Subscribe To Our YouTube Channel

Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Habiib Giyoorgis eenyudha? | Kutaa 2ffaa

«Bara Warqeetti Ilma Warqee»


Kutaa 2ffaa


Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis


Seensa :- Yeroo darbe kutaa 1ffaa barumsa ykn seenaa fi qabsuura Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis ilaalleerra. Kutaan itti aanu ammoo kunooti. Kutaa 1ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa! Erga dubbistanii xumurtan booda barumsi kun ijoollee barattoota dilbataa ta'aan maraaf waan fayyaduuf adaraa qoodaafii!


• Bara 1909/10tti Daarektarri Mana barumsichaa Yooseef Manqaariyoos yeroo boqotu Paatriyaarkichi Habiib bakka isaa filatan. Yeroo sana dargageessa waggaa 33 ture. Rakkoo keessa darbuu hojii isaa guyyaa hundaa kan taasifate Habiib Giyoorgis garuu yeroo kana rakkoolee garaa garaatu isa eeggata ture. Bara 1938/9 tti miseensa mana maree hawaasummaa Koopxi kan ta'aan namoonni tokko tokko mana barumsaa Theology Koopxitti dargaggoonni baratan gara manneen barnoota Theology Ingiliiz scholar ship deemanii akka baratan yaada kaasan. Habiib garuu yaada kana karaa kamiinuu hin fudhanne, dargaggoonni keenya amantaa isaanii abbootii isaaniiraa malee ormoota irraa barachuu hin danda'aan jedhe. Manni kiristaanaa ijoollee isheef kan ta'u nyaata afuurawaa qabdi kan jedhu yaada Habiib Paatriyaarkichi yeroo sanaa Yoosaab 2ffaan deeggaruu isaaniitiin yaadni hawaasa sanaa kufuu danda'eera.

• Qorumsichi garuu kanumaan hin dhaabbannee afaan Giriikii akka barsiisuuf manni marichaa luba Angilikaan ramade. Habiib mana barumsaa keessa kan turan barsiisotaa fi barattoota walitti qabuun «Ortodoksii amantaa keenya haaromsaaf saaxila» jechuun «Mana barumsaa keenya iddoo olmaa barsiisota Ortodoksii akka hin taane godha» jechuun mana marichaaf xalayaa barreesse. Warri liberaali dursaa kan turan manni marichaa beekumsa gahaa waa'ee afaan Giriikii kan qabu nama Gibxii waan dhabaniif yaadicha fudhachuu qabda jedhanii dhiibbaa irraan gahan. Inni garuu beekaa afaanii Abdul Masih «Gebre Kiristoos» waliin walii galuun afaanicha akka barsiisuuf taasise.
Habiib mana barumsichaatti morkiin inni godhe barumsa Ortodoksummaatiin luba kan ta'aan, lallaba wangeelaatiin kan leenji'an, barnoota «Noolot» dhaan luboota gonfataman horachuu ture. Kanaafis bu'uura guddaa kan kaa'eef barnootni galgalaa kollejjichaa jalqabuu isaa ture. Barnoota amantaa tiin kan ragaa bahaameef eebbifamtoota yunivarsitii kanaa gara barnoota galgalaa kanatti isaan galche. Ministeerri barnootaa Gibxis mana barumsaa kanaaf beekamtii kenne. Maba Kiristaanaaf dhamaatii kan qaban barattoonni gara Koollejjichaa fi Yuunivarsiitichaa dhufan. Yeroo sana warra dhufan keessaa eebbifamaa waa'ee ogummaa kan ture Naazer Gaayid tokko ture. Nama kanadha boodarra Qulqulluu Eebbifamoo Abuna Shinoodaa 3ffaa kan ta'e.

• Sirna barnoota Koollejjichaa, sadarkaa fi humnaan guddisuuf dhama'uun hojii isaa guyyuu ture. Barattoonni Koollejjichaas gara Lubummaatti akka dhufaniifi Mana Kiristaanaa akka gargaaranii fi akka jajjabeessan Habiib guyyaa guyyaa ibsa isaa ta'ee ture. Yeroo sanatti Paatriyaarkiin turan Yoonaas 19ffaan Phaaphasota hundaaf caamsaa 19, bara1922 xalayaa erganiin Barattoota Habiib Giyoorgis simatanii leenjii lubummaa gahaa kennaniifii akka ramadan akeekkachiisa kennanii turan. Boodarras fulbaana 14 bara 1929 Koollejjicha irraa Dippiloomaa kan qaban qofti lubummaa akka filataman Sinoodosiin Gibxii murteesse. Warri baratan kun, inaaffaa Mana Kiristaanaa kan qaban, shakkitoota warra dhihaatiin kan hin barrazamne luboonni jiraachuu qabu jedhee yaadaa kan ture firii guddaa Habiib dha.

• Habiib barsiisummaa fi hundeessummaa Koolleejjii Theology kan bukkeetti hundeessummaa manneen barnootaa dilbataatiin ni beekama. Magaalotaa fi baadiyyaawwan garaa garaa keessa yeroo naanna'u wanta tokko hubatee ture. Mana Kiristaanaa sirriitti kan hubate, tajaajiluuf dhaloota karaa hundaanuu kutatee ka'e horachuuf yoo barbaadame bu'uurichi kaa'aamuu kan qabu daa'imman irra jedha. Kanarraa kan ka'e bara 1902/03 dargaggeessa waggaa 24 yeroo ture yeroo jalqabaaf mana barnootaa dilbataa Manneen kiristaanaa Kaayiroo tokko tokkotti galma Mana barumsaa Koopxitti jalqabe.

• Daa'imman kan eegamanii ol gara Mana barumsaa dilbataatti yaa'uu jalqaban. Kunis Habiib kanaa ol akka hojjatu isa kakaase. Bara 1900tti «Koree giddu galeessaa Mana barnootaa dilbataa» kan jedhamu Mana barumsaa dilbataa qaama qindeessu hundeesse. Sirna barnootaa bocuu, babal'ina Mana barumsaa dilbataa fi tokkummaa Mana barumsaa dilbataa cimsuun hojii ijoo koree kanaa ture. Kaaba Gibxii hanga qarqara Kibbaatti Mana barumsaa dilbataa ni banaman. Inumaayyuu bara 1933/34 tti gubaa'een/waldaan waliin jalqabaa mana barumsaa dilbataa tajaajiltoonni mana barumsaa dilbataa 500 bakka argamanitti ni gaggeeffame.

• Mana Kiristaanaa isaaniif kan inaafan, barumsa Mana Kiristaanaatiin jalaa kotkotamanii kan guddatan, umurii kichummaa kan qaban ijoollee waa'ee mana Kiristaanaa bira kan hin dabarre manni kiristaanaa Gibxii akka argattu kan taasise mana barumsaa dilbataa Habiib kanadha. Yeroo boqonnaa isaatti kawaalota daawwachuufi achitti dabarsuufi gubaa'eewwan fi seminaarota qopheessuun, kitaabolee maxxansuu fi k.k.f. Hojii mana barumsaa dilbataa turan.

• Mana Kiristaanaa isaaniif kan inaafan, barumsa Mana Kiristaanaatiin jalaa kotkotamanii kan guddatan, duuka buutotni Habiib hojii barsiisaa isaanii duuka bu'uun lallaba wangeelaa, kawaalota gargaaruu, bu'aalee maxxansaa raabsuu, lubummaadhaan mana kiristaanaa tajaajiluu, ogummaa isaaniitiin Mana Kiristaanaa karaa hunda ta'een tajaajila isaanii kennuun mana kiristaanaa Gibxii rakkoo keessa turte gara bara Warqeetti fidan.

Guduunfaa :- Seenaa fi Qabsuurri Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis kutaan 2ffaan kana fakkaata ture, waan dubbistaniif xumurtaniif Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu! hiriyoota keessaniifis qoodaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!


Post a Comment

0 Comments