Subscribe To Our YouTube Channel

Lubni Malka Tsedeeq eenyudha? | Kutaa 2ffaa

Luba Malka Tsedeeq fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos


Kutaa 2ffaa


Seensa :- Hardha kutaa 2ffaa waa'ee Hangafa Lubootaa Malka Tsedeeq ni ilaalla, kana dura kutaa 1ffaa waa'ee Hangafa Lubootaa Malka Tsedeeq ilaallee turre, kutaa 1ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa!


Maalif Lubummaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Lubummaa Malka Tsedeeqiin fakkeeffame?


«Dubbiidhaaf Gaaddidduu qaba waan ta'eef» Ibr. 10:1 akkuma jedhame namaaf iccitii kan ta'e, guddisanii, kan muldhate kan hin muldhanneen fakkeessanii dubbachuun fi hubachiisuun wanta baratamaa ta'edha. Inumaayyuu nuti ijoolleen namaa Sammuu ykn yaadaa ol kan ta'e Waaqayyo hubachuu kan dandeenye fakkeenyaani. Kiristoosis yeroo nu barsiisu yeroo baay'ee fakkeenyaan ture. Karaa kanaanis Malka Tsedeeq fakkeenya ilma Waaqayyoo akka ta'e malee isa ykn Iyyesuus Kiristoos akka hin taane sirriitti hubachuun barbaachisaadha. Fakkeenya kan ta'es Malka Tsedeeq qofaa hin turre :- Yonaas fakkeenya ta'ee caqasameera, Maat. 16:4, Museen lafa Onaatti Bofti inni fannise :- Yoh. 10:1 fi fakkeenyoonni kanneen biroos ni jiru.

Egaa Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos sababni inni Luba Malka Tsedeeqiin itti fakkeeffameef kanatti aananii kan jiran kanadha;

• Malka Tsedeeqiif Abbaan isaa ebeluudha, haati isaa ammoo akkas jedhamti jedhamee dubbatamuu dhiisuun isaa, Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiifis dhaloota isaa isa Samiitiin Abbaa yeroo dhalatu, haati isaa ebeluu jedhamti hin jedhamu. Dhaloota isaa lafa irraatiinis Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa yeroo dhalatu Abbaan isaa ebeluudha hin jedhamu. Inni Addunyaa dura Abbaa irraa haadha malee, boodarra ammoo Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa Abbaa malee dhalateera waan ta'eef.


• Malka Tsedeeqiif «Bara isaatiif durii, jireenya isaatiifis dhuma hin qabu» jedhameefiira. Gooftaan keenyas bara isaatiif jalqabaa fi dhuma hin qabu. «Alfaa fi Omeegaa, inni duraa fi inni boodaa, inni jalqabaa fi inni xumuraa» isadha. Mul. 22:1, 1:17

• Malka Tsedeeq Qamadii fi Wayinii dhaan ni galateeffata ture. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos ammoo Foon isaa Qamadii dhaan, dhiiga isaa ammoo Wayinii dhaan taasisee nuuf kenneera (Maat. 26:26). Malka Tsedeeq Yordaanoos ce'ee kan dhufe Abrahaamiif Habistii fi Wayinii akkuma soore, Gooftaan keenyas Fannoo irratti kan mure Habistii Foon isaa fi dhiiga isaa Wayinii dhangalaase Yordaanoos ceenee (Cuuphamnee) kan dhiyaanneef ijoollee Cuuphaa tiif sooreera waan ta'eef.

• Malka Tsedeeq muudama isaa ebeluu irraa argate, ebeluudhaafis dabarsee kenne hin jedhamu. Muudama isaa kan argate Waaqayyo irraadha. «Akkuma kana Kiristoos ammoo Hangafa Lubootaa ta'uuf ofii isaa hin kabachiisne, ta'us garuu «Ati ilma kooti, hardha si dhalcheera kan jedhe isadha. Akkuma kana iddoo biraatti ammoo ati akka muudama Malka Tsedeeq Lubummaan kee bara baraafi!» Ibr. 5:5 jedhamee dubbatameefiira. Bu'uura kanaanis Gooftaanis waa'ee Foon uffatee «ሤሞ አቡሁ ykn Abbaan isaa isa muude» jedhaan. As irratti kan muudame, aangoo kan argate, Tawaahidoo dhaan Foon Waaqa ta'edha. Muudamni kunis akkuma muudama Malka Tsedeeq ebeluutti darba hin jedhamu.

Hangafa Lubummaa warra kaanii yeroo ilaallu garuu akkas miti. Fakkeenyaaf :- Muudamni Aroon ilma isaa Alazaariif kennameera (Lakk. 20:22) Luboota, Hangafoota Lubootaa ta'aanii kan muudamanis Leewwota qofaa turan. Qulqulluun Phaawuloos Malka Tsedeeq kan caqaseef sababa malee miti. Kiristaanota Roomeetiif ergaa isaa barreesseen (Roomee 4:1) Qajeelummaa Oriitii irraa baasee Wangeelaaf akka kenne dubbatee, sanaafis ragaa Abrahaam akka dhufe, kanarraas Lubummaa Mana Leewwiitii baasee Mana Malka Tsedeeqiif fideera. Sababni isaas Ayihuudonni isa durii qabatanii Lubummaan kan Leewwotaa qofa jedhu waan tureef.

Gooftaan keenya maalif Hangafa Lubootaa jedhame?

Armaan olitti Malka Tsedeeqiin akkuma fakkeeffame, amma ammoo Hangafa Lubootaa Oriitiidhaan fakkeeffameera. Maalif? Waa'ee Lubummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos fakkeenyummaan Malka Tsedeeq kan hin ibsamne ni jira, kunis tajaajila isaati. Gooftaan keenyas Hangafoota Lubootaa fakkeenya kan taasifateef tajaajila isaa kanaa fi alaqummaa isaa irraa tiini. Kunis;


1. Hangafni Lubootaa namoota keessaa filatamee namaaf ni muudama :- Ibr. 5:1 «Hangafni Lubootaa hundi waa'ee cubbuutiif kennaa fi aarsaa dhiyeessuuf namoota keessaa filatamee wanta Waaqayyoof ta'e hundaan waa'ee namaaf ni muudama waan ta'eef» akkuma jedhu. Hangafni Lubootaa namadha. Nama keessaa ni filatama waan ta'eef kan muudamus namaafi malee kabaja mataa isaatiif miti waan ta'eef. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Gonka Waaqa yoo ta'u, Gonka namadha. Ilma Abrahaam Ilma Daawwit jedhameera waan ta'eef. Maat. 1:1. Hangafni Lubootaa waa'ee namaaf akkuma muudamu Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis nama kan ta'eefi Lubummaa kan qabateef ykn mindaa isaa kan taasifateef waa'ee namaatiifi. Cubbuu namaa fageessuuf nama ta'eera. Yoh. 3:16-17. «Isatti kan amanu hundi Jireenya bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef Waaqayyo ilma isaa tokkicha hanga kennutti Addunyaa jallateera waan ta'eef. Addunyaan ilma isaatiin akka fayyuufi malee, Addunyaa irratti faraduuf Waaqayyo gara Addunyaatti isa hin ergine waan ta'eef» 1 Xim. 1:15 «Cubbamoota fayyisuuf Kiristoos Iyyesuus gara Addunyaatti dhufe jechi jedhu kan amanamee fi akka fudhannuuf kan nurraa eegamudha, Cubbamoota keessaas inni hangafaa anadha!» akkuma jedhame. 

1. Gara Qulqulleettii Qulqullootaatti seenuu kan danda'u Hangafa Lubootaa qofaadha!

Kanas Seera Leewwotaa 16:2 irratti kan caqasame Qulqulluun Phaawuloos ergaa isaa gara Ibrootaa 9:6-7 irratti «Kunis akkasitti qophaa'ee osoo jiruu, Luboonni tajaajila isaanii raawwachaa yeroo hunda Dunkaana ishee fuulduraa keessa ni seenu, ishee lammaffaatti garuu Hangafni Lubootaa kophaa isaa waggaatti yeroo tokko qofa keessa seena. Innis waa'ee isaa fi waa'ee Cubbuu uummataatiif aarsaa osoo hin qabatiin hin seenu» jechuudhaan bifa ifaa ta'een ibseera. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Qulqulleettii Qulqullootaa inni keessa seenes namaan kan hin ijaaramne, fedha Waaqayyoo kan taate, isa duras isa boodas eenyuyyuu kan keessa hin seenne gara fuulduraattis eenyuyyuu kan keessa hin seennedha. Hangafni Lubootaa waggaatti yeroo tokko ni seena, inni garuu altokko qofaa seene, Addunyaa fi aarsaa isaa bara baraatiif jiraataa ta'ee ni jiraata. Isaan sun waggaa waggaadhaan kan keessa seenan kan du'an waan ta'aaniif, aarsaan isaaniis kan du'u waan ta'eef kan biraa haaraan isaan barbaachisa. Ibr. 9:11-12 «Ta'us garuu Kiristoos akka dhufuuf wanta gaarii jiruuf Hangafa Lubootaa ta'ee, kan caaltuu fi kan fooyyoftuu taate harkaanis kan hin hojjetamne jechuunis Dunkaana uumamaaf hin taane, dhiiga isaatiin seene malee dhiiga Sa'aa fi jabbiitiin miti» jedhamee barreeffameera. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos kan keessa seene Dunkaana kan jedhamte «Fannoodha». Dunkaana kan jedheef Aarsaa bara baraa kan ta'e Qulqulluun Foon Gooftaa kan irratti murame fi dhiigni isaa kabajamaan kan irratti dhangala'e Fannoo irra waan ta'eefi. Qulqulluun Phaawuloos gara Dunkaana kanaatti «Altokko gonka Dhiiga isaatiin gara Qulqulleettiitti seene» jechuudhaan ofii isaa aarsaa taasisee kan irra bahe Fannoo ta'uu isaa ifatti ibseera. 


• «Namaan kan hin hundoofne ykn namaan kan hin dhaabbanne» yeroo jedhus Ayihuudonni Fannoo sana Gooftaa irratti ajjeesuuf malee Aarsaan Waaqayyoo irratti dhiyaata jedhanii waan hin taaneefi

• «Uumama kanaaf kan hin taane» jechuun isaas Fannoo irratti ofii isaa aarsaa taasisuu kan danda'u namni kamiyyuu hin jiru waan ta'eef, yoo jiraateyyuu nama biraa mitiitii ofii isaayyuu fayyisuu hin danda'u waan ta'eef. Kanaafis uumamaaf kan hin taane jedheera.

2. Hangafni Lubootaa hundi kennaa fi aarsaa dhiyeessuuf ni muudama waan ta'eef Ibr. 8:3 

Tajaajilli guddaan Hangafa Lubootaa kennaa fi aarsaa dhiyeessuudha. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Cubbuu Addunyaa kan balleessu Hoolaa Waaqayyoo kan itti jedhame Yoh. 1:29 ofi isaa Aarsaa taasisee kan dhiyeesse Hangafa Lubootaa isa jalqabaati. Ofii isaa aarsaa ta'uu isaatiinis aarsaan inni dhiyeessu kan biraa isa hin barbaachisne. Lamaan isaaniiyyuu altokko taasisuun isaaf ni danda'aama waan ta'eef. Ibr. 9:12, 10:12, 9:26, 8:1-3

Jecha gabaabaadhaan Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Hangafa Lubootaa yeroo jedhamu ykn kan jedhameef gonka nama ta'uu isaa hubachiisuuf dhugumaan namni kan itti hin seenne Qulqulleettii Qulqullootaa ykn Fannoo tti altokko qofaa waan seeneef, ishee keessattis aarsaa isaa dhugaa ykn mataa isaa waan dhiyeesseefi Cubbuu Addunyaa waan fageesseefi. Lubummaan inni durii garuu gonka miti. Kana ta'uu isaatiinis guyyaa guyyaatti gara Mana Qulqullummaatti seenuun aarsaa du'u ykn kan bara baraa kan hin taane dhiyeessuun dirqama itti ta'e. Ibr. 9:6-7 Gooftaan keenya garuu Lubummaan isaa «Gonka», Aarsaan isaas «Jiraataa» waan ta'eef guyyaa guyyaatti aarsaa dhiyeessuun isa hin barbaachisne. Ibr. 7:27 «Innis akka hangafoota Lubootaa sanaatti dursee waa'ee Cubbuu isaatiif, boodarras waa'ee Cubbuu uummataatiif guyyaa guyyaadhaan aarsaa dhiyeessuun isa hin barbaachisne, ofii isaa yeroo dhiyeessetti kana yeroo tokko raawwatee nuuf taasiseera waan ta'eef» akkuma jedhu Aarsaa yeroo tokko dhiyeesseen bara baraaf cimsee jiraachisuun isaaf ni danda'aama waan ta'eef.

Egaa Iyyesuus Kiristoos waa'ee Cubbuu hunda keenyaatiif, Cubbuu keenya haquuf, badii keenya balleessuuf aarsaa dhiyeessuu isaatiin Hangafa Lubootaa jedhameera. Gooftaan keenya waa'ee keenyaaf aarsaan inni dhiyeesse Malakootiin kan waloome Foonii fi dhiiga isaati. Innis Hoolaa Cubbuu keenya gonka nuuf haqu nuuf ta'e, nuufis aarsaa ta'e (Yoh. 1:29). Faasikaan keenya Kiristoos qalameera waan ta'eef akkuma jedhu 1 Qor. 5:7. Iyyesuus Kiristoos Hangafa Lubootaa;

→ Ofii isaa Aarsaa kan dhiyeessu, 
→ Ofii isaa Aarsaa kan ta'e,
→ Ofii isaa Aarsaa kan fudhatu ta'edha.

Qulqulluun Phaawuloos Lubummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Lubummaa Malka Tsedeeqiin fakkeessuun akka Sirna Malka Tsedeeqitti ati bara baraaf Lubadha jedhee Waaqayyo dubbate, hin gaabbus jedheera. Faaruu. 109:4, Ibr. 5:6.

Guduunfaa :- Waa'ee Hangafa Lubootaa Malka Tsedeeq Kutaa lamaan kan ilaalaa turre kana fakkaata ture. Barumsa guddaa akka irraa argattan abdii guddaa qabna, waan dubbistaniif Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments