Subscribe To Our YouTube Channel

Meeshaalee Qulqullaa'oo | Kutaa 2ffaa : Taabota, Manbarii fi Fannoo

Meeshaalee Qulqullaa'oo 

Kutaa 2ffaa

Kutaa jalqabaa ykn Kutaa 1ffaa keessatti yeroo darbe akka seensaatti wantoota tokko tokko ilaallee turre. Isaan keessaas;

• Maalummaa Meeshaalee Qulqullaa'oo
• Akkaataa Qophii Meeshaalee Qulqullaa'oo
• Iccitii Meeshaalee Qulqullaa'oo
• Akkaataa itti fayyadama Meeshaalee Qulqullaa'oo fi k.k.f ilaalleerra duubatti deebi'uun dubbisaa!

Kutaa 2ffaa har'a keessatti ammoo qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaallu;

• Waa'ee Taabotaa
• Waa'ee Manbarii ykn Teessoo Taabotaa fi
• Waa'ee Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dha. Dubbisa gaarii!

Ibsa suuraa:- Luboota Taabota Kakuu Waaqayyoo baatanii jiran, Manbarii fi Fannoo


Taabota, Manbarii fi Fannoo

Hangamiyyuu Meeshaalee Qulqullaa'oo wal caalchisuun cimaa ykn ulfaataa ta'uyyuu Hayyuun Mana Kiristaanaa keenyaa Adimaasee Jambareen shakkitootaaf deebii akka ta'uuf Kitaaba isaanii «ኮኩሐ ሃይማኖት» jedhu irratti Meeshaalee Qulqullaa'oo hunda kan caalu Taabota ta'uu dubbisiisaniiru. Kana waan ta'eefis Meeshaalee Qulqullaa'oo hunda keessaa dursinee Taabota, Manbarii fi Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ni ilaalla.

Taabota

Taabota jechuun bara Kakuu Moofaatti ykn bara Oriitiitti Bultoo Tsillaatiiti. Tsillaatii jechuun ammoo dhagaa kabajamaa Ibna Baradii irraa bocamee jechoota ykn abboommiiwwan kurnan of keessatti kan qabate ta'ee Waaqayyo Museedhaaf kan kennedha.

Taabotaa fi Tsillaatiin Kakuu Haaraa keessatti tokko ta'ee bocamee Taabota, Tsillaatii jedhamee ni waamama (iddoo aarsaan itti dhiyaatu) ykn «መሠዊያ» jedhamuudhaanis ni waamama, Tsillaatiin kun yeroo bocamu Tsaahilii, Tsiwwaa akka qabatuuf, bakkaa bakkatti socho'uu akka danda'uuf jedhamee hojjetama. Tsillaatii kana irrattis «አልፋ ወኦ ቤጣ የውጣ» kan jedhu maqaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irratti ni bocama, gubbaa isaa irratti Fakkii Qulqulleettii Sillaasee, gadi siqee ammoo Si'ilii ykn Fakkii Fannifamuu Gooftaa agarsiisu, karaa mirgaatiin ammoo Fakkii ykn Si'ilii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ilma ishee Iyyesuus Kiristoos waliin (ምስለ ፍቅረ ወልዳ), karaa harka bitaatiin ammoo Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii akkasumas maqaa Qulqulluu ykn Ergamaa Manni Kiristaanaa sun hojjatameef Si'iliin isaa irratti bocama, maqaan isaas irratti barreeffama.

Tsillaatiin Kakuu sunis Bultoo Waaqayyooti. Osoo Taabonni hin jiraatiinis ykn Taabotaan alas Aarsaaf hin dhiyaatu. /Sirna Mana Kiristaanaa/ «Taabota sana keessatti wantan siif kennu ni keessa!» Ba'uu 25:16-17.

«....... Taabota irra ni keessa, ani kanan siif kennu Taabota keessa ni keessa, achiinis si waliin wal nan arga ijoollee Israa'eel akka ajajjuuf wanta siif kennu hunda, Tsillaatii Taabotaa sana irra kan jiru Kiruubeel lamaan gidduu uffisa araaraa irra taa'ee sittin dubbadha.» Ba'uu 25:21-22.

«Waaqayyos Museedhaan gara koo gara Tulluutti ba'i, achis taa'i! Isaan akka barsiistuuf ani kanan barreessee seeraa fi ajaja Tsillaatii siin kenna jedheen» Ba'uu. 24:12.

«Waaqayyo Musee waliin Tulluu Siinaa irratti kan dubbate yeroo raawwatetti quba Waaqayyootiin kan irratti barreeffaman, dhagaa irratti kan ta'aan Tsillaatiiwwan lamaan kenneef» Ba'uu 31:18. 

«Waaqayyos Museedhaan jedhe:- Tsillaatiiwwan dhagaa lama akka isaan duraatti taasisiitii boci, bakka Tsillaatiiwwan dura cabsitee sana irra Jechoota turan irrattin barreessa.» Ba'uu. 34:1-2.

«Iyyaasuunis Lubootaan Taabota Waaqayyoo baadhaatii uummata bira darbaa jedhee isaanitti dubbate, Taabota Waaqayyoo baatanii uummata fuulduratti darban» Iyyaasuu 3:3-6.

«Filisxeemonnis sagalee Ilillee sana yeroo dhaga'aanitti naannoo ganda Ibrootaatii kan dhaga'aamu Sagaleen Ilillee kun maalidha? jedhan Taabotni Waaqayyoo gara naannootti akka gale hubatan» 1 Saam. 4:6-7.

«Taabota Waaqayyoo Mana Xaa'otii kan kaa'u eenyudha? nuti Mana Qulqullummaa Waaqayyo isa jiraataati!» 2 Qor. 6:16.

«Achi keessas ultuu ykn Maa'ixentii Warqiitu ture isheen lammaffaas Taabota Kakuu Warqee dhaan uffifamte ishee keessas Mannaa kan qabdu Masoobii Warqii fi kan biqilte uleen Aaroon Tsillaatiin Kakuus turan» Ibr. 9:4-5.

«Manni Qulqullummaa inni Samii irra jirus yeroo banametti Taabonni Kakuu Mana Qulqullummaa keessaa ni muldhate .......» Mul. 11:19.

«Maaloo gara boqonnaa keetti ka'i! Atiifi Taabotni Qulqullummaa kee!» Faaruu. 131:18.

Manbarii ykn Teessoo

Manbarii ykn Teessoo jechuun iddoo itti boqotan ykn boqochiisan, teessoo kan adda ta'e, kan ol ka'e Iddoo Tsillaatiin irra ka'aamu jechuudha. Tsillaatiin sun akka Taabotaatti Teessoo ykn Manbarii irra ta'a.

Manbarii ykn Teessoon fakkeenya haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ji'a Sagalii fi guyyaa shan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos garaa isheetti baattee ji'a Sagalii fi guyyaa shan turteerti waan ta'eef. Akkuma Manbarii irra Taabota ykn Tsillaatiin ka'aamu, ykn akkuma jechi Waaqayyoo kan irra jiru Tsillaatiin Manbarii dhaan baatamu ykn Manbarii irra ka'aamu haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos garaa isheetti baatteerti waan ta'eef.

Fannoo

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Fannoo irratti fannifamuu isaatiin dura Fannoo meeshaa namoonni balleessaa garaa garaa balleessan ittiin adabaman ykn irratti fannifaman ture. Nama Fannoo irratti fannisanii adabuun kan jalqabame biyya Faarsitti. Namoonni biyya Faars Waaqa lafaa kan jedhamu «Oormuuzd» Waaqessu ture. Kanarraa kan ka'es «Namni balleessaa balleesse tokko ykn yakkamaan adabbii isaa lafa irratti kan fudhatu yoo ta'e Waaqni keenya ni busha'a ykn ni rakasa» jedhanii waan yaadaniif ykn akkas jedhanii waan amananiif nama balleessaa balleesse tokko ykn yakkamaa lafa irraa ol butanii fannisuun isa adabu ture. Adabbiin kunis suuta suutaan bulchiinsa Room hunda keessatti adabbii baramaa ta'e. Akkasumas Seera Oriitiitiin namoonni adabbii isaanii Fannoo irratti namoonni fudhatan abaaramoo fi jibbamoo turan. Kanas Waaqayyo Museedhaan «Namni kamiyyuu Cubbuu du'aan isa gahu yoo hojjete, akka du'us yoo irratti murteeffame, mukaa irrattis yoo fannifame, muka irratti kan fannifame Waaqayyo biratti kan abaarame waan ta'eef reenfi isaa muka irra hin buliin» jechuudhaan itti himeera. Seera keessa Deebii 21:22.

Kakuu Haaraa keessattis gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos hiika Fannoo isa Kakuu Moofaa sana diigee waan irratti fannifameef Fannoon mallattoo bilisummaa keenyaa fi fayyina keenyaati. Kanaafidha Duuka Bu'icha Qulqulluun Phaawuloos «Warreen hin amanneef gowwummaadha. Nuti warra itti amanneef garuu humna Waaqayyooti» jedhee kan hubachiiseef. 1 Qor. 1:18.

Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Fannoon wantoota hedduu irraa hojjetamuu ykn qophaa'uu danda'a. Fakkeenyaaf :- Muka, Warqee, Meetii, Nahaasa fi k.k.f.

Faannoo Mukaa: Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos muka irraatti waan fannifameef abbootiin keenya ragaa
isa bahuuf Fannoo kana ni qabatu. Nuti Kiristaanonnis morma
keenya irratti ni hidhanna.

Faannoo Warqee: Mootummaa si caaluu hin jiru. Atis ammas barabaraan mootiidha. Mootiin
siin dorgomu hinjiru. Namoonni Ogeeyyii ykn Sabaa saggaloonni Warqee gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif kan fidaniif kanadhaafi. Maat. 2:1,
Luq.2:1

Fannoo Sibilaa: Kan akka kee jabaan gonkumaa
hin jiru. Annisaa ykn humna iddoo ykn bakka biraa irrsa osoo hin argatiin wanta barbaadde raawwachuu dandeessa kan jedhu ibsuufi.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!






Post a Comment

0 Comments