Subscribe To Our YouTube Channel

Wareegamummaa Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluu Phaawuloos

Guyyaa Wareegamummaa Qulqulluu Phaawuloos fi Pheexiroos : Adoolessa 5

Qulqulluu Phaawuloos 

Seenaa Dhaloota Qulqulluu Phaawuloos 


Phaawuloos jechuun meeshaa qulqulluu jechuudha. Meeshaa qulqulluu koon si taasisa akkuma jedhe HDB. 9:15. Maqaan isaa kan jalqabaa Saa'ool jedhama ture. Saa'ool jechuunis kennaa Waaqayyo jechuudha. Phaawuloos biyyi isaa Israa'eel gosa Biniyaam irraa iddoo magaalaa Xarsees jedhamtutti dhalate. Lamummaa saba Roomaa qaba ture. Kunis Room kun dur kanneen bulchiinsa ishee jala jiraniif lammummaa kennaa waan turteef. Phaawuloos waggaa 15 yemmuu guutu Xarseesii gara biyyaatti deebi'ee Gamaaliyaal irraa barumsa seera Yihudootaa hanga waggaa 30 tti barate. Innis jalqaba yemmuu Gooftaan barsiisu Iyyerusaaleem waan tureef seera Yihudootaaf inaafaa waan tureef Kiristaanota ari'aa, ajjeesaa ture HDB. 8:1.

Waamamuu Qulqulluu Phaawuloos 

Kana boodas inaaffaa isaa kana cimsuun waraqaa eeyyamaa kan Kiristaanota hunda inni akka ajjeesuuf kennameefis waggaa 32ffaa isaatti fudhatee Iyyerusaalemii gara Damaasqoo deemee uummata Kiristaanota ajjeesuufis karoorfatee karaa eegale. Gara Damaasqoo ga'ee yemmuu magaalattii galuuf jedhu garuu, Gooftaan sagalee isaa dhageessisee «Saa'ool Saa'ool maaf na ari'atta» jedheen.


HDB 9:4 Saa'oolis «Ati eenyu?» jedhee yeroo gaafatu «Ani Iyyesuus is Naazireet» jedheen. Yeroo kanas kufee maal godhu jedhee kadhate. Kiristoosis waan gochuu qabu itti hime. Gara magaalaattis galee iji isaas arguu waan dhadhabeef, Lubni Hanaaniyaa jedhamu tokko kadhateefii cuuphamee Kiristaana ta'ee, iji isaas ni banamteef sana booda gochaa isaa duraa sanatti hin deebine Gal. 1:12. Erga cuuphame boodo Qulqulluun Phaawuloos gara biyyoota Arabaa deemee wangeela mootummaa Waaqayyo barsiisaa tureera.

Hojii Tajaajila Afuuraatiif Erga Deebi'e booda Hojiiwwan Hojjete

Biyyoota garaa garaatti wangeela barsiisee, hidhamee waan hedduu argee ergaawwan kitaaba qulqulluu 14 barreessees jira. Ayihuudonni waan turaniif waanuma hundaan sababa itti barbaadanii isa reebaa turan. Yeroo tokko Siilaas waliin hidhamee halkan qixxee yoo ta'u sagalee isaa ol fuudhee yoo kadhatu ifti manicha guutee karri hundi banamee ture. Waardiyyaan isaaniis namoonni hidhaman hundi waan deemanii ba'an itti fakkaatee goraadee isaa luqqifatee of ajjeesuuf gaafa jedhu, Phaawuloos garuu «Hundi keenya jirra, namni tokko osoo hin badiin ati ammo of ajjeestaa?» jedheen waardiyyichis osoo of hin ajjeesiin dhiiseera HDB. 16:39.

Qulqulluun Phaawuloos, saba naannoo itti barsiisu fakkaatee barsiisuudhaan ogummaa addaa qaba. Warra Waaq-harkeetti bulanis akka nama Waaq-harkeetti buluu ta'uudhaan isaan barsiiseera. Yeroo tokko Qulqulluu Pheexiroosii fi Yohannisiin Antsookiyaa dhaqaa barsiisaa jedheen isaanis duumessaan achi gahan. Yeroo kana uffata luboonni waaq-harkee uffatan uffatee Qulqulluun Phaawuloos dhufe. Magaalattii keessa ol seenee balbala rukutee, uummataanis ani Qeesaar irraa ergameen dhufe namoonni gooftaa Kiristoos fudhaa jedhanii lallaban akka jiran dhagaheen dhufe. Amma dafaa warra akkasii walitti naa qabaa jedheen. Isaaniinis gara kootti fidaa jedhee ofitti waamee, «Uummata fuulduratti mee maal jettanii barsiistu?» jedheen.

Isaanis Gooftaan dhalatee, du'ee, dhala namaa fayyise isa malee gooftaan biraa hin jiru jennee barsiifna jedhaniin. Yeroo kana sobdoota jedhee Pheexiroosiin kaballaadhaan dhahe akkamitti gooftaan du'aa ka'a? jedheen. Pheexiroos immoo wanta hojii duraa isaa sanatti deebi'ee itti fakkaatee, Phaawuloos gara hojii kee duraatti deebitee jedheenii ture. Qulqulluun Phaawuloosis egaa mee erga du'aa kaastu ta'ee, kan du'e kaasaatii anatti agarsiisaa isaanin jedhe, mucaa mootichaa erga du'ee waggaa 2 ta'e naaf kaasaa isaaniin jedhe.

Isaanis mucaa du'e kana kadhannaadhaan ni kaasan innis yeroo isaan mucicha kaasuuf kadhatan innis Qulqulluu Pheexiroos fa'a duukaa garaa isaatti ni kadhata ture. Yeroo kana mucichi eenyutu du'aa si kaase? jedhanii yemmuu gaafatanitti bifa Qulqulluu Phaawuloos barbaadee isa kanatu na kaase jedhee dubbate. Phaawuloos gara hojii isaa duratti deebi'innaa laata jedhanii Pheexiroos fa'a shakkanii waan turaniif malee, kadhannaan kanuma hunda isaanii ture. Uummanni walitti qabaman sunis ajaa'iba kana yemmuu argan amananii cuuphamaniiru. Boodas bara 65 tti yommuu sababa gubachuu magaalaa Roomaatiin Neeroon Qeesaar Kiristaanota ajjeesaa turetti magaalaa Niqoophiliyoon jedhamtutti yemmuu barsiisu qabamee mana hidhaa gale. Waggaa lamaa fi baatii jaha mana hidhaa keessatti erga hidhamee booda wareegame.

Ayyaanni yaadannoo Qulqulluu Phaawuloos Adoolessa 5 yaadatama. Guyyaan Qulqulluun Phaawuloos itti wareegame, kan Qulqulluu Pheexiroos waliin tokko waan ta'eef ayyaanni isaanii biyya keenyatti ayyaana Qulqulluu Phaawuloosii fi Pheexiroos jedhamee yaadatama ykn kabajama.


Hangafa Duuka Bu'ootaa Qulqulluu Pheexiroos

Qulqulluun Pheexiroos galaana Galiilaa cinatti kan argamtu Beetesayidaa iddoo jedhamtutti dhalate. Abbaan isaa Yoonaa jedhama. Umurii isaa waggaa 5 irraa eegalee magaalaa Qifrinaahoomitti guddate. Yeroo dargaggoomu obboleessa isaa Indiriyaas waliin galaana Galiilaa keessaa hojii qurxummii qabuu irratti bobba'ee ture. Yeroo gooftaan hojii Wangeelaaf isa waamu nama waggaa 55 ture. Gooftaan na duukaa bu'i gaafa jedhu kiyyoo ittiin qurxummii qabu gatee nama gooftaa duukaa bu'edha.

Maqaan isaa jalqabaa Simi'oon jedhama ture. Maqaa kanas kan laatteef haati isaa qomoo Simi'oon keessa waan turteef akka isheen itti moggaaste ni dubbatama. Maqaa dabalataa Keefaa jedhamus qaba ture. Maqaa Pheexiroos jedhu garuu kan itti moggaase Gooftaa Iyyesuus Kiristoos ture, Iddoo inni itti moggaases magaalaa Qiisaariyaa keessatti namoonni eenyu naan jedhu jedhee gaafa gooftaan gaafatu ati ilma Waaqayyo jiraataati jedhee waan deebiseef Gooftaan maqaa Pheexiroos jedhamu laateef maqaan kun afaan warra Laatiniin dhagaa kattaa jechuudha Maat. 16:16.

Amaloota Qulqulluu Pheexiroos 

• Amala gara laafummaa, ariifachuu fi dheekkamuu yeroo gooftaan keenya miila isaan galaana Xibriyaadoos irra adeemuu argee anis gara keen dhufa naaf eeyyami jedhee gara gooftaa bishaan irra deemee dhaquuf nama yaaledha Maat. 14:22-23.

• Namoonni baay'een yeroo gooftaa dhiisanii teellaatti deebi'an isinis deebi'uu barbaadduu? Gaafa gooftaan ittiin jedhu siin jireenya bara baraa dhiisnee eessa dhaqna jedhee nama ariifatee deebiseedha Yoh.6:66-68.

• Jaalala gooftaaf qabuuf jecha yeroo gooftaan waa'ee du'a isaatii dubbatu ati hin duutu jedhee gooftaa kan mormeedha Maat. 16:23.

• Dabalataanis si wajjinan du'a jechuudhaan kan dubbatedha. Maat. 26:34.

• Jecha isaa kana raawwachuuf jechas gaafa gooftaa keenya qaban albee kaasee gurra Maalkoos rukutee irraa kan kuteedha Yoh.18:10.

• Haa ta'u malee utuu Lukkuun hin iyyiin si'a sadi kan ganedha.

• Haa ta'u malee qalbii jijjiirachuudhaafis kan ariifatudha. Maat..26

• Hundumaa dhiifnee si duukaa buuneerra yaa Gooftaa maal argannaree jechuudhaanis gooftaa kan gaafateedha. Maat. 19:27-28.


• Gooftaa keenyaaf yaaduu irraan kan ka'e ati maalif hin raftu? jedhee gaafa gaafatu, gooftaan keenya immoo xoofoo bareedaa ta'etti bishaan guutee dhugi jedhee laateef, Pheexiroos ammoo osoo hin dhugiin irribni isa qabatee rafe. Harka isaa keessaas lafa dhahee caccabe. Yeroo hirribaa dammaqu qodaan sun cabee bishaan sunis dhangala'ee jennaan guddaa na'e. yeroo kana gooftaan keenya anis addunyaa kana barruu koo irrattin baadhee jira, yoon akka kee kana rafe addunyaan kun caccabdee baddi jedhee barsiise.

• Dhuma irratti Gooftaan Iyyesuus Kiristoos na jaal'attaa jedhee gaaffii sadii yeroo dhiyeessuuf ariitii isaa kanaan duraa hubachuudhaan akkan si jaal'adhu atuu beekta kan jedhedha. Yeroo kana gooftaan keenya immoo ilmoolee koo, xobbaallaa koo, hoolota koo eegi jechuudhaan imaanaan kan itti kennamedha. Du'a akkamiin akka du'us kan itti himamedha Yoh. 21:15 kaasee dubbisaa.

• Erga gooftaan du'ee booda bartoota nama saddeet fudhatee qurxummii qabuudhaaf lagatti gadi bu'ee halkan guutuu dhadhabaa yoo bule iyyuu gooftan itti mul'atee karaa harka mirgaa kiyyoo kee darbadhu yeroo inni jedhu akka jecha keetti nan darbadha jechuudhaan qurxummii hedduu kan qabuu danda'edha Yoh 21:1-15.

• Waa'ee du'aa ka'umsa gooftaa keenyaa Maariyaam Maqdalaawwit irraa dhaga'ee du'aa ka'uu gooftaa keenyaa kan argedha.

Hojiiwwan Qulqulluun Pheexiroos Hojjete

➤ Yeroo Gooftaan keenya ol ba'e Biitaaniyaatti bartoota hundumaa walitti kan qabedha. HDB 1:1-9.

➤ Erga Gooftaan keenya ol ba'ee booda akkuma raajiin dubbatameef iddoo Yihudaa Maatiyaasiin kan filedha. HDB. 1:15-23.

➤ Gooftaan erga du'a mo'ee ka'ee ol ba'ee guyyaa kudhan booda ayyaana Phaaraaqilixoos irratti namoota qooqa garaa garaa qaban kennaa afuura Qulqulluutiin guutamee raajiin dubbatamee tures akka raawwatamuuf Iyyu'eel 2:1 kaasee dubbisaa. Qooqa 71 n barsiisuudhaan namoota 300 kan amansiiseedha HDB. 2:14-37.

➤ Dargageessa waggaa 40'f naafa ta'ee mana qulqullummaa keessa jiraachaa kan ture kadhannaa isaatiin kan fayyisedha HDB. 3:1.

➤ Ija jabummaadhaan Mana Qulqullummaa keessatti argamee waa'ee waaqummaa Iyyesuus Kiristoos kan barsiisedha HDB. 4:1-22.

➤ Anaaniyaa fi Siphiiraa Hafuura Qulqulluu gowwomsuu warra barbaadaniif kan saaxila baaseedha HDB. 5:1-14.

➤ Diyaaqonoota 7 hojii mana Waaqayyoo akka hojjetaniif kan filedha HDB. 6:1.

➤ Gaaddidduu isaatiin dhukkubsattoota fayyisee ajaa'iba garaa garaas kan godhedha. HDB. 5:15.

➤ Simi'oon masarrii nama jedhamu biyya Samaariyaa keessatti kan nama dogoggorsiisaa ture nama leeyyaasisedha HDB. 8:4-25.

➤ Mucaa durbaa Xaabittaa jedhamtu du'a keessaa kaaseera HDB. 9:36 kaasee.

➤ Eeniyaa kan jedhamu waggaa 8 irraa kaasee naafa ta'ee ciisaa kan ture fayyiseera. HDB. 9:32-34.

➤ Biyya Qeesaariyaa keessa kan jiraatu Qoorneliyoos kan jedhamu maatii isaa guutummaa cuupheera HDB. 10:1-dhumaa.

➤ Bara 50 keessa wal gayii abbootii amantii magaalaa Antsookiyaatti gaggeeffame walitti qabaa ta'uudhaan gaaffilee dhiyaataniif deebii laatee akka murta'aan taasiseera HDB. 15:1.

➤ Waggaa tokkoof bartoota walii galaa wajjiin tokkumma'anii Iyyerusaalemii fi naannoo ishee barsiisaa turan Maat 28:18-19 irratti barreeffamee akka jiru gara daarii biyya lafaa deemaa barsiisaa waan jedhameef carraa hundumaaf buusee akka isaan lafa carraa isaanii deeman abbummaan taasiseera.

➤ Ofii isaatiif immoo biyya Samaariyaa, Lidaa, Iyyoophee, Antsokiyaa, Pheeniixos, Galaatiyaa, Qaphidooqiyaa, Beetaaniyaa fi magaalaa Room keessa naanna'ee barsiiseera. Keessumatti immoo magaalaa Room keessa waggaa 25f teessoo Phaaphaasii isaatii ta'uudhaan barsiisaa ture. Duuka bu'aan isaas Qaaleminxoos ture.

➤ Qulqulluun Pheexiroos kan inni barsiise akka hin irraanfatamneef ergaa isaa isa jalqabaa bara 54 keessa biyya Baabiloonitti barreesse. Ergaa isaa isa lammaaffaa ammoo bara 60 keessa magaalaa Roomitti barreesse.

Seenaa Boqonnaa fi Wareegamummaa Qulqulluu Pheexiroos

Qulqulluun Pheexiroosii fi Phaawuloos waggaa tokkoof waliin ta'anii biyya Roomaa keessatti waan barsiisaniif amantoonni ni baayyatan. Keessumatti haadha manaan moototaa kan Albinoosii fi Agiriiphaa amananii Kiristaana ta'an kun ammoo moototaa fi qondaaltota biyyattii baay'ee aarse.

• Mootiin Neeroon bara 54 keessa yeroo muudame nama tolaa ture waggaa tokko booda garuu nama hamaa ta'ee abbaa isaa ajjeese, bara 59 keessa immoo harmee isaa summiidhaan ajjeese, bara 62 keessa immoo haadha manaa isaa Agitaabiyaan jedhamtu ajjeese bara 63 keessa immoo barsiisaa isaa ajjeese dhuma irratti bara 64 keessa magaalaa Roomitti ibidda qabsiise. Balaa uumame kanaaf namoonni baay'ee aaran. Mootichi Neeron garuu balaa kana kan geessisan akka waan Kiristaanota ta'aniitti naannessee isaan irra kaa'e.


Kanarraan kan ka'e magaalattii keessatti oduun gosa lama odeeffamuu jalqabe.

1. Waaqolii Roomaa keessaatu Kiristaanota irratti aaree gube.

2. Kiristaanotatu magaalaa keenya gube kan jedhu ture. Oduu kana irraan kan ka'e namoonni Roomaa keessa jiraatan hundi Kiristaanota adamsanii ajjeesuu eegalan. Yeroo kana dubartoonni moototaa amanan hundi Qulqulluu Pheexiroosiin ati nuuf hafuu qabda jedhanii guuboo keessa ka'aanii funyoodhaan Masaraa ykn gimbii Roomaadhaan lafa buusanii akka inni gara bosonaatti baqatu taasisan. Yeroo kana Qulqulluun Pheexiroos daandii gara Hoppiyaam nama geessu qabatee imala isaa eegale.

Daandii irratti dargageessi diimaan tokko utuu itti dhufuu argee yeroo hubatee ilaalu gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha Pheexiroosis fuuldura isaatti kufee maal yaa gooftaa eessa deemta jedhee gaafate yeroo kana si'a lammaffaaf Roomaa keessattin fannifamuu deema jedheen. Qulqulluun Pheexiroos Gooftaan dursee Yoh 21:18 irratti du'a akkamiin akka inni du'u qabu kan inni itti himee ture sana yaadatee ni boo'e, hin ta'u yaa Gooftaa anatu dhaqee fannifamuu qaba jedhee magaalaa Roomaa keessatti utuu isa barbaadaa jiranii waltajjii irra dhaabbatee waa'ee gooftaa dhugaa ba'uu isaa itti fufe. Loltoonnis qabanii Adoolessa 5 bara 67 yeroo fannisuuf jedhan gadi gombisaa na fannisaa jechuudhaan gadi gombifamee fannifamuudhaan wareegame. Yeroo sana Qulqulluun Phaawuloos mana hidhaa keessa ture, isa ammoo mana hidhaa keessaa fiduudhaan saggoo irraan morma isaa kutanii guyyaama kana innis wareegame.

Ajaa'ibaa Guyyaa Wareegamummaa Qulqulluu Pheexiroos fi Phaawuloos hojjetame

1. Morma isaa irraa muruudhaaf utuu fuudhanii deemanii intalli mootichaa kan amante tokko Qulqulluu Phaawuloos kafana kee naaf kenni ittiin jennaan laatteefii turte. Yeroo morma irraa muranii deebi'an isheen ammoo Phaawuloos akkam ta'e yeroo ittiin jettu kafana kee itti aguugnee ajjeefnee dhufne ittiin jennaan isheen immoo maa sobdu erga isin dabartanii booda utuu isin hin deebi'iin Qulqulluu Pheexiroos wajjiin kafana koo naaf kennanii amma darbanii ittiin jettee kafanicha itti agarsiifte. Isaanis maal ajaa'ibni kun jedhanii dinqisiifatan. Duuka bu'oonni isaa dhokotanii morma isaa cite walitti fidanii yeroo kafanuuf jedhan walitti hodhamee seeraan fuudhanii awwaalaniiru. 

Xumura Mooticha Neeroon

Mootichi Neeroon kun abbootiin amantii kun akka isaan wareegaman erga taasisee booda hammeenya isaa kan itti fufe yoo ta'ellee uummanni itti dammaqanii waan irratti ka'aniif magaalattii gadi dhiisee baqatee bara 68 keessa hojjetaan isaa tokko seefiidhaan isa ajjeese.

Kadhannaa fi sugni isaanii hunda keenya irra oolee haa jiraatu Ameen.

Post a Comment

0 Comments