Subscribe To Our YouTube Channel

𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐦𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢𝐢 𝐎𝐫𝐭𝐨𝐝𝐨𝐤𝐬𝐢𝐢 𝐓𝐚𝐰𝐚𝐚𝐡𝐢𝐝𝐨𝐨 𝐈𝐭𝐨𝐨𝐩𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐆𝐮𝐮𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐀𝐝𝐝𝐮𝐧𝐲𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢

Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Addunyaa alaatti Seenaa isheen dabarsite

Biyya Qulqulleettii Iyyerusaaleemitti

Manni Kiristaanaa Itoophiyaa biyya keenyaan alatti babaldhachuu kan jalqabde yeroo durii irraa kaaseetu. Yeroo jalqabaatiifis Jaarraa 4ffaa keessa Biyya Qulqulleettii Iyyerusaaleemitti Itoophiyaanonni Gadaamiiwwan ykn Kawaalota hundeessanii akka ture bara 386 A.L.A tti Iyyerusaaleem kan ture Abbaan Mana Kiristaanaa Laatinii Qulqulluun Jiroom barreesseera. Abbootiin keenya gaggaariin yeroo sana turan gara Iyyerusaaleemitti deemuun Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos iddoo itti dhalate Beetaliheemitti, iddoo itti Cuuphame Yordaanoositti, iddoo itti Fannifame Qaraaniyootti, Golgootaatti akkasumas Geeteesemaaniitti Iddoo haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam itti awwaalamtee turte, Tulluu Tsiyoonitti, Abrahaam ilma isaa Yisihaaq iddoo itti aarsaaf dhiyeessuuf ture ykn iddoo itti Abrahaam ilma isaa aarsaaf dhiyeesse ..... fi iddoowwan kana fakkaatanitti Gadaamiiwwan hundeessan. Kana yeroo taasisanittis gargaarsi Mootota Itoophiyaa isaanirraa adda hin ba'u ture.


Ibsa Suuraa :- Naannawaa fi keessoo Gadaamii Deer Sulxaan Iyyerusaaleemitti argamu (karaa harka bitaa kan jiran lamaan) fi Abbootii keenya Waggoota dhibba dura gara Iyyerusaaleemitti deeman ykn dhufan

Madda Suuraa :- Fuula Blog «Daniel Kibret Views»

Fakkeenyaaf Atsee Kaaleeb teessoo Mootummaa isaanii dhiisanii gara Minnanee ykn gara Minkusinnaa gara Gadaamii Abbaa Phanxalewoonitti yeroo deeman Goonfoon Mootummaa isaanii Mana Kiristaanaa Itoophiyaa Qaraaniyootti argamu keessa akka taa'uuf erganiiru. Bara Mootummaa Zaaguweettis Mootichi Harbee (Jaarraa 11ffaa) qarshiidhaan, wanta isaan barbaachisu hundaan gargaaraa akka tureefi biyyoota kaan ykn biyyoota kan biroo waliin karaa Gadaamii sanaatiin walitti dhufeenya uuma ture. Akka Lakkoofsa warra Awuroppaatti naannoo bara 1422 tti Sulxaan Baarbiin iddoo itti gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos awwaalame yeroo cufetti, hojii isaa kana irraa yoo of hin qusanne gara waraanaatti akka deemuu fi hatattamaan akka banuuf Atsee Yisihaaq taasisaniiru. Jaarraa 14ffaa keessas Atseen Zara Yaa'iqoob qarshiidhaanis ta'e wanta kamiinuu isaan gargaaru ture. Inumaayyuu Zayilaa irraa qaraxa argamu irraa Warqeen Waqeetii 100 waggaa lama lamaan akka ergamuuf taasisaniiru. Xalayaa fi Kitaabolees erguudhaan isaan jajjabeessu ture.


Jaarraa 16ffaatti weerara Giraany Ahimadiin kan ka'e walitti dhufeenyi Mootummaa Itoophiyaa fi Abbootii Iyyerusaaleem turanii adda cituu isaatiin rakkoo guddaa irra bu'an. Qarshii dhabuudhaanis, rakkoo nyaata dhabuu irraa kan ka'es muraasa irraan kan hafe baay'eewwan isaanii gara biyyoota birootti godaananii deeman. Xiqqaachuu lakkoofsa isaanii fi humna dhabuu isaanii kan argan Manneen Kiristaanaa Giriikii fi Armanis iddoowwan seena qabeessa kanneen sababa kunuunsuu, eeguu jedhuun Mana Murtii Turkiitti mormii jalqabanii Giriikonni ni injifatan. Armanoonni injifatamanis abdii osoo hin kutiin iddoowwan hafan tooftaadhaan fudhachuuf Abbootii rakkoo irra jiran gargaaruuf waan dhufan fakkeessanii itti dhiyaatan. Nyaataanis, wantoota isaan barbaachisan kan birootiinis isaan gargaaraa tooftaadhaan isaan harkaa iddoo bu'uuraa Gooftaan keenya itti awwaalame ofii fudhatanii iddoo Kadhannaa xiqqoo isaaniif dhiisan. Kan ta'e ta'ee garuu Giraany Ahimad mo'aamee Mootummaan cimaa yeroo dhufu, Abbootiinis gara biyya Qulqulleettii Iyyerusaaleemitti deebi'aa iddoowwan tokko tokko deebisiisuudhaan tajaajila isaanii itti fufan, lakkoofsi isaaniis dabalaa deeme.

Bara 1774 A.L.A tti namni Gibtsii Ibraahiim Jaawaard jedhamu keessummummaan dhufee Gadaamii Deer Sulxaan taa'e. Innis yeroo keessummummaa isaatti rakkinaafi hanqina Itoophiyaanotaa hubatee, Gibtsoota warra kaan waliin ta'uun bakkichi fudhachuuf waldhabdee uumameen Abbootiin hedduun miidhamaa turanii, yeroo sana irraa eegalee hanga hardhaatti furmaata waan hin arganneef kunoo hardhas waggaa waggaadhaan rakkoon wal fakkaataa ni mul'ata. Kuni kanaan osoo jiruu bara sanatti bara Zemene Mesaafintii waan tureef ammas Abbootiin keenya gargaarsa argachuu dhabuu isaaniitiin rakkoo keessatti kufan. Abbootiin baay'ees naannoo bara 1838 A.L.A tti dhukkuba daddarbaa ka'een ni dhuman. Gibtsoonnis haala kana fayyadamuun meeshaaleen Itoophiyaanotaa dhukkuba kana akka hin daddabarsine haa gubnu jechuudhaan yeroo sanatti waraanaan injifatee Iyyerusaaleem kan qabate namicha Gibtsaawwii Ibraahiim Paashaa eeyyamsiisuun, ragaalee ykn sanadoota iddoo sun kan Mana Kiristaanaa Itoophiyaa ta'uu ibsanis ni guban. Yeroo sanaa eegalees Gibtsoonni qabeenyota keenya fudhatan. Bara 1862 tti Qoonsilaan Ingiliizii Feeyiin jedhame Sar Boolaariif Gidiraa Gibtsoonni Itoophiyaanota irraan gahan akkas jechuudhaan barreesseera «Isiniif beeksisuu ykn isinitti himuu kanan barbaadu Gibtsoonni namoota Habashaa irratti gidiraa garmalee raawwachaa jiru, dhiiraa fi dubartii garaa garummaa tokko malee reebaa jiru. Hundumaa olitti Gibtsoonni furtuu Mana Kiristaanaa Habashootaa cabsaniiru. Jiraachuu dhabuu Paashaa irraa kan ka'es ani gargaarsa homaayyuu isiniif taasisuu hin dandeenye. ....... akka carraa ta'ee haalli kun tokkichi hammeenyi kamirrayyuu kan caale gara fuulduraattis rakkoowwaniif bu'aa buusa. Haala kan fayyadamuun Armanoonni fi Gibtsoonni hojii seera jallisuu haaraa Habashoota irratti gaggeessaa jiru». Kanaafidha Paatriyaarkiin Gibtsii Qeerloos Itoophiyaa daawwachuu yeroo dhufanitti Atsee Tewoodiroos «... isin shira kan hojjettan, Gibtsoota abaaramoo! yeroo Raas Aliitti Mootii Musliimaa waan ta'uun Abbootii Iyyerusaaleem jiraatan irratti marii Seexanaawaa ta'e mari'attan. Isaan garaftan, iddoo jiraniis isaan baastan, Kitaabolee fi ragaawwan ykn sanadoota isaaniis gubdanii bakka isaanii jalaa fudhattan» jechuudhaan kan dubbataniif. 

Bara 1867 tti Lubni Mana Kiristaanaa Angilikaan Maaleet Yaadannoo isaanii irratti «Habashoonni Miskiinonni sunneen Addabaabaayii Mana Kiristaanaa iddoo Gooftaan keenya itti awwaalameetti, iddoo daandii darbiinsaatti haala Afuurri isaanii cabeen Kadhannaadhaan boo'aa fuula isaaniitiin gara Girgiddaa ykn Keenyaatti garagalchanii dhaabbataniin arge. Obsi isaaniifi gonka ajajamuun isaanii iddoo jiran irraa carraa fooyya'aa qabachuun akka isaaniif ta'u hima ture, rakkoo isaanii kana arguudhaan Mootummaan Biriitaaniyaa isaan gargaaruu qaba» jechuudhaan barreessaniiru.


Kan ta'e ta'ee Jaarraa 19ffaa irraa kaasee garuu Mootonni Mo'an qarshiidhaanis ta'e yaadaan gargaaruu waan jalqabaniif haalonni jijjiiramaa dhufan. Atsee Tewoodiroos Abbootii Iyyerusaaleem jiraataniif homaa gochuu dhadhabaniyyuu Mootummaan Ingiliizii akka isaan kunuunsuu fi dhimma isaaniis akka isaaniif raawwachiisu taasisaniiru. Kunis Atsee Tewoodiroos fi Ingiliizota gidduutti waldhabdee uumameen walitti dhufeenyi Dipiloomaasii kun hanga adda cituutti gaheera. Atsee Tewoodiroos booda Mootii Moototaa ta'aanii kan moo'an Atsee Yohaannis Arfaffaan yeroo yeroon xalayaadhaan jajjabeessuun, qarshiidhaanis gargaaruudhaan dabalataatti Iyyerusaaleemitti daandii Itoophiyaa jedhamee daandii boodarra moggaafame irratti Mana Kiristaanaa (Darba Gannat Kidaane Mihirat) akka ijaaramtuuf Turkoota waliin yeroo wal waraanan kan booji'an Warqee Saaxinii ykn Saanduqa jaha (6) gara Iyyerusaaleemitti erganiiru.

Atsee Yohaannis erga boqotan booda Mootii Moototaa jedhamanii Goonfoo kan keewwatan Atsee Minilik Iyyerusaaleemitti Abbootii Gadaamiiwwan Itoophiyaa keessa jiraatan iddoo seena qabeessa sana dhaloota itti aanuuf dabarsuuf yeroo eegan, wanta nyaatanis ta'e wanta uffatan dhabaa «Maqunanii» Gadaamii Arman irraa isaaniif kennamu qofaan jiraachaa rakkoon guddaan akka isaanirra gahe haalicha qo'achuun Atsee Minilik haadha manaa isaanii Iteegee Xaayituu waliin ta'uun madda galii dhaabbataa ta'e akka qabaatan taasisuuf kutatanii ka'an. Jalqaba irratti Atsee Yohaannis jalqabsiisanii kan turan Manni Kiristaanaa Dabra Gannat Kidaane Mihirat akka dhumuuf qarshii ergan.


Bara 1895/6 tti Iteegee Xaayituun Itoophiyaanota Iyyerusaaleem jiraataniif galii dhaabbataa akka qabaataniif yaaduudhaan achuma Iyyerusaaleem keessatti lafa gamoon irratti ijaaramee kireeffamuufi dabalataan gamoo Abbaa darbiin lamaa kan biraa baruma sanatti bituudhaan gumaachaniiru. Itti aansuunis Atsee Minilik Caamsaa 14, bara 1905 A.L.A Itoophiyaanota Iyyerusaaleem jiraataniif qarshii Maartireezaa 200,000 kennaniiru. Qarshii kun Baankii taa'ee dhala argamu irraa hawaasni akka fayyadamu taasisaniiru. Gargaarsi isaaniis kanaan hin dhaabbanne, waggaa sanatti gamoowwan kanneen biroo lama ijaarsisanii Gadaamii sanaaf gumaachaniiru. Dabalataanis qarshii Maartireezaa 100,000 kan biraa haaromsa Gadaamichaaf gumaachaniiru. Itoophiyaa fi Gibtsii gidduutti rakkoon Deer Sulxaaniin ka'e karaa Dipiloomaasii furmaata akka argatuuf yaaduun Atsee Minilik ergamtoota gara Qusxanxiiniyaatti ykn gara Turkiitti, Iyyerusaaleemitti, Kaayiroo fi Raashiyaatti bara 1890 - 1907 A.L.A tti erganiiru. Bara 1905 A.L.A Atsee Minilik Dajjaazimaach Mashashaa Warq waa'ee dhimma Deer Sulxaaniin kan wal qabate akka dubbataniif ykn mari'ataniif gara Qusxanxiiniyaatti ergan. Bara sanattis Nikoolaa Cheedfiree kan jedhame lammiin Raashiyaa Abbummaa Itoophiyaanotaa iddoowwan Qulqullaa'oo Iyyerusaaleem keessatti argamanii irratti mirga Abbummaa Itoophiyaa kan ibsan Sanadoota qarshii hedduu kaffaluudhaan Mana galmee (Arkaayiv) Qusxanxiiniyaa keessatti argate. Akkuma beekamu baroota isa duraatti Gibtsoonni sababa dhukkubni daddarbaa galeera jedhuun galmeewwan fi ragaawwan akkasumas sanadoota jiran hunda gubuun isaanii ni yaadatama. Sanadni argame kun erga dhiyaate booda Qusxanxiiniyaatti kan argamu Manni Murtii furtuun tokko Itoophiyaanotaaf akka kennamu murteessuyyuu yeroo sanatti Iyyerusaaleem bulchaa kan ture Gibtsoota irra goraa waan tureef murteen Mana Murtii sanaa osoo hin raawwatamiin hafeera.

Bara 1907 tti Atsee Minilik dhukkubsachuu isaaniirraa kan ka'e dhimmi Deer Sulxaan yeroodhaaf ni dhaabbate. Yeroo sanatti Finfinnee ykn Addis Ababa kan ture Diploomaatiin Raashiyaa Itoophiyaan Iyyerusaaleemitti waa'ee bakkeewwan jalaa fudhatamanii kan agarsiisaniifi Abbummaa ishees kan agarsiisan ragaawwan argachuudhaaf dhamaatii isheen taasistu Mootummaatti beeksise. 

Mootummaan Raashiyaas dhimmicha erga qo'ate booda galmeewwan ykn ragaawwan hafan Mana Galmee Turkii keessaa argachuuf wanta danda'u hunda akka taasisu ni mirkaneesse. Mootummaan Raashiyaas galmeewwan ykn ragaawwan ykn sanadoota barbaadu Mana galmee Turkii irraa argachuuf yeroo mijataa eeguutu isarra ture. Bara 1910 tti Turkii fi Xaaliyaanii gidduutti waraanni yeroo ka'u Raashiyaan haala saba fayyadamuun qarshii walitti qabanii Markaba ykn Doonii Waraanaa bituudhaan Turkootaaf kennan. Kunis biyyoota lamaan gidduutti walitti dhufeenya cimaa uumuufi gara Mana galmee Turkiitti seenanii Sanadoota ilaaluuf carraa ykn karaa bane. Akkuma eegamettis Raashiyaanonni bakkeewwan Itoophiyaan Iyyerusaaleem keessaa qabduuf Abbummaa ishee kan agarsiisan ykn bakkeewwan Iyyerusaaleem keessa jiran kan Itoophiyaa ta'uu ragaalee agarsiisan ni argatan. Yeroo sanatti Raashiyaan Mana Kiristaanaa Iyyerusaaleemitti qabachuu ni barbaaddi waan tureef iddoowwan 12 deebi'an keessaa lamaan isaanii Raashiyaadhaaf kennuudhaaf kan walii galan yoo ta'e sanadoota ykn ragaalee kanneen Mootummaa Itoophiyaaf kan kennan ta'uu himan. Mootummaan Itoophiyaas akka walii galu himee walii galtee seerawaa mallatteessuuf ergamtoonni daandii jalqabanii waraanni Addunyaa 1ffaa jalqabamuu isaatiin ergamtoonni sunneen deemsa isaanii adda kutanii deebi'an. Sana boodas itti fufuudhaan Mootiin Zaaruu fi maatiin isaa waraana yeroo Onkoloolessaa ka'een ni ajjeefaman. Maatii sana gidduudhaa kan hafe Aleeksis Mikaaheelooviic ragaawwan fayyadoo sana qabachuudhaan Raashiyaa dhaa ba'e.

Bara 1924 tti Aleeksis ragaawwan fayyadoo sana seera Addunyaa irratti ogeessa kan ta'e Baaroonbooriis Noodiliif akka ilaaluufi akka qoratuuf ni kenneef. Ogeessichis ragaalee ykn sanadoota sana irraa akka argatetti «Sanadoonni sun akka agarsiisanitti Itoophiyaanonni iddoowwan Qulqulluu sanatti Gadaamiiwwan fi Iddoowwan Kadhannaa qabaniif bara 1834 fi 1841 dura abbaa Gadaamiiwwan sanaa ta'uu isaaniitiif shakkii tokko malee ragaa ni ba'u» jechuudhaan guduunfeera. Bara 1925 tti Aleeksis gara Addis Ababa ykn gara Finfinneetti dhufuun sanadoota ykn ragaalee baay'ee barbaachisoo kanneen Mootummaa Itoophiyaaf bifa kennaatiin gumaacheera.

Hangamiyyuu ragaaleen ykn sanadoonni bakki sun kan keenya ta'uu ibsan harka keenya galaniyyuu dhimmichi rarra'ee osoo jiruu waraanni Addunyaa lammaffaa yeroo ka'etti Mootummaan Xaaliyaanii Itoophiyaa guutummaa guutuutti waanan to'adheef Gadaamiiwwan Itoophiyaa Iyyerusaaleem keessa jiran naaf ta'u ykn kan kooti jechuudhaan yeroo sanatti Paalistaayin bulchaa kan turte Mana Murtii Ingiliiziitti mormii jalqabe. Ingiliiziin weerara Xaaliyaanii kanneen deeggaran keessaa tokko ta'uu isheetiin fi Manni Murtii sunis Xaaliyaanii dhaaf murteessuu isaatiin dhimmichi wal xaxaa ta'uu isaatiin murtichi raawwatamiinsa akka argatu taasisuuf yeroo fudhate. Kana gidduutti Faashistiin Xaaliyaanii injifatamuu ykn mo'amuu isaatiin mormiin Mana Murtii sanaa ni cufame.

Ibsa Suuraa :- Kabaja Ayyaanotaa ykn Kabaja Ayyaana Faasikaa ykn Du'aa ka'umsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Gadaamiiwwan Itoophiyaa Iyyerusaaleem jiranitti

Madda Suuraa :- Fuula Blog «Daniel Kibret Views»

Bara 1951 tti Abuna Filiiphoos Iyyerusaaleemitti Hangafa Phaaphaasii Mana Kiristaanaa Itoophiyaa isa jalqabaa ta'aanii muudamanii deeman. Akkuma achi gahaaniinis hoggasuma waa'ee dhimma Deer Sulxaan yeroo sanatti Iyyerusaaleem bulchaa kan ture Mana Murtii Mootummaa Yordaanoositti gaaffii Abbummaa waggaa 10 ol fudhateen falmii taasisaniiru. Manni Murtii sunis ragaalee erga ilaaleen booda Gurraandhala 22, bara 1961 A.L.A Gadaamii ykn Kawaalli Deer Sulxaan Itoophiyaanotaaf ni ta'a ykn kan Itoophiyaanotaati jechuudhaan ni murteesse. Murtii sana mormuu dhaanis Paatriyaarkiin Gibtsii fi Pireezidaantiin Gibtsii Abdel Naasir Mootummaa Yordaanoosiif mormii dhiyeessan. Mootummaan Yordaanoosis dhimmicha yeroo hin murtoofneef akka turu garuu wanti hundi akka isa dura hojjetamaa turetti akka itti fufu jechuudhaan cufeera.


Kana gidduutti yeroo waraan ma Yuum Kiippur Israa'eel Iyyerusaaleem yeroo to'attu dhimmi kun irra deebiin gara Mootummaa Israa'eelitti dhiyatee dhimmicha kan qulqulleessu Koreen hundaa'uyyuu murtee isa dhumaa irra gahuu hin dandeenye. Kanaanis waggaa waggaadhaan naannoo Ayyaana Faasikaatti irra deddeebiin karaa Gibtsootaa kan mul'atu amalli faallaa Kiristaanummaa ta'e gaddisiisaa fi Abbootii keenyas rakkoodhaaf akka saaxilaman isaan taasiseera.

Gadaamiin kunis akka baroota darbanii rakkoon isaa karaa qarshiitiin jiru furamee yeroo ammaa kanatti Abbootiin hedduun kan tajaajilan yoo ta'u, ijoollee Itoophiyaa hedduu dachee Israa'eel irra jiraataniifis tajaajila guddaa ni kenna. Raajicha Sofooniyaasiin akkuma dubbatame «Laggeen Itoophiyaa gamaa kan na kadhatan, kan bittina'aan ijoolleen koo Qurbaana koo naaf fidu» Sof. 3:10 irra bu'uura jiruun waggaa waggaadhaan Itoophiyaanonni hedduun gara Iyyerusaaleemitti deemuun eebba isaa irraa ni qooddatu, Manni Kiristaanaas ijoollee ishee eebba Afuurawaatiin quubsitee, kunuunsitee ni gaggeessiti. Manni Kiristaanaa keenyas Iyyerusaaleemitti, Beetaliheemitti, Iyyaarikoo fi Yordaanoositti tajaajila ni kenniti.

Iddoowwan seenaa gurguddoo kanneen Abbootiin keenya gidiraa fi rakkoo meeqa arganii akkuma nuuf dabarsan nutis tokkoon tokkoon keenya eeguu, gargaaruu akkasumas Abbootii keenya Gadaamii kanneen nuuf eegan fi tajaajilan irratti rakkoo gahuuf quuqamnee wanta dandeenyuun hunda qaama dhimmi isaa ilaallatuuf dubbachuu ykn qaama dhimmi isaa ilaallatu waliin hojjechuun dirqama keenya bahuu qabna. Kadhannaa fi Eebbi Abbootii keenyaa nurra haa bulu! Ameen!

Mana Kiristaanaa Kutaa Addunyaa kan biraatti

Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Addunyaatti ykn Itoophiyaa dhaa alatti biyya Qulqulleettii Iyyerusaaleemiin ala kan hundoofte baay'ee turtee waggoota 1600 booda jaarraa kana keessa yeroo waraana Addunyaa lammaffaatti yeroodhaaf Ingiliiziitti, Keeniyaatti, Sudaanitti, Jibutiitti ture. Yeroo sanatti godaantonni gara biyyoota kanneeniitti godaananii waan deemaniif Manni Kiristaanaas ijoollee ishee dirqama eeguu, jajjabeessuu waan qabduuf isaan waliin hundoofteerti.

Manni Kiristaanaa Biyya Ingiliiziitti hundoofte yeroo sanatti godaansa irra kan turan Atsee Hayila Sillaasee fi maatiiwwan isaaniif ture. Isaanis yeroo sanatti Iyyerusaaleem kan turan Icagee Gabra Giyoorgisiif Luboota tajaajiltoota fi Meeshaalee Qulqullaa'oo tajaajilaaf oolan akka isaaniif erganiif Amajjii 13, bara 1929 A.L.A tti xalayaa ergan. Bu'uura Xalayaa sanaatiinis Luboota 5, Taabota Madaanaalamii (Fayyisaa Addunyaa) fi Meeshaalee Qulqullaa'oo barbaachisoo qabsiisanii gara biyya Ingiliiziitti ergan. Manni Kiristaanaa kunis kan hundeeffamte magaalaa Baazitti ture. Waraanni Faashistii Xaaliyaanii injifatamee ykn mo'amee bilisummaan yeroo deebi'u godaansa irra kan ture Taabotni Madaanaalamii waggaa afur booda Ebla 23, Bara 1933 A.L.A tti gara Finfinneetti gale. Sana boodas Gadaamii Miskaayee Hizuunaan jedhamee Siddist Kiiloodhaa olitti Mana Barumsaa Raas Tafarii bukkeetti hundeeffame. 

Akkasumas biyyoota ollaa Itoophiyaa kanneen birootti Sudaan, Keeniyaa fi Jibutiitti yeroodhaaf Manni Kiristaanaa hundeeffamtee kan turte Manni Kiristaanaa bilisummaa booda Itoophiyaanonni gara biyyaatti yeroo deebi'an isheenis ykn Haati isaanii Qulqulleettiin Manni Kiristaanaas waliin deebiteerti.

Waraanni Addunyaa lammaffaan caalaatti Itoophiyaan Addunyaa isa kan biraatti akka beekamtu kan ishee taasise yoo ta'u keessattuu lammiilee Kaariibiyaanii jiraataniif Afriiqaa ykn Afriikaa biyya isaanii jalqabaa taasisanii ilaaluu isaaniitiin keessattuu Itoophiyaan biyya Abbootii keenyaati jechuudhaan Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa achitti akka hundeeffamtuufi kolonii fi fageenya irraa kan ka'e kan irraanfatame Amantaa isaanii fi Aadaa isaanii irra deebiin lammaffaa akka beekaniif gaafatan. Bu'uura gaaffii isaanii kanaanis bara 1952 A.L.A tti Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa jalqabaa Abuna Atinaatewoos fi Obbo Abarraa Jambareetiin Tiriinidaaditti, Toobeegootti fi Guyaanaatti ni hundeeffamte. Manni Kiristaanaa Eddoolota kanneen irratti osoo babaldhachaa jirtuu Ameerikaa kan jiraatan gaaffii wal fakkaataa dhiyeessuu isaaniitiin bara 1959 A.L.A tti Eebbifamoo Abuna Tewoofiloos magaalaa Niyoork deemanii erga hundeessan booda gara Trinidad, Tobego, Guyana tti deemuun Manneen Kiristaanaa daawwatan. Manni Kiristaanaas yeroo sana irraa eegalee gara Eddoolota kanneen birootti babaldhachaa kutaawwan ykn Kutaalee Ameerikaa kanneen biroo Loos Anjilasitti, Waashiingitonitti akkasumas Kaanaadaatti ni hundeeffamte.

Bara 1970 A.L.A tti Manni Kiristaanaa Jamaayikaatti Abbaa Laa'ike Maariyaam Maandafroo (Abuna Yisihaaqiin) ni hundeeffamte. Babaldhachuun Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Kaariibiyaaniitti taasifamu kunis biyya isaanii irraa fagaatanii Awuroppaa Ingiliiziitti kan jiraatan ykn argaman lammiilee Kaariibiyaaniin isaaniifis Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Landanitti akka hundooftuuf fedhii guddaa qabu ture waan ta'eef Jamaayikaatti kan argaman Abbaa Laa'ike Maariyaam Maandafroo ykn Abuna Yisihaaq waliin walitti dhufeenya uuman. Isaanis haalicha hubachuuf ykn haalicha qorachuuf Caamsaa, bara 1966 A.L.A tti gara biyya Ingiliiziitti dhufan. Amantoota ykn Kiristaanota isaan affeeran ykn isaan waaman waliin wal arganii Kiristaanota ykn Amantoota hedduu barsiisanii fi Cuuphanii deebi'an.

Yeroo muraasa boodas cimanii walii galtee irra gahuu isaaniitiin ji'a Onkoloolessaa, bara 1967 A.L.A tti Abbaa Aragaawwii Waldaa Gabri'eel (boodarra Abuna Yohaannis) tajaajilaaf ergamanii gara Awuroppaatti dhufan. Isaanis dhalattoota Kaariibiyaanii Barsiisaa, Cuuphaa Manneen Kiristaanaa hundeessaa osoo jiranii Abiyootiin ykn Revolution erga dho'e booda Itoophiyaanonni hedduun godaananii biyyaa bahaanii (Itoophiyaadhaa godaananii) gara biyyoota garaa garaatti yeroo ba'an baay'eewwan isaanii gara biyya Ingiliiziitti dhufan. Landanitti Kaariibiyaanotaaf Manni Kiristaanaa hundeeffamte amma ammoo Itoophiyaanonni godaansa irra jiranis itti fayyadamuu jalqaban. Tajaajilli isaa hanga yeroo sanaatti Afaan Ingiliffaan waan tureef lakkoofsi Itoophiyaanotaa dabalaa yeroo deemu Afaan biyya keenyaatiin tajaajilamuuf Itoophiyaanonni kophaa isaaniitti Landan Beeswaataritti bara 1980 A.L.A irraa jalqabee ofii isaanii danda'an. Manni Kiristaanaa Dabra Tsiyoon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Landan Awuroppaatti Mana Kiristaanaa ishee jalqabaa yoo taatu, yeroo sana irraa eegalee ykn yeroo sanarraa jalqabee Jarmanitti akkasumas biyyoota Awuroppaa garaa garaatti Manni Kiristaanaa hundoofteerti. Ameerikaatti magaalota hedduutti kan hundoofte yoo ta'u, Afriikaattis Sudaanitti, Jibutiitti, Keeniyaatti, Ugaandaatti, Afriikaa Kibbaatti akkasumas Awustiraaliyaa fi Baha Giddu galeessaattis hordoftoota ishee Kiristaanotaaf tajaajila kennaa jirti.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Channel Telegram ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo biyyoota alaa jiraatanii «Join» kan jedhu kana tuquun miseensa ta'aa!

Post a Comment

0 Comments