Subscribe To Our YouTube Channel

Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos


Seensa:- gara mata duree keenya hardhaatti osoo hin seeniin dura jalqaba waa'ee hiikoo, maalummaa fi gosoota Tsoomii haa ilaallu.


Tsoomii Jechuun Maal jechuudha?


Akka bu'uura sirna Mana Kiristaanaa keenya Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti, kitaabni Fitihaa Negest jecha Tsoomii jedhu akkasitti hiika, 

- Tsoomiin sa'aatii beekamaatti namni nyaata irraa dhorkii dhorkamudha. 

Tokkos Tsoomiin nama nyaata irraa dhorkuudha. Kunis cubbuu isaa irraa haqsiisuuf, gatii isaas baay'isuuf, inni jaallatee Seera kan hojjateef bitamuu jechuudha. Bu'uuruma kanaanis Tsoomii jechuun nyaata irraa, akkasumas dhugaatii irraa of dhorkuu ykn dhorkamudha.

Tsoomiin Qabsuurota Afuurawaa keessaa isa tokkodha. Fedhii Fooniitiifis dhorkii ykn luugama Afuurawaati. Namni fedhii foonii dhiisaa galaa ittiin lubbuu isaa lalisiifatudha. Tsoomiin dhukkubbii ykn madaa lubbuu kan fayyistu, fedhii foonii kan dhadhabsiistu, jalqabbii hojiiwwan gaggaarii hundaa, kennaa Waaqayyoo irraa kan argamsiistu. Akkasumas Tsoomiin bu'ura kadhannaa, kabajaa, callisummaa kan nama barsiistu, hojiiwwan gaggaarii fi tola ooltummaa ta'aan maraaf kan nama kakaastu, qaama ofii Waaqayyo fuulduratti qaanessuun gadi ofqabiinsa mindaa taasifachuuf kan nama gargaartu qoricha lubbuuti. (Maar. Yisaaq. Keeyyata 4, Boqonnaa 6)


Gosoota Tsoomii


Kitaabolee Qulqullaa'oo irraa akka hubannutti Tsoomiin gosa lamatu jiru ykn iddoo lamatti qoodamuu danda'u, isaanis;

1. Tsoomii Labsii fi
2. Tsoomii Dhuunfaati.

Tsoomni Labsii ifatti uummatatti himamee ykn labsamee tokkummaadhaan kan tsoomamu ,Tsoomii seeraa fi ajajaati. «Tsiyoonitti Malakatii Afuufaa! Tsoomiis labsaa, gubaa'ees qulqulleessaa!» Iyuel 1:12-14. Kakuu Moofaa keessattis ta'e Kakuu Haaraa keessatti Waqtiin isaanii, Ji'i isaanii, guyyaan isaanii akkasumas waggaa waggaadhaan guyyoonni irra oolan kan beekaman fi kan kabajaman Tsoomiiwwan Labsii ykn seeraa ni jiru turan, ammas ni jiru. Kakuu Moofaa keessatti «Waaqayyo gooftaan akkas jedha, Kan ji'a Arfaffaa, kan ji'a Shanaffaas, kan torbaffaas, Tsoomiin ji'a Kurnaffaas Mana Yihudaatiif Ayyaanota gammachuu ni ta'a.» Zak. 8:18-19

Kakuu Haaraa keessattis Fariisonni guyyoota torbanii keessaa guyyoota Tsoomaa akka turan (jechuunis Wiixataa fi Kamisa) «Ani torban keessatti guyyaa lama nan Tsooma» Luq. 18:12 kan jedhu ragaa ni arganna. Kitaaba Hojii Duuka Bu'ootaa irrattis Qulqulluun Luqaas, waa'ee deemsa Duuka Bu'icha Qulqulluu Phaawuloos yeroo barreessu «Yeroon hedduu erga darbe boodas Ji'oota Tsoomaa amma darbee waan tureef» jechuun jechi inni barreesse bara Duuka Bu'ootaatti yeroon ykn waqtiin Tsoomii daanga'aan akka ture nuuf ibsa. HDB. 27:9, 13:1-3.

Akkuma beekamu akka Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti waggaa waggaadhaan Tsoomii guddaan guyyoota 55'f Tsoomamu ni jira. Kana jechuun akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Tsoomiin jiru tokko qofaadha jechuu miti. Akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidootti namni Kiristaana ta'e hundi Tsoomuu kan qabu dhaabbataadhaan Tsoomiiwwan torba ni jiru isaanis;

1. Tsooma Guddaa
2. Tsooma Duuka Bu'ootaa
3. Tsooma Fayyinaa
4. Tsooma Filsataa
5. Tsooma Raajotaa
6. Tsooma Nannawee fi
7. Tsooma Gaadii dha.

Kana jechuun garuu Tsoomiiwwan jiran kanneen qofaadha jechuu osoo hin taane kanaan dabalataatti Tsoomii Yoodiit fi Tsoomiin Tsiggee ni jiru. Tsoomiiwwan kunneen lamaanis fedhiidhaan kan tsoomaman yoo ta'a Tsoomiin Yoodiit ji'a Hagayyaa keessa akkasumas Tsoomiin Tsiggee ammoo Ji'a Fulbaanaa gaafa guyyaa 26 irraa kaasee hanga Sadaasa 6 tti tsoomama (kana dura waa'ee Tsoomiiwwan kanneen lamaanii baldhinaan waan isiniif dhiyeessineef dubbisaa!).

Gara mata duree keenyaatti yeroo deebinu Tsoomiin Guddaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos; guyyaa Afurtamaa fi halkan Afurtama Gadaamii ykn lafa Onaa keessatti Tsoomuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos bu'uura ykn ka'umsa taasifachuun kan Tsoomnu dha.

Maqaawwan Tsoomii Guddaa Garaa garaa


Akkuma beekamu Tsoomni guddaan gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos maqaawwan garaa garaa kan qabu yoo ta'u ykn iddoowwan garaa garaatti maqaawwan garaa garaatiin kan beekamu yoo ta'u isaan keessaas;

1. Tsoomii Guddaa «ዐብይ ጾም»


Tsoomiiwwan kanneen biroo Abbootii keenya Qulqulloota Abboota irra kan dhaalle firiiwwan jireenya keenyaa (Ibr. 13:7) yoo ta'aan, inni kun garuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin kan hundaa'e ta'uu isaatiin Guddaa ykn «ታላቅ» ykn Hangafa jedhama.

Tsoomii Gooftaa waan ta'eef qormaatonni gurguddoon (mataawwan cubbuu) Tsoomii itti injifataman waan ta'eef Tsoomii Guddaa ykn «ዐቢይ ጾም» ni jedhama.

2. Tsoomii Hudaadee «ጾመ ኁዳዴ»


Hudaadee ykn «ሁዳድ» jechuun «Dhaala Mootummaa» jechuudha. Hudaadiin Mootummaa ykn dhaalli Mootummaa yeroo qotamutti ooyiruun isaa yeroo sassaabamutti daa'ima, nama guddaa osoo hin jedhamiin lammiin Mootummaa hundi hojiidhaaf hidhatee akkuma ka'u, Tsoomii Gooftaa kanas Gooftaa ykn Hudaadii Gooftaa lammiilee Kiristoos kan ta'aan Kiristaanonni hundi waan isa Tsoomaniif «Tsooma Hudaadee» ykn «ጾመ ሁዳዴ» jedhamee ni beekama.

3. Tsoomii Kaasaa «የካሳ ጾም»


Abbaan keenya Addaam fi haati keenya Heewaan Jannata keessaa kan ari'amaniifi Si'ool fi du'aaf kan gahaaniif sababa nyaataatiin ture. Sababa garaa isaatiin kan kufe ilma namaa Tsoomii fedhii isaatiin Tsoomeen isaan kaase, akkasumas Addaam Jannata keessaa yeroo ari'amu beelli Afuurawaa irra gahee waan tureef beela isaa beelaan isaaf kaase. Beela keenyas inni nuuf beela'e.

4. Tsoomii Injifannoo «የድል ጾም»


Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos erga cuuphame booda guyyuma sana gara Gadaamii ykn lafa Onaa Qoronxoositti deemuun nama irraa adda ba'ee guyyaa afurtamaa fi halkan Afurtama Tsoomuudhaan sababa nyaataatiin Addaam fi Heewaan kan injifate Diyaabiloos injifateera. Diyaabiloos akka injifatuuf Addunyaa kana irraa fagaatee gara Gadaamiitti deemuun isaa Addaam Addunyaa kana irraa fagaattee kan argamtu gara Jannataatti injifatamee waan tureef innis Diyaabiloos Gadaamii fi Addunyaa kana irraa fageessee akkuma injifate nutis fedhii foonii keenya kan ittiin injifannu humna nuuf kenne. Tsoomiin kun diinni keenya Seexanni kan ittiin injifatamedha.

5. Tsoomii Ce'umsaa «የመሸጋገሪያ ጾም»


Hangafni Raajotaa Museen uummata seera laphee irraa gara Oriitiitti yeroo ceesisu guyyaa afurtamaa fi halkan Afurtama Tulluu Siinaa irratti akkuma Tsoome gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Seera Oriitii irraa gara Seera Wangeelaatti nu ceesisuuf guyyaa afurtamaa fi halkan Afurtama Tsoome. Kanaafuu Tsoomii Guddaa kanaan Tsoomii Ce'umsaa ni jennaan.

6. Tsooma Barsiisaa ykn Tsoomii Astemihiroo «ጾመ አስተምህሮ»


Wanta hunda salphaatti dhadhabbii tokko malee raawwachuu kan danda'u Waaqayyo Gooftaan keenya nuyi ijoollee isaa nu barsiisuuf ofii isaa gadi qabe. Barsiisaan gaariin barattoota isaa waliin sirriitti walitti dhufee afaan isaaniitiin fakkeenyaan fakkeessee akkuma barsiisu Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis nu gara isaatti fudhachuudhaaf dursee inni gara keenyaatti dhufe. Beela keenya nuuf beela'e, dhadhabbii keenya nuuf dhadhabe, qormaata keenyas nuuf qorome nuufis fakkeenya ta'ee gadi of qabiinsa, ibsa fi qormaata Tsoomiidhaan injifachuu nu barsiise.

7. Tsoomii Gadaamii Eebbisuu «የቀድሶተ ገዳም ጾም»


Qulqulluun Yohaannis Cuuphaan fa'a, Raajichi Eliyaas fa'a kan jiraatan jireenya Baahitaawwii isaanii Gooftaan eebbisee nuuf kenne. Magaalaa keessaa ba'ee nama irraa fagaatee gammoojjii keessatti bineensota waliin jiraachaa Diyaabiloosiin qoramee ni injifate. Hardhas ijoolleen isaa Gadaamiiwwanitti sagalee Bineensotaa, qorraa fi Aduu isaa obsanii Addunyaa tuffatanii Tsoomii fi Kadhannaadhaan Hafuurota Hamoo waliin ni morkatu, ni injifatus.

8. Tsoomii Qophii «የመዘጋጃ ጾም»


Israa'eelootaaf waa'ee akkaataa kabaja Ayyaana Faasikaa yeroo itti himu Foon Hoolaa Faasikaa baala hadhaa'aa waliin akka nyaataniif ajajamanii ture (Ba'uu 12:18). Baalli hadha'aan kunis gidiraa Gibtsii keessa yeroo turan isaan irra gahaa ture kan isaan yaadachiisu fi lammaffaa gara Gibtsiitti akka hin deebine Cubbuu isaanii irraa akka fagaataniif kan isaan barsiisu ture. Hoolaan Faasikaa ammoo Waaqayyo jaalala isaatiin bilisummaa inni isaaniif kenne yaadachiisa ykn hubachiisa.

Hardhas Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Ayyaana Du'aa Ka'umsa Gooftaa dura Baatiiwwan Tsoomii kan dursiteef kanaafi. Nyaata irraa yeroo dhorkamnu seera Addaam fi Heewaaniif kennamee ture ni yaadanna, beelli yeroo nutti dhaga'aamu ammoo beela Afuurawaa ijoollee namaa irra gahee ture nu yaadachiisa, yeroo dhadhabnu ammoo Addaam fi Heewaan irra gahee kan ture waanjoo garbummaa fi rakkina ykn gidiraa isaanirra gahee ture yaadanna. Nutis duuti isaanirra gahe akka nurra hin geenyeef, nutis lammaffaa gara cubbuutti akka hin deebine nu gorsa.

Dhuma Tsoomii kanaa irrattis Foonii fi dhiiga Hoolaa Kakuu Haaraa kan ta'e kan Gooftaa keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos ni fudhanna, yeroo sanattis Du'a kan injifate Waaqayyo waliin ni taana. Duuti keenya du'a isaatiin ykn du'uu isaatiin akka darbe ni yaadanna. 1 Qor. 11:26. Kanumaanis waqtiin kun Ayyaana Du'aa Ka'umsaa Faasikaa Kakuu Haaraa kabajuudhaafi Fooniifi dhiiga isaa fudhachuudhaaf ofii keenya kan itti qopheessinu, kan itti of qorrudhas. 1 Qor. 11:27.

9. Tsoomii Hojii Jalqabbii «የስራ መጀመሪያ ጾም»


Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos hojii barsiisuu isaa eegaluu isaatiin dura, keeyyata Mootummaa Waaqayyoo barsiisuu isaatiin dura Gadaamii ykn lafa Onaa Qoronxoositti guyyaa Afurtamaa fi halkan Afurtama ni Tsoome. Kunis nuti hojii kamiyyuu osoo hin eegaliin dura ykn jalqabbiin wanta hundaa Tsoomii ta'uu isaa yeroo nu barsiisudha. Kanaafidha Duuka Bu'oonni Tsoomii jalqabbii hojii isaanii kan taasifataniif.

Tsoomii Guddaa Manneen Kiristaanaa garaa garaa biratti


Akka ragaan Wikipedia irraa arganne agarsiisutti Tsoomiin Guddaan ykn «Great Fast» ykn «Great Lent» Afaan Giriikiitiin ammoo «Μεγάλη Τεσσαρακοστή or Μεγάλη Νηστεία» kan jedhamu Manneen Kiristaanaa Ortodoksii warra bahaa fi Manneen Kiristaanaa Ortodoksii warra Oriyeentaal keessatti baay'ee beekamaadha. Kana qofaa osoo hin taane Tsoomiin Guddaan kun Manneen Kiristaanaa Kaatolikii birattillee akka kabajamu ykn Tsoomamu Wikipedia ni ibsa.

Manneen Kiristaanaa Tsoomiin kun itti Tsoomamu keessaa muraasni;

• Manneen Kiristaanaa Ortodoksii Bahaa
• Manneen Kiristaanaa Ortodoksii Oriyeentaal
• Manneen Kiristaanaa Kaatolikii fi k.k.f

Gara Manneen Kiristaanaa Ortodoksii Oriyeentaalitti yeroo deebinus, Tsoomiin Guddaan kun Manneen Kiristaanaa Ortodoksii Oriyeentaal hunda keessatti ni tsoomama jechuun ni danda'aama. 

Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Gibtsii ykn Koophxiitiitti Tsoomiiwwan gurguddoo ykn dhaabbataa ta'aan Shan kan jiran yoo ta'u isaanis;

1. Tsoomii Nannawee
2. Tsoomii Guddaa
3. Tsoomii Raajotaa
4. Tsoomii Duuka Bu'ootaa 
5. Tsoomii Filsataa

Akkasumas kanaan dabalataatti hordoftoonni Mana Kiristaanaa Ortodoksii Gibtsii ykn Koophxii Tsoomii fayyinaa ykn Tsoomii guyyaa Roobii fi Jimaataa ni Tsoomu (guyyoota Roobii fi Jimaataa Ayyaana Du'aa Ka'umsa irraa kaasee hanga guyyaa Shantammaffaatti jiran osoo hin dabalatiin).

Akkasumas Tsoomiin Guddaan kun Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Eertiraattis kan kabajamudha ykn kan Tsoomamudha.

Gara biyya keenya Itoophiyaatti yeroo deebinus Tsoomii Guddaan Tsoomiiwwan labsii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa keessaa isa tokkodha, akkasumas biyya keenya keessatti Tsoomiin Guddaan hordoftoota Mana Kiristaanaa Kaatolikii Itoophiyaatiin ni Tsoomama.

Guyyoota Tsoomii guddaa keessa jiraniifi maqaa isaanii


Tsoomiin Guddaan akkuma armaan olitti ilaalletti guyyoota 55'f kan Tsoomamu yoo ta'u kanneen keessaa ykn guyyoota 55'n kanneen keessaa guyyoonni 15 Sanbataa fi Dilbata (Qidaamee fi Sanbata) yoo ta'an, guyyoonni hafan 40'n ammoo guyyoota Wiixataa hanga Jimaataatti jiranidha. Guyyoota 15'n Sanbataa fi Dilbataa kanneen keessaas guyyoota Sanbataa ykn Qidaamee 8 fi Dilbata 7 tu jira. Guyyoonni torbee kanneen keessa jiraniis moggaasa mataa isaanii kan qaban yoo ta'u armaan gaditti dhiyaataniiru;

1. Torbee jalqabaa Tsooma guddaa → Zeweredee
2. Torbee lammaffaa Tsooma guddaa → Qiddist (Qulqulleettii)
3. Torbee sadaffaa Tsooma guddaa → Mikuraab
4. Torbee Arfaffaa Tsooma guddaa → Matsaaguu
5. Torbee Shanaffaa Tsooma guddaa → Dabra Zayit (Tulluu Ejersaa)
6. Torbee Jahaffaa Tsooma guddaa → Gabriheer (Tajaajilaa Amanamaa)
7. Torbee Torbaffaa Tsooma guddaa - Niqoodimoos
8. Torbee Saddeettaffaa Tsooma guddaa - Hoosaa'inaa

Ayyaana Du'aa Ka'umsa gooftaatiin dura Dilbata Hoosaa'inaa irraa kaasee hanga Sanbata (Qidaamee) guyyoonni jiran Torbee dhukkubbii jedhamuun beekamu. Isaanis;

→ Wiixata - Guyyaa itti Balasiin Abaaramte
→ Kibxata - Gooftaa fi Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa itti gaaffi gaafatame.
→ Roobii - Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa itti dabarsanii kennuuf murteessan.
→ Kamisa - Kadhannaa Kamisaa
- Kamisa ajajaa
- Kamisa miila dhiqaa
- Kamisa Magariisa
- Kamisa Kakuu Haaraa
- Kamisa Bilisummaa

→ Jimaata - Fannoo (Siqlatii) guyyaa itti fannifame.
→ Sanbata (Qidaamee) - Sanbata Shaaramte (Qidaamee Shuur)

→ Dilbata - Du'aa Ka'umsa Gooftaa

Ayyaana Du'aa Ka'umsa Gooftaa booda guyyoota jiran

→ Wiixata - Maa'idoot (Cee'umsa)
→ Kibxata - Toomaas
→ Roobii - Alaazaar
→ Kamisa - Addaam
→ Jimaata - Mana Kiristaanaa
→ Sanbata - Dubartoota /Anist/ (Dubartoota Awwaala isaa ilaaluuf ganamaan deemaniif)
→ Dilbata - Du'aa Ka'umsa Lammaffaa (Dagme Tinsae)




Akka fedha Waaqayyootti yeroo itti aanutti torbeewwan Tsoomii Guddaa kana keessa jiran tokko tokkoon kan ilaallu ni ta'a!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments