudhaan seenaa armaan gadii kana iraa ni ilaalla.


Raajii Musee fi Saba Israa'eel


Ammas Waaqayyo Museedhaan «Ani saba kana argeera, kunoo inni saba boqu-jabeessa, aariin koo isaan irratti boba'ee akkan isaan fixutti na dhiisi, si garuu abbaa saba guddaa sin godha!» jedhe. Museen ammoo aarii Waaqayyo gooftaa isaa qabaneessudhaaf «Yaa Waaqayyo, maaliif aariin kee saba kee isa humna guddaa dha fi irree cimaadhaan biyya Gibxii baafte kana irratti akka boba'u goote ree? ati hamaa isa saba keetti fiduuf jette adaraa dhiisi, aarii kee isa boba'aas irraa deebisi,
Isa maqaa ofii keetiin kakattee garboota kee Abirahaam, Yisihaaq,
Yaaqobinis sanyii keessan akka urjoota samii keessaa nan baay'isa biyyicha isa ani dubbadhe kanas sanyii keessaniif dhaala bara baraa godhee nan kenna jettee isa dubbatte yaadadhu!» jedhe. Yeemmus Waaqayyo hamaa isaa saba isaa irratti gochuu yaade sana ni dhiise (Ba'uu 32:9). Egaa yaa
hubannu, Waaqayyo, cubbuu isaanii iraa kan ka'e Israa'eloota rukutuu barbaadee ture, Museedhaanis hangafa sabootaa baay'ee isa bira sin taasisa jedheen, garuu Museen tole hin jenne. Waaqayyos uummata sanaaf ni nahe, Waagayyo uummata bal'aa sana irra sagalee fi yaada Musee akka filate as irraa hubachuu ni dandeenya.

Raajii Eelsaa


Raajiin Waagayyoo Eelsaan mucaa du'e yemmuu lubbuun jirutti du'aa kaasee jira. Yeroo Eelsaan dhufee manichatti lixe, mucichi du'ee reeffi isaa siree Eelsaa irra ni ciisa ture,
Elsaan akkuma ol lixeen keessaan balbala cufatee, Waaqayyoon ni kadhate, kana booddee siree irratti ol ba'ee, afaan isaa afaan mucichaa irra, ija isaa ija mucichaa irra, harka isaa harka mucichaa irra kaa'ee isa irra gadi ni ciise, akkuma inni
mucicha irratti diriireen qaamni mucichaa ho'uu jalqabe. Eelsaan
isa irraa ol ka'ee kutaa manichaa keessa, asii fi achi erga adeemee booddee, ammoo siricha yaabbatee, mucicha irra ni
diriire, mucichis si'a torba haxxiffatee ija isaa ni banate (2 Mot 4:32).

Egaa qulqulloonni hoji hamma kana gahu, yemmuu lubbuun jiranitti ni hojjetu, namaaf Waaqayyo walitti araarsuun haa hafuuti, hanga nama du'e du'aa kaasuutti aangoon kennameefii jira.

Seenaan Abemelik mootii Geeraaraa fi Abirahaamis araarsummaa qulqullootaa yemmuu lubbuun jiranitti kan jedhuuf fakkeenya gaariidha. Abrahaam akka Abemelik mootii Geeraraaf kadhates dura kana olitti kaafnee jirra.

Israa'eloonni yeroo cubbuu isaaniitiin gidiraan itti baay'atee turetti uummanni hundi walitti qabamuun raajii Eermiyaasiin akkas jedhan «Akkuma argitu baayyee keessaa kan hafne xiqqaa taaneerra, maaloo kadhaan keenya si haa qaqqabu, Waaqni kee Waaqayyoonis karaa irra deemnuufi waan hojjennu akka nutti agarsiisuuf Waaqa nuuf kadhu!» jedhaniin. Eermiyaasis kadhateefi dubbii nama jajabeessu deebiseeraafi.(Ermiyaas 42:2)

Qulqulluu Pheexiroos


Kakuu Haaraa keessattis Qulqulluun Pheexiroos bartuu
Xaabitaa jedhamtu akka
du'aa kaase ni agarra.

       «Mandara Iyyoophee keessas bartuun Xaabitaa jedhamtu
tokkotu turte. Maqaan ishee afaan Giriikiitiin 'Dorkaas' kan jedhu ture hiikoon isaa ammoo kuruphee jechuudha. Isheen yeroo hundumaa hojii gaarii hojjechuudhaan hiyyeessota gargaaruudhaan dabarsiti turte. Gidduu tokko dukkubsattee duunaan qaama ishee dhiqanii kutaa mana gubbaa keessa ciibsan. Lidaan Iyyoopheetti dhihoo waan taateef bartoonni Qulqulluun Pheexiroos akka achi jiru dhagahanii 'Adaraa ammaaf ammatti nu bira gahi!' jedhanii akka
isa waamaniif namoota lama itti ergan...... Pheexiroos garuu ofii isaatii jilbiinfatee kadhatee, ergasii gara reeffichaatti garagalee 'Xabitaa ka'i!' jedheen isheen ija
ishee banatte Pheexiroosiin yemmuu argite ol jettee
teesse.» (Hojii Duuka Bu'ootaa 9:36)

Egaa akka fakkeenyaatti kana qofa fudhanne malee seenaa wal fakkaatu caqasa kana keessaa argachuun ni danda'ama.
Hojii Duuka Bu'ootaa boqonnaa 5, 1 Sam 16:23, 1 Mot 17:17 fi
kan biroos ilaaluun ni danda'ama.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments