Subscribe To Our YouTube Channel

Appilikeeshinii Ajaa'ibaa AI kan Bilbiloota Android Faayidaa Hedduu Qabu

Appilikeeshinii AI Gaaffii barbaannee Sakandii keessatti nuuf deebisu, akkasumas kan Assignment fi Research akkasumas Proposal hojjetu



Appilikeeshinii kana dhuma irratti daawunlood kan jedhu tuquun buufachuun itti fayyadamaa!


Egaa kana booda Assaayimantiin na rakkise, natti cime, eessa irraan hojjedha? deebii isaa eessaan argadha? madda ykn reference hoo eessaan barreessa jechuun dhiphachuun, cinqamuun waan hafe, tarii gosa barnootaa tokko tokkoof ammaa waan hir'ate fakkaata.

Galanni Teeknooloojiif haa ta'uutii yeroo ammaa kanatti Assaayimantii mana barnootaatti kennamu keessattuu barattoota sadarkaa Yuunivarsiitii fi Koollejjii irra jirtaniif appilikeeshiniin kuni baay'ee isin fayyada.

Maqaan Appilikeeshinii kanaa «Chat GPT» kan jedhamu yoo, appilikeeshiniin kuni gosoota Appilikeeshinoota karaa Artificial Intelligence hojjetan keessaa isa tokkodha. Appilikeeshinii kana irratti gaaffii barbaaddan gaafachuu kan dandeessan yoo ta'u, innis bifa ajaa'ibaatiin sakandiiwwan muraasa gidduutti madda garaa garaa irraa walitti fiduun gaaffii isin gaafattaniif deebii sirrii isiniif fida.

Appilikeeshinii Assaayimantii yeroo gabaabaa gidduutti nuuf hojjetu


Akkasumas gosoonni Chat GPT jedhaman hedduun kan jiran yoo ta'u, isaanis wantoota garaa garaatiif kana oollanidha, fakkeenyaaf;

• Tajaajila gorsa jaalalaa kan kennan jiru
• Yaada ykn carraawwan hojii business jalqabuuf yeroo yaaddanitti yaada garaa garaa isiniif maddisiisu
• Assignment ykn gaaffilee garaa garaa kan hojjetan
• Gorsa garaa garaa fi k.k.f kan karaa Artificial Intelligence kennanis ni jiru.

Egaa nuti har'a kan isiniif qabannee dhiyaanne waa'ee Appilikeeshinoota Chat GPT keessaa tokko kan ta'e kan gaaffii gaafattan hundaaf bifa barbaaddaniin;

✓ Seensa
✓ Baay'ina fuula barbaaddanii waliin
✓ Guduunfaa 
✓ Madda fi k.k.f waliin kan fidu Chat GPT dha.

Appilikeeshiniin kuni yeroo dhiyootti hojii irra oolee kan jiru yoo ta'u garuu hanga ammaatti namoota hedduu biratti fudhatamummaa guddaa argateera, kanaanis Google Play store irratti namoota Miiliyoona 50 oliin kan downloaded ta'e yoo ta'u, akkasumas Google play irratti madaallii 5 keessaa 4.7 qaba. Akkasumas Appilikeeshinii ajaa'ibaa kana namoonni Miiliyoona 1 ol rate taasisaniiru.

Wantoota Ajaa'ibaa Appilikeeshiniin kin qabu kanneen biroo keessaa muraasni;


1. Waan barbaanne irratti gaafachuu dandeenya


Appilikeeshinii kana irratti Assaayimantii hojjechuuf qofaa osoo hin taane wanta barbaanne hunda irratti gaafachuun yeroo gababaa sakandiiwwan gidduutti deebii argachuu dandeenya, fakkeenyaaf Walaloo, seenaawwan garaa garaa, shaakala Afaan garaa garaa, barreeffama afaan tokko irraa gara biraatti jijjiiruu, qoosaawwan, gaaffilee koorsii garaa garaatiin wal qabatan fi k.k.f gaafachuu ni dandeenya.

2. Afaanota Garaa garaa irratti Shaakaluu Dandeenya


Gama biraatiin faayidaan AI kanaa afaan garaa garaa akka irratti shaakallu nu deeggaruu isaati, armaan olitti gaaffilee garaa garaa yeroo isa gaafannu akka deebii nuuf kennu dubbannee turre amma ammoo afaanota garaa garaa irratti shaakaluu dandeenya. 

3. Gorsa Garaa garaa ni kenna


Akkuma armaan olitti ilaaluuf yaalletti Appilikeeshiniin kuni gaaffii deebisuun dabalataatti yeroo yaada ka'umsaa isaaf dhiyeessinetti inni ammoo yaada bal'aa nuuf kenna. Fakkeenyaaf business tokko jalqabuuf yoo kan yaadne ta'e gorsa business sanaaf ta'u, maal irratti hojjechuu akka qabnu? maal irratti yoo hojjenne bu'aa guddaa akka argannu yaadota fi gorsa garaa garaa nuuf dhiyeessa.

4. Barreeffama dheeraa yoo kennineef nuuf gabaabsuu, seensa ykn introduction itti nuuf baasuu, guduunfaa isaa baasuu akkasumas maddeen garaa garaa nuuf kennuu ni danda'ama.

5. Yaadota Research, Project Proposal, Assignment fi k.k.f nuuf fida, akkasumas akkaataa itti isaan hojjetaman nutti agarsiisa step isaanii hunda waliin.

Egaa armaan olitti waa'ee Ask AI wantoota garaa garaa isiniif barreessineerra, faayidaan appilikeeshiniin kuni kennu kana qofaadha jechuu miti, nuti akka seensaatti wantoota armaan olii ilaalle malee faayidaawwan hedduu qaba, akkasumas yeroo yeroodhaan haareffamaa waan deemuuf wantoota hedduu dabalachaa deema.




Egaa Appilikeeshinii kana irratti Assaayimantii ykn wantoota garaa garaa yeroo gaafattan bifa barbaaddaniin gaafachuun dandeessu, fakkeenyaaf madda ykn reference waliin yoo barbaaddan with references jedhuun, yoo fuula hedduu barbaaddan ammoo baay'ina fuula barbaaddanii waliin gaafachuu dandeenyu. Kanaa gaditti mallattoo download jedhu tuquun bilbila keessan irratti buufachuun itti fayyadamaa! wanti isin rakkise yoo jiraate karaa Telegram nu gaafachuun dandeessu!

Yeroo biraa Appilikeeshinii kana biraatiin hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Post a Comment

0 Comments