Subscribe To Our YouTube Channel

Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel fi Qulqulleettii Afoomiyaa

Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa'eel Qulqulleettii Afoomiyaa guyyaa itti gargaare


Yaadannoo Qulqulleettii Afoomiyaa




Qulqulleettiin Afoomiyaa biyya Kilqiyaa jedhamtu keessatti abbaa manaa ishee Astaraaniqoos kan jedhamu wajjin Kiristaanaa dhugaa ta'anii kan jiraatan turan. Qabeenyaa hedduus qabu turan, garuu immoo dhala waan hin qabneef gara Waaqayyo isa hundumaa qabutti kadhachaa turan. Keessatti immoo gaafa baatii 12 yaadannoo Qulqulluu Mikaa'elii gochuun namoota hundumaa afeeru turan. Utuu haala kanaan waliin jiraatanii inni dhukkubsatee du'uuf jennaan eenyutti na laattee du'uuf jetta yeroo isheen jettu namicha fakkii kaasuu danda'u tokko biyya fagoo irraa waamsisee fakkii Qulqulluu Mikaa'eelii kaasiseefii kenneefii yeroo hundumaa galgalaa fi ganama isa akka kadhattuu fi abdattuuf kenneef.

Du'i hin oolu waan ta'eef abbaan manaa ishee ni du'e ijoollummaa ishee irraa kaastee akka amaleeffatte Tsoomii fi kadhannaatti cimtee dhaabbatte. Seexanni inaaffaan waan gaariidhaan mormu ishee dogongorsuudhaaf jecha ofii isaa jijjiiree monoksee dhiiraa fi dubaraa fakkaachuudhaan tajaajiltoota fakkaatee gara mana ishee dhaqe. Isheenis yeroo agartu dhuguma nama Waaqayyoo seetee ol seenaa kadhannaan keessan narra haa buluutii iddoo fakkiin qulqulluu Mikaa'elii jirutti koottaa kadhannaa naaf godhaa ittiin jette.

Yeroo kana seexanichi fi ergamoonni isaa nama fakkaatanii gara ishee dhufan nutoo hin ariifanna mana kee ol hin seennu asuma teenyee waan si gorsinu qabna nu dhagayi jechuudhaan waan gurra namaatti tolu gaaris fakkaatuun garaa warra garraamotaa ni gowwomsu akkuma Phaawuloos jedhe Room 16:17. Akkas jechuudhaan gowwomsuu yaalan:-

1. Ati dhala hin qabdu kana keessaa immoo yeroo hundumaa nan tsooma nan kadhadha ganamaa fi galgala jetta. Yoo dhukkubsattee garaachi kee si luqqa'e nama mana yaalaatti si geessu hin qabdu, mana keessatti duuta waan ta'eef inni kanaan duraa si ga'aatii dhiisi aara galfadhu.

2. Yeroo hundumaa hiyyooliidhaaf kennaa kennuudhaan, zikirii zakkaruudhaan, kurnoon baasa jechuudhaan qabeenyaa kee tamsaasaa ykn balleessaa jirta boru yoo si jalaa dhume ammoo deebitee kadhattuu taata kanaafuu qabeenyaa kee kana hin balleessin kaawwadhu.

3. Dubartiin abbaa manaa hin qabne manni ishee ulfina hin qabu lammaffaa heerumuun immoo cubbuu mitimootiin Areenaa'os jedhamu haati manaa isaa waan jalaa duuteef si fuudhuu waan barbaaduuf isatti heerumtee mootittii akka jedhamtu si gorsina ittiin jedhan. Isheen ammoo yeroo kana dubbii Waaqayyootti cimtuu waan taateef akkas jette, uffannaa keessan yeroon ilaaluu nama Waaqayyoo natti fakkaattu, dubbannaa keessan yeroon ilaalu immoo summiidha. Lallaba hin tsoomiinaa jedhu immoo kitaaba isa kam irraa dubbistanii Kitaabni Qulqulluu hoo tsoomaa, kadhadhaa jedha jettee caqasa kana laatteef Maat. 4:1-11,Marq.9:29, HDB. 14:22, 2 Qor.6:5, Maat. 9:14, Iyyuel 2:12.

Waa'ee hiyyoolii hin gargaarin jettu immoo Maat 25:34 kaastee gooftaan Iyyesuus Kiristoos immoo kan beela'e kan beela baastan akka anaan beela baastaniitti jedhee ja'an hojii wangeelaa kan barsiiseedha. Waa'ee yaadannoo ykn zikirii ilaalchisee immoo maqaa qulqullootaan bishaan qabbana'aa ykn immoo diilalla'aa ullee tokko maqaa nama qulqulluun kan kenne gatii qulqulluu sanaa argata jedhamee caafamee jira Maat. 10:40-42. Kurnoo hin baasin kan jettan ammoo kurnoo baasuu dhiisuun akka waan Waaqayyoon hataniitti lakka'aama eebba Waaqayyos namatti hir'isa Milk. 3:6-12, Lew. 27:30, Lakk. 18:21.

Heerumi isa jetteef immoo Qulqulluu Phaawulos 1 Qor. 7:7-8 namni hundumtuu utuu akka koo ta'ee gaariidha kan jedhe hin dubbisneeree dabalataanis gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos namni fuudhaa fi heeruma dhiisee jiruu fi jireenya addunyaa kanaa tuffatee yoo na duukaa bu'e harka dhibba keessaa dhibba argata Maat. 13:29 Kan jedhu hin dubbisnee. Gooftaan Iyyesuus Kiristoos waa'ee jireenya monoksummaan jiraachuu Maat. 9:10-11 irratti barreessee jira. Maat 13:10 irratti immoo waa'ee sanyiidhaan qabee Sanyiin tokko iddoo gabbataa irra yoo bu'e firii 30,60,100 naqata jedha. 

Firii 30 jechuun: Warra seera Waaqayyo eeguudhaan gaa'elaan jiraatan jechuudha.

Firii 60 jechuun immoo warra erga abbaan manaa irraa du'ee ykn haati manaa duutee lammaffaa hin fuudhu ykn hin heerumu jechuudhaa monokkosaniidha.

Firii 100 jechuun immoo warruma fuudhuus heerumus dhiisanii qeerrummaan warra jiraataniidha jedhamee caafamee jira. Gooftaanis barsiiseera, isin immoo barumsa haaraa kana eessaa fiddan waanan isin shakkeef amma dhaqeen fakkii abbaan manaa koo naa kaasisen isiniitti fidaati dhungadhaa jettee yeroo isheen fiduu dhaqxu jijjiiramanii qilleensa ta'anii baqatan seexanoota sana keessaa tokko «Inni ati Mikaa'eel Mikaa'eel jettu kun Waxabajji 12 uumama hundumaaf kadhachuuf fuuldura Waaqayyootti ol ba'a, gaafa sana animmoo dhufeen gudii kee sitti agarsiisa» jedhee yeroo inni itti kakatu isheen immoo deebistee Waaqayyon koo na walin jira qanooftee deebita ittiin jette.

Qulqulluun Phaawuloos ergaa isaa gara warra Qoronxoos irratti raajonni sobduun hojjetaa Waaqayyoo fakkaachuun ofii isaanii ni jijjiiru ergamoonni seexanaas ergamaa ifaa fakkaachuudhaan ofii isaanii ni jijjiiru akkuma jedhe ofii isaa jijjiiree Qulqulluu Mikaa'eelii fakkaatee Waxabajjii 12 gara isheetti ol seenee yaa Afoomiyaa nagaan siif haa ta'u seexanni amajaajiin yeroo darbe Qulqulluu Mikaa'eliin uumama hundumaaf kadhachuuf gara fuula Waaqayyo deema ani immoo yeroo sana dhufeen gudii kee si agarsiisa sii jedhee waan turef kunoo animmoo amma si gargaaruuf durseen dhufe, ka'ii naaf sagadi isheen jedhe. Yeroo kana Afoomiyaan atimmoo eenyuudha? jettee gaafatte. Ani Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eeliidha ittiin jedhe. Isheenis mallattoon kee meerreree mootiin tokko ergamaa isaaf eenyummaa isaa laateefii erga waan ta'eef itti dabalees fakkii abbaan manaa koo naa laate hoo mallattoo fannoo qaba meerre kan kee jettee gaafatte.

Jennaan inni suni sababa fakkii ta'eef amma garuu qaamaan waanan dhufeef hin barbaachisu jedhee deebiseef erga akkas ta'ee fakkichan sitti fidaatii mee simadhukaa jettee yeroo isheen dunkaana seenuuf jettuu udhee lafatti ishee dabale. Hanga libsuu ijaa gidduutti ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Mikaa'eel bira ga'ee fannoo gooftaan rukutee lafaan dhahee isheedhaan ammoo guyyaan boqonnaa keetii hardha waan ta'eef gara Mana Qulqullummaa dhaqii foonii fi dhiiga isaa fudhadhu tsoomii fi kadhannaan kee waaqa duratti sii fudhatameera jedhee ol ba'e.

Isheenis tole jettee gara mana qulqullummaa deemtee waan ta'e hundumaa abbaa amantiitti himtee tajaajiltoota mana Waaqayyoo hundumaaf afeerraa gootee qabeenyaa ishee qabdu qabenyaa ishee qabdu walakkaa mana qulqullummaaf kaan immoo hiyyooliidhaaf hirtee fakkii abbaan manaa ishee laateef sanas abbaa amantiitti kennuudhaaf harkatti qabattee yeroo isheen dhuftu kochoo baasee balali'ee fannoo tokko malee mana qulqullummaa gidduutti fannifame.

Turees daraaree firii godhatee firee isaa sanaan namoonni baay'een fayyaniiru abbootiin amantii wal ga'anii kadhannaa godhaniifii guyyuma kana boqotte. 

Kadhannaa fi ayyaanni ishee hunda keenya irra oolee nuuf haa bulu! Ameen!

Post a Comment

0 Comments