Subscribe To Our YouTube Channel

Akkaataa Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti | Kutaa 2ffaa

Akkaataa Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti


Kutaa 2ffaa


Seensa :- Kabajamtoota maatiiwwan Waaqayyoo, ijoollee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam iddoo jiranitti nageenyi Waaqayyoo isiniif haa baay'atu jechaa, Koorsii kana kan eegalle guyyaa muraasa dura yoo ta'u yeroo darbe kutaa 1ffaa ilaalleerra. Kutaan itti aanu kutaan lammaffaan ammoo kunooti. Kutaa 1ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa!


Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan Bara Kakuu Haaraa akkaataa lakkaawwii ykn herreega Dimeexiroositti


👉 Akkaataa bu'uura lakkaawwii baraatti herrega ayyaanotaa fi tsoomiiwwanii akkasumas kanneen biroo kan baroota darbanii, kan baroota nu fuuldura jiraniis hanga dhufaatii gooftaatti hojjennee baruu ni dandeenya. Akkaataa lakkaawwii kanaafis akka ifa nuuf ta'uuf kan bara 2014 irratti hundoofnee haa hojjennu.

1. Bara Addunyaa


Barri Addunyaa kun ida'ama bara Kakuu Moofaa fi Bara Kakuu Haaraati. Barri Kakuu Moofaa ykn Barri gidiraa bara Dhaloota Kiristoos dura ture yoo ta'u, waggoota 5,500 dha. Barri Kakuu Haaraa ykn barri araaraa ammoo dhaloota Kiristoosii kan jiru yoo ta'u amma 2014 irra jirra. Bu'uura kanaatiinis;

👉 Bara Addunyaa = Bara Araaraa + Bara Gidiraa.
👉 2014+5500 = 7514 Bara Addunyaa.

2. Wangeelaawwii isaa


👉 Wangeelaawwii isaa ykn baricha eenyu akka ta'e baruuf ammoo Bara Addunyaa arganne sana Wangeelaawwiiwwan arfaniif (Maatewoos, Maarqoos, Luqaas, Yohaannis) hirra. Bu'uura kanaatiinis;

👉 7514÷4 = 1878 ta'a haftee qaba.

✔ Yoo hafteen isaa tokko (1) ta'e Bara Maatewoosidha.
✔ Yoo hafteen isaa lama (2) ta'e bara Maarqoosidha.
✔ Yoo hafteen isaa sadi (3) ta'e bara Luqaasidha.
✔ Yoo hafteen isaa Zeeroo (0) ta'e ammoo bara Yohaannisidha.

Bu'uuruma kanaan 7514 yeroo afuriif hirru 1878 gahee tokko (2) irraa hafa kanaafuu barri 2014 bara Maarqoosidha jechuudha. 1878 kun ammoo gahee Wangeelaawwii tokkooti.

3. Guyyaa jijjiirraa bara haaraa ykn guyyaa Fulbaanni tokko irra oolu. (መባቻ)


👉 Kana argachuuf ammoo Bara Addunyaa (7514) irratti gahee Wangeelaawwii tokkoo (1878) erga idaane booda guyyoota torbaniif hirra.

👉 Bu'uuruma kanaanis 7514+1878 = 9392 ta'a. Kanas torbaaf (7'f) hirra. 9392÷7 = 1341 haftee qaba.

✔ Yoo hafteen isaa tokko (1) ta'e guyyaan itti barri haaraa seenu ykn Fulbaanni 1 Kibxata ta'a.

✔ Yoo hafteen isaa lama (2) ta'e guyyaan itti barri haaraa seenu ykn Fulbaanni 1 Roobii ta'a.

✔ Yoo hafteen isaa sadi (3) ta'e guyyaan itti barri haaraa seenu ykn Fulbaanni 1 Kamisa ta'a.

✔ Yoo hafteen isaa afur (4) ta'e guyyaan itti barri haaraa seenu ykn Fulbaanni 1 Jimaata ta'a.

✔ Yoo hafteen isaa shan (5) ta'e guyyaan itti barri haaraa seenu ykn Fulbaanni 1 Sanbata ta'a.

✔ Yoo hafteen isaa ja'a (6) ta'e guyyaan itti barri haaraa seenu ykn Fulbaanni 1 Dilbata ta'a.

✔ Yoo hafteen isaa Zeeroo (0) ta'e ykn yoo hafte dhabe guyyaan itti barri haaraa seenu ykn Fulbaanni 1 Wiixata ta'a.

👉 Kanaafuu bu'uura herreega kanaatiin 9391 yeroo 7'f hirru 1341 gaheetu haftee ammoo afur (5) ta'a. Kanaaf akkuma dura ilaalle hafteen isaa yoo afur ta'e Fulbaanni 1 Sanbata irra oola jechuudha, bara 2014 tti.

4. Teessoo (ወንበር)


👉 Kuni ammoo Bara Addunyaa waggaa 19'f hiruun, ykn erga hirame booda haftee isaa irraa waggaa tokko hir'isuun ykn hirdhisuun kan argamudha. Wanbar kan jedhamu kunis tokkoo (1) hanga 19tti kallattiidhaan kan deemu ulaagaa baraa lakkoofsa ta'edha. Tajaajilli isaas Abaqtee fi Maxqi'ii baasuuf kan gargaarudha. Waggaan 19ffaa kunis ykn waggaa 19ffaa kana irrattis Aduu fi Addeessi akka dibaabee fi namaatti gubbaa fi jala ta'uun yeroowwan muraasaaf ykn sa'aatiiwwan muraasaaf yeroo itti mul'atan ykn imalanidha. Akkaataan herreega isaas;

👉 Bara Addunyaa ÷ 19 ti. Kunis ፦ 7514÷19 = 395 ta'a haftee qaba. Hafteen isaas saddeeti (9) kanaaf Wanbarii ykn teessoo kana argachuuf tokko irraa hir'isna. Kunis 9-1=8 ta'a. Teessoon bara 2014 saddeet ykn 8 jechuudha.

👉 Beektonni Mana Kiristaanaa akka ibsanitti Wanbar ykn teessoo kana argachuuf haftee irraa tokko kan hir'isnu tokko baraaf kennuu keenya agarsiisa jedhu.

5. Abaqtee (አበቅቴ)


Abaqtee jechuun haftee baraa jechuudha. Kunis lakkaawwii Aduutiin waggaan tokko guyyoota 365, Addeessaan ammoo 354 dha. Garaagarummaan kanaas 11 dha (365-354=11)
Kunis haftee baraa ykn Abaqteedha. Abaqtee kana argachuufis Wanbar ykn teessoo 11'n baay'isnee yoo soddomaa ol dhufe haftee isaa yoo soddomaa gadi dhufe ammoo lakkoofsichumti argame mataan isaa Abaqteedha.

 Abaqtee = Wanbar × 11÷30.
Bu'uuruma kanaatiin Abaqtee bara 2014 yeroo hojjennu;

Abaqtee = 8×11 = 88 ta'a. Kana yeroo soddomaaf (30) hirru ammoo :- 88÷30 = 2 ta'a haftee
qaba. Hafteen isaa 28 waan ta'eef Abaqteen bara 2014 = 28 ta'a jechuudha.
Faayidaan Abaqtee maali?
Faayidaan Abaqtee hirdhina ji'aa (ሕፀፅ ወርኅ) fi guyyaa waliin walitti ida'aamuun halkan
argamsiisa. Hir'ina ji'aa jechuunis Addeessaan jiinni tokko guyyaa 30, inni itti aanu ammoo 29
jechaa itti fufti. Hir'inni ji'oota lama lamaan mul'atu ykn jiru kunis (ሕፀፅ) jedhama. 

Bu'uura kanaatiinis; 

Hir'inni Fulbaanaa fi Onkoloolessaa 1 dha.
Hir'inni Sadaasaa fi Muddee 2 dha.
Hir'inni Amajjii fi Gurraandhalaa 3 dha.
Hir'inni Bitootessaa fi Eeblaa 4 dha.
Hir'inni Caamsaa fi Waxabajjii 5 dha.
Hir'inni Adoolessaa, Hagayyaa fi Qaammee 6 dha.
Waggaa tokko keessatti walumaagalatti Hir'ina ykn (ሕፀፅ) 6tu argama. Kana jechuunis
waggaa tokko keessatti ji'oonni jaha guutuu guyyoota, ji'oonni jahan hafan ammoo hir'uuwwan jedhamu.

Herreegni ittiin halkan argannus;

Halkan = Abaqtee + Hirina + Guyyaa
Akka barnoota lakkaawwii baraatti halkanis in lakka'aama.

Fakkeenyaaf halkan Fulbaana tokkoo kan Bara 2014 meeqa kan jedhuuf;

Abaqtee isaa 28, Hirinni is 
aa 1, guyyaan isaa ammoo Fulbaana tokkodha kanaaf yeroo
herreegnu;

Halkan = 28+1+1 = 30 ta'a. 30 halkan ta'a jechuudha.

6. Maxqi'i (መጥቅዕ)


Maxqii jechuun (ደውል) ykn bilbila jechuudha. Maxqiin guyyaa inni irra oolu bu'uura godhachuun Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan guyyaa irra oolan irraa baafachuuf itti fayyadamna.

Maxqi'i ykn bilbila argachuufis lakkoofsa Wanbarii ykn teessoo 19'n baay'isnee 30f hiruun
herreegna. Maxqi'ii ykn Dawool ykn bilbiladha, yeroo bilbilli bilbilamu barataan akkuma gara daree
isaatti walitti qabamu, Maxqiinis
Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan walitti qaba waan ta eef.

Maxqi'i ykn bilbila = Wanbarii ykn teessoo x 19 + 30.
Bu'uura kanaatiin Maxqi'in ykn bilbilli bara 2014 meeqa kan jedhuuf;

Maxqii = 8x19 = 152 ta'a kanas 30f hira 152+30 = 5 ta'a. Hafteen isaa 2.

Kanaafuu Maxqi'ii ykn bilbilli kan bara 2014 = 2 dha.

Maxqi'iin 14 ol yoo ta'e Fulbaana, yoo 14 gadi ta'e ammoo Onkoloolessa keessa oola. 14
matumti isaa garuu Maxqi'ii hin ta'u. Maxqi'iin kunis ji'oota lama keessa qofa kan ooludha.

Ida'amni Maxqi'ii fi Abaqtee walitti 30 ta'a.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments