Subscribe To Our YouTube Channel

Gaaffilee waa'ee Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irratti ka'aaniifi Deebii isaanii

Waa'ee Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Gaaffilee ka'aanii fi Deebii isaanii


1. Waa'ee Dhalachuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos fi akkaataa kabaja isaa

Gara baldhina isaatti deemuu keenyaan dura Gannaa ykn «ገና» jechuun maal jechuudha kan jedhu haa ilaallu, «Gannaa» jechuun jechi isaa jecha Giriikii ykn jecha Tsirii irraa kan dhufe yoo ta'u hiikni isaas Dhaloota jechuudha.

Akkuma beekamu Abbaan keenya Addaam Cubbuu hojjeteen hanga yeroo gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos dhalateetti dukkana keessa ture. Isa. 9:2.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos erga dhalate booda garuu uummanni gaaddidduu dukkanaa keessatti rakkachaa fi dhama'aa ture ifa arge, uummanni abdii hin qabne abdii qabaate, Addunyaan moofaa tures Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin haaraa ta'e. Isa. 9:2, Roomee. 13:12

2. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos nama ta'ee gara Addunyaa kanaatti kan dhufe maalifi?

Waa'ee nama ta'ee gara Addunyaa kanaatti dhufuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Abbootiin Mana Kiristaanaa fi Beektota Addunyaa kan jedhaman waan baay'ee jedhaniiru, waan baay'ees barreessaniiru. Yaada hundaa qabatee kan argannu garuu,  dhugaa fi soba gargar baasuuf kan gargaaru jecha Waaqayyoo kan qabate Kitaaba Qulqulluu qofaa yoo ta'u innis Raajii dubbatame ykn raajame xumura ykn raawwatamuu isaa waliin wal simsiisuun Kitaaba Raajiin sun itti dubbatame raawwii isaa waliin Boqonnaa fi lakkoofsa isaa waliin bifa ifaa ta'een ka'aameera isaan keessaas;

3. Raajii ykn Raaga

Raajii jechuun gara fuulduraatti kan ta'u, ykn wanta gara fuulduraatti dhufu ykn raawwatamuu fi yeroon isaa yeroo gahutti kan raawwatamu osoo inni hin gahiin dura beekuu fi kennaa dubbachuuti.

Jecha kanatti kan fayyadaman wanta gara fuulduraatti dhufu dursanii beekanii, bara akkasiitti wanti akkasii ni ta'a jedhanii kennaa Waaqayyootiin dursanii beekanii kan dubbatan ykn raajan Raajota jedhamanii waamamu. Raajii yeroo jedhamus iddoo lamatti kan qoodamu yoo ta'u; isaanis;

1. Afuurri Waaqayyoo ijoollee namaatiif kan jedhu ibsu raajii fi mul'ata,

2. Faayidaadhaaf, hojiiwwan badaa ta'aaniif kan oolu Afuurota hamoo garaa garaa irraa Raajii argamudha.  Gosti raajii nuti lammaffaa irratti ramadne kun Falfala ykn Xonqolaa malee raajii jedhamuu hin danda'u!

Egaa isa sobaa haa dhiisnuutii gara Raajii isa dhugaatti haa darbinu.

Addaam sababa Bofaatiin Jannata keessaa ba'uyyuu Waaqayyo Gooftaan garuu isa hin dhiisnu, bara boodarraatti (waggaa 5,500 booda) akka isa fayyisu, kanaafis ilma isaa Amalummaa hangafaa fi quxisuu hin qabne ilma isaa tokkicha akka ergu, fayyinaaf abdii isaaf kenneera. Ijoolleen Addaamis kana hubachuudhaaf, beekuudhaaf hawwanii guyyaa itti dhalatu sana ykn guyyaa fayyina sana beekuuf ykn argachuuf gartokkeen Addeessaan ykn Baatiidhaan, gariin ammoo Urjiiwwaniin, warreen kaan ammoo ifa Aduutiin lakka'aa turaniiru. Waaqayyos barri gidiraa ykn barri Kakuu Moofaa yeroo xumurametti raajiin jaalattoota isaa akka raawwatamuuf ilma isaa tokkicha gara Addunyaatti erge. Yoh. 3:16

4. Raajiiwwan Dhaloota Gooftaatiif dubbataman

Waa'ee dhalachuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Raajiiwwan Kakuu Moofaa keessatti dubbataman;

1. Si'iifi dubartiittii gidduutti, sanyii kee fi sanyii ishee gidduutti diinummaa nan taasisa. Inni mataa kee rukuta, atis miila isaa hiddita - Uma. 3:15 → Waaqayyo

2. Si gidduutti obboloota kee keessaa raajii akka koo siif kaasa, isas ni dhageessa! - Seera Keessa Deebii 22:18 → Raajicha Musee

3. Ahizaabonni dachee irraa hundi sanyii keetiin ni eebbifamu - Uma. 22:18 → Waaqayyo

4. Nan arga amma garuu miti, Yaa'iqoob irraa Urjiin ni baha - Seera Lakkoofsaa 28:17 → Bala'aam

5. Kunoo durbi ni ulfoofti, ilmas ni deessi maqaa isaas Amaanu'eel jettee ni moggaafti - Isa. 7:14 → Raajicha Isaayyaas

6. «ሕፃን ተወልደ ለነ ወልድ ተውህበ ለነ» ykn ilmi nuuf dhalate, ilmi dhiiraas nuuf kennameera - Isa. 9:6-7 → Raajicha Isaayyaas

7. Ati yaa Beetaliheem Efraataa..... si keessaa ka'umsi isaa durii kaasee bara baraaf kan ta'e Israa'eel irratti mootii kan ta'u ni ba'a - Mik. 5:2 → Raajicha Mikiyaas

8. Ati mucaan Tsiyoon gammadi - Zakkaariyaas 9:9 → Raajicha Zakkaariyaas

9. Raajichi Daani'eel kan dubbate, kan raaje Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa'ee yeroo inni dhalatuu fi ijoollee namaaf waa'ee guyyaa inni waadaa itti galee adda baasee ni hubachiisa. - Dan. 7:25-28 → Raajicha Daani'eel

10. Kunoo Efraataatti isa dhageenye - Faaruu 131/132:6 → Raajicha Daawwit

Subaa'eewwan Dhaloota Gooftaaf galaman

Dhaloota Gooftaa keenyaa dursanii Qulqulloonni Subaa'ee galuun lakka'aa turan. Isaan keessaas muraasa haa ilaallu.

1. Subaa'ee Heenook

Heenook Subaa'ee isaa lakka'aa kan ture dhaloota abbootiitiin yoo ta'u, waggaa dhibba torba tokko jedhee lakka'eera. Subaa'ee saddeettafaaniis Iyyesuus Kiristoos akka dhalatu raajeera. Jalqabbiin lakkoofsa isaas Addaamii jalqabeetu.

Raagni isaas akkas jedha «Sanbatni saddeettafaas Qulqullummaa fi kunaneen subaa'ee itti beekamudha. Sayifiinis isheef ni kennama, mootiin guddichis kan itti galateeffatamu Manni isheerraatti ni ijaarama. Galatni isaas kan bara baraati.» Heenook 35:1-2. Jechuun yeroo raaju hiiktonni akkasitti deebisu.

- Isheef Sayifii ni kenna jechuun isaa Qulqullummaa fi Kunaneen kan itti baramu Wangeelli yeroo sana addunyaa hundatti ni lallabamti jechuudha.

- Mana Mooticha Guddaa ni ijaara jechuun isaa Mootiin Moototaa Iyyesuus Kiristoos kan itti galateeffamu Manni Kiristaanaa ni ijaaramti jechuu isaati.

- Galanni isaas kan bara baraati jechuun isaa namaa fi ergamooti tokkummaan ta'aan «Samii Irratti Galanni Waaqayyoof, Lafa Irratti Nageenyi Namaaf» jechaa yeroo hunda ni galateeffatu jechuudha. 

- Sanbatni Saddeetafaannis Kiristaanotaaf kan kennamte guyyaa dhaloota Iyyesuus Kiristoosidha jedhu.

2. Subaa'ee Daani'eel

Waa'ee nama ta'uu gooftaa keenyaa yeroo murteessee subaa'ee lakkaa'ee kan dubbate Daani'eelidha. Subaa'een Daani'eel kan lakkaawwamu waggaadhaani. Daani'eel waggaan torbaatamni yeroo dhume sinan ilaala jedhamee raajii Ermiyaasiin kan dubbatame yaadachaa yeroo kadhatu Ergamaan Qulqulluun Gabri'eel bifa namaatiin itti mul'atee akka jedheeniira «Waaqayyo kadhannaa kee dhaga'eeraatii, akkan sitti himuuf dhufeera. Amma dubbicha qoradhu, mul'atichas hubadhu cubbuun kan ittiin badu Gooftaan kabaja isaa mindaa isaa kan godhatu kan jiru torbaatamni gahuufi raawwachuufi jedhiitii saboota kee qacari jedheera.» Dan. 9:22-25, Erm. 29:10

Subaa'een torbaatamni waggaa 490 ( 70 x 7 = 490) yeroon kun hanga dhufaatii Kiristoositti yeroo jirudha. Andimta Hizq. 4:6

3. Subaa'ee Ermiyaas

Ermiyaas Baabiloonii akkuma deebi'een Mana Qulqullummaa diigame keessa osoo taa'ee kadhatuu mul'ata argee, guyyaa sadaffaattis akkas jedhee raajii dubbate «Uumaa keenya jecha tokkoon galateeffadhaa, Ilma Abbaa Iyyesuus Kiristoos galateeffadhaa. Kana booda nama ta'uuf, foon uffachuufi, gara addunyaa kanaa dhufuufi kan isa hafe Subaa'ee guyyaa 333 dha waan ta'eef inni gara addunyaa kanaa ni dhufa, Duuka Bu'oota 12 ni filata, gara Dabra Zayitittis ni deema.... » Tarafa Baarook 5:43-53

Ermiyaas Subaa'ee isaa kan jalqabee fi mul'ata kan arge erga addunyaan uumamtee waggoota 5054 booda ykn DH.K.D bara 446 dha.

Kunis Subaa'ee Ermiyaasiin subaa'een tokko guyyaa 490 dha.
Subaa'een hundi ammoo 490 x 333 = 163,170 guyyoota hamma kana ta'a.
Kunis gara waggaatti yeroo jijjiiramu 163,170 ፥ 365 = 446 waggaa ta'a.
Ermiyaas Subaa'ee isaa lakkaa'uu kan eegale erga addunyaan uumamtee ykn bara addunyaa 5054tti. Raajichi bara itti dubbatamee kaasee hanga dhaloota gooftaatti waggaa 446 ta'a.

Abbootiin Mana Kiristaanaa keenyas Afuura Qulqulluu Waaqayyootiin durfamanii kitaabolee Qulqullaa'oo qorachuun waggootni Addaamii hanga Kiristoositti jiran 5500 ta'uu isaanii mirkaneessaniiru.

Kunis :-

- Addaamii hanga Noohitti - Waggaa 2256
- Noohii hanga Museetti - Waggaa 1588
- Musee hanga Solomoonitti - Waggaa 593
- Solomoonii hanga Kiristoositti - Waggaa 1063 ta'a.
Walumaagalatti waggaa 5500 ta'a.

5. Raawwatamuu Raajiiwwan dubbataman kanneenii

1. Dhuma barichaa ykn beellamichi yeroo gahetti Waaqayyo ilma isaa erge, Dubroo irraas ni dhalate - Gal. 4:4 → Qulqulluu Phaawuloos

2. Museenis Waaqa Abbootii isaa Gooftaa dhaaf ana akkuma kaaste Raajii obboloota keessan keessaa isiniif kaasa! wanta isinitti himu hunda isa dhaga'aa, lubbuun raajii sana hin dhageenyes adda baatee ni baddi! - HDB. 3:22 → Qulqulluu Pheexiroos

3. Ilma Daawwit, ilma Abrahaam Kitaaba Dhalootaa Iyyesuus Kiristoos (Maat. 1:1) - Qulqulluu Maatewoos, Gal. 3:8-18 - Qulqulluu Phaawuloos

4. Bakkalchi barii anadha - Mul. 22:16 → Qulqulluu Yohaannis

5. Waaqayyo nu waliin yoo ta'e eenyutu nu morma - Roomee 8:31 → Qulqulluu Phaawuloos

6. Inni guddaadha! ilma Waaqayyoos ni jedhama, Waaqayyo gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawwit ni kennaaf - Luq. 1:32 → Qulqulluu Gabri'eel

7. Ibsa waa'ee iddoo Iyyesuus Kiristoos itti dhalatuu kan Raajichi Mikiyaas raaje - Maat. 2:1-6, Yoh. 7:32.


6. Ayyaanni dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yoom kabajamuu jalqabe? guyyaan itti kabajamu hoo maalif oola?

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa inni itti dhalate isa sirrii beekuudhaaf Astiroonoomaroonni, namoonni ykn hayyoonni Seenaa fi Ariyooloojii qo'annaa hedduu taasisaniiru. Ta'us garuu yaada tokko irratti walii galuu dhabuu isaaniitiin, lakkaawwiin baraa Kiristaanotaa haaluma kanaan tokko osoo hin ta'iin hafeera. Ta'us garuu Itoophiyaatti kabajamuu kan jalqabe jaarraa arfaffaa irraa eegalee akka ta'e seenaan ni hubachiisa. Kanaafis Akkaataan lakkaawwii baraa warra Goorgooriyos ykn Goorgooriyoosaawwiyaan kan fayyadaman uummanni Addunyaa dhaloota Kiristoos kan isaan kabajan kuti kabajuu keenya dura guyyaa 13 durseetu ykn December 25 kabaju.

Manni Kiristaanaa Room guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 25 ykn December 25 kabajaa akka turte bara 336 Dh.K.B irraa kaasee ifaadha. Guyyaan kun Ahizaabota biratti Ayyaana Aduu jedhamee kabajamaa waan tureef Kiristaanonnis amala Xaa'otii Waaqessuu kan qabu Ayyaana Aduu isaan kabajan kana balleessuuf jedhanii guyyaa Yaadannoo dhaloota b Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa kana kabajuu jalqaban.

Manni Kiristaanaa Bahaas dursa kenniteefii kan kabajju Akka Lakkoofsa warra Awuroppaatti Amajjii 6 (akka keenyaatti naannoo Mudde 28) kan oolu Ayyaana Ephifaaniyaa ture. Yeroo muraasa booda garuu Cuuphaa fi dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos walfaana Amajjii 6 kabajaa akka turte seenaan ni ibsa.

7. Manni Kiristaanaa tokkottii taatee osoo jirtuu Kiristaanota Addunyaa irra jira gidduutti garaa garummaan akkasii akkamitti uumamuu danda'e?


Garaa garummaan isaa akkamitti akka ta'e haa ilaallu; dhaloota Gooftaa dursee Bara Addunyaa 46 tti Qeesaariin Room Juuliyees jedhamu bara sanatti Urjii lakkaa'uu fi qorachuudhaan kan beekamu Soosginas waamsisee lakkaawwii baraa wal borcee ture akka sirreessu isa ajaje. Hayyuun kunis eeyyamamaa ta'ee waggaa ji'oota kudha lamatti qoodee, tokkoon tokkoon Baatiiwwan ykn ji'oota waggaa keessa jiraniis (Ji'a Gurraandhalaatiin ala) guyyoota 31 fi 30 akka qabaatan taasisee qopheesse. Ji'i Gurraandhalaa garuu guyyoota 29 akka qabaatu taasise. Ta'us garuu waggaa afur keessatti guyyaan tokko haftee waan ta'uuf, waggaa arfaffaa irratti Ji'i Gurraandhalaa guyyaa 30 akka ta'u murteesse. Juuliyees Qeesaaris uummanni Room kanaan akka tajaajilamu labsii labse.

Dabalataanis Juuliyees Qeesaar guyyaan jijjiirraa bara haaraa Baatii Bitootessaa kan ture jijjiiree Baatii Amajjii akka ta'u taasise. Kanaanis lakkaawwii baraa Juuliyees kana biyyoonni hedduun fudhatanii waggoota 1500'f itti fayyadamaa turaniiru. Sababni isaas guyyoonni waggaa keessa jiran walitti ida'aamanii guyyoota 265 fi Ruubii ta'uu isaanii ture. Kunis ta'ee lakkaawwiin Juuliyees mudoon irratti hin dhabamne sababni isaas haftee daqiiqaa 11 fi Sakandii 14 ni agarsiisa ture waan ta'eef.

Kanarraa kan ka'es akka lakkoofsa Awuroppaatti bara 1582 Dh.K.B kan ture Pooppiin Room Poop Goorgooriyos inni saddettaffaan hayyoota urjii walitti qabee erga irratti mari'atanii booda lakkaawwiin baraa fooyya'ee akka ittiin hojjetamu labsii dabarse. Yeroo sana irraa eegalee Manni Kiristaanaa Kaatolikii Roomaa lakkaawwii Goorgooriyos fayyadamuu jalqabde. Biyyoonni Hordoftoota Amantaa isaanii kan ta'aanis fudhatanii hoggasuma hojiirra yeroo oolchan kutaaleen ykn bulchiinsonni Jarman garuu hanga jaarraa 17ffaatti lakkaawwii Juuliyees fayyadamu ture. Ingiliiziinis labsii Mana Kiristaanaa Room kana kan fudhatte bara 1752 Dh.K.B tti ture. Sana booda garuu biyyoonni Lixaa fudhataniiru.

Kunis ta'uu kan danda'eef bara 1582 Dh.K.B tti kan dabalaman guyyoonni kudhan walitti dabalamanii Lakkaawwii Goorgooriyos fi Juuliyees gidduutti garaagarummaa waan uumaniifi.

Garaagarummaa lakkaawwii baraatiin kan ka'e guyyoonni Yaadannoo dhaloota Gooftaa warra Lixaa fi Itoophiyaanota biratti garaagarummaa guyyaa 13 qabu. Ta'us garuu jalqaba akkuma dubbanne Addunyaan yeroo hedduu waa'ee lakkaawwii baraa rakkoon ishee mudatee turuun isaa ifa ta'uyyuu Itoophiyaan garuu Bara Oriitiittis ta'e Bara Kakuu Haaraatti ijoollee akka bakkalcha bariitti ifa waan qabduuf lakkoofsa kana ykn lakkaawwii baraa kana irratti homaa rakkoo hin qabdu. Dursees ykn duris, hardhas Aadaa ishee lakkaawwii baraa ishee akkuma qabatettu ni argamti.

Kanaafuu lakkaawwii Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo ykn biyya keenya Qulqulleettii Itoophiyaa ammoo kanatti aansinee haa ilaallu;

8. Akkaataa Lakkaawwii Baraa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa

Bara keenya kanatti Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dhaloota Gooftaa akka Manneen Kiristaanaa kanneen birootti maalif hin kabajju? gaaffiin jedhu erga dhaga'aamuu eegalee oolee bubbuleera. Wanti beekamuu qabu tokko garuu Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dhaloota Gooftaa Mudde 29 kan kabajju kophaa ishee osoo hin taane Mana Kiristaanaa Iskindiriyaa waliin ta'uuni, tarii Manneen Kiristaanaa Ortodoksii Oriyeentaal hundi guyyaa kana ykn Mudde 29 kabaju jechuun ni danda'aama, Ayyaana Cuuphaas akkasuma.

Garaagarummaa guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irratti uumameef sababa isaa fi hundee dubbii kanaa ragaa isaa waliin baldhisee «በእንተ ልደት ድንግልናዌ» mata duree jedhuun Hayyuun Iskindiriyaa Yohaannis Abeel Heeram barreessee argama waan ta'eef achi irraa ilaaluun ni fayyada (Keeyyata 84) dhimmi isaa garuu Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ragaa Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaa'edha jettee waan itti amanteefi malee waggoota hedduuf ittiin hojjetamaa turuu isaatiin yookiin ammoo Manni Kiristaanaa Iskindiriyaa waan itti fayyadamtuuf qofaa miti.

9. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Bitootessa 29 garaatti baatame Mudde 29 dhalachuu isaa

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos yoom garaatti baatamee, yoom akka dhalate beekuufi hubachuuf gara Wangeela Qulqulluu Luqaasitti deebina. «Kunoo ji'a jahaffaattis Ergamichi Qulqulluun Gabri'eel gara Maariyaamitti deemee Iyyesuus Kiristoos akka deessu itti hime!» Luq. 1:26-38. Guyyaan kunis lakkaawwii Itoophiyaatti guyyaa itti Qulqulluun Yohaannis Cuuphaa itti garaatti baatame irraa kaasee Bitootessa 29 ta'uu isaa ni hubanna.

Fakkeenyaaf :- 

Onkoloolessa - 1
Sadaasa - 2
Mudde - 3
Amajjii - 4
Gurraandhala - 5 fi
Bitootessa - ji'a 6 dha.

Kanaafuu Bitootessa guyyaa 29 Ilmi ykn jechi Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos nama kan itti ta'e, garaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessa kan itti bule ta'uu isaa erga hubanne booda, guyyaa fi ji'a itti dhalate argachuuf ammoo Bitootessa 29 irraa kaasee Qaammee dabalatee Ji'a 9 fi guyyoota 5 ykn guyyoota 275 ni lakkoofna kunis Mudde 28 ykn Mudde 29 ta'a. Mudde 28 kan ta'u bara Yohaannisitti yoo ta'u kunis qaammeen 6 waan taatuufi.


Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos gadameessa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessa ji'a Sagal fi guyyoota 5 erga ture booda guyyaa Kibxataa, Mudde 29 bara 1 Dh.K.B halkan sa'aatii 7-10 yeroo jiru keessatti Beetaliheemitti dhalate (Giyoorgis ilma Amiid, fuula 158 -159).

Kunis bifa herreegaatiin kan bira gahaamu waan ta'eef hin shakkisiisu. Ilmi dhiiraa garaa haadha isaa keessa kan inni turu Ji'a Sagaliifi guyyoota Shan ta'uun isaa baroota hedduudhaaf amanamee kan turedha. Daballiin ykn hirdhinni guyyaa dhaloota ijoollee namaa irratti mudatu Gooftaa keenya hin mudanne. Isa. 7:14, Gal. 4:4 

Kunoo Urjiin bahaa namoota Ogeeyyii dursee iddoo daa'ima dhalate sanaatti akkuma isaan geessise Wangeelaawwiin Luqaasis kan agarsiise guyyaa itti Luba Zakkaariyaasitti Missiraachoon himame duuka bu'uun Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa inni itti dhalate isa sirrii ni amanti.

Kanaafuu Manni Kiristaanaa Itoophiyaa guyyaa dhaloota Gooftaa Mudde 29 kabaja guddaadhaan ni kabajji. Maat. 2:1-11, 2 Pheex. 1:19-21

Mana Kiristaanaa Itoophiyaa waliin biyyoonni ykn Manneen Kiristaanaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kabajan;

• Mana Kiristaanaa Ortodoksii Gibtsii
• Mana Kiristaanaa Ortodoksii Sooriyaa
• Mana Kiristaanaa Ortodoksii Hindii
• Mana Kiristaanaa Ortodoksii Arman fi 
• Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa yoo ta'aan Manneen Kiristaanaa Baha fagoo keessaa ammoo Manneen Kiristaanaa Ortodoksii Giriikii fi Mana Kiristaanaa Ortodoksii Raashiyaati.
 
Awuroppaanonni guyyaa dhaloota Gooftaa kan kabajan nuti guyyaa itti kabajnu irraa guyyaa 13 dursaniitu. Kana jechuunis akkaata lakkaawwii keenyaatti naannoo Mudde 16 akka isaanitti ammoo December 25  jechuudha.

10. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 dhalachuu isaa Abbootii ykn Beektota ragaa ba'aan

1. Qulqulluu Efreem isa Sooriyaa

2. Giyoorgis ilma Amiid

3. ሰዒ.ድ ወ/በጥሪቅ

4. መበንጋዊ/ማኅቡብ

5. ወልደ መነኮስ

6. Didisqiliyaa Keeyyata 29 fi 37

7. Hayyoota ykn Abbootii Mana Kiristaanaa Itoophiyaa fa'i 

11. Akkaataan kabaja Dhaloota Gooftaa uummata Itoophiyaa waliin walitti dhufeenya inni qabu

Itoophiyaatti akkaataan kabaja Ayyaana Gannaa ykn dhaloota Gooftaa jalabultii isaa irraa eegalee  Manneen Kiristaanaa hundumaatti «ዋዜማ እምርኅቅ ብሔር» jedhamuun jalabultiin ni dhaabbatama. «ይትባረክ ኮከብ መርሖሙ" ሰላም "ይእዜኒንትልዋ ለሰላም» jedhamee Misbaakiin ni dubbifama, Wangeelli ni dubbifama dhuma irrattis «አድኅነነ ሕዝበከ» jedhamee xumura jalabultii ta'a. Galgala sa'aatii 2 yeroo ta'u dhalachuu Gooftaa Missiraachoo kan himan Dawulii ykn Bilbiloonni Mana Kiristaanaa daqiiqaa shaniif sagalee isaanii ni dhageessisu, Lubnis ta'e Uummanni uffata Aadaa isaanii isa Adii uffatanii gara Mana Kiristaanaatti ni dhufu. Sana boodas Luboonnis, Uummannis Maahileetiidhaan, Tsinaatsiliidhaan, Kabaroodhaan «ዮም ተወልደ ቤዛ ኲሉ ዓለም» jedhanii tokkummaan faarfachaa hanga yeroo Sirna Qiddaaseetti ni turu. Sirni Qiddaasee erga raawwatame booda sa'aatii sagal irratti uummanni gara Mana isaaniitti ni deemu.

Erga bari'e boodas firoota isaanii gaafachuu dursanii hiyyeessota naannoo isaanii jiran waamanii tokkummaan firas ta'e hiyyeesonni hunduu tokkummaan manatti argamanii wanta ayyaanaaf qophaa'e ni nyaatu, ni dhugu, kennaas waliif kennu. Mana isaaniittis marga jiidhaa lalisaa ykn «ቄጠማ» firfirsuun, Abaaboo qopheessuudhaan ni bareechu. Wanti nyaatamuu fi dhugamus akka humna isaaniitti ni qopha'a.

Kanaafuu «ልደትሶ በኲሉ ልደት ጸውአኒ በካልዕ ዕለት» jedhameera. Namoonni biyya keenyaas «Gooftaan nuuf dhalate! Diyaabiloos lapheen isaa gubate!» jedhanii miira isaanii Afuurawaa ibsatu.

12. Tiksootaa fi Aadaa isaanii

Tiksoonni guyyaa kanatti garee gareedhaan ta'aanii tapha Qillee ni taphatu. Gammachuu isaaniis ulee isaa waliin rukutuun ni ibsatu, kunis «hardha namaa fi Ergamoonni tokko ta'aaniiru!» kan jedhu waliin kan wal qabatudha. Luq. 2:15.

Dubbistanii waan xumurtaniif Galatoomaa! osoo hiriyoota keessaniif Share taasistanii gaariidha jenna!

Gama keenyaan Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo Ayyaana Dhaloota Gooftaaf Faarfataman kanneen isin affeerreerra dhageeffadhaa!




Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments