Subscribe To Our YouTube Channel

Qulqulleettii | Torbee Lammaffaa Tsooma guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Torbee Lammaffaa Tsoomii Guddaa


Qulqulleettii


Seensa :- Torbee darbe barreeffama keenya waa'ee Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin torbee jalqabaa Tsooma guddaa waa'ee Zeweredee ilaalleerra, kutaa hardhaa kanaan ammoo waa'ee torbee lammaffaa Qulqulleettii ni ilaalla, dubbisaa!


Qulqulleettii ykn «á‰…ድስት» hiikni isaa «Kan adda taate, kan adda baafamte» jechuudha. Hiikni isaa iccitii garuu hojii iccitii fayyisuu isaa gurguddoo jalqabuuf Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Gadaamii ykn lafa Onaa Qoronxoos seenee kan inni Tsoome guyyaan afurtamaa fi halkan Afurtamni Tsoomii kabajamtuun kan itti jalqabamte ykn torbee lammaffaa Tsooma guddaati. Maat. 4:2

Qulqulleettiin moggaasa maqaa Tsoomii Guddaa torbee lammaffaati. Moggaasni isaas hayyuu Zeemaa ykn Yeedaloo Mana Kiristaanaa Itoophiyaa kan ta'e Qulqulluu Yaareediin kan moggaafame ykn maqaan kun Qulqulluun Yaareediin kan kennamedha. Jalabultii Sanbata ykn Dilbata torbee lammaffaa kana irraa eegalee waa'een Qulqullummaa Sanbataa ni faarfatama. Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa keenyas Sanbata sana ykn Torbee sana waa'ee Qulqullummaa ijoollee ishee ni barsiisti.


Misbaakiin Sirna Qiddaasee irratti Lallabamu, Ergaawwan dubbifaman, Hojiin Duuka Bu'ootaa fi Wangeelli dubbifaman waa'ee Qulqulleettii kan barsiisanidha.

«Qulqulluu» jechuun «Adda, Kabajamaa» jechuudha. Waaqayyo Gooftaan keenya Amalummaa isaatiin Qulqulluu dha. Qulqullummaan kunis eenyu irraayyuu kan hin arganne Amalummaa isaati. Kitaaboleen Qulqullaa'oonis waa'ee Qulqullummaa isaa gamtaadhaan ibsaniiru ykn ragaa ba'aaniiru. Amalummaa isaatiin Qulqulluu waan ta'eefis «Qulqulluu Qulqulluu Qulqulluu!» jedhamee ni galateeffama (Isa. 6:1-3, Mul. 15:4). Nutis Qulqulluu ilmi isaa Fooniin ibsamee akkuma nu barsiise Kadhannaa keenya guyyaa guyyaanii keessatti «Maqaan kee haa Qulqullaa'u» ykn «Maqaan kee haa galateeffamu» ni jenna.

Burqaa ykn madda Qulqullummaa :- Qulqullummaa kan kennu Waaqayyo qofaadha. «Qulqulluu» jechi jedhu mamootaaf, Ergamootaaf, iddoowwaniif, guyyootaaf, meeshaaleedhaaf kennamuyyuu Qulqullummaan isaanii Amalummaa isaatiin Qulqulluu kan ta'e Waaqayyo irraa kan argamedha. Kunis «Qulqullummaa kennaa» jedhama.


Waaqayyo Qulqulluu waan ta'eef bifaa fi fakkeenya isaatiin kabajee kan nu uume nutis Qulqulloota akka taanuuf ni barbaadama. Qulqulluun Pheexiroos «Dhumni isaa garuu Ani Qulqulluu waanin ta'eef isinis Qulqulloota ta'aa! jedhamee waan barreeffameef kan isin waame Qulqulluu akkuma ta'e isinis ammoo jireenya keessan hunda keessatti Qulqulloota ta'aa!» kan nuun jedhes kana yeroo nu barsiisudha. Uumamuu keenyaan dursee jaalala daangaa hin qabneen kan nu jaallate Waaqayyo Gooftaan keenya jiraachuu dhabuu irraa gara jiraachuutti kan nu fide, kufaatiidhaaf osoo hin taane kabajaaf, xuraa'ummaadhaaf osoo hin taane Qulqullummaa dhaaf, du'aaf osoo hin taane Jireenyaafidha. Kaayyoon uumamuu keenyaas fuula isaa fuulduratti hojii gaarii gonkaa fi Amantaa dhaan deddeebi'uun isa waliin akka jiraannuufi. Ifti dukkana waliin, Qajeelummaan Cubbuu waliin akkuma walitti dhufeenya ykn tokkummaa hin qabne ykn hin qabu waan ta'eef isa waliin bara baraan jiraachuuf Qulqullummaan jiraachuun nurraa eegama.

Qulqullummaan keenya jireenya keenya hunda keessatti akka ta'u ajajamneerra (1 Pheex. 1:15). Kanaafuu hojii irratti bobbaane irratti, jireenya keenya hawaasummaa irratti, nyaata nyaannu irratti, uffata uffannu irratti, haasaa keenya irratti fi wantoota kana fakkaata hunda irratti wanta Waaqayyo gammachiisu taasisuun Waaqayyo foon keenya du'uun haa kabajnu. Nuti ammoo ba'aa hunda dhiphina cubbuus of irraa kaasnee fiigicha fuuldura keenya jiruuf obsaan haa fiignu.


«Hundee fi mataa Amantaa keenyaa kan ta'e Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Duukaa haa buunu, inni wanta badaa irraa fagaatee, waa'ee Fannoo gammachuu isa fuuldura jiruu obsee Mirga Abbaa isaa taa'eera.» jedhamee akkuma barreeffame Qabsuura taasisnee Cubbuu irraas fagaachuun Qulqullummaan jiraachuun nurraa eegama (Ibr. 12:1)

 Fedhii fi hawwii foonii keenya dhiisnee, namummaa keenya moofaa balleessinee Gaabbii gallee Qulqulluu Foon fi dhiiga isaa fudhannee Qulqullummaan akka jiraannuuf Waaqayyo nu haa gargaaru!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments