Bu'aa Exit Exam bara 2017 fi Eebba Barattootaa
Bu'aan qormaata bahumsaa ykn Exit Exam bara 2017 kaleessa galgala ykn halkan jechuunis Roobii, Waxabajjii 11 bara 2017 irraa jalqabee Yuunivarsiitiiwwan garaa garaatiif ergamaa jira. Barattoonni Yuunivarsiitiiwwan muraasaas bu'aa isaanii Exit Exam bara 2017 ilaallachaa jiru akkasumas Yuunivarsiitiiwwan baay'ina barattoota darbanii fi parsantii dhaan akkasumas sagantaalee fi department garaa garaatiin ibsa baasaa jiru.
Ministeerri Barnootaa bu'aa Exit Exam bara 2017 kan baatii Waxabajjii dhaabbilee barnoota olaanoo jechuunis Yuunivarsiitiiwwaniif ergaa akka jiru odeeffannoon dhaabbilee barnoota olaanoo irraa arganne ni agarsiisa.
Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa bu'aa qormaata bahumsaa ykn Exit Exam isaan bira gahe barattoonni bu'aa isaanii Exit Exam karaa registrar isaanii fi department isaanii akka ilaalan ergaa dabarsaa jiru.
Barattoota isaanii qormaata bahumsaa fudhatan keessaas barattoonni hangamii akka darban Yuunivarsiitiiwwan tokko tokko ibsuu jalqabaniiru.
Qormaanni bahumsaa bu'aan isaa hanga ammaatti karaa website kan hin gadhiifamne yoo ta'u, ammaaf barattoonni Yuunivarsiitii jiranitti karaa registrar fi department isaanii ilaalu.
Yuunivarsiitiiwwan hanga ammaatti bu'aa qormaata bahumsaa ykn Exit Exam ibsan fi parsantii isaan dabarsan;
🎓 Yuunivarsiitii Baahir Daar (96.11%)
🎓 Yuunivarsiitii Injibaaraa (92%)
🎓 Yuunivarsiitii Walqixxee (91%)
🎓 Yuunivarsiitii Dabra Maarqoos (88%)
🎓 Yuunivarsiitii Arsii
🎓 Yuunivarsiitii Jimmaa
🎓 Yuunivarsiitii Haramaayaa
🎓 Yuunivarsiitii Miizaan Teeppii
🎓 Yuunivarsiitii Wallaggaa
🎓 Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee
🎓 Yuunivarsiitii Hawaasaa dha.
Eebba Barattoota Yuunivarsiitii bara 2017
Gama biraatiin, Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa hedduun barattoota isaanii barsiisaa turan dhuma torbee kanaatti jechuunis Sanbata fi Dilbata ni eebbisiisu.
Yuunivarsiitiiwwan 20 ol ta'aan sirna eebbaa barattoota bara 2017 Sanbata jechuunis Waxabajjii 14 bara 2017 ni gaggeessu, Yuunivarsiitiiwwan muraasni ammoo Dilbata Waxabajjii 15 bara 2017 barattoota isaanii ni eebbisiisu.
🎓 Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee
🎓 Yuunivarsiitii Hawaasaa
🎓 Yuunivarsiitii Baahir Daar
🎓 Yuunivarsiitii Arbaa Minci
🎓 Yuunivarsiitii Amboo
🎓 Yuunivarsiitii Addigiraat
🎓 Yuunivarsiitii Injibaaraa
🎓 Yuunivarsiitii Raayyaa
🎓 Yuunivarsiitii Samaraa
🎓 Yuunivarsiitii Waldiyaa
🎓 Yuunivarsiitii Boongaa
🎓 Yuunivarsiitii Dabaarq
🎓 Yuunivarsiitii Aksum
🎓 Yuunivarsiitii Dabra Taaboor
🎓 Yuunivarsiitii Madda Walaabuu
🎓 Yuunivarsiitii Salaalee
🎓 Yuunivarsiitii Maqalee
🎓 Yuunivarsiitii Walqixxee
🎓 Yuunivarsiitii Miizaan Teeppii
🎓 Yuunivarsiitii Jiinkaa
🎓 Yuunivarsiitii Bulee Horaa
🎓 Yuunivarsiitii Mattuu fi
🎓 Yuunivarsiitiin Siivil Sarvisii Itoophiyaa dhuma torbee kanaatti barattoota isaanii ni eebbisiisu.
2 Comments
Akkami laluu
ReplyDeleteNan didee akkaminin ilala
ReplyDelete