Subscribe To Our YouTube Channel

Waraana Adawaa keessatti gahee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa «Itoophiyaanonni Amantaa isaanii fi Bilisummaa isaaniitiif inaafoo dha!»

Waraana Adawaa keessatti gahee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa


Kutaa 1ffaa


«Itoophiyaanonni Amantaa isaanii fi Bilisummaa isaaniitiif inaafoo dha!»




Waraanni Adawaa eegalamuu ykn jalqabamuu isaa waggaa Shan dursee Alaqaa Lammaa Hayiluun Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Sillaasee Finfinneetti guyyaa Adoolessa Qulqulluu Mikaa'eel ykn Adoolessa guyyaa 12, jecha Qinee bifa raaga ykn bifa raajiitiin dubbatame armaan gadii jechuu isaanii ilmi isaanii Mangistuu Lammaan Kitaaba isaa «መጽሐፈ ትዝታ ዘአለቃ ለማ ኃይሉ ወልደ ታሪክ» jedhu irratti bifa kanaan ibsaniiru;

Qineen sunis kunooti;

«ምኒልክ ግበር ላዕለ ሮምያ/ሮማ መጠነ እዴከ ትክል፣
አምጣነ ለአጺድ በጽሐ ማእረራ ወመዋዕሊሃ ለኃጉል፣
ዓዲ ተዘከር ውስተ ወንጌል፣
ላዕለ ሮምያ በለስ ኢሀሎ አስካል፣
ከመ ይቤ ወልደ ያሬድ ቃል፡፡»

Hiikni isaas «Minilik Roomaa irratti hanga harki kee danda'e taasisi, makarri sun haamamuuf, guyyaan ishees badiinsaaf dhiyaateera waan ta'eef. Lammaffaas Wangeela irratti kan jedhame yaadadhu, Roomiyaatti/Balasii irratti firiin hin jiru akkuma jedhe ilmi Yaareed /jechi (Ilmi)» jedhanii bara 1883 tti dubbatan.

Minilik Mana Kiristaanaa hin jiran ture kuni yeroo jedhamu, waraanni Adawaa osoo hin gaggeeffamiini, Xaaliyaanii waliin walii galtee qabu yeroo sana Atsee Minilik. Alaqaa Walda Yaareed «Gaariidha! Gaariidha!» jedhanii, Dilbata oollee Wiixata Gubaa'eetu jira, Alaqaa Taxamqoodha, Alaqaa Walda Yaareed mana isaanii bukkeetti manni xiqqoon kennameefiira. Isaan dhufanii ni taa'u Gubaa'ee dhageeffachuudhaaf.

«Yeneetaa Taxamqoo»
«Abeet»
«Namoota hamoo sana waliin loolli nuuf hin hafu bar» jedhan.

Egaa Tigireedha Alaqaa Taxamqoo Raas Aluulaan fa'a, Raas Mangashaan fa'a jiru isaan itti fakkaatanii ;

«Eenyu fa'i Gooftaa koo! Eenyu fa'a?» jedhan Alaqaa Taxamqoon na'aanii ykn rifatanii

«Warra Adii waliin»
«Maali? maali?» jedhan
«Maali Qinee ilma keessanii dursitanii hin dhageenye moo?»
«Qinee Lammaatiin ta'e moo Waraanni?» jedhan Alaqaa Taxamqoon
«Kan dubbise eenyu isinitti fakkaata?» jedhan.

Alaqaa Lammaan Qinee isaanii kana irratti akkuma raajan waggaa Shan booda Waraanni Itoophiyaa fi Xaaliyaanii kan hin hafne ykn kan hin oolle ta'uun isaa ni barame. Ni mirkanaa'e. Alaqaa Lammaan akkuma Qinee isaanii irratti raajanitti Waraana Adawaa irratti gaggeeffameen Roomaa/Xaaliyaaniin gootota Itoophiyaatiin salphina guddaa waliin injifatamtee galte. Gargaarsa Waaqayyoo fi cimina Ijoollee Itoophiyaatiin injifatamuun Xaaliyaanii sunis Addunyaa hunda kan ajaa'ibsiisee fi humnoota Kolonii Awuroppaanotaas kan qaanesse ture. Akka seenaan ragaa bahutti Manni Kiristaanaa Qulqulleettiin Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ergama ishee Samii irraa, Afuurawaa, Duuka bu'ummaa fi cinaatti Seenaa Itoophiyaa, Qaroomina Itoophiyaa, Aadaa Itoophiyaa, Og-barruu Itoophiyaa fi k.k.f keessatti ashaaraa guddaa fi ifaa ta'e kan qabdu dhaaba Amantaa guddoo fi jabduu dha. Keessattuu ammoo Manni Kiristaanaa kun bilisummaa biyya keenyaa keessatti, birmadummaa fi kabaja biyyummaa waliin kan wal qabate keessatti maqaan ishee dursummaa dhaan kan isheef caqasamu, waa'ee bilisummaa, haqaa fi kabaja ilma namaa jechaanis hojiidhaanis kan barsiistedha. 

Kanarraa kan ka'es Manni Kiristaanaa keenya Qulqulleettiin Ortodoksii Tawaahidoo yeroowwan garaa garaatti Iji weerartoota biyyoota alaa irraa dhufanii irra bu'ee waan tureef ykn turuu isheetiin, kanas ragaa kan ba'aan galmeewwan seenaa garaa garaa ni jiru. Kanaafis ammoo sababni inni guddaan Manni Kiristaanaa kun waa'ee kabaja biyyaatiif, waa'ee dhugaatiif, waa'ee haqaatiif, waa'ee bilisummaa fi tokkummaa kan barsiistu waan taateefi ykn ta'uu isheetiin. Kanaafis dhaaba amantaa cimtuu fi guddoo kana rukutuun baay'eewwaniif bu'uura ykn Utubaa tokkummaa fi bilisummaa biyyattii hundee isaa irraa buqqisanii balleessuu ta'ee waan itti muldhatuuf kallattiidhaanis ta'e al-kallattiidhaan Mana Kiristaanaa kana miidhaa ykn balleessuuf yaalaa turaniiru.

Manni Kiristaanaa Qulqulleettiin Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa uummata biyya isaatti, bilisummaa Isaatiin, tokkummaa isaatiin, Amantaa isaa irratti weerara dhufe hundumtiyyuu tokkummaan ta'ee akka ofirraa deebisuuf, bilisummaa fi kabaja namummaa Waaqayyo irraa isaaf kennameef inaafaa ta'ee akka dhaabbatu barsiisaa kan turte ta'uu ishee galmeewwan seenaa garaa garaa dhugaa isaan galmeessanidha. 

Dhugaa seenaa kanaa waliin wal qabatee Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Waraana Adawaa irratti waraanichi eegalamuu irraa kaasee hanga xumuramuu isaatti, hanga injifannoo isaatti ashaaraan ishee ifaan keessa jira. Waraanni Adawaa humnoota Kolonii Awuroppaanotaatiif fi taajjabdoota waraana sanaatiif, kan durii fi guddoo kan taate Roomaa fi biyya Afriikaa bilisa taateef «Hiyyeessaa fi uummanni hin qaroomne» keessa jiraata jedhamtee kan lakka'aamtu Abisiiniyaa ykn Itoophiyaa, Kaatolikii Roomaa fi Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa gidduutti waraanni madaallii hin qabne akka taasifametti ture kan lakka'aamu ykn kan lakka'aame. Morkii biyyoota lamaanii fi waraana Adawaa kanas namoonni hedduun:- «Gooliyaad inni guddaan fi Daawwit daa'imichi dirree waraanaatti kan itti walitti dhufan, seenaa waraana Ayihuudotaa fi Filisxeemotaa gara Kitaaba Qulqulluutti garagalanii akka yaadatan haala itti dirqaman kan uume, Addunyaa hunda kan ajaa'ibsiise, humnoota gita bittootaa ammoo mataa isaanii gadi kan qabsiise waraana seena qabeessa ta'ee ture kan darbe»

Yeroo durii irraa kaasee namoonni biyya alaa hedduun qaamaan Itoophiyaatti argamanii daawwatan, qorattoonni Seenaa fi kanneen biroos waa'ee Itoophiyaa fi uummata ishee tokkummaan ykn hundumti isaan kan ragaa bahan fi kan irratti walii galan dhugaan ykn haqni tokko ni jira innis «Itoophiyaanonni Amantaa isaanii fi Bilisummaa isaaniitiif inaafoo dha!» kan jedhudha.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments