Subscribe To Our YouTube Channel

Meeshaalee Qulqullaa'oo | Kutaa 5ffaa

Meeshaalee Qulqullaa'oo


Kutaa 5ffaa


Barumsa koorsii «Meeshaalee Qulqullaa'oo» jedhu kana erga eegallee turreerra, garuu gidduutti sababa dhunfaatiin adda kunnee turre osoo hin xumuriin kanaafis dhiifama isa gaafanna! ammas kunoo akka fedha Waaqayyootti kutaa itti aanu isiniif qabannee dhiyaanneerra, kana dura kutaalee afur kan ilaalle yoo ta'u hardha ammoo kunoo kutaa 5ffaa isiniif qabannee dhiyaanneerra, isinis hanga dhumaatti dubbisaa! hiriyoota keessaniifis qoodaa! akkasumas barreeffama kana keessatti iddoo baay'eetti jechoota Afaan Gi'iizii kallattiidhaan waan fayyadamneef nuuf hubadhaa isiniin jenna, dubbisa gaarii!


Uffannaawwan


Uffannaawwan jechuun Mana Kiristaanaa keessatti Abbootiin keenya Luboonni kan uffatan ykn Meeshaalee Qulqullaa'ootti kan uffifamanidha. 

1. Uffata Lubummaa (ልብሰ ተክህኖ)


Yeroo sirna Qiddaasee fi yeroo kadhannaatti Luboonni Mana Qulqullummaa keessatti yeroo tajaajilan uffata isaan uffatanidha. Ba'uu. 31:10-11, 39:29, 28:40-42.


1.1. Qamisii Lubootaa (የቀሳውስት ቀሚስ) 

Jechi «ቀሚስ» jedhu jecha Arabiffaa irraa kan dhufe akka ta'e ni himama, kunis bara durii «Abdallaakanii Qamiis» kan jedhamu ture. Bara kanatti garuu uffata faaya qabu kamirraayyuu ni hojjetama. 

• Luboonni qaddasan uffata Adii akka uffatan ajajameera, amantoonni qorrobanis uffata Adii qulqulluu akka fayyadaman ykn fayyadamuun isaanirraa eegama.

• Luboonni uffata lubummaa uffachuu isaaniitiin dura Phaaphaasiidhaan akka eebbisiisan, yoo phaaphaasiin hin jiru ta'e ammoo ofii isaanii eebbisanii akka uffatan ka'aameera. 

• Uffanni Lubummaa Luboonni uffatan hanga fiixee miila isaanitti kan gahu ykn kan uffisu ta'uu qaba. Erga uffatan booda tarii yoo baay'ee itti kan dheeratu ta'e baafachuu hin qaban, zanqii ykn zinnaara achirra jiruun walitti qabanii uffachuu qabu malee.

Iccitii isaa :- Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa yeroo dhalate irraa kaasee hanga waggaa 33 tti uffanni inni uffatee ture yeroo inni guddatus raajiidhaan isa faana guddatti ture, uffanni Lubootaa kunis Qamisii kana agarsiisa. 

Ayihuudonni Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos firdiidhaaf gara Addabaabaayiitti yeroo geessan uffata addaa isatti uffisanii ture, har'as Luboonni uffata mataa isaanii ykn uffata isaanii uffatanii qaddasuu hin danda'aan sababni isaas Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos uffata isaa yeroo xiqqummaa dhaa kaasee ittiin guddateen hin fannifamne waan ta'eef.

1.2. Kaabbaa (ክብ)

Kaabbaan kan itti dabalanii uffatanidha «መደረቢያ ነው». Kaabbaan mandilii shan akka qabaatu ajajameera. Mandiilii jechuun Lamdii jechuudha. Asii gadeen lamdii akka laanqaatti ta'ee waan bu'uuf Kaabbaa Laanqaa jedhameera. Kaabbaan kunis kan hojjetamu carqii ykn uffata haalluu garaa garaa qabu irraa ykn mukaashii ykn Warqazaboo irraayis hojjetamuu danda'a.

Iccitii isaa :- Lamdiiwwan shanan fakkeenya iccitiiwwan utubaa shananiiti.

1.3. «Moxaahitii» Lubootaa (የቄስ ሞጣሕት)

Luboonni ykn Qeesonni morma isaanii irratti keewwatanii Qamisii irratti kan uffisan, uffata karaa fuulduraa gadi bu'udha. Uffanni ykn wanti inni irraa qophaa'u ykn hojjetamus gosa ykn uffata Qamisiin sun irraa hojjetame waliin tokko ta'a.

Iccitii isaa :- Moxaahitiin fakkeenya ykn mallattoo daandii Qulqullootaati. Dheerachuun isaa ammoo fuulduratti daandii dheeraan si eeggata, amma kan dabarsite irraa ganaa kan fuulduratti dabarsitu ni dheerata jechuufi.

1.4. Qoobii (ቆብ)

Monoksoonni fi Luboonni ykn Qeesonni seeraan jiran Qoobii keewwatanii Qaddasu. Akkasumas tajaajila kam irrattiyyuu mataa isaanii irraa hin dhabamu, Qoobiin ittiin qaddasan garuu adda kan ta'ee fi goonfoo kan fakkaatudha. Margeetonni marata «ጥምጥም» keewwatu. 


Iccitii isaa :- Mataa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irratti fakkeenya Goonfoo qoree Ayihuudonni ka'aaniiti. 

Seera Ba'uu 28:40, 8:9, 29:6.

1.5. Marata ykn (ጥምጥም) 

Kun ammoo mataa irratti kan maramu yoo ta'u, «ሰበን» jedhamuunis ni waamama. 

«Marata Qulqulluu mataa isaa irra ka'aa!» Zak. 3:5

Iccitii isaa :- Qulqulluun Toomaas Hindii irraa gara Iyyerusaaleemitti duumessaan fe'amee yeroo dhufu, Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam yeroo ol baatu arguu isaatiin Duuka Bu'ootaaf ragaa akka ba'u uffata ishee ittiin gannazamte ni kenniteef, innis Duuka Bu'ootaaf ni qoode. Fakkeenya haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam dha.

1.6. Makbariyaa «መክበሪያ»

Taaboot Makbariyaa ykn kan Taabota ittiin baatan, kabaja Taabotaatiif mataa irra dursanii kan ka'aanidha.

1.7. Farajiyaa «ፈረጂያ» 

Uffata baay'ee bareedaa irraa kan hojjetamu bal'aa fi uffata Phaaphaasiiti.

Iccitii isaa :- Qamisiin kun fakkeenya Qamisii Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos uffatee turee yoo ta'u, bal'achuun isaa makliitiin baay'achuu agarsiisa.


1.8. Qamisii Diyaaqonii 

Kun armaan olitti Qamisii Lubootaa waliin kan ilaalle waliin waan wal fakkaatuuf bira haa darbinu.

1.9. Lamdii «ለምድ»

Bara duriitti Lamdiin qophaa isaatti hojjetama ture, amma garuu Lamdiin Qamisiin waliin walitti hodhama. 

1.10. Moxaahitii Diyaaqonii «የዲያቆን ሞጣሕት»

Moxaahitiin Qamisii irratti kan uffifamu ta'ee bara ammaa kanatti iddoo hundatti kan barame miti. Ta'us garuu darbee darbee iddoo tokko tokkotti kan fayyadaman akka jiran ni himama. Moxaahitii yeroo fayyadamanitti Diyaaqonii isa tokkoffaa Diyaaqonii isa lammaffaa ykn Diyaaqonii isa gargaaraa irraa adda baasuuf uffata boca Fannoo of irraa qabu (Qamisii) Diyaaqonii inni jalqabaa ni uffata.

1.11. Goonfoo «አክሊል»

Uffata ykn carqii gaarii irraa kan hodhamuu fi bifa geengoo qabaatee gidduu isaatti Fannoo kan qabu ta'ee qopha'a.

Dabriiwwan fi Gadaamiiwwan gueguddootti Diyaaqoniin Goonfoo godhata. Bara kanatti darbee darbee Goonfoo kan fakkaatu akka Qoobii lubichaa uffatee qaddasa. 

Iccitii isaa :- Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa Jimaataa Ayihuudonni mataa isaa irratti kan uffisan fakkeenya Goonfoo qoreeti.


Uffanni Lubummaa walumaa galatti kabajaa fi qulqullinaan mana meeshaa Mana Kiristaanaa keessa ka'aamuu qaba, kanaan ala iddoo barbaanne kaa'uuf hin eyyamamne.

Seera Ba'uu 29:6, Faaruu 20:3, Maat. 27:29, Hizq. 44:17-19, 2 Xim. 4:8, Marq. 15:17.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

1 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)