Subscribe To Our YouTube Channel

Gabriheer Torbee Jahaffaa Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos | Ortodoksii Tawaahidoo

Gabriheer (Tajaajilaa Amanamaa)


Torbee Jahaffaa Tsoomii Guddaa 


Torbee Jahaffaan Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Gabriheer ykn Tajaajila Amanamaa jedhamuun waamama.

Torbee jahaffaan Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos Gabriheer jedhamuun beekama kunis tajaajilaa Amanamaa jechuudha.



Yeroo kanattis Gooftaan keenya waa'ee tajaajilaa amanamaa kan barsiisee fi Wangeela Maatewoos Boq. 25:14-30 kan jirutu barsiifama.


Nutis akka fedha Waaqayyootti sagalee Waaqayyoo kutaa kana keessa jiru hiikoo isaa waliin kunoo isiniif barreessine, dubbisaa 

Wangeela Maatewoos Boq. 25:14-30

        «Namni daandii deemu, tajaajiltoota isaa waamee akka ittiin buufataniif akka humna isaaniitti isa tokkoof qarshii shan, isa lammaffaaf qarshii lama fi isa sadaffaaf ammoo qarshii tokko kennee ni deeme. Inni qarshii shan fudhate dhaqee daldalee qarshii shan buufate, inni lama fudhates akkasuma qarshii lama fudhate, inni tokkoo garuu dhaqee lafa qotee awwaale. Yeroo boodas mootichi ni dhufe yeroo kanas inni qarshiin shan itti kennamee ture dhiyaatee 'qarshii shan naaf kennitee ture, anis kunoo shan buufadheera' jedhee itti kenne. Gooftaanis 'ati tajaajilaa amanamaa nana xiqqoo irratti kan amanamte wanta guddaa irratti sin muuda, gara gammachuu gooftaatti gali' jedheen. Inni abbaa qarshii lamaas dhiyaatee 'kunoo anaafis qarshii lama naaf kennitee hin turree? anis kan biraa lama buufadheera' jedheen gooftaanis 'ati wanta xiqqoo irratti kan amanamte wanta guddaa irratti ni muudamta, amma gara gammachuu gooftaatti gali' jedheen. Inni sadaffaanis dhiyaatee 'anis gooftaa koo dhaqee akka na jalaa hin banneef nan awwaale' jedhe. Gooftaanis 'ati tajaajilaa dhadhabaa fi hamaa nana atis gara dukkanaa deemi' jedheen......»

Fakkeenya kanaan gooftaan keenya kan barsiise waa'ee tajaajilaa amanamaati, as irratti abbaan qarsii shan fi lamaa tajaajiltoota amanamoodha, inni tokkoo garuu tajaajilaa dhadhabaa fi hamaadha.

Hiikoon (አንድምታ) isaas kunooti;

1. Abbaa qarshii shanii baratee, akkuma baratettis ba'ee, bu'ee dhama'ee barsiisee akkuma isaatti nama kan baasedha, inni lamaas akkasuma. Akkuma Qulqulluun Phaawuloos Ximootiwoos barsiisee baase. Inni abbaa qarshii tokkoo garuu barnoota baratee garuu kan hin barsiifnedha. Innis moototni hamoon na hidhu, na ajjeesu, shakkitoonni gaaffii na gaafatanii deebii na dhabsiisu jedhee sodaachuun barsiisuu dhiise.

2. Tokkos (አንድም) Abbaan qarshii shanii Musee dha. Kitaabolee Seeraa shan qaba waan ta'eef. Abbaan qarshii lamaa Pheexiroos beekaa Kakuu Moofaa fi Haaraati waan ta'eef. Abbaan qarshii tokkoo ammoo Yihudaadha, innis gooftaa irraa barate osoo hin barsiisiin achumaan hafe waan ta'eef.


3. Tokkos Abbaan qarshii shanii Hangafa Phaaphaasii (Paatriyaarkiidha) aangoowwan gurguddoo shan qaba waan ta'eef isaanis: Phaaphaasii muuduu (አንብሮተ እድ), Luba muuduu, Daaqonii Muuduu, Cuuphuu fi Qorrobsiisuu (ማቁረብ). Abbaan qarshii lamaa Lubadha, innis waan cuuphuu fi qorrobsiisuuf, abbaan qarshii tokkoos Daaqoniidha, innis ergamuuf kan ariifatu waan ta'eef.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments