Subscribe To Our YouTube Channel

Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Addunyaa fi Itoophiyaa sadarkaa Addunyaatti

Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa fi Addunyaa 


Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwanii baheen Yuunivarsiitiiwwan biyya keenyaa sadarkaa meeqa irratti argamu?


Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Addunyaa


Yuunivarsiitiin Harvaard sadarkaa 1ffaan dursaa jira.

Yuunivarsiitiin Keeppi Taawun Afriikaa irraa dursaa jira.

Yuunivarsiitiin Itoophiyaa 6 sadarkaa «Global 2000» keessa galaniiru.

Giddu galli Yuunivarsiitiiwwan Addunyaatiif sadarkaa baasu dhaabbilee barnootaa 21,462'f sadarkaa kan kenne yoo ta'u, isaan kana keessaas sadarkaa guddaa irra kan jiran «Global 2000» jalatti hammateera.

Giddu galli kun sadarkaa Addunyaatti madaaluuf qabxiilee daataa Miil. 74 iddoowwan gurguddoo afuritti qooduun gamaggameera. Isaanis;

Qulqullina barnootaa (25%)
Qacarrii (25%)
Qulqullina Faakaalitii (10%)
Raawwii qorannoo (40%) dha.
 
Yuunivarsiitiin beekamaan biyya Ameerikaa Yuunivarsiitiin Harvaard waggoota walitti aanan kudha afuriif sadarkaa tokkoffaan dursaa jira. Dhaabbanni Teeknooloojii Massachusetts fi Yuunivarsiitii Stanford sadarkaa lammaffaa fi sadaffaa qabataniiru. Yuunivarsiitiin Cambridge fi Yuunivarsiitiin Oxford ammoo sadarkaa arfaffaa fi shanaffaa irratti argamu.

Yuunivarsiitiin Piriistan, Yuunivarsiitiin Pennsylvania, Yuunivarsiitiin Kolombiyaa, Yuunivarsiitiin Yeel fi Yuunivarsiitiin Chicago sadarkaa Jahaffaa hanga kurnaffaa kan jiru kan qabatan yoo ta'u hundumtuu dhaabbilee dhuunfaa Ameerikaati 

Gama biraatiin, Chaayinaan Yuunivarsiitiiwwan ishee 346 «Global 2000» keessa kan galchite yoo ta'u, Yuunivarsiitiiwwan hedduu Global 2000 keessa galchuun dursa irratti argamti.

Afriikaa irraa Yuunivarsiitiin Afriikaa Kibbaa Keeppi Taawun dursaa kan jiru yoo ta'u, Addunyaa irraa ammoo sadarkaa 271 irratti argama.

Sadarkaa Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa 


Yuunivarsiitiin Finfinnee Itoophiyaa irraa sadarkaa tokkoffaa irratti kan argamu yoo ta'u, akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 808 irratti argama.

Yuunivarsiitiin Gondar ammoo biyya keenya Itoophiyaa irraa sadarkaa lammaffaa fi akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 1607 irratti argama.
 
Yuunivarsiitiin Jimmaa Itoophiyaa irraa sadarkaa sadaffaa, akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 1701 irratti argama.
 
Yuunivarsiitiin Maqalee Itoophiyaa irraa sadarkaa arfaffaa akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 1757 irratti argama.

Yuunivarsiitiin Baahir Daar Itoophiyaa irraa sadarkaa shanaffaa fi akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 1803 irratti argama.

Yuunivarsiitiin Haramaayaa akka Itoophiyaatti sadarkaa jahaffaa fi akka Addunyaatti ammoo sadarkaa 1903 irratti argama.
 
Odeeffannoo barnootaa karaa Telegram argachuuf channel keenya Qubee Media join taasisaa!

Post a Comment

0 Comments