Subscribe To Our YouTube Channel

Qajeelfama Haaraa Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dhuunfaatiif sodaa guddaa ta'e

Dhaabbileen Barnoota Olaanoo Dhuunfaa hedduun sodaa cufamuu irra jiru


Dhaabbileen Barnoota Olaanoo Dhuunfaa «Yaaddoo keessa nu galcheera» kan jedhan Qajeelfamni fi Madaalliin haaraan maal maal of keessatti qabateera?



Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii Itoophiyaa, hojimaata dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa sirna qabsiisuuf sababa jedhuun irra deebiin galmee irra kan jiru ta'uu isaa ibsa kana dura kennameen ibsamee ture.

Adeemsa kana keessatti, dhaabbilee barnoota olaanaa dhuunfaa 85 bu'uura ulaagaa haaraatiin irra deebiin galmee gaggeessuuf fedhii hin qaban waan ta’eef cufamuif akka ta’aan ibsamee ture.

Dabalataan, dhaabbileen 287 galmee haaraa gaggeessuuf yaalan keessaa baay’een isaanii seerota qajeelfama haaraa kana guutuu akka hin dandeenye gabaafameera. Haa ta’u malee, eenyutu itti fufa, eenyutu itti hin fufne kan jedhu ifatti hin ibsamne.

Qooda fudhattoonni damee kanaa garuu akkana jedhu: «Qajeelfamni galmee haaromsuu fi seeronni isaa hojii irra ooluu hin danda’an. Dhaabbileen muraasni qofa itti fufuu danda’u; baay’een isaanii cufamuun isaanii hin oolu.»

Ofii, qajeelfama irra deebiin galmaa'uu irratti madaalliiwwan gurguddoon ka'aaman maal jedhu?, dhaabbilee barnootaa kanneen hoo sodaa keessa kan galchan akkamitti? gaaffilee ln jedhan ka'aaniiru, deebiin armaan gadii kennameera.

Taatota Dhaabbilee Barnoota olaanoo Dhuunfaa:-


1. «Qajeelfama kana irra kan ka'aameefii humna dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa kan hin hubanne madaalliin tokko gamoo ilaallata. Dhaabbanni tokko sagantaalee shaniifi isaa ol kan kennu yoo ta'e gamoo guutuu tokko kophaa isaa qabachuu qaba jedha. Koolleejjiiwwan hedduun gamoo tokko irraa kutaalee muraasa kireeffatanii kan hojjetanidha. Gamoo kana kophaa keessan qabadhaa yoo jedhaman humna hin qaban.

Mootummaan qajeelfama akkasii yeroo baasu liiziidhaan lafa akka argannu fi gamoo mataa keenyaa akka ijaarru illee haala nuuf hin mijeessu. Barnootaaf carraawwan mijatan hin jiran. Fakkeenyaaf Kitaaboliin barnootaaf barbaachisoo ta'aan kan alaa galan, Koompiitaroonni fi meeshaaleen garaa garaa qaraxa malee bilisaan galuu qabu ture, garuu hin taane.»

2. Qajeelfamni lammaffaan humna namaa kan ilaallatu dha. Barsiisonni fi hojjettoonni biiroo Digirii Doktireetii ykn Digirii Sadaffaa kan qaban haa ta'aan jedha.

Doktoroonni biyya keenya keessa jiran muraasadha. Baay'een isaanii gargaarsa Mootummaa tiin biyya alaatti kan baratanidha. Yeroo durii koolleejjiiwwan dhuunfaa barsiisota dhaabbilee Mootummaa irraa qooddachuun barsiisaa turan.

Kunis gaaffii yeroo kaasisu qaamoleen Mootummaa iddoo jiranitti mariin taasifamaa ture. Barsiisonni Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa iddoowwan lamaanittuu akka barsiisan akka isaaniif eeyyamamu jechuudha. Sababni isaas Yuunivarsiitiiwwan Mootummaatti sagantaa tokko keessa barsiisonni Digirii Sadaffaa qaban hedduun jiru, yeroo gahaa qabu, dhiibbaan itti hin baay'atu. Kanaafuu dhaabbilee dhuunfaattis haa barsiisan kan jedhu ture marichi.

Mariin kun dhuma isaa irra erga gahe booda gara duubaatti deebi'e. Sababni isaa hin beekamu. Sababa kanaan barsiisota Doktoroota hin argannu.

Sadarkaa guddaa irra kan jiru Diinii irraa kaasee hanga hojjettoota biirootti Doktoroota haa ta'aan jedha qajeelfamichi. Hanga Digirii lammaffaatti kan barsiisan Doktoroota haa ta'aan kan jedhu irratti walii galla, garuu hojjettoonni dhaabbatichaa hundi doktoroota haa ta'aan kan jedhu garuu hin deemsisu. Gabaa keessa humni namaa gahaan hin jiru.

 3. Qabxiin sadaffaan :- Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam waliin kan wal qabate dha. Qormaata Bahumsaa dhaabbilee barnoota olaanootiin, yoo xiqqaate dhaabbanni barattoota isaa qormaata bahumsaa 25% hin dabarsine cufamuu akka qabu ibsa madaallii kana irratti. Madaallii kana hojii irra oolchina yeroo jennu rakkoo fida.

Fakkeenyaaf:- bara 2016 qormaata bahumsaa tureen Dhaabbileen barnootaa 202 barattoota isaanii dhiyeessanii, dhaabbileen 25 barataa tokkoyyuu hin dabarsine. Barattoota 25% fi isaa ol kan dabarsanis dhaabbilee 27 dha. Kanaan ala kan jiran ni cufamu jechuudhaa? kanaafuu madaalliin kun kan bira gahamu miti. Kuni adeemsaan malee al tokkoon hojii irra haa oolu jedhamuu hin qabu.

4. Madaalliin rakkisaa kan jennu inni Arfaffaa ammoo iddoo Ispoortii jedhamuun kan ka'aamedha. Kunis gama muraasaan kan hin deemsisnedha.

Dhaabbata haaraa yoo ta'e ammoo qarshii walakkaa Miiliyoonaa account cufaa ykn herreega Baankii irra kaa'uu qaba kan jedhus jira. Kuni baay'ee cimaadha. Dhaabbileen haaraa meeshaalee garaa garaa ittiin guutuu qabu qarshii kana.

Barataan gabaa irra jirus xiqqaadha. Madaallii qajeelfama kana irra jiran hunda guutanii irra deebiin galma'aan osoo jenneeyyuu, dhaabbileen kunneen yoo barattoota kan hin arganne ta'e cufamuun isaanii hin oolu. Kanaafuu yaalaa, sirni barnootaa kuniyyuu ofii isaatiin gabaa keessaa isin baasadha kan isaan nuun jechaa jiran gabaabumatti. Kuni hundi ida'aamee haalicha ulfaataa taasisa.

Qajeelfama haaraa irratti yaada kennineerra. Gama hawaasa keenyaatiin dhimma fooyya'uu qaba jennu sanadaan qopheessinee galchineerra, sirreeffamni tokkoyyuu hin taasifamne, gaaffiin keenya deebii hin arganne.

Waltajjiin Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii qopheesses, qajeelfama kana beekaa kan jedhu malee, qajeelfama kana irratti haa mari'annu kan jedhu hin turre. Yaada keenya fudhadhaa hojii irra oolchaa kan jedhu irratti wal falmii guddaatu ture, nama nu dhaga'u hin arganne. Qajeelfamni jalqaba nu beeksisan mirkanaa'eetu gara hojiitti kan seename.

Gaaffiin keenya tarkaanfiin kun adeemsaan hojii irra ooluu qaba ture kan jedhudha. Guyyaa tokkoon wanta hunda bu'uura isaa irraa haa jijjiirru jechuun ni ulfaata, dhiibbaa garaa garaas ni geessisa. Barattoonni dhaabbata tokko irraa gara dhaabbata biraatti deemuun rakkachaa jiru. Dhaabbileen hojjettoota isaanii hedduu gadhiisan jiru. Hojimaanni dhaabbilee sirna isaa qabachuu qaba, garuu ammoo kun ta'uu kan danda'u adeemsaani. Kuni ilaalamuu qaba.»

Yeroo itti aanutti deebii fi ibsa Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii Itoophiyaa qabannee dhiyaanna odeeffannoo haaraa karaa Telegram argachuuf Qubee Media join taasisaa.

Post a Comment

0 Comments