Subscribe To Our YouTube Channel

Hojii Online Salphaa Itoophiyaa keessatti Mana Keenya Teenyee Hojjechuu fi Qarshii Hedduu Irraa Argachuu Dandeenyu

Hojii Online Mana keessan teessanii Hojjechuun Qarshii Hedduu irraa Argachuu Dandeessan


Namoota Hojii Online Mana keessan teessanii karaa Online Itoophiyaa keessatti guyyaatti daqiiqaa muraasa kennuu qofaa qarshii hedduu ittiin hojjechuu dandeessan

Egaa Itoophiyaa keessatti hojii online mana keenya teenyee karaa Online hojjennee qarshii argachuun hagas mara baay'ee kan baratame miti. Kana yeroo jennu garuu namoonni karaa online hojjetanii Itoophiyaa keessatti qarshii argatan hin jiran ykn Itoophiyaa keessatti karaa online hojii hojjechuun qarshiin hin argamu jechuu keenya miti.


Namoonni hedduun kan karaa online Itoophiyaa keessaa qarshii hedduu argatan ni jiru, kanas ta'u garuu wanti hundi keenya irratti walii gallu tokko yoo jiraate hojiin online Itoophiyaa keessatti baay'ee kan barame fi namni hedduun kan hojjetu, kan qarshii irraa argatu miti.

Akkuma namoonni hedduun biyya keenya keessaa karaa Online qarshii kan hojjetan akkuma jiran, namoonni tokko tokko ammoo hojii online waan jedhameef qofaa osoo waa'ee eenyummaa isaa sirriitti hin hubatiin kan itti seenan jiru. Kunis wantoota garaa garaatiif nu saaxilu danda'a. Akkuma dhaabbileen amanamoo hojii online irratti hojjennu hedduun akkuma jiran, kan website ykn marsariitii sobaa kan ta'aanis kan nama dogoggorsiisanis baay'een jiru.

Nutis hojii Online Itoophiyaa keessa teenyee hojjechuu dandeenyu fi qarshii baay'ee irraa argachuu dandeenyu step isaa hunda waliin kunoo isiniif qabannee dhiyaanneerra.

Osoo gara step isaatti hin seeniin dura waa'ee dhaabbata kanaa was muraasa sinitti haa himnu. Dhaabbanni kun Hulepay kan jedhamu yoo ta'u, kana dura osoo gara Website dhaan hin dhufiin dura karaa Bot Telegram kan beekamudha. Karaa Telegram bot irratti nama affeeruun nama tokko yoo affeerre qarshii 3 kennaa kan ture yoo ta'u, amma ammoo tajaajila isaa bal'isuun dhaabbilee sadarkaa Addunyaatti beeksisa hojjechiisan waliin ta'uun karaa Website dhufeera. Hojiin isaan beeksisa dhaabbileen beekamoon biyya keenyaa fi Addunyaa irra jiran website kana irratti beeksisan ilaaluu yoo ta'u, beeksisa tokko yoo ilaalle birrii 28 nuuf kaffala. Baay'inni qarshii nuti argannuus hanga sadarkaan keenya dabalaa deemuufi hanga beeksisa hedduu ilaalaan deemnuun dabalaa kan deemu ta'a. 

Hubachiisa :- egaa gara hojii kanaatti seenuu keessaniin dura wanti hubachuu qabdan, hojii online kun qarshii hedduu argachuuf kaffaltii kan qabu ta'uu isaa beekuu qabdu, akkasumas kana ofii keessanii murteessitanii itti seenuu kan qabdan yoo ta'u, wanta hundaaf itti gaafatamummaa kan fudhatu isinuma mataa keessanidha. Kanaafuu ofii itti amantanii yeroo murteessitan qofaa kaffaltii raawwadhaa, akkasumas yeroo tokko tokko hojiiwwan online akkasii irratti dursanii hirmaachuun baay'ee murteessaadha. Kanaafuu hanga danda'aametti ariitiidhaan hojii kana hojjedhaa qarshii walitti qabadhaa, tarii hangam akka turu waan hin beekamneef. Ji'oota 8-10'f turuu danda'a kanaafuu hojjechuuf yoo murteessitan qarshii hedduu irraa argattu waan ta'eef ammuma jalqabaa.

Waa'ee amanamummaa dhaabbataa kanaa yeroo ilaallu ammoo dhaabbanni beekamaan «Scam Adviser» jedhamu kan website sobaa ta'an adda baasuun saaxiluun beekamu dhaabbata kanaaf parsantii 100 keessaa parsantii 92 amanamaadha jedhee ka'eera. Kanaafuu dhaabbanni kun carraan soba ta'uu isaa muraasa. Kana dura ni yaadattu yoo ta'e dhaabbanni FIAS jedhamu kan ture yoo ta'u , qorannoo dhaabbata Scam Advisor parsantii 100 keessaa amanamummaan isaafi kenname parsantii 1 qofaa ture, sana booda dhaabbatichi achumaan akka cufame ni yaadatama.


Website Kana irratti akkamitti Galmaa'uu Dandeenya?


Marsariitii kana irratti galmaa'uuf jalqaba wanti taasisuu qabnu link kanaa gadi jiru tuquun bifa suuraa armaan gadiitiin wantoota hunda of eeggannoo dhaan guutaa; 

Website kana irratti galmaa'uuf jalqaba link armaan gadii tuqaa Hulepay

Erga isa tuqxan booda step suuraa armaan gadii irra jiran hordofaa, username yeroo galchitan hunduu qubee xiqqaan ta'uu qaba, password irratti ammoo qubee fi lakkoofsa fayyadamaa.

Registration kan jedhu erga tuqxan booda kan armaan gadii isiniif dhufa, of eeggannoon guutaa

Erga kan armaan olii guuttanii xumurtan booda «Register now» kan jedhu tuqaa, sana booda kan armaan gadii isiniif fida.




Akkamitti Odeeffannoo Odeeffannoo KYC Verification guunna?


Odeeffannoon kun suuraa waraqaa eenyutu keenya, eeyyama konkolaachisummaa ykn passport keessaa fi alaan suuraa kaasnee kan irra galchinu, akkasumas suuraa keenya sirriitti kan mul'atu kan irra galchinudha. Odeeffannoon kun qarshii keenya website sana irratti hojjennu baasuuf murteessaa waan ta'eef odeeffannoo kana sirriitti guutaa, sana booda isaan ilaalanii kan mirkaneessan ta'a.

Erga kana hunda of eeggannoon guuttan booda submit jedhaa.


Website kana irratti akkamitti qarshii argachuu dandeenya?


Website kana irratti hojii online hojjennuun karaa garaa garaa qarshii argachuu kan dandeenyu yoo ta'u, isaan keessaas;

✓ Beeksisa ilaaluun :- beeksisni website kana irratti dhiyaatu kan marsariitii garaa garaa, kan suuraa dhaan dhiyaatu ykn kan video dhaan isiniif dhiyaatu yoo ta'u, erga isa ilaaltan booda ida'ama inni isiniif kennu deebii sirrii deebisuun «Confirm earn» kan jedhu tuquun qarshii argattu.

✓ Gama biraatiin website kana irraa qarshii kan ittiin argannu nama affeeruun ykn link keenya namaaf erguun yoo ta'u, kunis yeroo isaan VIP garaa garaatti upgrade taasisan commission kan irraa argannu yoo ta'u. 

Namoonni yeroo sadarkaa isaanii ol guddisan qarshiin nuti argannu;


✓ Yoo gara VIP 1 tti ol guddisan birrii 150 kan argannu yoo ta'u, beeksisa guyyaa guyyaan ilaalan irraa 3% arganna.

✓ Yoo gara VIP 2 tti ol guddisan ammoo birrii 450 arganna

✓ Gara VIP 3 tti yoo ol guddisan ammoo birrii 900 

✓ Yoo gara VIP 4 tti ol guddisan ammoo birrii 1500 arganna.

Sadarkaawwan VIP Hulepay irra jiran maal maalidha?


Hulepay Lite

Sadarkaan kun akkuma Hulepay irratti galmoofneen kan argannu yoo ta'u, guyyaa sadiif qofaa kan turu fi guyyaatti birrii 28 kan irraa argannu dha.

VIP1 :- Birrii 1000 kaffaluun kan galmoofnu yoo ta'u guyyaa 366'f tura.

• Guyyaatti beeksisa tokko ilaalla,
• Guyyaatti birrii 28 hojjenna, ji'atti birrii 840 fi waggaatti birrii 10080 ta'a.

VIP 2 :- kana ammoo birrii 3000'n kan galmoofnu yoo ta'u kunis guyyaa 366'f tura.

• Guyyaatti beeksisa 3 kan ilaallu yoo ta'u, guyyaatti birrii 84, ji'atti birrii 2520 fi waggaatti birrii 30240 arganna.

VIP 3 :- sadarkaa kana ammoo birrii 6000 kaffaluun kan galmoofnu yoo ta'u kunis akkuma kanneen biroo guyyaa 366'f tura.

• Guyyaatti beeksisa 6 kan ilaallu yoo ta'u guyyaatti birrii 168, ji'atti birrii 5040 akkasumas waggaatti birrii 60,480 arganna.

VIP4 :- Inni kan biraa ammoo sadarkaa 4ffaa kana yoo ta'u, kunis birrii 10,000 kaffaluun kan galmoofnu fi akkuma kanneen biroo guyyaa 366'f kan turudha.

• Sadarkaa kana irratti ammoo guyyaatti beeksisa 11 kan ilaallu yoo ta'u, galiin keenya guyyaa birrii 308, kan ji'aa birrii 9240 akkasumas kan waggaa ammoo birrii 110,880 ta'a.

Sadarkaawwan VIP Hulepay hanga VIP 6 tti kan itti fufan yoo ta'u, website isaanii irraa ilaaluu dandeessu.

Egaa armaan olitti kan ilaalle sadarkaawwan VIP Hulepay irra jiran yoo ta'u, kanneen armaan olitti yoo ol guddifne karaa hedduu nama affeeruun yeroo isaan gara VIP garaa garaatti ol guddisan fi yeroo beeksisa ilaalan qarshii ni arganna.

Akkamitti Gara Sadarkaa VIP tti ol guddisuu dandeenya?


Sadarkaa VIP keenya guddisuuf dirqama kaffaluu kan qabnu yoo ta'u,

• Jalqaba irratti «Dashboard» kan jedhu kan karaa harka mirgaa erga tuqxan booda gadi harkisuun «No plan» kan jedhu ni argattu.


• Erga «No plan» kan jedhu erga tuqxan booda VIP kam akka filattan isiniif fida sana booda, VIP filattan jalatti «Subcribe» kan jedhu tuquun gara fuula itti aanutti isin dabarsa sana booda bifa suuraa armaan gadiitiin guutaa.



Erga kaffaltii karaa Telebirr lakk. bilbilaa fi maqaa abbaa Telebirr sanaa inni isiniif kenne irratti erga raawwattan booda. Maqaa abbaa Telebirr isin ittiin qarshii ergitanii, transaction number akkasumas suuraa screenshot kan kaffaltii ittiin raawwattan erga galchitan booda «pay now» kan jedhu tuqxu sana booda ilaalanii daqiiqaa 5 gidduutti isiniif mirkaneessu.


Qarshii Hulepay irratti hojjenne akkamitti baafachuu dandeenya?


Qarshii Hulepay irratti hojjenne baasuu kan dandeenyu karaa CBE, Abyssinia Bank, Awash Bank, Dashen Bank, Telebirr fi k.k.f yoo ta'u.

Step isaas jalqaba «Dashboard» kan jedhu erga tuqxan booda, sarara sadan tuquun «Withdraw» kan jedhu tuqxu sana boodas «withdraw now» kan jedhu tuqaa sana booda bifa armaan gadii kanaan wanta guutamu ni guuttu.



Egaa barreeffamni kun kan isiniif dhiyaate karaa Chaanaalii Telegram «Qubee Market» dhaan yoo ta'u, website keenya Qubee Online waliin wal hin qabatu, wanti isin rakkisu yoo jiraate karaa channel Telegram keenyaa fi account telegram keenya armaan gadiitiin nu gaafachuu dandeessu nuti yeroo hunda online dha.

Gaaffii waa'ee hojii online kanaa qabdan kamiifiyyuu karaa Telegram armaan gadii yeroo barbaaddanitti nu gaafachuu dandeessu contact

Post a Comment

0 Comments