Subscribe To Our YouTube Channel

Akkaataa Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti | Kutaa 3ffaa

Akkaataa Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti


Kutaa 3ffaa


Seensa :- Kabajamtoota maatiiwwan Waaqayyoo ijoollee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nagaa Waaqayyootiin akkam jirtuu? Akkuma beekamu Koorsii gabaabaa kana erga eegallee ykn jalqabnee kaasee kutaalee lama kan ilaalle yoo ta'u, kutaan itti aanu kutaan 3ffaa kunooti. Kana dura garuu kutaalee darban Kutaa 1ffaa fi Kutaa 2ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa!


6. Maxqi'ii (መጥቅዕ)


Maxqii jechuun (ደውል) ykn bilbila jechuudha. Maxqiin guyyaa inni irra oolu bu'uura godhachuun Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan guyyaa irra oolan irraa baafachuuf itti fayyadamna.

Maxqi'i ykn bilbila argachuufis lakkoofsa Wanbarii ykn teessoo 19'n baay'isnee 30f hiruun
herreegna. Maxqi'ii ykn Dawool ykn bilbiladha, yeroo bilbilli bilbilamu barataan akkuma gara daree
isaatti walitti qabamu, Maxqiinis
Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan walitti qaba waan ta eef.

Maxqi'i ykn bilbila = Wanbarii ykn teessoo x 19 + 30.
Bu'uura kanaatiin Maxqi'in ykn bilbilli bara 2014 meeqa kan jedhuuf;

Maxqii = 8x19 = 152 ta'a kanas 30f hira 152+30 = 5 ta'a. Hafteen isaa 2.

Kanaafuu Maxqi'ii ykn bilbilli kan bara 2014 = 2 dha.

Maxqi'iin 14 ol yoo ta'e Fulbaana, yoo 14 gadi ta'e ammoo Onkoloolessa keessa oola. 14
matumti isaa garuu Maxqi'ii hin ta'u. Maxqi'iin kunis ji'oota lama keessa qofa kan ooludha.

Ida'amni Maxqi'ii fi Abaqtee walitti 30 ta'a.

7. Tawusaakii (ተውሳክ) daballii


Tawusaakii jechuun daballi jechuu yoo ta'u, guyyootii Ayyaanonni irra oolan baruuf Maxqi'ii waliin dabalamee kan lakka'aamudha.

Akkaataa lakkoofsa ykn lakkaawwii Tawusaakii lamatu jiru;

Tawusaakii ykn daballii guyyootaa fi
Tawusaakii ykn daballii Tsoomiiwwanii fi Ayyaanotaa

1.Tawusaakii ykn Daballii Guyyootaa


Tawusaakiin ykn daballiin kun Sanbata ykn Qidaamee iraa jalqaba. Daballi guyyootaa kana
argachuufis guyyaa itti Maxqi'iin oole borumtaa isaa iraa eegallee hanga guyyaa Nannaween
irra ooleetti ykn ooluutti yeroo lakkoofnu guyyaa 122 hanga 128 ta'a.

Boumtaa guyyaa Maxqi'iin irra oolee kaasee hanga guyyaa Nannaween ooleetti lakka'aa,
120'n isaa 30f hiraa haftee isaa ammoo qabachaa daballiin guyyootaa ni argama. 

Maxqi'iin ykn bilbilli daballii guyyootaa ykn Tawusaakii guyyootaa waliin lakka'aamee Tsooma Nannawwee nuuf kenna.

Caalmaatti hubachuuf gabatee kanaa gadi jiru simiitti dubbisaa.

Guyyaa ••• Baay'ina guyyoota 30'f yeroo hirru ••• Haftee

Sanbata ••• 128 ÷ 30 ••• 8
Dilbata ••• 127 ÷ 30 ••• 7
Wiixata ••• 126 ÷ 30 ••• 6
Kibxata ••• 125 ÷ 30 ••• 5
Roobii ••• 124 ÷ 30 ••• 4
Kamisa ••• 123 ÷ 30 ••• 3
Jimaata ••• 122 ÷ 30 ••• 2


2. Tawusaakii ykn daballii Tsoomiiwwanii fi Ayyaanotaa


Bu'uurri daballii ykn Tawusaakii Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwanii Tsoomii Nannawee dha.

Nannawee irraa jalqabnee hanga guyyaa Tsoomiin itti ooleettidha kan lakkoofnu. 

Bu'uura kanaatiinis;

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsooma Guddaatti guyyaa 14

• Nannawee dhaa kaasee hanga Dabra Zayititti guyyaa 41

• Nannawee dhaa kaasee hanga Hoosaa'inaatti guyyaa 62

• Nannawee dhaa kaasee hanga Fannoo ykn Siqlatitti guyyaa 67

• Nannawee dhaa kaasee hanga Du'aa Ka'umsaatti guyyaa 69

• Nannawee dhaa kaasee hanga Rikbe Kaahinaatiitti guyyaa 93

• Nannawee dhaa kaasee hanga Ol ba'iinsaatti guyyaa 108

• Nannawee dhaa kaasee hanga guyyaa shantamaffaa ykn Paaraqiliixoositti guyyaa 118

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsooma Duuka Bu'ootaatti guyyaa 119

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsooma fayyinaatti guyyaa 121 ta'a.

Kanaa olitti kan tarreessine
kana daballi isaanii argachuuf tokkoon tokkoon isaanii warreen 30 ol ta'an 30'f hirra, yoo 30
gadi ta'aan ammoo akkuma jiranitti fudhachuun haftee isaanii Maxqi'ii waliin walitti dabaluun
waggaa isaatti guyyaa irra oolu barra ykn beekna.

Gabaabinnaan gabatee kanaa gadii keessatti haa ilaallu.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsoomii Guddaatti guyyoonni jiran guyyoota 14, yoo ta'aan lakkoofsi kun 30 gadi waan ta'eef kallattiidhaan fudhanna, kanaafuu hafteen isaa 14 dha.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Dabra Zayititti guyyoonni jiran guyyoota 41, kanaafuu lakkoofsi kun 30 ol waan ta'eef, 30'f ni hirra yeroo kanas hafteen isaa 11 ta'a.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Hoosaa'inaatti guyyoonni jiran guyyoota 62 yoo ta'aan, kanas 30'f yeroo hirru hafteen isaa 2 ta'a. Kana jechuunis 62 yeroo 30'f jirru 2 gahee lama hafa waan ta'eef.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Fannifamuu Gooftaatti ykn Siqlatiitti guyyoonni jiran guyyoota 67 dha. Kanas yeroo 30'f hirru hafteen isaa 7 ta'a.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Du'aa Ka'umsa Gooftaatti guyyoonni jiran guyyoota 69 yoo ta'aan, lakkoofsa kanas yeroo 30'f hirru hafteen isaa 9 ta'a.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Rikbe Kaahinaatiitti guyyoonni jiran guyyoota 93 yoo ta'an, kanas yeroo 30'f hirru hafteen isaa 3 ta'a.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Ol ba'iinsa Gooftaatti guyyoonni jiran guyyoota 108 yoo ta'aan, kanas yeroo 30'f hirru hafteen isaa 18 ta'a.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Paaraqiliixoositti ykn hanga Ayyaana guyyaa Shantammaffaatti guyyoonni jiran guyyoota 118 yoo ta'aan kanas yeroo 30'f hirru hafteen isaa 28 ta'a.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsooma Duuka Bu'ootaatti guyyoonni jiran guyyoota 119 yoo ta'aan, kanas yeroo 30'f hirru hafteen isaa 29 ta'a.

• Nannawee dhaa kaasee hanga Tsooma Fayyinaatti guyyoonni jiran guyyoota 121 yoo ta'aan kanas yeroo 30'f hirru hafteen isaa 1 ta'a.


8. Nannawee


Bu'uurri Tsoomiwwanii fi Ayyaanotaa Nannaweedha. Nannaween Tawusaakii ykn daballii
hin qabu. Ayyaanni Maxqi'ii ykn Bilbilli Fulbaana irratti yoo ta'e Nannaween Amajjii, yoo
Ayyaanni Maxqi'ii Onkoloolessa irratti oole ammoo Nannaween Gurraandhala irra oolti. Garuu
Ayyaanni Maxqi'ii Fulbaana irra oolee Tawusaakii guyyootaa waliin yeroo walitti ida'aamu yoo
30 ol ta'e sababa haftee isaatiin Tsoomni Nannawee Guraandhala irra ni oolti. Maxqi'iin ykn
bilbilli Tawusaakii ykn daballii walin ida'amee yoo 30 gadi ta'e matumti isaa lakkoofsi argame
Nannawee jedhama.

Shallaggiin isaas :- Nannawee = Maxqi'ii + Tawusaaki guyyotaa

Bifuma kanaan guyyaa itti Tsoomni Nannawee kan bara 2014 oolu haa hojjennu;

Nannaween = Maxqi'i ykn bilbila + Tawusaakii guyyootaa ykn daballi guyyootaa

Maxqjiin bara 2014, 2 dha.

Maxqi'in kun ykn Onkoloolessi 2 kan bara 2014 ammoo guyyaan irra oolu Kibxata dha.

Kanaaf akkuma dura ilaalle Tawusaakiin ykn daballi ykn hafteen Kibxataa ammoo 5 dha.

Kanaafuu;

Nannawee = Onkoloolessa 2 + Tawusaakii Kibxataa ta'a, kana jechuunis 

Nannawee = 2 + 5 = 7

Kanaafuu Tsoomni Nannawee kan bara 2014 Guraandhala 7 seena jechuudha.

Tsoomni Nannawee kan bara 2014 Guraandhala irra kan ooleef, Maxqi'iin ykn bilbilli isaa
Onkoloolessa irra waan ooleefidha.

Kanaa ol hin ba'u kanaa gadi hin bu'uu kan jedhu haa ilaallu, Kana gidduu garaagarummaa
guyyoota 35 tu jira. Kunis fakkeenya Kitaabolee Kakuu Haaraa 35 ti. Daangaa isaa kanas
gabatee kanaa gadi jiru keessatti haa ilaallu;

• Tsoomni Nannawee yeroo hunda Amajjii 17 fi Gurraandhala 21 gidduutti ta'a ykn oola

• Tsoomni guddaan yeroo hunda Gurraandhala 1 fi Bitootessa 5 gidduutti ta'a (kana jechuun Guyyaan seensa ykn jalqabbii Tsooma guddaa yoo dafee seene jedhame Gurraandhala 1 seena, yoo baay'ee turee seene jedhame ammoo Bitootessa 5 seena yeroo hunda guyyaan seensa Tsooma guddaa guyyoota kana gidduutti jechuudha)

• Dabra Zayit yeroo hunda Gurraandhala 28 fi Ebla 2 gidduu oola

• Hoosaa'inaan yeroo hunda Bitootessa 19 fi Ebla 23 gidduu oola

• Guyyaan Fannoon Gooftaa ykn Siqlatiin Bitootessa 24 fi Ebla 28 gidduu oola

• Guyyaan Du'aa Ka'umsa Gooftaa yeroo hunda Bitootessa 26 fi Ebla 30 gidduu oola

• Rikbe Kaahinaatiin yeroo hunda Ebla 20 fi Caamsaa 24 gidduu oola

• Ol ba'iinsi ykn Irget yeroo hunda Caamsaa 25 fi Waxabajjii 9 gidduu oola

• Paaraqiliixoos ykn Ayyaanni guyyaa Shantammaffaa yeroo hunda Caamsaa 15 fi Waxabajjii 19 gidduu oola

• Tsoomni Duuka Bu'ootaa yeroo hunda Caamsaa 16 fi Waxabajjii 20 gidduu oola

• Tsoomni Fayyinaa yeroo hunda Caamsaa 18 fi Waxabajjii 22 gidduu oola.

Hub :- Tarii armaan olitti barreeffamaan kan ilaalle kun isiniif galuu waan dhiisuuf Gabatee armaan gadii irraa sirriitti dubbisaa!

Guduunfaa :- Koorsiin keenya Akkaataa Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti jedhu kutaan 3ffaan kana fakkaata ture. Waan dubbistaniif Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu! 💚💛♥️

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments