Hoosaa'inaa - Torbee Saddeetaffaa Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos
Akka moggaasa Qulqulluu Yaareditti Sanbatni Tsoomii guddichaa inni xumuraa ykn saddeetaffaan kun Hoosaa’inaa jedhama. Hoosaa’inaa jechuun fayyisaa, qoricha jechuu dha. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara Iyyerusaalemitti yoo galus faarfannaan «Hoosaa’inaa Ilma Daawwitiif maqaa Waaqayyoon kan dhufu kan eebbifamedha!» jedhu, «Hoosaa’inaa Ilma Daawwitiif, Hoosaa’inaa Aariyaamitti» jechuun faarfachaa turan. Hayyuun amantaa Qulqulluun Yaareedis faarfannaa kanaa gadii kana qopheessee faarfateera:
«Naannoo Ayyaana Faasikaatti duuka bu’oonni Waaqa dhugaa gara Tulluu Ejersaatti dhihaatan, tabba biyya Waaqayyootti Iyyeruusalemittis maanguddoonni fi ijoolleen baay’een baala Meexxii qabatanii Hosaa’inaa Aariyaamitti jedhanii simatan. Ilmoo Harree irra taa’ees gammachuu guddaadhaan gara Iyyeruusaaleem seene. Warra kanaafis humnaa fi aangoo ni kennaaf.»
Egaa galateeffannaa ijoollee kanaa Qulqulluun Daawwit akkasitti duruma irraa raagee ture
«Warra si irratti ka’an deebisuudhaaf, diinaa fi isa ijaa baafatu gab gochuudhaafis, afaan mucoolii fi daa’imootaatiin faarfannaa qopheeffatteerta.» Faar. 8:2
Read Also :- Harree Maqaan ishee bade fi Ayyaana Hoosaa'inaa
Gooftaan keenya Duuka Bu'oota isaa keessaa lama waamee gama fuula keessan dura jiru sana deemaa ilmoon Harrees hidhamtee agartu hiikaatii naaf fidaa yoo namni isin gaafate «Gooftaa keenyaaf ni barbaachifti» jedhaanii jedhee ergeen, jarris akkuma inni jedhe taasisan.
«Borumtaas namoonni sonaan baay'atanii ayyaanichaaf ol ba'an, Iyyesuus Iyyerusaaleem akka dhufu dhaga'an. Damee muka meexxii harkatti qabatanii, isa simachuudhaaf ba'an; sagalee guddaadhaanis, 'Hoosaa'inaa, Mootiin Israa'eel inni maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha» jedhan. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yommuus ilmoo Harree irra taa'e; kunis Kitaaba Qulqulluu keessatti caafameera;
«Yaa ijoollee Tsiyoon hin sodaatiinaa, kunoo, mootiin keessan ilmoo Harree irra taa'ee ni dhufa!» jedhamee. Bartoonni isaa si'a duraa kana hin hubanne; Iyyesuus ulfina isaatti erga ol fudhatamee booddee garuu, kun waa'ee isaatiif akka caafame, kanas akka isaaf godhan in yaadatan. Yoh. 12:12
Fakkeenyota Ayyaana Hoosaa'inaa
Egaa fakkeenyummaa fi hiikoo isaa yeroo ilaallu ilmoon harree hiikamtee dhufuun ishee kan hubachiisu dhukkubaa fi hojiiwwan seexanaatiin kan hidhamanii jiran akka fayyina argataniif maqaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin akka fayyan hubachiisuuf kan raawwatamee dha. Itti fufuudhaanis Harreen kan tuffatamtedha, kun ammoo kan nu hubachiisu yeroo gad-jedhanii Afuura Qulqulluu dhugaa irratti hundaa’anii gara Waaqaatti amanan kan hubachiisudha. Guyyaa kanatti amantoonni ykn uummanni uffata (huccuu) isaanii baasanii karaarra afuudhaan Waaqa keenya Qulqulluu Uumaa hundaa siin miti Harreen ati irra teesse illee buufanni kottee (dhokeen lafaa) tuquu hin qabu jechuudhaan kan taasisanidha. «Hoosaa’inaa Ilma Daawwit Hoosaa’inaa Aariyaamitti» jechuudhaan faarfachuu jalqaban.
Nutis abbootii keenya jalqabaa Duuka bu’uudhaan amantaa Qulqulleettii taate Ortodoksii Tawaahidoon jabaachuudhaan maatii keenya hiika adda ta’een karaa isaanii kan jijjiiran haala ga’aa ta’een dhugaadhaan hubachuun karaa isaanii akka sirreeffatan gochuun wal jabeessuu qabna.
Hiikoo jechoota kanaa yeroo ilaallu;
Hoosaa'inaa:- Hoosaa’inaa jechuun amma fayyisi, nu uumama keetiif fayyina kee bara baraa nuuf laadhu ykn nuuf kenni jechuudha. Kunis immoo Faaruu Daawwit irratti barreeffameera, «Gooftaa gooftotaa amma nu fayyisi.» jedhamee barreeffameera Faar. 117(118) :25.
Aariyaam:- jechuun ammoo bultoo Waaqa keenyaa kan ta’e samii ilaallata, egaa haaluma kanaan kan samii irra jiru samiirras kan jiraatu Gooftaa keenya ati nu fayyisi jechuudhaan faarfatan. Faarfannaa kana karaa lamaan ilaaluun ni danda’ama. Karaa inni tokkoffaan bittaa Roomaa keessaa nu baasi jechuu yeroo ta’u inni lammaffaan fi inni ijoo ta’e ammoo du’a foonii fi lubbuu jalaa nu baasi jechuudha. Faarfannaa kana keessattis kan dabalame Ilma Daawwit kan jedhu ture, kuni Ilma Waaqaa ykn Masihii ta’uu isaa uummanni beekuu isaanii hubachiisa. Wangeela Maatewoos 12:23, 20:23, 30, 22:41, 9:3.
Kunis egaa walumaa galatti Daawwitiif Kakuun Waaqni keenya galeef raawwachuu isaa ibsa. Mootummaan Israa’eel Mootummaa Waaqayyoo turte. Ajaja uumaa hundaa kan ta’e Gooftaan keenya Waaqayyo waan ta’eef Addaam irraa jalqabee hanga yeroo Saamu’eelitti uummata kan ajajus ta’e kan dursu jecha kakuudhaan dhiiga sanyii keessa darbuun jiraatan bara baraa fi abbaan hundaa Waaqa ta’uu isaatiif ajaja ykn mootii hin qaban turan. Bara Saamu’eel garuu uummanni Israa’eel akka jara Waaqatti hin amannee (Ahizaab) mootii barbaachuudhaan Saamu’eel mootii keenya ta’i jechuun gaafatan. Saamu’eelis gara Waaqayyoo yeroo gaafatu siin osoo hin ta’iin anaan tuffatani mootii qopheessiif jedheen; Saamu’eelis mootiin keenya Waaqayyo waan ta’eef isinitti haa hafu jedhus uummatni jalaa qabuu hin dandeenye. Eegduu Harree kan ta’e Saa’oliin mootii godheef Waaqayyo akka mootii ta’u uummanni hin jaalanne kanaafuu eegduu Harreetu mootii ta’eef.
Mootummaan Saa’olis ni hafe. Waaqayyoos Saa’ol osoo jiruu akka fedhii isaatti uummata kana ajajuu danda’uuf mootummaa isaa kan ifa ba’u aangoon Daawwitiif akka kennamu godhe. Mootummaan Daawwitis Mootummaa Waaqayyoo turte. Daawwitidhaan sanyiikee irraa kan dhufu ilmoon kee aangoo kee irra ni taa’a jedhee yeroodhaaf Salamooniif ta’ullee dhumni isaa garuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos sanyii isaa irraa akka dhalatu kakuu galeefii ture.
Oduu gammachiisaa Qulqulluun Gabri’eel akka haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiitti himetti Wangeela Luqaas 1:33 barreeffameera. Kanaafuu haala dhoksaadhaan daddarbaa kan ture Mootummaan Waaqayyoo Ilma Waaqayyoo ykn Gooftaan dhalachuudhaan ifa ba’uu isaa ibsuudhaaf abbootiin keenya Mootummaa Daawwit jechuudhaan faarfatan. Haala kanaan Masihiin gara Iyyeruusaaleem yeroo galu kuni eenyu jechuudhaan uummanni gaafatan. Kun Galiilaa Naazireet irraa kan dhufe Iyyesuusidha jedhan. Kana boodas bakka mana amantaa isaa galuun mana amantaa isaa keessatti daldala adda addaa gaggeessaa kan turan fi dhaabbiiwwan daldalaa keessa darban ari’ee manni koo mana kadhannaati malee mana daldalaa miti jechuudhaan ifa baasee dubbate.
Bakka sana kan turan jaamota hunda fayyise, dhukkuboota adda addaatiin kan qabaman hunda illee ni fayyise, haa ta’u malee mana amantaa isaa keessatti badiiwwan adda addaa kan hojjetaa turan kan sammuun jaamaan jara osoo hin fayyisiin darbe, ilaalcha jaraa dabaa ta’e sanas osoo hin sirreessiin darbe.
Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos achuma osoo jiruu ijoollonni faarfannaa jalqaban bartoonnis jara wajjin Hoosaa’inaa jechuudhaan faarfatan. Warreen ajaja daldalaa sana kan turanis iji jaraa dhiiga uffatee lapheen jaraas hinaaffaadhaan guutamee waan jarri jedhan dhaga’aa jirta mitii? Callisaa jechuun gaafatan, Gooftaan keenya Iyyesuusis yoo jarri callisan illee dhagaan afaan baasee ni faarfata jechuun deebise. Achumaanis faarfannaa Daawwit irratti «ijoollee harma hodhan irraa faarfannaa ofiif qopheessite» kan jedhu hin dubbisnee jechuun isaan gaafate Faar. 8:12. Sammuu qabeessa warra jedhan lapheen jaraa Daabiloosiin yeroo cufamu lapheen ijoollotaa garuu faarfannaa gadi yaasaa ture.
Egaa nuus akka ergamoota isaa laphee ajajamaa fi sammuu qulqulluu qabannee guutummaa guutuutti amannee waa’ee seenaa lafa kanaas dhiisnee isa duukaa yoo buune Waaqni keenya qulqulluun yeroo gaabbii nuuf kennuusaadhaan gara isaatti akka deebinu nuuf eeyyamuu isaa dagachuu hin qabnu.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
Madda :- WDB fi Fuula FB Naahii
0 Comments