Subscribe To Our YouTube Channel

«Ta'aanii Kan Fannisan» | Seenessa Aja'ibaa Kurdoota Iraaq

«Ta'aanii kan fannisan!»


Kurdoonni Iraaq akkasitti seenessu


Har'a ammoo seenessa ajaa'ibaa barumsa irraa argattan fi isin bashannansiisu isiniif qabannee dhiyaanneerra dubbisaa!

Seenessa Warra Iraaq



Intala Mootii tokkotu turte. Mucaa isheen garmalee jaallattus jira ture. Egaa eegaa ykn waardiyyaa Mana Mootummaa tokko waliin mari'attee jaalallee ishee kana hanga kutaa isheetti galchiti ture. Eegaan Mana Mootummaa sanaa qarshii fi uffata muraasa isaaf kenniti waan turteef gammachuudhaan iccitii ishee ni dhoksaaf ture. Guyyaa tokko garuu wanti hin yaadamne ni mudate. Intalli sun fi jaalalleen ishee Appilii muranii taphachaa ni nyaatu ture. Lamaan isaaniiyyuu afaan isaanii bananii muraa Appilii sana inni tokko gara afaan isa kan biraatti darbachuun fi afaan isaa keessa buusuun tapha akkasii taphatu ture. 

Waliin kolfaa muraa Appilii gara afaan walii isaaniittii yeroo darbatan muraan Appilii intalli sun darbatte qoonqoo jaalallee ishee keessa bu'ee achumaan cuqqaalee hafe. Bishaan isaaf kennitus, morma isaa rukuttus gadi bu'uu dide. Uuu jettee akka hin iyyine mucichi eenyudha? akkamittis dhufe? gaaffilee jedhaniif waan deebistu hin qabdu. Kana gidduutti mucichi afuurri isa hanqatee ni du'e.

Sa'aatiin bahumsaa mucichaa wayita gahutti waardiyyichi ni dhufe. Garuu akka duraatti amma mucicha dhoksee baasuu hin danda'u. Amma kan jiru reenfa isaati. «Maaloo wanta dandeessu hunda taasisiitii reenfa kana naaf baasi! wanta barbaaddu hunda siin taasisa!» jetteen. Waardiyyaan sunis «Homaa rakkoo hin qabu, wantin ani barbaadu garuu qarshii ykn uffata miti» jedheen. Isheenis «Rakkoo hin qabu, garuu dafiitii naaf baasi!» jettee isa kadhatte. Waardiyyaan sunis reenfa mucaa sanaa kosii fakkeessee dhoksee baase. Isheenis boqonnaa argatte.

Waardiyyaan sunis deebi'ee dhufee bu'uura isheen waadaa galteen wanta inni barbaadu akka isaaf raawwattu ishee gaafate. Isheenis «Maal?» jetteen. Innis «Si waliin ciisuun barbaada» jedheen. Isheenis garmalee rifatte, ni aartes «Maal ati nama akkamiiti kan intala mootii waliin ciisuu barbaaddu, amma asii badi!» jetteen. Innis tole jedhee gadi bahuun reenfa jaalallee ishee fideefi dhufe. Yeroo kanas wanti isheen gootu bitaa itti gale, filannoon isheen qabdu fedhii namichaa guutuu qofaa ta'e, ni mo'amte. Guyyaa tokkottis wantoota sadi dhabde,;

♥️ Jaalallee ishee, 
Kabaja ishee fi
⭐ Abdii ishee gara fuulduraa.

★ Jaalallee ishee du'aan
★ Kabaja ishee miila tajaajilaa ishee jalatti kufuun
★ Abdii ishee gara fuulduraa ammoo Durbummaa ishee dhabuun.

Kana qofaan hin dhabbanne. Waardiyyaan sun yeroo biraas deebi'ee dhufuun «Sin saaxila!» jedhee ishee sodaachisuun Jooniyyaa reenfa jaalallee ishee ittiin qabatee bahe sana qabatee dhufuun isheetti agarsiisa. Isheenis isa sodaatti. Sodaadhaanis miila nama isheen hin barbaannee jalatti kufti, isa waliinis ni rafti. Haala kanaan garuu itti fufuu hin dandeenye. Garbummaa ni nuffite. «Rakkoowwan yoo morkachuu hin barbaanne, rakkoowwan of irratti guddisaa deemta!» jedhu Kurdoonni. «Rakkoo yoo gowwoomsite garuu deebisee si qabata, yoo isa morkatte garuu dhiisee si baqatee deema» jechama jedhus qabu.

Intalli Mootii sun ammas rakkoo sana hiikuu osoo hin taane baqachuu barbaadde. Halkan tokko waardiyyaan sun dhokatee gara isheetti yeroo dhufu Wayinii mi'aawaa Mootiidhaaf qopheessitu qopheessitee isa eegde. Innis gammachuudhaan baay'isee dhuge. Ishee waliin erga rafe boodas akka nama Buunyaa irratti mo'atamee dhadhabbii dhaan ni diriire. Isheenis isa harkisaa geessitee balbala mana ciisichaa Mootii biratti isa ciibsite. Yeroo bari'uuf jedhu eegdoonni ykn waardiyyoonni kanneen biroo isa argan. Itti siqanii yeroo fuunfatan afaan isaa irraa fooliin Dhaadhii Wayinii ni urga'a. Itti siqanii yeroo foolii isaa urgeeffatan fooliin dhaadhii Wayinichaa Wayinii Mootiidhaaf qophaa'u ta'uu isaa ni beeksisa. Wayinii Mootichaa hatee dhugeera jechuudhaan addabaabaayiitti isa fannisanii ajjeesan. Dhimmichis as irratti kan raawwate fakkaata ta'us garuu «Guyyaan maraatuu hin dhihu!». Kurdoonni akkas jedhu. Balballi ati hojjettu yeroo kamiyyuu kan ittiin deemuu dandeessu ta'uu isaa mirkaneeffadhu. Al tokko ittiin bahuuf qofaa jettee yoo balbala hojjette balbala sana booda gara kamitti akka deemtu bitaa sitti gala. Balbala sana daandii isaa waliin yaadi ykn hojjedhu, daandii sana gahumsa isaa waliin, gahumsa isaas hanga iddoo turtii isaatti, iddoo turtii sanas hamma iddoo yeroo dheeraaf itti turaniitti. 

Waardiyyaan sunis addabaabaayiitti yeroo fannifame sana dhamni Dhaadhii sanaa afaan isaa irratti hafee waan tureef irra deddeebiin hidhii isaa arraaba ture. Sababa kanaanis dhandhamni Dhaadhii Wayinii inni dhugee baay'ee mi'aawaadha jedhamee odeeffame. Oduu kana kan dhaga'e ilmi Mootii kan biraa Dhaadhii kana kan qopheessite intala Mootii kana fuudhuu barbaade. Kanaanis gara abbaa intala sanaatti jaarsolii erge.

Oduun kun abbaa isheetiif missiiraachoo, isheef garuu oduu gaddaa ture. Durbummaa ishee dhabdeerti. Aadaa warra Kurdootaatiin ammoo intala durba hin taane ilma mootii mitiitii namoonni kaaniyyuu hin fuudhan. Hanga ammaatti rakkoo ishee mudate morkachuu irra baqachuu filattee baqachaa, ta'us garuu rakkoo isa tokko rakkoo isa kan biraatiin darbaa dhufteerti. Amma garuu sa'aatiin itti rakkoo sana ifatti morkattu gaheera. Rakkoo furmaataan furuun fi rakkoo rakkoo biraatiin darbuun garaa garummaa qabu. Rakkoo rakkoodhaan yoo darbite yeroo bitaa jirta. Rakkoo furmaataan yoo darbite ammoo onnee bitaa jirta jedhu Kurdoonni.

Abbaan intala sanaa gaaffii cidhaa ilma mootii sanaa fudhachuu isaa gaafa dhageessu akkuma barame intalli Mootii sun tooftaa tokko malatte. Tajaajilaa ishee amanamaa tokko waamtee Warqee hedduu kenniteefii akkas jettee isa ajajje «Guutummaa Iraaq keessa naanna'i! bifaanis, hojjaadhaanis, amalaanis intala na fakkaattu naaf fidi!». Namichis ji'oota hedduuf bakkaa bakkatti deemuun barbaadaa ture. Dhuma irrattis intala tokko arge. Intalli Mootii sun yeroo ishee ilaaltu ishee fakkaatti, akkasis jetteen «Ati amma giiftiidha, ilma Mootii sanatti ni heerumta, yeroo misirroos waliin ni dabarsita. Anis tajaajiltuu kee ta'ee siifi abbaa manaa keetiif yeroo muraasaaf nan ajajama. Akkuma yeroo misirroo dhumeen garuu na jijjiirta, ati gara tajaajiltuutti ni deebita, ani ammoo haadha manaa ilma mootii ykn giiftiin ta'a. Oolmaa kee kanaafis baasii misirroof bahu hunda isaa ni fudhatta» jetteen. Intalli sunis baay'ee gammadde. 

Guyyaan cidhaa sunis ni gahe. Tajaajiltuun sun uffata misirroo uffatte. Giiftiin ammoo uffata tajaajiltuu uffatte. Namni gar gar isaan baasuu danda'e hin jiru. Ilmi Mootii sun ni dhufe Misirroo qabatee deeme, tajaajiltuun sunis isaan duuba deemte. Affeerraan cidhaa sun yeroo dhumu Misirroowwan lamaan gara kutaa isaaniitti seenan. Tajaajiltuun sun alatti hafte. Carraan kun kan ishee ture, ta'us garuu amma miti. Amma ishee turte kan achi keessa seenuu qabdu, garuu rakkoo darbuuf jettee sababa rakkoo isheen uumteetiin ala dhaabbatteerti. Sadarkaa kana irra osoo hin gahiin wantoota barbaachisan sirreessitee kabajaan bahuu carraawwan itti dandeessu ni yaadatti. Carraawwan hundi ishee harkaa bahaniiru. Rakkoolee ishee mudatan rakkoowwan kanneen birootiin bakka buusuun carraawwan fashaleessiteerti. Kanaanis kabaja ishee ishee birootiif dabarsitee kenniteef. Uummanni achi jiru kan misirroo waliin jirtu ishee itti fakkaatteerti, garuu ishee miti. Kan filatamte ishee gara ilma mootiitti kan deemte kan biroo, kan kennamte ishee kan heerumte ishee kan biraa.

Guyyoonni cidhaa sunneen ni darban. Intalli sun garuu gara tajaajiltuutti deebi'uu hin dandeenye. Guyyaa tokko mana dhiqannaa keessatti tajaajiltuun suniifi giiftiin ykn misirroon sun wal argan. Tajaajiltuun sun «Egaa amma si gaha gara bakka keetti deebi'i! oolmaa keetiif kennaa ani qopheesse fudhadhu!» jetteen. Giiftiin sunis «Ati gara laafettiidha, kanan arguu hin dandeenye natti agarsiiste, kanan argachuu hin dandeenye naaf kennite, bakkan irra gahuu hin dandeenye na geessiste, yeroo sana yeroon tole jedhu wanta kana hunda hin beekun ture. Sireen isaa akkasitti kan namatti tolu ta'uu isaa hin beekun ture. Kabajni isaa akkasitti kan nama hawwatu ta'uu isaa hin beekun ture. Gammachuun isaa akkasitti kan laphee nama qabbaneessu ta'uu isaa hin beekun ture. Siif tajaajiltuu irraa gara Giiftiitti dhufuun salphaa ta'uu danda'a, anaaf garuu Giiftii irraa gara tajaajiltuutti bu'uun ulfaataadha. Wanta kana fakkaatu ergan arge booda naaf dhiisti jettee yaaduun kee gowwummaadha. Wanti hundi akkas salphaatti kan dhiifamu miti. Qabeenyi hundi kankoo ta'uu isaa osoon arguu kennaan ati naaf kennitu kan na hawwisiisu sitti fakkaataa?» jetteen. 

«Kunoo» jedhu Kurdoonni, kunoo kanarraa kan ka'e tajaajiltuun sun Giiftii, Giiftiinis tajaajiltuu ta'aanii hafan. Teessee kan fanniste dhaabbattee buusuu dhadhabdee.

Post a Comment

0 Comments