Subscribe To Our YouTube Channel

Dhumaatii Daa'imman Beetaliheem 144,000 fi Imimmaan Raaheel

Dhumaatii Daa'imman Beetaliheem fi Imimmaan Raaheel

Waaqayyo akkas jedha :- «Sagaleen Raamaatti dhaga'ame, sagalee boo'ichaa fi wawwaannaa guddaa ture; Raahel ijoollee isheetiif in boosse; ijoolleen ishee waan hin jirreef jajjabaachuus in didde. Ati garuu dadhabbiin kee gatii siif argate, ijoolleen kee biyya diinaatii deebi'anii waan dhufaniif boo'icha kee dhiisi, imimmaan kees hin dhangalaasin!» Erm. 31:15-16


Qulqulloonni Raajonni kan dubbatan waa'ee bara isaanii qofaa miti, waa'ee baroota darbanii ykn waa'ee baroota isaan dura turaniis ni dubbatu, waa'ee isa gara fuulduraatti dhufuus ni raaju. Abbootiin baroota garaa garaatti ka'aanis Raajiiwwan Qulqulloota Raajotaan dubbataman kanneen ni hiiku. Jechi Raajichi Ermiyaas dubbate kunis isa darbeefis isa dhufuufis kan hojjetudha ykn kan dubbatamedha. Yeroodhaaf ykn yeroo sanaaf Israa'eeloonni warreen Foonii Gibtsiitti garbummaa dhaan baroota turan keessatti bara itti turan yaadachiisa. Xumurri isaa ammoo ykn xumura isaatiif ammoo Bara Foonummaa ykn Zemene Sigaawweetti jechuunis fayyisaan Addunyaa Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos bara itti dhalatetti kan raawwatame agarsiisa.

Imimmaan Raaheel Israa'eeloonni warri Foonii baroota Garbummaadhaan Gibtsii turan yaadachiisa

Israa'eeloonni biyya ormaa biyya Gibtsiitti maqaa Yooseefiin godaananii ykn Yooseefiin gara Gibtsiitti seenanii jiraatu turan. Boodarra garuu Yooseef kan hin beekne, mootiin gara laafummaa fi Ogummaa Yooseef tokkoyyuu hin beekne Fara'oon ka'ee waanjoo isaanirra kaa'ee gidiraa isaanirra cimse. Kunis :- Ijoolleen Israa'eel garmalee baay'ataniiru, nurras isaan cimoodha, kanaafuu gara fuulduraatti diinni yoo nurratti ka'e karaa diinota keenyaa hiriiranii nu waraanu, yoo baay'atanis biyya keenya nu gadhisiisu. Jedhee dursee sodaachuu isaatiin nama sodaataafi hamaa ta'uudhaan «Koottaa! hojii ciccimaa isaan hojjechiisna kana hojjechaa yoo oolan waan dhadhabaniif cimina isaanii ni dhabu, akkasumas garmalee dhadhabuu isaanii irraa kan ka'e galgala niitiiwwan isaanii bira hin gahan, yoo niitiiwwan isaanii bira hin geenye ammoo ijoollee hin horatan, yoo akkas ta'e ammoo hin baay'atan jechuudha, yoo hin baay'anne ammoo nu hin balleessan jechuudha» jedhee yaade, yaadees hin dhiisne garmalee dhiphachuu isaatiin Feetoom, Raamsee fi Oon kan jedhaman magaalota ciccimoo dhagaadhaan isaan ijaarsise.

Ibsa suuraa :- Baroota gidiraa Israa'eeloonni Gibtsii itti turan

Israa'eeloonni warri Foonii garuu hammuma gidiraan itti baay'achaa deeme isaan garuu baay'achaa fi cimaa deeman. Gibtsoonni garuu ijoollee Israa'eel gidirsaa, reebaa isaan bitu ture. Hojii ciccimoodhaanis isaan dhiphisu, rakkisu turan.

Kanaan alas Mootichi deessistuuwwan isaanirratti muude. Isaanis «Dubartoota Israa'eel yeroo deessistan, da'uu gahaanii yeroo isaan argitanis yoo dhiira ta'e ajjeesaa, dubara yoo taate garuu hin ajjeesiinaa!» jedheen. Isaan garuu Waaqayyo waan sodaataniif akka inni isaan ajajetti hin taasisne. Mootichis shakkee akkasumas namoota irraa dhaga'ee «Maalif kanan isin ajaje hin raawwattan?» jedhee isaan gaafate. Sababni isaas ilmi dhiiraa dhalatee ji'a sadi booda yeroo boo'us, yeroo axxifattus sagalee isaatiin ni beekama waan ta'eef. Dubartoonni sababa ykn tooftaa hin dhaban waan ta'eef :- «Dubartoonni Ibrootaa akka dubartoota Gibtsootaa miti, deessistuun osoo hin dhufiin dura da'aanii nu eegu» jedhanii deebisaniif. 

Isaanis Israa'eelootaaf hojii gaarii hojjechuu isaaniitiin, Waaqayyos isaaniif wanta gaarii raawwateef Mootichi akka isaan hin ajjeefne taasise. (Ajaja Mootii raawwachuu dhiisuun nama ajjeesisa waan ta'eef)

Arjummaa Waaqayyootiin akkasumas hojii gaarii deessistuuwwan sanaatiin Israa'eeloonni garmalee baay'atanii ciman. Yeroo sanattis Fara'oon dheekkamee «Ijoollee dhiiraa Israa'eeloota irraa dhalatan bishaan keessatti gataa, warreen dubaraa garuu dhiisaa!» labsii jedhu labse.

Raaheelis kan turte bara kanadha. Abbaan manaa ishee Roobeel Simi'oon jedhamu jalaa du'ee gadda irra turte. Inni yeroo du'us isheen garaatti baatti ture, ta'us garuu «Bakka Abbaa manaa kee dhoqqee dhiiti, bukeessi hojii Abbaan manaa kee hojjechaa ture hojjedhu!» jedhamte. Isheenis ijoollee lama ykn lakkuu garaatti baattee waan turteef yeroo dhoqqee dhiittu dhiigni ishee ni dhangala'e, ijoolleen ishee lamaanis miila ishee jalatti kufan. Isheenis naasuudhaan dhaabbatuyyuu, namichi hojii ishee hojjechiisaa ture garuu «Maalif dhaabbatta? maaltu si naasise? dhiigni namaa, foon namaa dhoqqee waliin yoo bukeeffamee dhoqqee sana cimsa malee maal ta'a jetteetu? dhoqqee waliin dhiiti!» jedheen. Yeroo kanattidha egaa «ኢሀሎኑ በዝ ሰማይ አምላከ እሥራኤል» ykn «Dhuguma Sami kana irra Waaqni Israa'eel hin jiruu?» jettee imimmaan ishee kan dhangalaaste. Imimmaan ishee kanas harka isheetti walitti qabdee gara oliitti facaaste. «Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa; guutummaa biyya lafaa irratti arrabsamuu saba isaa irra ture irraa in fageessa; Waaqayyo kana dubbateera» akkuma jedhame Isa. 25:8 Waaqayyo imimmaan namaa haqu akka jiru ni amanti waan ta'eef.

Imimmaan ishees gara lafaatti hin deebine, teessoo galataa Waaqayyo bira gahe malee «ወዐበየት ተናዝዞ ወነጊፈ ላህ» ykn «Boo'icha dhiisuu, jajjabaachuu ni didde!» sababni isaas gidiraan ishee fi ijoollee Israa'eel irratti raawwatamaa ture baay'ee gaddisiisaa waan ta'eef, duuti daa'imman sanaa baay'ee nama gaddisiisa waan ta'eef, gaddi mana nama hundaatti waan ta'eef «እስመ ኢኮንዋ ውሉዳ ውሉደ» ykn «Ijoolleen ishee ijoollee isheef hin taane waan ta'eef» du'aniiru waan ta'eef, Abbaan manaa koo du'uyyuu ijoollee kootiin nan jajjabaadha! kan jette hin taaneef waan ta'eef «Lubbuudhaan hin jiru waan ta'eef, jajjabaachuu didde!» kanadha Raajichi Ermiyaas «Sagaleen boo'ichaa fi gaddaa Raamaatti ni dhaga'aame, Raaheel waa'ee ijoollee isheef ni boosse!» kan jedheef. Erm. 31:15

Imimmaan Raaheel Waaqayyo akka dubbatu, gargaarsaanis akka bu'u isa taasiseera. «ሰማዕኩ ገዓሮሙ ለሕዝብየ ፥ ወወረድኩ ከመ አድኅኖሙ» ykn «Iyya saba kootii nan dhaga'e, isaan fayyisuufis nan bu'e!» jechisiiseera. «Waaqayyos Museedhaan gidiraa saba koo Gibtsii jiran irra gahe argee, akkasumas gidiraa cima isinirra gahe irraa kan ka'e iyya keessan dhaga'ee, dhiphachuu keessanis beekeera. Harka Gibtsootaa irra isin fayyisuuf, gara biyya jaalatamtuu Kana'aanittis isin geessuuf nan bu'e. Gibtsiidhaas baasee gara biyya Dammaa fi Aannan itti burquu, gara biyya gammachuun keessaa hin dhabamneetti isinin geessa!» jedhe. Damma kan jedhe Seera Oriitiidhaani, uffanni dammi tuqe bishaaniin yeroo miiccan akkuma dafee gadhiisu Seerri Oriitiis seera gadhiisu waan tureef. Aannan kan jedhe ammoo Seera Wangeelaatiini. Uffanni Dhadhaan ykn Aannan isa bishaaniin yoo isa miiccaniyyuu akkuma hin gadhiisne Seerri Wangeelaas kan hin gadhiisne ykn cimtee kan jiraattu waan taateef. Ba'uu 3:8

Imimmaan Raaheel bara Foonummaa ykn Zemene Sigaawweetti Iyyesuus Kiristoos yeroo dhalate wanta raawwatame ni agarsiisa

Kakuu Haaraatti ammoo Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo dhalatetti Mootii Ayihuudotaa kan ture bara sanatti Heeroods hojiidhaan Fara'oon fakkaatee isa argina. Mootonni warreen fagoo ykn Namoonni Warqee, Ixaana fi Karbee qabatanii, urjiidhaan durfamaa waggaa lama deemaa turanii yeroo dhufan, inni dhiyoo jiru Heeroods garuu oduun dhalachuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos isa naasise. Gaaffiin isaaniis «አይቴ ሀሎ ንጉሥ ዘተወልደ?» ykn «Mootiin dhalate garam jira?» kan jedhu waan tureef, waa'een aangoo Mootummaa ykn waa'een aangoo Addunyaa kanaa isa yaaddessa. 

Heeroods bara Urjiin sun itti mul'ate namoota Ogeeyyii irraa of eeggannoo guddaadhaan erga hubate booda laphee isaatiin «Edaa daa'imni kun waggaa lama guuteera» jedhe. Lubootas dhoksaatti waamee bu'uura inni hubateetiin «Beetaliheemidha!» jedhee isaan erge. Kana waliinis «Deemaatii waa'ee daa'imichaa gaafadhaatii, yoo isa argitan anis akkan isaaf sagadu karaa koo deebi'aa koottaatii natti himaa!» jedheen. Inni wanta badaa yaadee dubbatuyyuu Ogummaan kan Waaqayyooti. Namoonni Ogeeyyii «Edaa Mootonni biyyattiis itti amanuu!» kan jedhuun Amantiin isaanii akka isaaniif cimuufi. 

Namoonni Ogeeyyii garuu saanduqoota isaanii bananii Warqee, Ixaanaa fi Karbee daa'imichaaf erga gabbaran booda akkuma Ergamaan Waaqayyoo isaanitti hime daandii ittiin dhufan dhiisanii karaa biraa, Amantaa biraatiin ykn amananii gara biyya isaaniitti deeman. Daandii karaa ittiin dhufaniitiin waggaa lama kan deeman yeroo deebi'an garuu guyyaa afurtama qofaa deemaniiru. Akkasumas karaa biraatiin «Garami?» jechaa dhufanii ture, «Argineerra» jechaa deebi'aniiru. Amantaa biraatiin «Mootii lafa irraa» jechaa dhufanii ture, «Mootii Samii, Waaqayyo Amalummaa» jechaa deebi'aniiru.


Heeroods namoonni Ogeeyyii akka itti qoosan (karaa kee deebinee sitti himna jedhaniinii waan tureef) yeroo dhaga'etti ykn yeroo beeketti garmalee aare. Loltoota isaas ergee Namoota Ogeeyyii irraa akkuma hubatetti ijoollee ykn daa'imman umuriin isaanii waggaa lama ta'ee fi isaa gadi kan ta'aan, Beetaliheem fi naannawaa isheetti kan argaman hunda daa'imman 144,000 ni ajjeesise. Yeroo sanatti Raajicha Ermiyaasiin «Raaheel waa'ee ijoollee ishee yeroo boossu sagaleen gaddaa fi boo'ichaa hedduun ni dhaga'aame, jajjabaachuus ni didde, ijoolleen ishee hin jiran waan ta'eef» kan jedhame ni raawwatame jedha. Erm. 31:15

Raaheel kaase malee Liyaa hin kaasne. Sababni isaas;

1. Gooftaan kan dhalate karaa Liyaa waan ta'eef gatii isheeti, Raaheel garuu karaa ishee waan hin dhalanneef gatii ishee maleedha.

2. Kan Liyaa biyya fagootti baay'inaan isheef oolaniiru, kan Raaheel garuu xiqqoo ta'uudhaan dhiyootti jalaa dhumaniiru waan ta'eef.

3. Tokkos karaa Raaheel kan Liyaas dubbachuufi.

4. Tokkos «Haati keenya Raaheel nuuf jiraattee, gidiraa fi rakkoo keenya argitee osoo nuuf boosee!» jedhanii waan boo'aniifi.

5. Tokkos waan oolan isaanitti fakkaatee awwaala Raaheel seenaniiru waan ta'eef, sana boodas isaan hordofanii achi seenanii ijoollee isaanii isaan harkaa fuudhanii jalaa ajjeesaniiru waan ta'eef. Yeroo kanatti Ekeraan ykn Lafeen Raaheel imimmaan buuseera. Awwaalli Raaheel Beetaliheem irraa 1Km fagaatee argama. 

Ibsa suuraa :- Iddoo Awwaala Raaheel kan magaalaa Beetaliheem irraa 1Km fagaatee argamu.

Karaa biraatiin ammoo karaa Liyaas karaa Raaheelis kan dhalatan walitti fiduu kan danda'u Abbaa isaanii Yaa'iqoob ykn Israa'eel hin kaasne. Kan kaase haadha isaanii Raaheelidha. Sababni isaas :- ilmi dhiiraa fuudha irra gahee, intalli durbaa ammoo heeruma irra gahaanii yoo kan du'an ta'e gaddi Abbaatti cima. Bara ijoollummaa ykn yeroo daa'imummaa isaanii yoo du'an ammoo gaddi haadhatti cima waan ta'eef kanaafi.

Qulqulluun Maatewoos «Raaheel» jedhee Raajii Ermiyaas kan caqaseef kana qofaaf osoo hin taane Gibtsii kan turteefisi. Kunis gidiraa gidiraa waliin yeroo wal bira qabudha. 

Heeroods Daa'imman kanneen hunda akkamitti walitti isaan qabe?

Heeroods daa'imman 144,000 kan walitti qabe «Mootichi Qeesaar :- Daa'imman walitti qabdee, nyaataa fi uffata kennaa, Dammaa fi aannaniin guddistee, maatii isaaniitiifis lafa ykn dhaala kennaa Loltoota naaf qopheessi naan jedheera!» labsii jedhu dubbate. Warreen daa'imman qabanis daa'imman isaanii, kanneen hin qabne ammoo uffataa fi nyaata ittiin fudhachuuf ijoollee ergifatanii deemaniiru. Innis tooftaa kanaan walitti isaan qabee isaa ficcisiiseera. Seenaawwan hammeenyaa lamaaniyyuu «Sagaleen gaddaa, boo'ichaa fi iyyaa Raamaatti dhaga'aame» kan jedhame Ergamoota biratti dhaga'aame jechuudha. Sababni isaas Iyyoor, Raamaa fi Erer magaalaa Ergamootaa waan ta'aaniif. Tokkos uumaa Ergamootaa Waaqayyo biratti dhaga'aame jechuudha. Sababni isaas iddoo Ergamoonni jiranitti Waaqayyo jira. Tokkos Raamaa kan jedhamte Mootummaa Waaqayyoo dha. Hiikni isaa iccitiis Raamaa kan jedhamte Mootummaan Waaqayyoo Amantaa qabatee, hojii gaarii hojjetee kan keessa seenu dhabdee ni gadditi, ni boossi jechuudha.

Ibsa suuraa :- Dhumaatii Daa'imman Beetaliheem

Bara kanatti kan barbaachisu waan biraa osoo hin taane Imimmaan Raaheel dha. Addunyaan gidiraadhaan guutamtee waan taateef, namni bilisni keessa hin jiru waan ta'eef. «Gowwoonni garaa isaaniitti, "Waaqayyo hin jiru" in jedhu; isaan amalli isaanii manca'aa dha, hammina ciiggaasisaa hojjechaa jiru, namni waan gaarii godhu tokko illee hin jiru. Ogeessonni Waaqayyoon barbaadan, yoo jiraatan arguudhaaf jedhee, Waaqayyo bantii waaqaa keessaa, ilmaan namootaa gad in ilaala; hundinuu dugda itti gataniiru, hundinuus wal ga'anii manca'aniiru; namni gaarii godhu tokko illee hin jiru, lakkii, tokko iyyuu hin jiru. “Warri hamaa hojjetan hundinuu homaa hin hubatanii? Warri akkuma buddeena nyaatan saba koo nyaatanis, Waaqayyoon hin waammatanii» akkuma jedhu. Faaruu. 52/53:1-4.


Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam mucaa ishee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos fi Yooseef waliin ta'uun waa'ee yeroowwan godaansaan Gibtsii keessa itti turanii Wangeelaawwiin Yohaannis mul'ata isaatiin akkuma arge akkas jedha «Aduu kan uffatte, Addeessa miila isheetii gadi kan godhatte, mataa ishee irrattis Goonfoo kan godhatte Dubartii tokkotu turte .........» Mul. 12:1-6.

Dubartittiin haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yoo taatu Jawwichi ammoo Heeroods irra bulee daa'imicha ajjeesuuf kan barbaadeefi kan godaansise diina keenya Diyaabiloosidha.

Egaa haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ilma ishee, Yooseef fi Solomee waliin yeroowwan isheen itti godaansaan turan guyyoota 1,260 ykn waggaa sadii fi walakkaa dha. 

Eebbi daa'imman kanneenii nurra haa bulu!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments