Subscribe To Our YouTube Channel

Duuka Bu'icha Qulqulluu Simi'oon isa inaaftichaa fi Qulqulluu Maatiyaas

Duuka Bu'icha Qulqulluu Simi'oon isa inaafticha




Duuka Bu'ichi Qulqulluun Simi'oon tarree maqaa Duuka Bu'ootaa Kitaaba Qulqulluu irratti iddoo afuritti caqafamanii argaman keessaa Qulqulluun Maatewoos fi Qulqulluun Maarqoos iddoo ykn tarree lakkoofsaa kudha tokkoffaa irratti yeroo barreessan, Duuka Bu'ichi Qulqulluun Luqaas ammoo Wangeela isaa fi Hojii Duuka Bu'ootaa irratti iddoo kurnaffaa irra isa kaa'eera.

Maqaan kan biraa Duuka Bu'icha Qulqulluu Simi'oon Naatnaa'eel dha. Simi'oon maqaa isaa jalqabaa yoo ta'u Naatnaa'eel jedhee kan isaaf baase ammoo gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha, hiikni isaas «Kennaa Waaqayyoo!» jechuudha. Kan dhalates Naazreet Qaanaa isa Galiilaatti yoo ta'u qomoon isaas Qomoo Biniyaamidha. Barri dhaloota isaas bara dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waliin bara tokkodha ykn walitti siqa. Sababni isaas Mootichi Heeroods Daa'imman Beetaliheem yeroo ficcisiisutti haati isaa ykn haati Qulqulluu Naatnaa'eel Balasii jala isaa dhoksitee isa oolchiteerti. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis yeroo isa waamu «Filiiphoos osoo si hin waamiin Balasii jala osoo jirtuu sin beeka!» kan jedheen kanaafi.

Qulqulluun Awugisxiinoos ammoo Naatnaa'eeliin «Hayyuu Oriitii ture» isaan jedha. Sababni isaas Filiiphoos yeroo isa waamu «Naazreet keessaa wanti gaariin hin ba'u!» jechuudhaan jecha Raajotaa kan caqasee jecha Kitaabolee beekuu isaatiin waan tureef. Yoh. 1:44-52.

Simi'oon ykn Naatnaa'eel garee warra Inaaftotaatti akka lakka'aamu kan isa taasise Inaaffaa inni seera Oriitii kanaaf qabu akka ture ni shakkama. Gareen kun ykn gareen Inaaftotaa kun bara sanatti Roomaanota irratti ka'aanii kan turan Ayihuudotaaf kan kenname «ከነነዓት» kan jedhu jecha Aramaayikii irraa kan dhufe yoo ta'u hiikni isaas «Inaafaa» jechuudha. Inaaftonnii kunneen seera Oriitii fi biyya Ayihuudiitiif inaaftota waan kan ta'aanii fi Roomaanota lafa isaanii irraa kaasuuf ykn baasuuf keessa keessa socho'aa kan turanidha. Simi'oonis miseensa isaanii waan tureef Simi'oon Inaafticha jedhamee ni waamama.

Simi'oon Inaaftichi Sooriyaa, Baabiloon, Gibtsii fi Nuubiyaatti barsiiseera. Bara hedduu kan dabarses Kaaba Afriikaatti barsiisuuni. Dhuma irrattis Gibtsiitti yeroo barsiisu uummanni barumsa isaa baratanii amanaa deemuu isaanii irraa kan ka'e warreen Ormootaa waan itti inaafaniif ookkara kaasanii ykn «Amantaa nuti hin barbaanne fudhadhaa nuun jedha!» jedhanii mootii Gibtsii kan ta'e Andiriyaanoositti isa himatan, innis Loltoota isaatiin isa qabsiisee Adoolessa gaafa bultii 10, Sayifii dhaan isa ajjeesiseera.

Duuka Bu'icha Qulqulluu Maatiyaas


Duuka Bu'ichi Qulqulluun Maatiyaas bakka Yihudaa isa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dabarsee gurguree kan bakka bu'e yoo ta'u, osoo Duuka Bu'oota kudha lamaanitti hin makamiin dura Abbootii Duuka Bu'ootaa 72'n keessa ture. Duuka Bu'ichi Qulqulluun Pheexiroosis «Cuuphaa Yohaannisii jalqabee hanga nu biraa ol baheetti, Gooftaan Iyyesuus Kiristoos nu gidduutti bara itti seenee fi ba'e hundatti namoota nu waliin turan, isaan kana keessaas inni tokko nu waliin ka'umsa isaatiif ragaa akka ta'uuf isaaf ni ta'a!» HDB. 1:21-22 jedhee kan dubbate kanaaf ture.

Qabsuura Duuka Bu'ootaa irratti akkuma ibsame Qulqulluun Maatiyaas akka achitti barsiisuuf kan carraadhaan isa gahe «በላዕተ ሰብእ» ykn «Nama kan nyaatan!» gara biyya namoonni kunneen jiraniitti ture. Biyyi kun tarii Skuutees ykn Raashiyaatti argamuu hin oolu. Sababni isaas Awusaabiyoos kitaaba isaa Seenaa Mana Kiristaanaa irratti bakki kun akkaataa Addunyaa duriitti «Barbaaroos» kan jedhamu akka ture yeroo ibsu, Kitaaba «Zeenaa Ayhuud» kan barreesse Yooseef ilmi Kooriyoon ammoo namoota Barbaaroos ykn Skuutees bara sana namoota hamoo fi bineensota irraa illee kan hin wayyine akka turan ibseera.

Maatiyaasis biyya kanatti yeroo barsiisu namoonni kunneen isa qabanii ija isaa baasanii akka Horiitti marga isa nyaachisuu jalqaban. Sababni isaas namoonni naannoo sanaa nama nyaachuu isaaniitiin dursa ija isaa baasanii guyyaa afurtamaaf erga marga isa nyaachisan booda isa nyaachuun bartee isaanii waan tureef.

Duuka Bu'ichi Qulqulluun Maatiyaasis guyyoota afurtamaaf mana hidhaa keessa taa'e, Waaqayyos obsaafi cimina waan isaaf kenneef marga isaaf dhiyeessan osoo hin nyaatiin Tsoomiidhaan dabarse. Guyyaa afurtamaffaa isaatti Qulqulluun Maatiyaas marga sana of fuulduratti tuulee yeroo faarfatu Indiriyaas Waaqa irraa ergamee balbala cufamaadhaan ni seene. Nagaa Waaqayyoo gammachuudhaan erga kenneef booda «Akka Hoolotaatti Yeeyyiiwwan gidduutti isinin erga jechi jedhu har'a si'iin ni raawwatame!» jedhee sagalee Waaqayyoo isa yaadachiise, mana hiidhaatiis isa qabatee bahe. Isa waliinis namoonni achitti hidhamanii turan 123 ni ba'an. 

Raajii kana kan argan namoonni biyya sanaas barumsa isaatiin amananii ni cuuphaman. Namoota kanattis Kitaaba barreessee akka kenne Qaaleminxoos inni Iskindiriyaa ragaa ba'aaniiru.

Akkasumas karaa Kitaabolee Awaaldiitti kan ramadamu Kitaabni Maatiyaas «Foon waliin wal morkuu, fedhii Fooniitiif bitamuu hin qabnu!» jechi jedhu ni argame jedhamee barreessitoota duriitiin caqasameera.

Qulqulluun Maatiyaasis kana booda Damaasqoo seenee lallaba Wangeelaa isaa itti fufeera. Namoonni Damaasqoo garuu Ayihuudotaa fi Ormoota dursanii Iyyerusaaleem irraa gara magaalittiitti seenaniin sochii isaaniitiin mormitoonni ka'aanii siree sibiilaa irra isa ciibsanii jala isaatti guyyoota torbaaf ibidda itti qabsiisan. Guyyaa torbaffaatti yeroo ilaalan balaan tokkoyyuu osoo isa irra hin gahiin isa arguu isaaniitiin barumsa isaatiin amananii cuuphamaniiru. Dhuma irrattis biyya Yihudaatti osoo barsiisuu erga ture booda bakka Filaawoon jedhamutti dulloomee boqoteera. Guyyaan yaadannoo isaas Bitootessa 8 ni kabajama.

Eebbi Duuka Bu'oota kanneenii nurra haa ta'u!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments