Subscribe To Our YouTube Channel

Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu Maatewoos | Kutaa 4ffaa

Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu Maatewoos 


Kutaa 4ffaa


Kan itti fufe

Seensa :- Akkuma beekamu yeroo darbe Koorsii Afuurawaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kan ta'e «Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu Maatewoos» jalqabneerra, jalqabuu qofaas osoo hin taane yeroowwan darbanitti kutaalee sadi jechuunis :- Kutaa 1ffaa, Kutaa 2ffaa fi Kutaa 3ffaa ilaalleerra. Kutaa 4ffaa keenya hardhaa kanaanis Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu Maatewoos Boqonnaa 1 ni xumurra. Isinis kutaalee darban yoo kana dura hin dubbisne ta'e jalqaba isaan dubbisuun gara kutaa kanaatti darbaa! Dubbisa gaarii!

Hiikoo Wangeela Matewoos Kutaa 4ffaa


📖 Maat.1:17Dhalootni kun hundi Abrahaamii hanga Daawwititti dhaloota kudha afur, Daawwitii kaasee hanga Booj'amuutti dhaloota kudha afur, Booji'amiinsaa hanga Kiristoositti dhaloota kudha afuridha, dhalootni hundi Abrahaamii hanga Kiristoositti dhaloota afurtami lamadha.

➣ Abrahaamii kaasee dhalootni kun hundi isaanii yeroo lakka'aman afurtami lama ta'u.
Iddoo tokko tokkotti kudha afur, kudha torba, kudha lama kan jedhu jira walitti afurtami sadi ta'a. Kana kan jedhu sadan keessaa tokko galchee lama baasee,
Kudha afur, kudha torba, kudha afur kan jedhus jiraa kun ammoo afurtami shan ta'a, kun ammoo hunda isaanii galchee.
Akkasumas afurtama afur kan jedhu yoo ta'e lamaan jechuunis Iyyaaqeemiifi Maariyaam keessaa tokko galchee tokko baasee.
Afurtami lama irratti ammoo lamaan isaanii galchee mootota sadan baasee.


Ol kaasee afurtami ja'a gadi bu'ee ammoo afurtami tokko hin jenne sababni isaas akka seera Yihuudotaatti bittinsee kan lakkaa'e, ida'ee lakkaa'uun kan jiru waan ta'eef. Osoo Maatewoos afurtami jaha ykn afurtami tokko jedhee Yihuudonni Wangeelaawwiin bittinsee lakkaa'uu malee, ida'uu, ida'uu malee bittinsee lakkaa'uun isaaf hin ta'u jedhanii Wangeela hin fudhatan ture waan ta'eef.

➣ Tokkos bittinsanii ykn diddiiganii lakkaa'uun fakkeenya sadummaa, ida'anii lakkaa'uun ammoo fakkeenya tokkummaati.
Afurtami lama kan jedheen Solomooniif Atroonsii sadarkaa jaha qabdu qaba ture. Innis ishee ja'affaa irra taa'ee himata dhaggeeffachaa, murteessaa oola ture. Sadarkaawwan jahan Subaa'eedhaan yeroo galan afurtami lama ta'a (6×7=42) fakkeenya abbootii afurtami lamaaniiti, barri isaanii yeroo darbu gooftaan nama ta'uu isaaf fakkeenya. Solomon fakkeenya gooftaati, Atroonsiin fakkeenya Dubroo Maariyaamidha. 

➣ Afurtami sadi kan jedhe Dunkaana Oriitiif,  utubaawwan afurtami sadi qabdi ture, utubaawwan ykn hiddi ilma Waaqayyoo afurtami sadi darbanii ilmi Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos dhalachuu isaaf fakkeenya.

➣ Afurtami afur kan jedheef Israa'eloonni imali afurtami afraffaatiin Saxiin qubatanii lafa dhaalaa isaanii ilaalanii bulaniiru, amantoonnis dhaloota afurtami afraffaa kan taate Dubroo Maariyaam irraa kan dhalate gooftaa isaanii arganiiru waan ta'eef.


➣ Afurtami shan kan jedheef ammoo imala afurtami shanaffaa isaaniitiin lafa dhaalaa isaanii galaniiru, akkasuma amantoonnis dhaloota afurtami shanaffaa kan ta'u dhaala isaanii gooftaa ni dhaalu waan ta'eef.

Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos
Luq. 2:1-7


Maat. 1:18 “Dhaloonni Iyyesuus Kiristoos akkas ture”

➣ Waa'ee Ti'imaar, Raakeeb, Ruut fa'a dubbachaa dhufee ture waan ta'eef dhalootni gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos akkasidha jedhe. Tasa waan ta'e osoo hin taane durii kaasee kan wal qabatee dhufedha malee tasa kan ta'e  ykn mudate miti.

➣ Tokkos sanyii dhiiraatiin kan dhalatan dhaloota abbootii dubbachaa dhufe waan ta'eef, kan Iyyesuus Kiristoos garuu dhalootni isaa akkasi jedhe sanyii dhiiraa malee dhalate waan ta'eef.

➣ Tokkos iccitii foonummaa (Sigaawwee) kan Waaqayyo nama ta'uu isaa dursanii Dubbii Maariyaamiin beekuun ni barbaachisa waan ta'eef.

📖 Maat. 1:18 “Haati isaa Maariyaam Yooseefiif yeroo kaadhimamtetti osoo wal hin argiin Afuura Qulqulluun ulfooftee argamte.”

Osoo wal hin argiin Afuura Qulqulluun ulfooftee argamte” yeroo jedhu isheen dhiira osoo hin  beekiin, innis osoo durba hin beekiin eegaa Yooseef waan qabduuf sanyii dhiiraa malee hojii Afuura Qulqulluun ulfoofte jechuu isaati.

➣ Tokkos Durbummaa foonii fi lubbuu waan qabduuf Afuura Qulqulluun ulfooftee argamte.

Gooftaa keenya dhaloota Isaa maalif sanyii dhiiraa malee taasise?


✔ Dhaloota Isaa duraa (haadha malee abbaa irraa kan dhalate) ibsuuf. Waggoota 5,500 booda ammoo Abbaa malee Dubroo Maariyaam irraa akka dhalate ni ibsa.

✔ Tokkos osoo sanyii dhiiraa ykn qunnamtiin dhalate ta'ee kun Waaqayyo miti, namuma akka keenyaati, uumaa osoo hin taane uumamaadha jedhuun ture waan ta'eef kanaaf dhaloota Isaa sanyii dhiiraa malee taasise.


Maalif Dubroo irraa dubrummaan dhalate?


➢ Raajiin dubbatameefii fakkeenyi Isaa akka raawwatuuf; Raajiin dubbatame “Kunoo Durbi ni ulfoofti ilmas ni deessi...” Isa. 7:14. kan jedhu yoo ta'u, fakkeenyi Isaa ammoo; 

➢ Addaan  biyyee irraa argameera, gooftaanis gadameessa Dubroo irraa argamuu isaaf fakkeenya.

➢ Heewaan cinaacha Addaam argamteerti, gooftaanis gadameessa dubroo irraa argamuu Isaaf fakkeenya.

➣ Israa''eloonni akkuma bishaan dhagaa irraa burqe dhugan, bishaanis kattaa irraa akkuma burqe, bishaan jireenyaa Kiristoosis gadameessa dubroo irraa argamuu Isaaf fakkeenya.

Hiikoon, iccitiin fi dhumni kana hundaa garuu Dubroon Maariyaam durba amantii cimtuu akka taatedha, sababni isaas Dubroos , haadhas jedhamaa kan jiraattuufi deessuu Waaqayyoo waan taateef (Theotokos)

Maat. 1:19-20 “Kaadhimni ishee Yooseef qajeelaa ta'ee ishee saaxiluu waan hin barbaanneef, dhoksaatti ishee dhiisuuf yaade. Inni garuu kana yeroo yaadu ergamaan Waaqayyoo abjuudhaan itti mul'ate, akkasis jedheen; Yaa ilma Daawwit Yooseef isheen kan ulfoofte Afuura Qulqulluun waan ta'eef kaadhima kee Maariyaam fudhachuu hin sodaatiin!.”

📖 Seenaa ፦ haati fi abbaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Qulqullootadha. Waggaa sadi yeroo guuttus abbaa fi haati ishee Mana Qulqullummaa geessanii Lubootatti kennan, Luboonnis kabajaan harkaa fuudhanii Mana Qulqullummaa ka'an. Waggaa kudha lamas Mana Qulqullummaa jiraatte, Abbaa fi haadha ishee waliin waggaa sadi Mana Qulqullummaatti ammoo waggaa kudha lamaan yeroo dabalatu walitti waggaa kudha shan ta'a. Yeroo kana garuu Yihuudonni Zakkaariyaasiin  daa'imni kun kana booda yoo as turte Mana Qulqullummaa keenya balleessisti waan ta'eef haa baatu jedhaniin. Zakkaariyaasis Dubroo Maariyaamiin «Akkam wayya?, akkam taata?» jedheef isheenis «Gara Waaqayyootti naaf agarsiisi!» jetteen, innis yeroo agarsiisu «Qomoowwan Yihudaa jalaa kan niitiiwwan isaanii du'an, ulee isaanii walutti qabdee Mana Qulqullummaa galchuun baasi! mallattoo sittan agarsiisa» jedheen. Innis uleewwan kuma tokkoo fi dhibba sagaliifii saddeettami shan (1985) walitti qabee Mana Qulqullummaa galchee yeroo baasu ulee Yooseef irratti «Yooseef Maariyaam eegi!» barreeffamni jedhu ni argame, yeroo carraa buusanis isaaf dhaqqabe. Gugeenis dhuftee mataa Isaa irra qubatte. Ragaa sadi ta'e, Luboonnis Yooseefiif ni kennan eegi jedhanii.
Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamis kan ulfoofte Yooseef irraa osoo hin taane Afuura Qulqulluu dhaani. Ergamaan Waaqayyoos kanuma kan itti hime abjuu dhaan, kanaanis Dubroo Maariyaam harka Lubootaatii akkuma fudhatte, harka Afuura Qulqulluutii fudhachuu hin sodaatiin jedhuu isaati. Kanaanis «Yaa ilma Daawwit Yooseef» jechuun isaa “Firii mudhii keetii teessoo (ዙፋን) kee irra nan ka'a” jedhamee Daawwitiif  raajiin dubbatame Kiristoosiin dhuma akka argate gaafata. Faar. 131:11.

Maat. 1:21-23 “Mucaas ni deessi, innis uummata cubbuu irraa fayyisa waan ta'eef maqaa Isaa Iyyesuus ni jettaan, kuni hundis kan ta'e Waaqayyo irraa, raajidhaan kan dubbatame akka raawwatuufidha, akkas jedhamee 'Kunoo Durbi ni ulfoofti, ilmas in deessi maqaa isaas Amaanu'eel ni jedhuun, hiikoon isaas 'Waqayyo nu waliini' jechuu dha. Isa. 7:14.”

Iyyesuus jedhee maqaa Isaa ni dubbate, hiikni isaas fayyisaa jechuudha. Fayyisummaan isaas humna cubbuu irraa abaarsa cubbuun dhufu irraa ta'uu Isaa caqasameera. Maat .1:21

Amaanu'eel jechuunis Waaqayyo foon keenya irraa foon, lubbuu keenya irraa lubbuu fudhatee nu waliin tokko ta'e jechuu dha (karaa Dubroo Maariyaam)

Maat. 1:24-25 “Yooseefis hirriba isaatii dammaqee akkuma Ergamaan isa ajaje ni taasise. Kaadhima isaas ni fudhate. Hanga ilma ishee hangafaa deessuttis ishee hin barre.”

Hiika «Hangafaa»


➯ Waaqayyo Musee dhaan “Ijoollee Israa'eel biratti nama keessaas, bineeldota keessaas gadameessa haadha Isaa kan banu hangafa hunda anaaf Qulqulleessi kan kooti” Ba'uu 13:1 akkuma jedheen gadameessa haadha isaa kan banu hundi hangafa jedhama. Kana jechuun garuu namni hangafa jedhamu kun dirqama quxisuu qabaachuu qaba jechuu miti, Kitaabni Qulqulluus kanuma kan inni ibsu. Tokko qofaas yoo ta'e quxisuu hin qabu taanaan hangafuma jedhama. Qulqulluun Phaawuloosis kanuma ibsa. Ibr. 1:6.

Hangafa jedhamuun isaas quxisuu kan hin qabne ta'uu Isaa armaan olitti ilaalleerra, Qulqulluun Yohaannisis Wangeela Isaa Yoh. 1:18 irratti Iyyesuus Kiristoos quxisuu akka hin qabne ni hubachiisa.

Kanaafuu «Ilma ishee hangafaa» jedhamuun Isaa Kitaaboleen hangafa jedhanii kan dubbataniif, uumamuu Addunyaa dura kan ture, Addunyaa fi uumamtoota keessa jiran kan uume, Waaqa jalqabaa fi dhuma hin qabne Waaqayyo Iyyesuus Kiristoos kan deesse jechuu isaati.

➯ Gama biraatiinis beektonni Mana Kiristaanaa waaa'ee hangafummaa Kiristoos kana karaa sadiin hiiku, 

➯ Dhaloota isaatiin Uumamuu Addunyaa dura haadha malee Abbaa irraa,
 Boodarra Dubroo Maariyaam irraa Abbaa malee,
 Kanaanis kan isa dursu, kan isa hordofu ykn quxisuu kan hin qabne tokkicha, tokkoffaa, kan isa fakkaatu kan hin qabne kan hin qabne kophaa Isaa waan ta'eef hangafa jedhameera.

➯ Du'a ka'umsa isaatiin “Lubbuu kaasuuf aangoo nan qaba” Yoh. 10:18. Akkuma jedhee dubbate aangoo isaan warra du'an kaasuu isaaan, aangoo isaan gargar baasuu isaan warra du'aniif hangafa jedhameera. Kanaanis kan isa dursu, kan isa booda jiru, kan isaan qixxatu waan hin qabneef kophaa isaaati.

➯ Du'a isaan “Lubbuu koo anaan gargar baasuuf aangoo nan qaba” Yoh. 10:18. Akkuma jedhe aangoo Isaa kanaanis morkataa waan hin qabneef hangafa jedhameera.
Kanaaf dhuma irratti hangafa jechi jedhu kun Kiristoosiif yeroo hiikamu,  morkataa kan hin qabne, kan isa dursu kan hin jirre, kan isa duuba dhufus kan hin qabne kan jedhu ta'a.

Amma ammoo hiikoo «Bare» fi «Hanga» jedhuu haa ilaallu 


Hiikni «Bare» jedhuu ammoo;


1. Hubate, galeef jechuudha, fakkeenyaaf “Nooh dhaadhii Wayinii dhugee machii keessaa yeroo dammaqu waan mucaan Isaa xiqqoon (Kaam) isa irratti hojjate ni bare” Uma. 9:24

2.Wal arge, wal qunname /qunnamtii saalaa/ fakkeenyaaf
“Addaam Heewaan ni bare” Uma. 4:1.

Hiikni «Hanga» jedhuu ammoo; 


1. «Hanga» kan dhuma qabu, fakkeenyaaf,

➣ “Hangan sitti himutti Gibtsii taa'i!” Maat. 2:13.

2. «Hanga» kan dhuma hin qabne. Fakkeenyaaf,

➣ “.....Bishaan lafa irraa hanga gogutti achi as jedha ture” Uma. 8:7. As irratti Quraan kun ykn allaattiin kun yeroo bishaan hir'ate gara Noohitti deebi'e jechuu Isaa osoo hin taane gonkumayyuu hin deebine jechuu isaati.

➣ “Intalli Saa'ool Meelkool hanga duutetti hin deenye” 2 Saam. 6:23. Kana irrattis sirumayyuu hin deenye jechuu isaati, du'a booda dahuun hin jiru waan ta'eef. Maat. 22:30.


⛪ Bu'uura kanaan “Hanga ilma ishee hangafaa deessutti ishee hin barre” jechuun Isaa Yooseef Dubroon Maariyaam gooftaa dahuu isheetiin bifti ishee ni jijijjirama ture waan ta'eef ishee hin barre ture. Akkuma fuulli Musee ife Ba'uu 34:29-35.

➣ Tokkos Raajiin kan dubbatameef, haadha Amaanu'eel ta'uu ishee hin barre, dinqiiwwan garaagaraa raawwataman, mul'atan hanga arguttis eenyu akka taate ishee hin barre ture.

➣ Tokkos Yooseef maqaa kaadhimummaan ergamaa ishee ta'ee filatamuun Isaa iccitiin Isaa maal akka ta'e hin barre ture.

Guduunfaa :- Hiikoon Andimtaa Wangeela Qulqulluu Maatewoos kutaan 4ffaan kana fakkaata ture, akkasumas Wangeelli Maatewoos boqonnaan 1 hanga ammaatti kutaalee afuriin kan ilaalaa turre kana fakkaata ture, yeroo itti aanutti Boqonnaa 2 ni ilaalla. Nagaadhaan nuuf turaa!




Itti fufa 

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments