Subscribe To Our YouTube Channel

Qo'annaa Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 1ffaa :- Hiika Kitaaba Qulqulluu fi Maalif Kitaaba Qulqulluu jedhame?

Qo'annaa Kitaaba Qulqulluu 

Kutaa 1ffaa

Hiika Kitaaba Qulqulluu



Seensa :- Koorsii Afuurawaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo «Qo'annaa Kitaaba Qulqulluu» jedhu kana har'a irraa jalqabee kan isiniif dhiyeessinu yoo ta'u, isinis dubbisaa hiriyoota keessan Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo ta'aaniif qoodaa!

Kitaaba Qulqulluu Jechuun Maal Jechuudha?


Jechi Kitaaba Qulqulluu jedhu jechoota «Kitaaba» jedhuufi «Qulqulluu» jedhu irraa jecha argame yoo ta'u jechi «Kitaaba» jedhu barreeffama bakka tokkotti hidhamee (walitti qabamee) argamu yommu ibsu; jechi «Qulqulluu» jedhu hiika kan filatame kan adda bahe kan kabajame jedhu kenna. Kanaafuu Kitaaba Qulqulluu jechuun barreeffama bakka tokkotti hidhamee (walitti qabamee) argamu barreeffama kabajame jechuudha.

Kitaabni Qulqulluu maalif Qulqulluu jedhame?


A. Argamsiisaan Kitaaba kanaa Waaqayyo Gooftaan Qulqulluu waan ta'eef.

Kan Waaqayyoo kan ta'e hundi Qulqulluu dha waan ta'eef. Kitaaba Qulqulluu irratti akkas kan jedhu barreeffamee jira;

«Ani Waaqayyo Uumaan keessan Qulqulludhaatii Isinis Qulqulloota ta'aa!» Seera Leewotaa 19:2.

Namoonni Waaqayyoof adda yommuu ba'aan, jechuunis Waaqayyo hojii adda ta'eef yommuu isaan filatu Qulqulluu jedhamu. Waaqayyo Hangafa Raajotaa Museedhaan «Kana hunda obboleessa kee Aaroniin, isa wajjinis ijoollee isaa ni uffifta luboota ta'anii akka tajaajilan isaan dibda isaan qulqulleessitas» kan jedhe. Ba'uu 28-40-41. «Kan isin waame Qulqulluu akka ta'e isin ammoo jireenya keessan hundaan Qulqulloota ta'aa!» 1 Pheex. 1-15-16.

B. Namoonni Qulqulluun Afuura Waaqayyoon durfamanii kan barreessan waan ta'eef.

«Raajii Kitaaba keessa jiru hunda eenyuyyuu ofiisaaf (akka fedhii mataa isaatti) hiikuuf hin eeyyamamneef, raajiin eeyyama namootaan hin dhufneetii; haa ta'uutii Waaqayyoon ergamanii namoonni Qulqulluun Afuura Qulqulluun durfamanii dubbatan!» 2 Pheex. 1:20 -21.

C. Namoota gara Qulqullinaatti kan geessisu waan ta'eef Qulqulluu jedhameera.

Kitaabolii kabajaman amananii fudhachuun sagalee Waaqayyoo dhaga'udha. Gara dhugoominaa gahuuf duraan dursee amanuun barbaachisaadha. «Amantiin dhaga'uunidha; dhaga'uunis sagalee Waaqayyonidha» akka jedhame. Room. 10:17. Sagalee Waaqayyoo kan dhaga'an hundi gara Qulqullinaa ga'uun isaanii hin shakkamu. Kanaafidha Qulqulluun Yohaannis «Sagalee raajii kitaaba kanaa kan eegu eebbifamaadha!» Mul. 2:7 jechuun Waaqayyo Gooftaan kan isaaf ibse.

D. Namoota dubbisanii fi dhaga'an waan eebbisuuf.

Kitaabolii isaan kaan dubbisuun gorsii fi beekumsi ni argama. Kitaaba Qulqulluu dubbisuunii fi sagalee isaa dhaga'uun garuu eebba ni arganna. Mul. 1:3.

E. Ijoolleen namaa osoo hin uumamiin dura haala jiru mirkaneessee waan dubbatuuf.

Kitaabolii Qulqulluu keessatti duraan dursanii kan raawwatan hunda yommuu ibsu tilmaamaan yookaan ni ta'aa laata jedhamee osoo hin taane haala mirkaneeffameen dubbata.

Fakkeenyaaf:- «Waaqayyo duraan dursee samiifi lafa uume» Uma 1:1.

Egaan caqasa armaan olitti ilaalle irraa kan hubannu «Waaqayyo samiifi lafa osoo hin uumiin hin hafne yookaan uumeet ta'a» osoo hin taane «Uume» jechuu isaa hubachuun barbaachisaadha.

Kunis adda isa taasisa.

F. Gara fuulduraatti kan raawwatamu mirkaneessee kan dubbatu waan ta'eef.

Kitaabni Qulqulluu kan darbe akka mirkaneessu hunda kan dhufus shakkii tokko malee mirkaneessee kan dubbatu waan ta'eef addadha. Kitaaboliin kanneen biroo dhimma gara fuulduraa dhufu tilmaama isaanii qo'annaafı qorannaan yookaan tilmaamaan «Akkas ta'uu danda'a» yoo jedhan malee «Akkas ta'a» jechuun mirkaneessanii hin dubbatan.

Fakkeenyaaf :- Raajiin Isaayyaas «Kunoo durbi garaatti ni baatti mucaa ilmaas ni deessi; maqaa iaas Amaanu'eel jettee ni waamti.» jedhe malee «Garaatti ni baatti ta'a; ni deessi ta'a; Amaanu'eel jedhamuu danda'a» hin jenne. Isaa. 7:14. Raajiin Isaayyaas waa'ee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos raajiin dubbate kan raawwate inni dubbatee waggaa dhibba torba (700) booda yoo ta'u, jecha raajii isaa irraa homtuu osoo hin raawwatiin kan hafe hin jiru.

Akkasumas Qulqulluun Daawwit waa'ee dhufaatii lammaffaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos mirkaneessuun «Kabaja miidhagina isaa Tsiyoon irraa Waaqayyo ifa ta'ee ni dhufa.» jedhe malee «Ni dhufa ta'a» yookaan «Dhufuu hin dhiisu» hin jenne. Faar. 49:2

G. Barri kan isa hin jijjiirre waan ta'eef

Kitaabni Qulqulluu kan hin dulloomne; baay'inni waggootaa kan isa hin daangessine kan bara baraati. Caqafama Kitaaba Qulqulluu kan armaan gadii hubannee haa ilaallu.

«Sagaleen Waaqayyoo garuu bara baraaf jabaattee ni jiraatti» Isaa. 40:8.

«Samii fi lafti ni darbu sagaleen koo garuu hin darbu» Maat. 24:25.

«Sagaleen Gooftaa bara baraaf ni jiraata» 1 Pheex. 1:25.

H. Kabaja Qulqullootaa kan dubbatu waan ta'eef Qulqulluu jedhameera.

Waa'ee haadha Waaqayyoo Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, waa'ee Ergamoota Qulqulluu, waa'ee Qulqullootaa, waa'ee Dhugoomtotaa, waa'ee Wareegamtootaa waan dubbatuuf Qulqulluu jedhameera. Faar. 4:3

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Itti fufa!

Madda :- Kitaaba «Qo'annaa Kitaaba Qulqulluu»

Post a Comment

0 Comments