Subscribe To Our YouTube Channel

Seenaa Taphataa Urjii Addunyaa keenyaa Liyooneel Meesii

Liyooneel Meesii


Liyooneel Meesii

Liyooneel Meesiin yoomii fi eessatti dhalate?


Liyooneel Meesiin Baatii Waxabajjii ykn June 24 bara 1987 A.L.A tti biyya Arjentiinaa Roozaariyoo keessatti dhalate. Abbaa fi haadha isaatiif mucaa sadaffaa kan ta'e Liyooneel Meesiin karaa haadha isaa Seelihaa Maariyaa fi abbaa isaa Joorg Hooraasiyootiin magaalaa Saantaa Fiitti guddina isaa taasisuu danda'e.

Liyooneel Meesiin erga dhalate waggoota muraasa booda biyya Kibba Ameerikaa kan taate Arjentiinaatti kufaatiin diinagdee hamaan ni mudate. Kuni kan ta'e Arjentiinaan yeroo sanatti liqii guddaa ishee irra ture kaffaluu dhadhabuu isheetiin ture.

Sababa kanaanis biyyattiitti qaala'iinsi gatii hamaan fi gatii dhabuun qarshii biyya Arjentiinaa kan ta'e Peesoon dabalataanis hookkarri uummataa biyyattii irratti kan barataman ta'an. Sababa diinagdee kanaanis lammiileen Arjentiinaa Miiliyoona 3 hojii hojjechuuf akka rakkatan taasise, lammiilee Arjentiinaa rakkoo kanaan saaxilaman Miiliyoona 3 keessaa maatiin Meesiin isaan tokko turan.

Rakkoo kana hunda keessatti maatiin Meesii rakkoowwan dandamatanii jiraachuu isaanii itti fufan.

Akkoon Liyooneel Meesii Seeliyaa Oliveeraa Kuuchiitiiniin Liyooneel Meesiin taphataa ajaa'ibaa kubbaa miilaa akka ta'u kan barte Meesiin reefu daa'ima waggaa afurii yeroo turedha. Seeliyaa Oliveeraa Kuuchiitiiniin daa'imicha keessa carraa isaa gara fuulduraa dorgomaan hin argamneef akka qabu umurii isaa waggaa afuritti beekuu dandeesse.



Maatii isaa keessatti namoota jiran hunda keessaa Meesiin taphataa kubbaa miilaa ta'ee arguuf kan hawwite Seeliyaa Oliveeraa Kuuchiitiiniin qofaa turte.

Ogummaan isaa dursee kan ibsameef Akkoon isaa Meesiin daa'ima waggaa afurii ta'ee osoo jiruu shaakala isaa jalqabaa akka taasisuuf gara Kilaba kubbaa miilaa Giraandooliitti isa qabattee deemte.

Achi osoo jirtuu Akkoon isaa kun Meesiidhaan akkas jette «Liyoo.... guyyaa tokko, taphataa cimaa Addunyaa keenyaa ni taata!»



Yeroo tokko Meesii fi maatiin isaa tapha kubbaa miilaa daa'immaniin guutame ilaaluuf ni deemu. Dorgommii sanas kan taasisan ijoollee umuriidhaan Meesii caalan ture. 

Meesii fi maatiin isaa iddoo taphaa sanatti kan argamaniif obboloonni hangafaa Meesii Roodiriigoo fi Maatiyaas tapha sana irratti hirmaattota waan turaniifi.

Tapha sana irratti leenjisaa kan turan Saalvaadoor Apparisiyoon hojjaa isaatiin gabaabaa kan ta'e Liyooneel Meesii ta'aanii isa ilaalan.



Garee isaanii guutuuf jecha ijoollee barbaadaa kan turan leenjisichi Liyooneel Meesiin akka isaanitti makamuuf isa waaman. Namootatti siquuf kan sodaatu Meesiin dhiibbaa maatii isaatiin gara taphichaatti seenuu danda'e.

Yeroo jalqabaaf kubbaqn gara Liyooneel Meesiitti yeroo dhuftu hiriyoota isaaf kenne. Yeroo lammaffaaf kubbaa yeroo argatu ni to'ate, sana booda dirree irra fiiguu jalqabe, morkattoota isaa hunda gowwoomsee darbuu jalqabe obboloota isaas dabalatee.

Sana booda miseensa garee Saalvaadoor Apparisiyoon ta'e. Liyoo Meesiin erga garee sanatti makame booda gareen isaanii waancaa jalqabaa kan ta'e akka injifatuuf gahee guddaa taphate.

Dandeettii uumamaa Meesiitti kan dinqame leenjisaan kilabichaa Liyooneel Meesii gara Akkaadaamii guddaatti fudhachuuf waadaa gale.

Abbaan Joorj, Meesiin yeroo gara Akkaadaamii seenu isa leenjisuuf eeyyamamaa ture, qophii samuu isaatiifis deeggarsa cimaa taasisa ture. Meesiin umuriin isaa waggaa 6 yeroo guutu Kilaba Roozaariyoo kan ta'e Niiw Oold Booyis seene.



Ta'us garuu bifa nama gaddisiisuun Meesiin Niiw Oold Booyisitti waggoota muraasa akkuma dabarseen kubbaa miilaatiin sadarkaa guddaa irra akka gahu irra deddeebiin maatii isaatti himaa kan turte Akkoon isaa Addunyaa kana irraa du'aan boqotte.

Meesiin gara kubbaa miilaatti akka seenu kan isa taasiste du'a akkoo isaa dandamachuun itti ulfaate. Kan isheen boqottes guyyaa dhaloota isaa waggaa kudha tokkoffaa irra gahuuf guyyoonni muraasni yeroo hafan ture.

Akkoo isaa erga dhabe booda erga goolii galche booda gara samiitti ilaaluun harka isaa gara samiitti kaasuun gammachuu isaa yeroo goolii galchu ibsatu yaadannoo Akkoo isaatiif taasisuu jalqabe.

Waggoota jahaaf Neeweellsee dhaaf taphacha ture gooliiwwan 500 tti siqanis ni galche. Inumaayyuu maqaan masoo «The machine of 87» ykn «Maashina Saddeettami torbaa» jedhu ni baheef.



Yeroo sanatti Maashina Saddeettami torbaa jedhamee maqaan masoo kan baheef Meesii dabalatee taphattoonnii Akkaadaamii hundi bara 1987 tti waan dhalataniif ture.

Daa'imman Maashina Saddeettami torbaa jedhaman kunneen garee inner guddaan tapha yeroo taasisu boqonnaa daqiiqaawwan 15 dirree seenuun deeggartootatti ogummaa garaa garaa agarsiisuun ni bohaarsu ture.

Hanga har'aatti Maashina Saddeettami torbaa daa'imman jedhaman taphattoonni yeroo sanaa garee Whatsapp ni qabu, Meesiin dursaa garee sanaati.

Du'a Akkoo isaatiin booda yeroo murta'aaf Niiw Oold Booyis kan ture Meesiin gidduutti hojjaan isaa dheerachuu ykn guddachuu dhaabe, sababa kanaanis carraan taphataa piroofeeshinaalaa ta'uu isaa rakkoo keessa gale.

Staafii leenjistoota Niiw Oold Booyis dabalatee maatiin isaa waa'ee guddina isaa dhiphachuu jalqaban. Meesiin hiriyoota isaa umuriin isa waliin wal qixa ta'aan waliin yeroo ilaalan xiqqaa ykn gabaabaa ta'ee isaanitti mul'ate.

Doktaroonni Meesiin dhukkuba xiqqaachuu hormoonii guddinaa (growth hormone deficiency disease) akka qabu hubatan.

Har'a miila isaa qofaaf kaasaa inshuraansii Yuuroo Miiliyoona 900 kan qabu Liyooneel Meesiin, yeroo sanatti abbaan isaa inshuraansii fayyaatiif naannoo doolara 1000 qofaa argata ture. Kunis yeroo sanatti gatii yaala isaa guutuuf rakkisaa ture.

Niiw Oold Booyisis baasii fayyaa Meesii haguuguuf waadaa galanii kan turan ta'uyyuu waadaa isaanii eeguu hin dandeenye, Meesiinis yeroo sanatti kan isa gargaaru dhabuu isaatiin caalaatti rakkoo irra bu'e.

Dhukkuba isaa yaaluuf kan gargaaru kilaba biraa argachuuf dhamaatii taasisaniin Akaakayyuuwwan biraa Liyoo Meesii jechuunis Yooseebiyoo Meesii fi Roozaa Maariyaa Peereez yaada tokko fidan.

Magaalaa Baarseeloonaa jiraachaa kan turan Akaakayyuuwwan Meesii miseensa Maaneejimantii Baarseeloonaa kan ture miseensa beekamaa tokkotti waa'ee Liyooneel Meesii himuun waa'ee rakkoo sanaa amansiisuu danda'aan.

Umurii isaa waggaa 13 tti Baarseeloonaan baasii yaala Meesii dhaaf akka haguuguu Akaakayyuuwwan Meesii miseensa Baarseeloonaa sana waliin walii galtee irra gahan. Yeroo sanatti murteen kun Meesiidhaafis Baarseeloonaa dhaafis wanta guddaa kan fide ture.

Miseensi Baarseeloonaa sun yeroo sanatti kan walii gale ciminni Meesii Diyaagoo Maaraadoonaa waliin wal fakkaataa se'ee waan itti mul'ateef ture.



Egaa yeroo sanatti Chaarlas Reeksaan kilaboonni osoo nu hin dursiin mucaa kana amma haa mallatteessisnu jedhan. Ta'us garuu miseensonni Baarseeloonaa kanneen biroon waqtii sanatti seera taphattoota Awuroppaa yeroo sanaa irraa ka'uun hin ta'u jechuun gaaffii isaa fudhatama dhabsiisan.

Mudde ykn December 14 bara 2000, Niiw Oold Booyis Baarseeloonaan kutannoo Meesiif qabu akka mirkaneessaniif yookiin ammoo isa akka dhaban itti himan.

Guyyuma sanatti guyyaa gara fuulduraa Meesii murteessitutti, iddoo gaaffiin isaa kufaa taasifametti Chaarlas Reeksaan waraqaa irratti mallatteessisu homaa osoo hin qabatiin Naapkiin irratti Liyooneel Meesii mallatteessise.

February ykn Gurraandhala bara 2001 maatiin Liyooneel Meesii hundi Garba Guddicha Atilaantiik qaxxaamuranii jireenya isaanii Appaartaam magaalaa Baarseeloonaa naannoo Kaamp Nuutti argamu taasifatan.

Bifa nama gaddisiisuun waggaa jalqabaatti Meesiin rakkoo jijjiirraa Niiw Oold Booyis fi Baarseeloonaa gidduu tureen garee Akkaadaamii Baarseeloonaa waliin baay'ee taphachuu hin dandeenye ture.

Yeroodhaan booda maatiin Meesii gara Roozaariyootti deebi'an. Meesiin Abbaa fi firoota isaa kanneen biroo waliin Baarseeloonaa ture.

Yeroo sanas Liyooneel Meesiin harmee isaa fi obboloota akkasumas obboleettii isaa tokkittii baay'ee ni yaada ture.

Laamaasiyaatti taphachuuf waggaa tokko guutuu erga eege booda Meesiin Gurraandhala ykn February bara 2002 maqaan isa Feedereeshinii Kubbaa Miilaa Rooyaal Ispaaniishitti (RFEF) galmaa'e. Liyooneel Meesiin erga Laamaasiyaa seene booda Jeeraard Piikee fi Faabreegaas hiriyoota isaa taasifate.

Umurii isaa waggaa 14 tti yaala isaa hormoonii guddinaa xumure. Sana boodas garee ajaa'ibaa yoomiyyuu hin dagatamne «Barcelona Baby Dream Team» jedhamu seene.

Yeroo sanatti Meesiin reefu Baarseeloonaa dhaaf sirriitti taphachuu jalqabuu isaa ture, kilaba biyya Ingilaand Arsenaal irraa gaaffiin mallatteessisuu isaaf dhiyaate. Hiriyaan isaa Faabreegaas Arsenaal seene. Jeeraard Piikeen Maanchiistar Yuunaayitid seene. Liyooneel Meesiin garuu gonkumaa Baarseeloonaa hin gadhiisu jedhe, seenaa hojjechuuf murteesse.

Liyooneel Meesiin bara 2005 tti dorgommii Shaampiyoon Shiippii dargaggootaa Addunyaa FIFA irratti gahumsa isaa ajaa'ibaa agarsiisuu danda'e. Yeroo sanatti Meesiin ija Raayikaard seene, Raayikaard Meesiin garee guddicha akka seenu taasise.

Shaakala isaa jalqabaa garee isa guddaa waliin yeroo taasisu Roonaaldiinihoo Guchoo waliin hiriyaa ta'e. Taphataan Biraaziil Roonaaldiinihoonis Meesiidhaan «Obboleessa koo isa xiqqoo» jedhee isa waama ture. Meesiin baay'ee osoo hin turiin taphattoota hundaan walii galuu danda'e.

Yeroo sana irraa jalqabee Addunyaa irratti taphataa beekamaa ta'e. Waancaawwan inni irratti dorgome hunda injifachuu jalqabe. Milkaa'inni isaa kuni hundi garuu jireenya isaa darbe isa irraanfachiisuu hin dandeenye.

Meesii Beekamtii Isaatiin Dura Bara 1992 Roozaariyoo 




Bara 1992 hiriyaa isaa Lukaas Sikaagiliyaa waliin osoo taphatuu dubarri tokko hiriyaa isaa waliin taatee ishee arge.

Umurii isaa waggaa 6 ffaa qabachuuf kan dhiyaachaa jiru Meesiin «Intalli kun eenyudha?» jedhee hiriyaa isaa gaafate, hiriyaan Meesii sunis «Intala Eessuma kooti» jedhee waa'ee Antooneelaa itti hime.

Waggoota booda Meesiin umurii isaa waggaa 9 tti Antooneelaa dhaaf xalayaa jaalalaa barreesseef, gara Baarsaatti erga deeme boodas waggootaaf waliin haasa'aa itti fufan.

Gidduutti waggoota muraasaaf walitti dhufeenyi isaanii adda citee turuyyuu bara 2007 walitti dhufeenyi isaanii isaanii irra deebiin cime, Meesiin yeroo Roozaariyoo turetti waadaa galee ture bara 2017 tti raawwachuu danda'e.

Gara Baarsaatti deemuu isaatiin dura «Hanga xumura jireenya keenyaatti waliin jiraanna» jedhee waadaa kan walii galan Meesii fi Antooneelaan iddoo namoonni 260 argamanitti bara 2017 bultii ijaarrachuu danda'an, ijoollee sadis horatan.



Dabalataanis mucaa ishee hojii mana namaatti deddeebi'anii qulqulleessuun kan guddiste haati Liyooneel Meesii har'a dhaabbilee gargaarsaa Meesii fi hojiiwwan Biizinasii isaa akka to'attuu ilmi ishee taasisuu danda'e.

Abbaan isaa Joorgee Meesiin mucaa isaaniif bakka bu'aa yoo ta'aan obboleessi isaa Maatiyaas to'ataa Faawundeeshinii Meesiiti. Obboleessi isaa inni kan biraas Meesiidhaan iddoon guddaan kan kennameef yoo ta'u obboleettii isaa tokkittii fi quxisuu kan taate ammoo mootittii dhaa olitti akka ishee kunuunsudha seenaa jireenya isaa irratti kan ibsame.

Qorannoon yeroo tokko gaggeeffame akka ibsutti Meesiin Baarsaa keessatti kaffaltii inni guyyaan argatu namni hojjetaan Ispeen tokko waggaa saditti akka argatu gabaafamee ture. Qabeenyaa fi beekamtii guddaa irra kan ture Meesiin guddina isaa osoo hin irraanfatiin maatii isaa irra darbee Eessumoota isaa, Adaadaawwan isaa akkasumas firoota isaa fagoo illee jireenya isaanii akka jijjiire seenaa jireenya isaa irratti ibsameera.

Egaa har'aaf kan qabannee dhiyaanne kana irratti raawwanna, yeroo biraa qophii Ispoortii keenyaan mata duree biraatiin ni deebina!

Torbee qophii biraatiin walitti deebina! 

Post a Comment

0 Comments