Subscribe To Our YouTube Channel

Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Habiib Giyoorgis eenyudha? | Kutaa 3ffaa

«Bara Warqeetti Ilma Warqee»


Kutaa 3ffaa


Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis


Seensa :- Yeroo darbe kutaa 1ffaa fi kutaa 2ffaa barumsa ykn seenaa fi qabsuura Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis ilaalleerra. Kutaan itti aanu ammoo kunooti. Kutaa 1ffaa fi kutaa 2ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa! Erga dubbistanii xumurtan booda barumsi kun ijoollee barattoota dilbataa ta'aan maraaf waan fayyaduuf adaraa qoodaafii!


• Duuka Bu'oota dargaggessa Habiib keessaa abbaa qinee kan ture Naazir Gaayid ykn boodarra Abuna Shinoodaa 3ffaa'n bara 1939/40 tti barruu beekamaa «Mana Barnootaa Dilbataa» jedhamu qopheessuu eegale. Naazir jaalala barsiisaa isaatiif qabu irraa kan ka'e kitaabichi qopheessummaa Habiib Giyoorgisiin akka ba'u ture kan taasise. Kitaabichi ykn barruun sunis har'a waggaa 70 booda har'as ni maxxanfama.

• Koreen giddu galeessaa Mana Barnootaa dilbataa daa'imman ijoollummaa isaaniitti Mana Barnootaa dilbataatti hin guddanneef sagantaa addaa «Algaamiyaa Alqibxaa» jedhamu qopheesse. Sagantaa kanaan barnoota wangeelaa, sagantaa daawwannaa fi sagantaan aadaa beeksisuu hojiirra ni oola ture.


• Habiib Giyoorgis humnoota lama waliin qabsuura'eera. Isaan jalqabaa aadaa, miira (feeling) fi amantaa warra dhihaa ykn warra Lixaa Kiristaanota Gibxii irratti fe'uuf humnoota ka'aan yoo ta'aan. Walakeessa jaarraa 19ffaatti Miisiyoononni warra dhihaa bal'inaan Gibxitti baay'atanii ture. Humna koloniis (gita bittaas) fayyadamuun uumatni Pirootestaantizimii akka fudhatu dhiibbaa taasisuun, hiyyeessota qarshiif wantoota adda addaa/carraa hojii, jireenya biyya alaa, scholar ship dhaan gowwoomsuun «Mana Kiristaanaa ammayyaa ni taasisna ykn ni haaressina» falaasama jedhu «Mana Kiristaanaa keessan guddisuu fi ammayyaawaa taasisuu yoo barbaaddan sirna amantaa fi jireenya keenyaa fudhadhaa!» jechaa uummata gowwoomsuun Mana Kiristaanittii qoran. Manaa manatti naanna'uun barnoota sobaa isaanii ni facaasuu jalqaban. Macaafa qulqulluu abbaan barbaade akka fedhetti hiike, suurawwan nama harkisanii fi tiraaktii manaa manatti facaasuu itti fufan. Kun hundi isaan gahuu didee mana kiristaanaa Gibxii tuffachuun manaa manatti maganuudhaan ykn arrabsuudhaan Luboota dhabsiisuun hojii isaanii ta'e. Kanarraa kan ka'e abbootin fi maatiiwwan isaanii amantaan gargar ta'aan.

• Habiib Giyoorgisii fi hiriyoonni isaa Qeerloos 5ffaa dhaaf dhimmicha dhiyeessan. Bara 1896/7 ttis Paatriyaarkicha waliin ta'uun Kaabaa hanga Kibba Gibxiitti uummata barsiisuun naanna'uu jalqaban. Mandaroota, Manneen Kiristaanaa, Kawaalota seenaa dursummaa Paatriyaarkichaatiin amantaa isaa Ortodoksummaa akka eeggatan barsiisan. Waggaa shan boodas Habiib Paatriyaarkichawaliin ta'uun deemsa duuka bu'ummaa wal fakkaataa taasisaniiru.

• Habiibis deemsa misiyoonota kanaa ni qorate. Uummatas dogoggorsiisuuf tooftaa isaan fayyadaman ni hubate. Achiinis mormii isaa qopheessuu eegale. Yaada isaa Mana barumsaa dilbataa kan burqisiise deemsa isaa kana booda ture. Barattoota dilbataaf faarfannaawwan ni qopheesse. Faarfannaawwan kanas iddoo tokkotti maxxansiise.

• Qabsuurummaan Habiib inni lammaffaan ammoo Mana Kiristaanaa sana barnoota Pirooteestaanizimiitiin ni haaressina jedhanii humnoota ka'aan waliin ture. Manni Kiristaanaa Gibxii dhiibbaa Arabootaa fi Ingilizotaan rakkoowwan irra gahaan akka sababaatti fudhachuun Doogmaa, sirna, tiwufitii ishee kan guutummaatti kan Pirooteestaantii gochuuf namootni ka'aan aangoo mootummaa qaban fayyadamuun Ortodoksoota ni qoran.

• Inumaayyuu Abuna Qeerloos 5ffaattiin Manni maree Koopxi El Magliis yeroo hundaa'u akka waldaa Pirooteestaantotaa mana maree kana kan hoogganuu qabu mana mariichadha yaada jedhu kaasuu isaaniitiin Paatriyaarkichawaliin wal dhabanii turan. Paatriyaarkichiseeraa fi Tiwufitii mana kiristaanaatiinala manni kiristaanaa hoogganamuu hin dandeessu jechuu isaaniitiin yeroo sana dhiibbaa muummicha ministeeraa kan turan Butrous Pasha Gaalitiin Mootichi Hubraash Ismaa'eel Paashaa Paatriyaarkicha irraan dhiibbaa gahee ture.


• Yeroo kanatti ergama ishee kan ta'e rakkoo Mana Kiristaanaa irraa adda baasuu sirriitti raawwachuu jechuun Pirooteestaantii akka taatu ykn yaada liberaalii wanti hundi yoo danda'aame yoo ta'e maal qaba kan jedhu fudhachuu osoo hin taane kan qabdu qabattee, kan diigaman haaromsitee, ergama ishee akka fiixaan baastu gargaaruudha ejjennoo jedhu dargaggoota deeggaraniifi hoogganan keessa inni hangafaa Habiib Giyoorgis ture.

• Bara 1889/90tti Koopxonni Mana Barnootaa mootummaatti Kiristaanota barataniif gaaffii barnootni amantaa akka kennamuu gaafatan. Ministeerri barnootaas barsiisotaaf kan ta'u mootummaan akka hin ramadne, sirna barnootaa barnootichaaf ta'uu fi kitaabolee barnootichaa manni kiristaanaa akka qopheessitu ibsuun gaafficha fudhatan. Paatriyaarkichi Qeerloo 5ffaan ba'aa cimaa kana Habiib Giyoorgisiif kennan. Habiib kutaa saditti qoodee kitaabolee barnootaa erga qopheesseen booda bara 1901/02tti maxxanfame.

• Hojiin isaa itti aanus barnoota kiristaanaa manneen barnootaa sadarkaa 1ffaatii hanga sadarkaa 2ffaatti babal'isuu ture. Bara 1919/20tti kitaabolee barnootaa 8 /kan sadarkaa 1ffaa 4, kan sadarkaa 4/ manneen barnootaatiif qopheessuun mana kiristaanaaf dhiyeesse. Kitaaboleen kunis eeyyama Abuna Yonaas 19ffaatiin maxxanfamanii raabsaman.

Guduunfaa :- Seenaa fi Qabsuurri Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis kutaan 3ffaan kana fakkaata ture, waan dubbistaniif xumurtaniif Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu! hiriyoota keessaniifis qoodaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!


Post a Comment

0 Comments