Subscribe To Our YouTube Channel

𝐇𝐢𝐢𝐤𝐨𝐨 𝐀𝐧𝐝𝐢𝐦𝐭𝐚𝐚 𝐖𝐚𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐞𝐰𝐨𝐨𝐬 | 𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 1𝐟𝐟𝐚𝐚

𝐇𝐢𝐢𝐤𝐨𝐨 𝐀𝐧𝐝𝐢𝐦𝐭𝐚𝐚 𝐖𝐚𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐞𝐰𝐨𝐨𝐬

Kutaa 1ffaa

Boqonnaa 1

Boqonnaa tokko keessatti qabxiilee gurguddoo ta'aanii ykn barreeffamanii jiran keessaa bu'uuronni kanneen kanatti aananii jiranidha.

• Hidda dhaloota gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos,
• Gooftaan keenya Dubroo Maariyaam irraa sanyii dhiiraa malee dhalachuu,
• Yooseef hanga Dubroon Maariyaam hanga ilma ishee jalqabaa deessutti ishee kan hin barre ta'uu isaa, dhoksaattis ishee dhiisuuf akka yaadee fi k.k.f


Wangeela Maatewoos jalqaba irratti barreeffamni «Wangeela Qulqulluu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos akka Qulqulluu Maatewoos barreessetti» jedhu ni argama, jecha kana kan itti barreessan bara 325 tti abbootii 318 dha. Isaanis Kitaaboleen Qulqullaa'oon eenyu eenyuun akka barreeffaman ibsuuf kana godhan.

Wangeela Maatewoos Boqonnaa 1 qoqqoodiinsa isaa;

1. Seenaa fi hidda dhalootaa Iyyesuus Kiristoos /lakk. 1-17/
2. Waa'ee dhaloota gooftaa /18-25/

 Barreessaan Addunyaa tokko yeroo barreessuu jalqabu ofii isaa irraa jalqaba, Qulqulluun Maatewoos garuu kana hin goone sababni isaas yeroo barreessu Afuura Qulqulluun durfameetu waan ta'eef. Akkasumas haalli barreeffama (keessattu hidda dhalootaa lakkaa'uu irratti) Raajotaa fi Wangeelaawwiiwwan tokko miti. Kan Wangeelaawwii addadha, kan barbaadu dhaloota gooftaa hubachiisuu dha waan ta'ee, Raajotni garuu hunda lakkaa'u.


Maat. 1:1-17 Kutaa kana keessatti kan argaman hidda dhalootaa Gooftaa keenyaa kan abbootii Abrahaamii hanga Yooseef ykn Dubroo Maariyaamitti jirudha, kunis dhaloota ykn abbootii Afurtami Lama /42/ jechuu dha walumaa galatti. 

Nutis kutaa kana keessatti abbootii argaman maalif maqaan isaanii akka caqasame ni ilaalla, isaanis;

A. Ilma Daawwit, Ilma Abrahaam /1:1/

B. Abrahaam Yisihaaq dhalche, Yisihaaqis Yaa'iqoob dhalche, Yaa'iqoobis Yihudaa fi Obboloota isaa dhalche. /1:2/

C. Yihudaanis Ti'imaar irraa Faareesi fi Zaaraa dhalche. /1:3/

D. Salmoon Raakeeb irraa Boo'eez dhalche, Boo'eezis Ruut irraa Iyyoobeed dhalche. /1:5/

E. Iseeyis Mootii Daawwit dhalche. /1:6/

F. Daawwitis Niitii Oriyoo irraa Salamoon dhalche, Salamoonis Roobi'aam dhalche, Roobi'aamis Abiyaa dhalche. /1:7/

G. Oozi'aanis Iyyoo'aattaamiin dhalche, Iyyoo'aattaamis Akaaz dhalche, Akaazis Hizqiyaas dhalche. /1:9/

H. Iyyoosiyaasis yeroo booji'amuu Baabiloonitti Ikooniyaanii fi Obboloota isaa dhalche. /1:11/ fi k.k.f.

📖 Maat. 1:1. «Ilma Daawwit, Ilma Abrahaam, Kitaaba dhaloota Iyyesuus Kiristoos»

• Maalif Daawwit fi Abrahaam qofa kophaatti baase?

→ Abrahaam hundee Amantii, Daawwit ammoo hundee Mootummaa waan ta'aniif.

→ Tokkos Abrahaam Abbaa isaanii, Daawwit ammoo mootii isaanii waan ta'eef, akkasumas abbootiin kun lamaan Yihuudota biratti kaan caala kabajamoo, jaalatamoo waan ta'aniif, akkasumas kan ittiin of jajan waan ta'eef.

→ Tokkos abbootii kaan caala raajiin ykn abdiin dhumni isaa Kiristoosiif ta'e abbootii kanaaf waan dubbatameef. Uma. 12:3 irratti Abrahaamiif, Faar. 131:11 irratti Daawwitiif.


→ Tokkos Yihuudotni hin amanne Yihuudota amananiin Iyyesuus Kiristoos Ilma Daawwit, Ilma Abrahaam ta'uu isaa lakka'aatii nutti himaa jedhaniinii turan waan ta'eef maqaan isaanii kophaatti ba'e.

• Daawwit Ilma Abrahaam osoo ta'ee jiruu akkamitti dursee Ilma Daawwit itti aansee ammoo ilma Abrahaam jedhe?

→ Abbaa isaa hin beekuu akaakayyuu isaa hawwe naan jedhu jedheetu ilma ykn isa as dhiyoo Daawwit irraa eegaleetu gara Abrahaam deeme.

→ Tokkos Abrahaam Yihudotaaf abbaadha, Daawwit ammoo Mootiidha, Abbummaa caala Mootummaatu caala waan ta'eef.

→ Tokkos Abrahaam caala Daawwit Yihuudota biratti jaalatamaa waan ta'eef, kan jaalatan dursuufiin ammoo bartee waan ta'eef. Maat. 21:9

Dhuma caqasa kanaa irratti «Kitaaba Dhalootaa Iyyesuus Kiristoos» jedha. Kana jechuun isaa Kitaabni waa'ee seenaa dhaloota Iyyesuus Kiristoos dubbatu kanadha jechuu isaati, gama biraatiin dhaloota kan jedhaman;

- Dhaloota Addaam biyyee ykn lafa irraa.
- Dhaloota Heewaan cinaacha Addaam irraa.
- Dhaloota Abeel gadameessaa
- Dhaloota Hoolaa huuxxii Saabeeq irraa
- Dhaloota warra du'anii awwaala irraa (Kiristoos garuu aangoo fi humna ofii isaatiin ka'e)
Kanaaf Dhalootni Gooftaa dhalootota ykn uumamuwwan armaan olitti ilaalle irraa adda ta'uu isaa ibsuuf «Kitaaba Dhaloota Iyyesuus Kiristoos» jedhe.

📖 Maat. 1:2. «Abrahaam Yisihaaq dhalche, Yisihaaqis Yaa'iqoob dhalche, Yaa'iqoobis Yihudaa fi obboloota Isaa dhalche.»

Abrahaam Yisihaaqiin ala, Agaar irraa ilma Ismaa'eel jedhamu, Keexuuraa irraa ammoo ijoollee 6 qaba ykn dhalcheera walumaa galatti ijoollee 8 qaba jechuu dha. Uma. 16., 21:1, 25:1 

Garuu Wangeela Maatewoos kana irratti Yisihaaq qofa caqase. Maalifi? haa ilaallu;

→ Yisihaaq niitii ykn haadha manaa seeraa Abrahaam Saaraa irraa missiraachoon kan dhalate waan ta'eef. Uma. 18.

→ Tokkos «Sanyii Yisihaaqiin si waama» jedhamee Abrahaamitti waan himameef. Uma. 21:12, 17:18-27.

→ Tokkos Aarsaaf dhiyaachuun Yisihaaq fakkeenya gooftaa keenyaa waan ta'eef.

Seenicha guutummaa isaa Seera Uumamaa Boqonnaa 22 irraa dubbisaa! fakkeenyummaa Isaafi seenicha gabaabsinee haa ilaallu

📓 Waaqayyo Gooftaan Abrahaamiin «Sanyii Yisihaaqiin si waama» jedheeniira. Garuu Waaqayyo Abrahaam ilma Isaa Yisihaaq akka aarsaa Isaaf godhu yeroo gaafatetti du'aa illee akka Isaaf kaasu amanuun osoo hin shakkiin mucaa Isaa aarsaaf dhiyyeessuun hanga dhumaatti ajajamaa ta'e. Kanaanis amanamummaa Isaa agarsiise. Hakka ilma hoolaan huuxxii ykn muka Saabeeqiin qabamee ture aarsaa ta'e. Uma. 22. ,Ibr. 11:17-19.

- Yisihaaq fakkeenya gooftaati
- Yaadni Abrahaam fakkeenya Awwaalaati
Kiristoos guyyaa sadii fi halkan sadi awwaala keessa akkuma turee ka'e, Yisihaaqis Yaada Abrahaamiin du'ee ka'eera waan ta'eef.

 Tokkos;

- Yisihaaq fakkeenya Addunyaa kanaa
- Hoolaan fakkeenya Kiristoos
- Mukti Saabeeq fakkeenya Dubroo Maariyaamidha.
Hoolaan bakka Yisihaaq akkuma wareegame ykn Yisihaaq sababa aarsaa ta'uu Hoolaatiin akkuma fayye, Addunyaan kunis aarsaa ta'uu Kiristoosiin fayyiteerti waan ta'eef. Hoolaan aarsaa ta'e kun akkuma Huuxxii ykn Muka Saabeeq irraa argame, Kiristoosis Dubroo Maariyaam irraa dhalateera waan ta'eef.


Yisihaaq Muka baatee gara Tulluu Mooriyaam deemuun isaa fakkeenya Kiristoos Fannoo baatee gara Qaraaniyoo ba'uu isaa. Ijoolleen lamaan fakkeenya Shiftoota lamaa bitaa fi mirga gooftaatti fannifamanii. Albeen /Haaduun/ fakkeenya aangoo Waaqayyoo, Ibiddi fakkeenya Afuura Qulqulluuti. Hoolichi bukkee Abrahaamii argame yoo jedhame Sanyii Abrahaamii dhalachuu isaaf, 


📖 «Yisihaaqis Yaa'iqoob dhalche»

Yishaaq haadha manaa isaa Ribqaa irraa ijoollee lakkuu ykn lama Eesaawuu fi Yaa'iqoob dhalche. Dura ijoollee Abrahaam saddeettan keessaa Yisihaaq qofa kaase, warri kaan sababa mataa isaanii qabu jenneerra. Amma ammoo ijoollee guyyaa tokko dhalatan, garaa haadha tokko keessaa ba'an, kan haadhaa fi abbaan tokko ta'an keessaa maalif tokko ykn Yaa'iqoob qofa kaasee isa tokko ykn Eesaawu dhiise kan jedhu gaaffii ka'uu qabuu fi gaaffii bu'uuraati. Deebii fi sababni isaas kunooti;

→ Eesaawu hangafummaa isaa quxisuu isaa Yaa'iqoobiif dabarsee waan gurgureef, akkasumas Yaa'iqoob gamnummaa isaatiin eebba abbaa isaa irraa fudhachuu isaatiin. Uma. 25:19-34, 27:1-40

→ Tokkos Yaa'iqoobiif «Urjiin Yaa'iqoobii ni ba'a» raajiin jedhu waan dubbatameef. Seera Lakk. 24:17.

→ Tokkos Yaa'iqoob fakkeenya waan qabuuf. Seenaan kun kan argamu Seera Uumamaa Boqonnaa 29 irratti. Isin guutummaa seenichaa dubbisaa, ammaaf fakkeenya isaa ilaalla.
Yaa'iqoob obboleessa isaa Eesaawu waliin yeroo wal loletti gara obboleessa haadha isaa gara Sooriyaa Laabaatti yeroo deemu karaa qarqaratti boolla bishaanh bira gaha. Boollichattis diinni summii akka hin naqne dhagaa guddaa dhaan nama shantama jaatama ta'aanii ni cufu. Hoolotnis naannoo sanatti walitti qabamanii dhaabbatanii arge, tiksootaanis maalif hin obaastan? jedheen, isaanis nuti kophaa keenya hin dandeenyu dhagaa kana kaasuu yoo tiksootni hundi walitti qabaman malee jedhaniin. Boodas intala Laabaa Raaheel yeroo argetti dhagaa guddaa namni shantamni jaatamni kaasu sana kophaa isaa ni kaase, hoolotni sunis ni dhugan. Kuni fakkeenyummaan isaa;

~ Yaa'iqoob fakkeenya gooftaa,
~ Dhagaan fakkeenya Abaarsa Foonii, Abaarsa Lubbuu,
~ Hoolonni fakkeenya amantootaa,
~ Raaheel fakkeenya Dubroo Maariyaam
~ Tiksoonni fakkeenya Lubootaa, Raajotaa
~ Bishaan ammoo fakkeenya Cuuphaati.

Yaa'iqoo akkuma dhagaa guddaa sana kophaa isaa kaase, Iyyesuus Kiristoosis abaarsa dura ture sana Dubroo Maariyaam irraa dhalatee balleesseera waan ta'eef.

📖 «Yaa'iqoobis Yihudaa fi obboloota isaa dhalche»

Yaa'iqoob abbaa qomoowwan Israa'eel kudha lamaaniiti. 1 Seenaa Baraa 2:1-2. Kanaaf as irrattis «Yihudaa fi obboloota isaa» yeroo jedhu qomoowwan Israa'eel kudha lamaan gaafata.

Kana irratti gaaffilee lama kaasnee haa ilaallu.

• Fakkeenyaaf; Yeroo dhaloota Yisihaaq kaasetti Ijoolleen Abrahaam warri kaan Yisihaaq waliin hin caqasamne, dhaloota Yaa'iqoob irrattis akkasuma Eesaawu hin caqasamne amma garuu ijoolleen Yaa'iqoob kudha tokkoon hafan «obboloota isaa» maalif jedhaman?

• Kan biraa ammoo maalif Yihudaa qofti adda bahee maqaan caqasame?

Gaaffi isa jalqabaatti yeroo deebinu;
Isaan maqaa «obboloota isaa» jedhuun caqasamuun isaanii kan barbaachiseef;


→ Kiristoos Qomoowwan Israa'eel kudha lamaan irraa ykn keessaa dhalachuu isaa ibsuuf.

→ Tokkos Qomoowwan Israa'eel kudha lamaan irraa kan hin dhalanne lafa dhaalaa (ምድረ ርስት) akka hin dhaalle, barnoota duuka bu'oota irra kan hin barannes Mootummaa Waaqayyoo akka hin galle dubbachuuf caqase.
Qomoowwan Israa'eel Kudha lamaan fakkeenya Duuka Bu'oota kudha lamaaniiti.

Gaaffii lammaffaatiif;

→ Raajiin "Uleen Mootummaa Yihudaa harkaa hin dhabamu" jedhu waan isaa dubbatameef. Uma. 49:10
→ Tokkos Yihudaan seenaa ajaa'ibaa fi fakkeenya qabu waan qabuuf. lakk. itti aanutti ilaalla.

📖 «Yihudaanis Ti'imaar irraa Faarees fi Zaaraa dhalche»

Caqasa kana irratti wantoota ajaa'ibaa ni arginu kunis maqaan maatii hundaa caqasameera. Kanaafis jalqaba seenaa Yihudaa dubbisuun barbaachisaa dha. Akkasumas hanga yoonaa akka ilaalletti maqaan dubartootaa hin caqasamne amma garuu Maqaan Ti'imaar caqasameera, Kunis Seera Uumamaa Boq. 38 irratti barreeffamee argama;

«Waqtii sanattis akkas ta'e, Yihudaan obboloota isaa irraa adda ba'ee bu'ee gara nama maqaan isaa Eeraas jedhamuu nama Adooloomaawwiitti seene. 

Achitti Yihudaan intala nama Kanaa'aawwii kan ta'e intala durbaa Seewaa ni arge, ni fudhates gara isheettis ni gale ykn ishee biraa ni gahe.

Isheen ulfooftee ilma in deesse; maqaa isaas «Eer» jettee ni moggaafte.

Ammas ulfooftee ilma ni deesse; maqaa isaas "Awunaan" jettee moggaafte.

Dabaltees ilma ni deesse; maqaa isaa «Seeloom» jettee moggaafte; isa yeroo deessettis biyya Kiziiph jedhamu turte. 


Yihudaanis ilma isaa hangafaa Eeriif intala «Ti'imaar" jedhamtu fuusise.

Eer ilmi Yihudaa inni angafni garuu, Waaqayyo duratti nama jal'aa ture; kanaaf Waaqayyo isatti dheekkame.


Yihudaanis Awunaaniin, «Gara haadha manaa obboleessa keetti dhaqi, barcuma isaa qajeelchi, obboleessa keefis sanyii kaasi!» jedheen.

Awunaan garuu sanyiin kan isaa ti akka hin jedhamne waan beekuuf, obboleessa isaa sanyii malee hambisuudhaaf, yeroo haadha manaa obboleessa isaa bira ga'u, isa sanyii ta'u sana lafatti naqee ni balleessa ture.

Wanti inni hojjete kun Waaqayyo duratti jal'aa ta'ee argame; kanaaf Waaqayyo innis immoo akka du'u godhe.

Yeroo kanas Yihudaan, «Ilmi koo akkuma obboloota isaa ni du'aa laata» jedhee waan yaadeef, Ti'iimaar haadha manaa ilma isaatiin, «Hamma Seeloom ilmi koo ga'utti, akka gursummaatti mana abbaa kee taa'i!» jedhe; Ti'iimaaris kana irratti dhaqxee mana abbaa ishee ni teesse.

Bara baay'ee booddee, haati manaa Yihudaa intalli Seewaa ni duute; Yihudaan gadda isaa erga dhiisee, ka'ee fira isaa isa «Eeraas» jedhamu nama mandara Adooloomaawwii sanaa wajjin gara Tamnaa lafa Hoolota isaa irraa rifeensa murmuran ni dhaqe.

Yommus namoonni, «Kunoo, abbiyyuun kee hoolota isaa irraa rifeensa murmursiifachuuf Tamnaatti ol in ba'a» jedhanii Ti'imaaritti ni himan.

Isheen garuu isatti akka hin heerumsiifamin argitee, uffata dubartii abbaan manaa irraa du'e isa uffachaa turte ofittii baaftee, wayyaa biraa ofitti martee shaashiis haguuggattee, karaa Tamnaa dhaqu irra balbala keellaa Enaayim dura in teesse.

Ti'imaar fuula isheetti haguuggattee waan teessuuf, Yihudaan ejjituu ishee se'e malee ishee hin hubanne.

Isheen haadha manaa ilma isaa ta'uu ishee waan hin beekiniif, gara lafa isheen karaa bukkee teessutti goree, «Mee kottu, ani si bira nan ga'aa!» jedhe; isheen immoo, «Ati na bira ga'uudhaaf, maal anaaf kennita?» jetteen.

Innis deebisee, «Bushaayee keessaa korbeessa reettii xobbee tokko siif nan erga» jedhe; isheen immoo, «Hamma anaaf ergitutti immoo, qabsiisa yoo anaaf kennite in ta'a!» jette.

Yommus inni, «Qabsiisaaf maal siif kennu ree?» jedhe; isheen immoo deebiftee, «Amartii mallattoo kee maataba isaa wajjin, ulee qabattee adeemtu kanas anatti kenni!» jette; innis kana kenneefii, ishee bira in ga'e; isheen isaaf in ulfoofte.

Isheenis kaatee achii adeemtee, shaashii fuulatti haguuggatte sana of irraa fuutee, uffata ishee isa dubartiin abbaan manaa irraa du'e uffattu sanas deebiftee in uffatte.

Yeroo muraasa booddee Yihudaan qabsiisa sana dubartittii harkaa fudhachuudhaaf, korbeessa reettii xobbee tokko, karaa fira isaa nama mandara Adulaam sanaa in ergeef; inni garuu ishee arguu hin dandeenye.

Inni, "Dubartiin isheen karaa mandara Enaayim bukkee turte amma eessa jirti?" jedhee namoota iddoo sanaa iyyaafate; isaan immoo, «Lakkii, dubartiin as hin turre!» jedhan.

Yommus inni deebi'ee Yihudaa bira dhufee, «Ani dubartittii arguu hin dandeenye; namoonni iddoo sanaa immoo, 'dubartiin as hin turre' naan jedhan» jedhe.

Yihudaan deebisee, «Ani kunoo korbeessa xobbee sana isheedhaaf ergeera, ati garuu ishee arguu hin dandeenye; ammas namni nutti hin kolfin duwwaa malee, isheen mee isuma qabde sana haa fudhattu!» jedhe.

Akka ji'a sadii booddee, «Ti'iimaar haati manaa ilma keetii ejjiteetti, amma kunoo isheen ejjummaadhaan ulfoofteetti» jedhanii Yihudaatti himan; Yihudaan deebisee, «Gad ishee baasaa, haa gubamtu!» jedhe.

Yeroo gad ishee baasanitti, nama tokko abbiyyuu isheetti ergitee, «Ani abbaa amartii mallattoo maataba isaa wajjin jiru kanaaf, abbaa ulee kanaaf nan ulfaa'e» jette; itti dabaltees, «Amma isaan kun kan eenyu akka ta'an mee hubadhuu ilaali!» jettee itti dhaamte.

Yihudaan kana hubatee erga ilaalee, «Ishee ilma koo Shelaatti waan ani hin heerumsiisiniif, anatu isheetti balleesse, isheen dhugaa qabdi» jedhe; inni ergasii deebi'ee ishee bira hin geenye.

Yeroon da'uu ishee yommuu ga'e, kan isheen garaatti baattu lakkuu ta'ee argame;

utuu isheen da'umsa irra jirtuu, inni tokko harka isaa gad baafate; deessiftuunis qabdee, «Isa kanatu dura lafa ga'a» jettee, fo'aa diimaa harka isaatti hiite.

Yeroo inni harka isaa ol deebifatetti immoo, obboleessi isaa isa dura lafa ga'e; deessiftuunis, «Ati maal maal humnaan karaa ciratte!» jette; kanaaf maqaa isaa Faaresitti moggaasan.

Obbooleessi isaa inni fo'aa harka isaattii qabu sun, isa booddeedhaan lafa ga'e; maqaa isaa immoo «Zaaraa» jedhanii moggaasan.

Hiikoon kanaas;

• Yihudaan fakkeenya Waaqayyo Abbaa
• Ergamtichi /Eraas Adooloomaawwiin/ fakkeenya Qulq. Gabri'eel
• Hoolaan fakkeenya Iyyesuus Kiristoos
• Qubeelaan fakkeenya Amantaa
• Ambaarri fakkeenya gonfoo qoree
• Uleen fakkeenya Fannoo
• Ti'imaar ammoo fakkeenya Yihudotaati.

Ti'maar qabdii (መያዣዋን) ishee qabattee hafte malee gatii ishee ykn Hoolicha akkuma hin fudhanne, Yihuudonnis Raajiin dubbatameefii, Subaa'een lakka'ameefii gooftaa hin fudhanne waan ta'eef.
Tokkos Ti'imaar fakkeenya Mana Kiristaanaati,
Ti'imaar sanyii abbaa irraas ijoollee irraas fudhachuu akkuma hin didne, Manni Kiristaanaas Ahizaabota irraas, warreen hin amanne irraas, Warreen dhaqna qabatan irraas kanneen gara ishee dhufan ni fudhatti waan ta'eef.

Amma ammoo gaaffii maalif maqaa ijoollee lamaanii ykn kan Faareesii fi Zaaraa caqasame kan jedhu haa ilaallu.

Faarees fi Zaaraan lamaan isaaniiyyuu wal faana caqasamuun isaanii sababa fi fakkeenyummaa mataa isaanii waan qabaniifi. Kunis
Faarees fakkeenya Oriitii, Zaaraan ammoo fakkeenya Wangeelaati.
Zaaraan harka isaa baasee deebisuun isaa Wangeelli bara Malketsedeq mul'attee baduu iseef , Faarees cabsee (ጥሶ) ba'uun isaa gidduutti Oriitiin hojjetamuu isheef fakkeenya. Zaaraan boodarra dhalachuu isaa ammoo Wangeellis boodarra hundaa'u isheef fakkeenya.

~ Tokkos harki Zaaraa fakkeenya Lubootaa, carqii ykn uffatni diimaan ammoo fakkeenya Fooniif Dhiiga Gooftaati. Lubootni Foon Gooftaa harka isaaniitiin ni kennu waan ta'eef.

Gama biraatiin ammoo caqasamuu maqaa Ti'imaariif sababni,

~ Dursinee akkuma dubbanne Qulqulluun Maatewoos Wangeela isaa kan barreesse Yihuudotaafi waan ta'eef akka aadaa isaaniitti ammoo dubartiin Yihuudotaa hidda lakk. keessa hin seentu, kanaafidha Saaraa, Ribqaa, Raaheel fa'a kan hin caqasne. Ti'imaar garuu Ibroota ykn Yihuudota keessaa waan hin taaneef, Ahizaabota irraa waan dhalattee hidda dhaloota gooftaa seenteef, akkasumas Kiristoos Ahizaabota irraa illee akka dhalate ibsuuf caqasamte.

~ Tokkos bu'aa amantii ibsuuf isheen Ahizaabota keessaa taatuyyuu amantiin Israa'elootatti waan dabalamtee hidda dhaloota gooftaa keessa galteerti waan ta'eef.

~ Tokkos of jaja Israa'eloota irra fageessuuf osoo Israa'eloota irraa qofa dhalatee Ahizaabonni Gooftaan nu irraa hin dhalanne waan ta'eef hin fudhannu jedhu ture waan ta'eef.

📖 Maat. 1:4 «Araam Aminaadaab dhalche, Aminaadaabis Na'aasoon dhalche, Na'aasoonis Salmoon dhalche.»

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

2 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)