Subscribe To Our YouTube Channel

Gaaffii fi Komii Barattoota Yuunivarsiitii Jigjigaa hanga ammaatti deebii dhabe

Dhimma Barattoota Yuunivarsiitii Jigjigaa cimee itti fufe 


«Ukkaamfamanii kan fudhataman jiru. Barattoonni 20 Paatroolii dhaan fe'amanii fudhatamaniiru, eessa akka gahan hin beekamu» Barattoota Eebbifamtoota Yuunivarsiitii Jigjigaa

Qormaata Bahumsaa qoromanii ykn Exit Exam fudhatanii, darbanii Teempoo eeggachaa akka jiran kan himan barattoonni eebbifamtoonni Yuunivarsiitii Jigjigaa, irra deebiin Waxabajjii keessa ni qoromtu jedhamuu isaaniitiin har'as mirga isaanii gaafachuuf yeroo qopha'anitti qaamolee nageenyaatiin reebichi fi hidhaan akka isaanirra gahe ibsaniiru.

Barattoonni kunneen maal jedhan?


Barataan tokko yeroo yaada isaa kennu «barataan yeroo darbu akkamitti akkas jedhamee gaafatama? jennee yaada dhiyeessuuf yeroo hiriirretti (50 ni taana), barattoonni 20 Paatroolii dhaan fe'amanii fudhatamaniiru, eessa akka gahan hin beekamu . Bilbilli isaanii hin hojjetu. Kan hafan ammoo reebamanii miidhaa hamaan kan irra gahe ni jiru.» jechuun dubbateera.

Barataan komii dhiyeessu kan biraa ammoo «qormaanni keenya dhorkamee erga turee bubbuleera. Kanaanis bulchiinsi mooraa kanaa deebii akka nuuf kennaniif gaafachuuf yaalaa turre. Nutti dubbachuuf eeyyamamoo miti. Kaleessa gaafachuuf yeroo deemnu nu ari'an, har'a gaafachuu yeroo deemnu ammoo qaamoleen nageenyaa dhufanii barattoota reebaniiru. Kanneen biroos Paatroolii dhaan fe'amanii gara mana sirreessaa tti deemaniiru.» jedheera.

Komii dhiyeessaan kan biraa ammoo «Qormaata bahumsaa irra deebiin Amajjii 25 hanga 30 bara 2017 akka fudhanne ni beekama. Akka darbine, qabxiinis dhufee nuuf ergameera. Suuraa ka'aa jedhamnee dookimantii fudhachuuf suuraa kaanee galchinee kiliiraansii kan ba'uumsaa guunnee xumurree torbee isaatti qabxiin keessan dhorkameera jedhamne » jechuun ibseera.

«Maalif? jenne, Ministeera Barnootaatu dhorke jedhamne. Eegaa turre garuu hanga har'aatti wanti dhaga'ame hin jiru. Ijoollee hiyyeessaati nuti. Mana kireeffannee nyaataaf qarshii ergisiisaa jirra. Ani qarshii kuma 25 baaseera. Yuunivarsiitichi nyaata nuuf hin kennu, tajaajilli inni nuuf kennu hin jiru!» jechuun ibseera.

Barattuun biroo ammoo «walitti qabamnee gaaffii gaafachuuf turre. Asuma nu fuulduratti dha kan isaan reeban. 20 kan ta'aan dhiironnis shamarranis ni jiru kan hidhaman. Qaamoleen nageenyaa mooraa kan guutan nutii osoo gaafachuu fi dubbachuu hin jalqabiini.» jetteerti.

«Nuti hokkara homaayyuu hin uumne, wanti balleessines hin jiru, mirgi keenya akka nuuf kabajamu innis wanti seeraan ala ta'e nurratti ta'eera haqa ni barbaanna yeroo jennettidha wanti kun hundi kan ta'e» jetteerti. 

«Osoo walitti qabamaa jirruu meeshaa hidhatanii fi ulee qabatanii kan dhufan qaamoleen nageenyaa walitti nu qabanii barattoota balleessaa malee reebaa turan. Barattoota ukkaamfamanii fudhataman 20 kan ta'aan jiru. Yeroo bilbillus bilbila isaanii hin kaasan, eessa akka jiran hin beeknu. Arginerra, achi turre Konkolaataadhaan fe'anii fudhatanii deeman!» jechuun dubbatteerti.

Komii dhiyeessitoonnu dhuma irrattis, dhimma kanaaf furmaanni hatattamaa akka isaaniif kennamu kan gaafatan yoo ta'u, deebii komii isaaniitiif Ministeerri Barnootaa fi Yuunivarsiitichi ammaaf furmaata cimaa hin keenye.

Video isaa fi odeeffannoo haaraa gadhiifaman argachuuf channel keenya Telegram Qubee Media join taasisaa!

Post a Comment

0 Comments