Subscribe To Our YouTube Channel

Zeweredee | Torbee jalqabaa Tsooma guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Torbee Tokkoffaa Tsoomii Guddaa



Zeweredee



Akkuma yeroo darbe mata duree keenya Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos jedhu jalatti ilaalletti Tsoomiin Guddaan kun of keessatti torbeewwan 8 kan qabu yoo ta'u, guyyoota 55'f Tsoomama. Torbeewwan 8'n kunneen hundis moggaasa mataa isaanii kan qaban yoo ta'u, isaan kanneenis tartiibaan kan ilaallu ni ta'a gara fuulduraatti.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos maalif guyyoota Afurtama Tsoome?


1. Kakuu Moofaa keessatti Raajonni guyyaa Afurtama Tsoomu waan ta'eef, guyyaa afurtama Tsoomanii raajii kan raajan ykn raajii kan dubbatan waa'ee isaa ta'uu ibsuuf.

2. Yeroo durii Raajonni guyyaa Afurtama Tsoomaniiru, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos osoo Tsoomii kana guyyaa Afurtamaa gadi tsoomee «Ni xiqqeesse» ykn «Ni hambise», yoo yoo guyyaa afurtama caalchisee Tsoome ammoo «Ni caalchise» jedhanii Ayihuudonni Seera Wangeelaa fi Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos hin fudhannu jedhanii akka sababa hin kaasneef.

3. Raajichi Musee guyyaa Afurtamaa fi halkan Afurtama Tsoomee seera Oriitii hojjeteera, gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis guyyaa Afurtamaa fi halkan Afurtama tsoomuun Seera Wangeelaa kan hojjetudha waan ta'eef.

4. Addaam mucummaa isaa guyyaa Afurtamatti argate fudhachiisee waan tureef isaaf akka kaasaatti akka ta'uuf ykn ibsuuf.

Tsoomii Guddaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos guyyoota Qidaamee fi Sanbataa jiran dabalatee akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyoota 55 kan tsoomamu yoo ta'u, kunis kan ta'eefis; Tsoomii itti dabaluun rakkoo waan hin qabneefi.

Akkasumas Tsoomiin kun baay'inaan Baatiiwwan ykn Ji'oota Gurraandhalaa fi Bitootessa keessa yeroo tokko tokkos Ji'a Eblaa yeroon itti dabalatu ni jiraata. Guyyoonni kunneenis walumaa galatti hanga gaafa guyyaa du'aa ka'umsa Gooftaatti guyyoota 55 dha.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos kan inni Tsoome guyyoota 40 yoo ta'u, nuti ammoo guyyoota 55 kan tsoomnuuf guyyoota Sanbataa 8 fi Dilbataa 7 Tsoomii Guddaa kana keessa jiran walitti dabaluuni.

Mata duree keenya hardhaatti yeroo deebinus waa'ee torbee jalqabaa Tsooma guddaa kan ilaallu yoo ta'u, torbeen jalqabaa Tsooma guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti «Zewerede» jedhamuudhaan beekama.


Zeweredee :- Torbee jalqabaa Tsooma Guddaa


Dilbanni ykn torbeen seensa jalqabaa Tsooma Guddaa Zeweredee jedhama. Akkasumas «Tsoome Hirqaal» ykn «ጾመ ሕርቃል» jedhamuu dhaanis ni beekama.

• «Zeweredee» jechuun «kan bu'e» ykn «የወረደ» jechuudha. Waaqni nama ta'e, Namni Waaqa ta'e jechuudha. Kunis Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos nu fayyisuuf akkasumas jaalala isaa nuuf ibsuuf Samii samii irraa bu'uu isaa, Dubroo Maariyaam irraa foon keenyaan waloomuu isaa kan yaadatu ykn yaadachiisu, Samii Samii irraa bu'ee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa dhalachuu isaa kan agarsiisu, kan yaadachiisu fi kan itti dubbatamu Torbee jalqabaa Tsooma guddaati. Yoh. 3:13


Hirqaal 

Hirqaal (Araaqliyas) Mootii Baazaantaayin ture bara 614 tti, torbeen kun sababni maqaa isaatiin itti waamameef ykn moggaafameef bara sanatti warri Faars Iyyerusaaleem weeraranii Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos booji'anii fudhatanii ture. Hirqaalis bara 628 tti gara Faarsitti duulee Koosarooyan injifatee Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos qabatee yeroo deebi'u Fannoo sana innumti ofii isaa baatee Faars irraa kaasee hanga Iyyerusaaleemitti kophee malee miila isaa duwwaa deemaa fidee Kiristaanota Iyyerusaaleemitti kenne. 

Kiristaanonni, Ephis Qophoosonni fi Luboonni Iyyerusaaleemis garmalee gammadanii waan tureef waa'ee isaatiif jedhanii guyyaa torba guutuu Tsoomii fi Kadhannaadhaan Subaa'ee qabatanii ture Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waliin ta'ee waggaa waggaadhaan guyyaa torba akka Tsoomamu ajajan.

Kanaafuu Manni Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaan kana fudhachuu dhaan hanga hardhaatti ni tsoomama.

Waaqayyo Gooftaan bu'uura Waadaa Abbaa keenya Addaamiif galeen «Dhumi barichaa yeroo gahetti Waaqayyo ilma isaa ni erge» Gal. 4:4 akkuma jedhe Qulqulluun Phaawuloos Addaam isa bade barbaaduudhaaf Abbaa isaa irraa osoo adda hin ba'iin Samii irraa bu'uu isaa guyyaa itti yaadannudha.

Read Also :- Tsoomii Tsiggee

Tsoomiin kun guyyaa Tsoomiin itti seenu torbee jalqabaa (torbee jalqabaa Tsooma guddaati) waan ta'eef moggaasni «Hirqaal» jedhamus kennameefiira. Waaqayyo Gooftaan Addaamiif «Guyyaa Shaniifi walakkaa booda dhala dhala kee irraa dhaladhee Fannoo irratti fannifamee sin fayyisa» jedhee waadaa galeef. Uma. 3:15 kunis Waadaa Addaam jedhamee beekama. Bu'uura waadaawwan hundaati.

Waadaawwan ykn Kakuuwwan lamaan (Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa) abdii cimaadhaan kan walitti hidhe sansalata fayyinaa dheeraa barootaati. Addaamiif araarri kan bu'e «ዘወረደ እርቀ አዳም», Abdiin Abbootii, Raajiin Raajotaa, Subaa'een Lubootaa raawwachuu isaa, Kakuu ykn Waadaa Addaam Masi'iichi dhalachuun isaa kan itti himamu labsii jaalalaa ti. Nutis Tsoomii Guddaa kanaan wanta gaafanne, wanta kadhanne hunda Cubbuudhaan alatti akka nuuf ta'uuf Tsoomii kana sirriitti Tsoomuu qabna.

Guduunfaa :- guyyaa hardhaatiif waa'ee Torbee jalqabaa Tsooma guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Zeweredee kan isiniif qabannee dhiyaanne kana fakkaata ture, yeroo itti aanutti torbeewwan itti aansanii jiran ni ilaalla.

 
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

4 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)