Subscribe To Our YouTube Channel

Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Habiib Giyoorgis eenyudha? | Kutaa 4ffaa

«Bara Warqeetti Ilma Warqee»


Kutaa 4ffaa


Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis


Seensa :- Yeroo darbe kutaa 1ffaa, kutaa 2ffaa fi Kutaa 3ffaa barumsa ykn seenaa fi qabsuura Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis ilaalleerra. Kutaan itti aanu ammoo kunooti. Kutaa 1ffaa, kutaa 2ffaa fi kutaa 3ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa! Erga dubbistanii xumurtan booda barumsi kun ijoollee barattoota dilbataa ta'aan maraaf waan fayyaduuf adaraa qoodaafii!


Habiib Giyoorgis Kutaa 4ffaa


➢ Habiib Giyoorgis hoogganaa, bulchaa, lallabaa fi barreessaa ture. Bara jireenya isaatti kitaabolee 30 qopheesseera. Iccitiiwwan torban Mana Kiristaanaa fi «Kookuha Orthodox» kan jedhaman bara sanattis ta'e har'a kiristaanota Gibxi biratti beekamoo fi kitaabolee wabii gurguddoodha. Keessattu kitaabni isaa «Kookuha Orthodox» jedhu garaagarummaa Ortodoksii, Kaatolikii fi Pirooteestaantii gidduu jiru uummataaf ifatti kan ittiin agarsiise ture. Hojii kana hunda cinaatti ammoo barruu «El-Kaaraamaa» ykn Wayinii jedhamu ni qopheessa ture.

➢ Yeroo kun seenaa Mana kiristaanaa Gibxi keessatti hangafoota waldaalee tola ooltummaa (fedhii tolaatiin) kan itti hunda'aan ture. Kawaalota kan gargaaran, lallabaa Wangeelaa bobbaasaa kan ramadan, Manneen Kiristaanaa kan ijaaran, ijoollee abbaa fi haati irraa du'an kan gargaaran; kan guddisan, manneen barnootaa kan ijaaran, manneen kitaabolee waldaaleedhaan kan banan turan. Habiib Giyoorgis hundeessaa wantoota baay'ee kanaa fi miseensa ture. Kaka'umsa isaatiin, kenniinsa yaada fi hundeeffama isaatiin kan hundeeffaman Waldaaleen kunniin gara tokkoon tokkoo mandaroota baadiyyaa seenuun lallaba wangeelaa waliin gahuunii fi manneen kiristaanaa diigaman fi Kawaalota hojjechuu danda'aniiru.

➢ Yeroo isaa hunda mana kiristaanaaf kennuuf jecha cidha irraa of qusatee ture. Osoo adda hin kutiin halkanii fi guyyaa ni hojjeta, koollejjiitti ni barsiisa, naanna'ee wangeela lallaba, manneen barnootaa dilbataa ni hundeessa, waldaalee hafuuraa ni qindeessa, kitaabolee ni qopheessa, dargaggoota aangoo Lubummaaf ni qopheessa, Faaruuwwan ni qindeessa, Paatriyaarkicha waliin naanna'aa uummata ni jajjabeessa, Shakkitoota keessaa fi alaa waliin qabsoo obsa fixachiisaa taasiseera Habiib Giyoorgis.

➢ Baay'ina hojii fi boqonnaa dhabuutiin kan ka'e haalli fayyummaa isaa dhadhabaa deeme. Kanas ta'ee garuu hojii isaa hin dhiisne ture. Humni isaa hanga haxaawwamee dhumutti ni hojjata ture. Akka fiigetti, akka tajaajilaa turetti amma illee nagaha osoo hin jedhiin, Hagayya 14, bara 1944 ni boqote. Oduun boqonnaa isaa akkuma dhaga'aameen guutummaan Gibxii ni naate. Sababni isaas namni inni hin beeknee fi namni isa hin beekne waan hin jirreef. Sirna awwaala isaa irrattis namootni kuma dhibbaan lakkaa'aaman ni argaman.

➢ Manni Kiristaanaa Gibxii bara 451tti gubaa'ee Kelqeedoon fudhachuu diduu isheetiin, qormaatni Kaatolikootaan irra gahe, boodarras bara 641ttis Arabootni Gibxi weeraranii kiristaanota irratti waanjoo fe'aniin rakkoo keessa turte. Kiristaanonni gibira lama / kan lammummaa fi kiristaanummaa/dabalataan waan kaffalaniif hiyyoomaniiru. Mana Kiristaanaa Luboota dhabuun gartokkeen cufamaniiru, kawaalonni dahoo dhadhabootaa fi maanguddootaa ta'aaniiru. Barnootni Mana Kiristaanaa dhadhabuun uummatni barnoota shakkitootaan maraachaa bara turetti akka Urjii bariitti mul'atee bara ifaa nama fide ture Habiib Giyoorgis.

➢ Abbootiin mana kiristaanaa Gibxii guddina mana kiristaanaa kanaa kan jaarraa 20ffaatiif bu'uuronni sadi jiru jedhu isaanis;

1. Kollejjiin Theology banamuu
2. Jalqabbii Mana Barumsaa Dilbataa
3. Hundeeffama Waldaalee tola ooltummaa.

Hundeessaa fi hoogganaan kan hundaa garuu Habiib Giyoorgisidha.

➢ Yeroo sana Naazir Gaayid jedhamanii Duuka Bu'aa isaa kan turan boodarra Paatriyaarkii Gibxii abbaa qinee kan ta'aan Abuna Shinoodaa sadaffaan fulbaana 17, bara 1944 sirna yaadannoo guyyaa afurtamaffaa Habiib Giyoorgis irratti qinee kana ture kan jedhan.

¤ Qulqullummaan kee kanadha
¤ Jaalalaa fi Amantaan kee
¤ Addunyaan kee kanadhaa
¤ Qoree fi fannoon kee
¤ Garuu ati eenyuu?
¤ Ergamaadhaa moo?
¤ Atimmaa ergamaadhaati ol cimaadhaa
¤ Ati rukuttaa onnee ariifatudhaa
¤ Onnee biyya hunda hammatudhaa
¤ Burqaa guddaa danda'uu fi hojii tolaa hojjachuu
¤ Oo! nama hangafaa fi Qulqulluu
¤ Jabina dhadhabbiirraa
¤ Gara laafummaa dhadhabbii malee
¤ Obsummaa amala waliin
¤ Kan oriisisan dhiifama gochuun
¤ Yeroo hunda qophii
¤ Abbaa guddaa dugda isaatiin hunda keenya hammatedha.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!



Post a Comment

0 Comments