Subscribe To Our YouTube Channel

Niqoodimoos - Torbee Torbaffaa Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos | Ortodoksii Tawaahidoo

Torbee Torbaffaa Tsoomii Guddaa : Niqoodimoos 

Torbeen torbaffaan Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Niqoodimoos jedhamuun beekama.

Akka barsiisa Mana Kiristaanaa keenyaatti torbaanonni laguu ykn Tsoomii guddicha gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos moggaasa adda addaan yaadatamu. Wangeelli guyyaa kana lallabamanis bu’uurri isaanii moggaasa sanbattan Tsooma kana irratti hundaa’a. Kan torbee kana waliin ilaallu ammoo torban torbaffaa kan Niqoodimoos jedhu ta’a. Qulqulluun Yaaredis torbee kanaaf faarfannaa akkas jedhu qopheesseera;

     «Namni Niqoodimos jedhamu gara gooftaa Iyyesuus ni deeme, yaa barsiisaa, barsiisuudhaaf Abbaa kee biraa akka dhufte sitti ni amanna jedhe, Ilmoo leencaa rafte, mugdes, yeroo du’aa ka’uutti ana kaasi»

Namoonni lammii Israa’eel dhufaatii gooftaa keenyaa kan fudhatan haala wal makaan ture. Keessi isaanii shakkii adda addaan guutamees ture. Rakkachaa waan turaniif, nama isaaniif dhufee gidiraa warra Roomanotaa jalaa bilisa isaan baasu eegaa turan. Isaan kan eega turan inni gooftaa abbaan waan hundaa, kabajaa fi iddoo kabajamaa fi filatamaa jedhaniiti ture. Garuu inni Masaraa Mootummaa dhiisee jaalala namaaf dallaa horii keessatti dha. Ol ol jedhee miti gad of qabeeti kan namaaf fakkeenya ta’aa ture. Kanaaf warri kaan Waaqummaa isaa shakkaa turan. Kan amantiidhaanis isa fudhatanis turan. Niqoodimoos nama warra kanaa ture.

Niqoodimoos kan torban Tsoomii guddicha Manni Kiristaanaa keenya moggasteef eenyu laata?

1. Niqoodimoos lammii Faarisotaati (Yoh 3:1)

2. Niqoodimoos hayyuu duree warra Yihuudotaa kan ture dha (Yoh 3:1)

3. Niqoodimoos barsiisaa wangeela ture (Yoh 3:1-10)

4. Niqoodimos foon gooftaa keenyaa kan kafane keessaa tokko dha.

Kanaaf Niqoodimoos hayyuu amantiiti; nama baay’ee barate baay’ee beekesidha. Kanarraa kan ka’es hayyuu, beekaa, dursaa jedhamee waamameera. Namoota jabana sana turan keessaayiis nama beekkamtii fi beekumsa olaanaa qabu ture. Halkan gara Gooftaa Iyyesuus Kiristoos dhufaa barachaa ture, barataa halkanii ture jechuudha. Niqoodimoos guyyaa guyyaa barsiisaa Mikuraabii ta’ee namoota baay’ee barsiisaa waan ooluu fi warri Yihuudotaa Niqoodimoos barsiisaa ture Gooftaa waan hin amaniiniif (hin fudhatiiniif) guyyaa guyyaa barachuu hin dandeenye. Akka seera warra Yihuudotaatti namni Gooftaa fudhatee (amanee) fi duuka bu’e Mikuraaba isaaniitii waan ari’amuuf isaan mufachiisuu dhabuuf jecha halkan barachaa ture.

Mee barumsa guyyaa kanaaf sababa ta’eefi gaaffii Niqoodimoosii fi deebii gooftaa keenyaa haa ilaallu.

Niqoodimoos, dura waaqummaa gooftaa keenyaaf akkas jedhee ture kan dhugaa baheef, «Yaa barsiisaa! hoo Waaqayyo yoo isa wajjin ta’e malee mallattoolee ati raawwattu kana raawwachaa jirtu kana kan raawwatu hin jiruuti Ati Waaqayyo biraa barsiisaa taatee akka dhufte beekna» jedhe. Warri Yihuudotaa isa shakkanis inni haala kanaan amanamummaa isaa gooftaasaaf dhugaa baheera.
Barumsa gooftaa guyyaa sana keessaa mee kitaaba qulqulluu sababa godhannee haa ilaallu.

Gooftaanis “Dhugaa dhugaan siin jedha namni lammata yoo dhalate malee Mootummaa Waaqayyoo arguu (dhaaluu) hin danda’u» jedheen. Niqoodimoos immoo, «Namni erga qancaree akkamitti dhalachuu danda’a? Gadameessa haadha isaatti lammaffaa galee dhalachuu danda’a moo?» jedhee gaafate. Gooftaanis, «Dhuguma dhuguman sitti hima, eenyullee yoo bishaaniifi Afuura Qulqulluu irraa dhalachuu baate Mootummaa Waaqayyotti galuu hin danda’u. Namni foon irraa dhalate foon, hafuuratti kan dhalate hafuura, olii dhalachuun isiniif in ta’a siin jechuu kootiif hin dinqifatiin. Qilleensi gara fedhetti qilleensa, qilleensaa’uu isaa ni dhageessa, eessaa akka dhufu, eessa akka dhaqu garuu hin beektu; egaa hafuuratti kan dhalate hundinuus akkuma kana» jedhee deebiseef.

Niqoodimoos Deebisee, «Kun akkamitti ta’uu danda’a?» jedhee gaafate. Gooftaanis akkas jedhee deebiseef; «Ati barsiisaa warra Israa’eelii taatee kana hin beektuu? Dhugaa dhugaan siin jedha waan beeknu ni dubanna; kan argines ragaa ni baana; raga ba’iinsa keenyas hin fudhattan. Waa’ee biyya lafaa yommuun sitti himu kan hin amanne waa’ee isa samii dhaa yoon sitti hime akkamiin amantu? Samiirraa kan bu’een alatti gara samii kan ba'e eenyumtiyyuu hin jiru; innis kan samiirraa kan bu’e Ilma namaa qofa dha» jedheen.

Egaa icciitii guddaan asirraa barannu hangam qormaanni nu qunnamus kan deemuu qabnu gara Waaqayyo jirutti dha. Dukkana Addunyaa kana baqannee gara fayyinni jiru deemuunis nuuf ta’a. Boqonnaan keenya gara mana Waaqayyooti malee gara warra shakkanii ta’uun irra hin jiraatu.
Niqoodimoos hammam beekaa ta’us Waaqayyo biratti hir’inni isa mudateera. Namni akkasuma waan hundaan guutuu miti, hir’ina keenya guutuufis Waaqayyo akka nu barbaachisu Niqoodimoos irraa ni hubanna. Karaa biraan barbaachisummaan cuuphaa ifa bahuu isaaf kan sababa hir’ina isaati. Kan shakkitoonni ganamaaf galgala cuuphaa morman hammam gatiin isaa akka guddaa ta’e as irraa hubanna. Karaa biraan ammoo kan ta’uu qabnu Waaqayyoof malee Addunyaa kanaaf miti. Kan caalchifannuu Mootummaa Waaqayyooti malee waan foon keenyaaf miti.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments