Subscribe To Our YouTube Channel

«Tsinsataa Maariyaam »

«Tsinsataa Maariyaam»


Garaatti baatamuu Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam


Seensa :- Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Hagayya 7 waggaa waggaadhaan kan yaadatamee oolu garaatti baatamuu Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha. Kunis Ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33'n keessaa yoo ta'u, seenaan isaa maalidha? kan jedhu gabaabsinee kanatti aansuun isiniif dhiyeessineera dubbisaa! akkasumas erga dubbistanii xumurtan booda barreeffamni kun namoota hedduu bira akka gahuuf share taasisuun nu deeggaraa!



Pheetriiqaa fi Teektaa kan jedhaman Iyyerusaaleemitti bultii ijaarratanii tokkummaan kan jiraatan namoota lamatu ture. Isaanis Waaqayyotti kan amananii fi namoota qajeeloo turan. Namoonni kun Waaqayyo birattis namoota birattis ragaa kan isaaniif ba'aame namoota gaarii fi sooressoota turan. Ta'us garuu qabeenya isaanii kan dhaalu dhala hin qaban ture.

Guyyaa tokko Pheetriiqaan Teektaa dhaan «Yaa Obboleettii koo qabeenya keenya walitti qabne kana hunda maal itti goona? ijoollee hin qabnu kan dhaalan, atis da'uu hin dandeessu anis siin ala dubartii biraa ilaaluu hin danda'u!» jedheen. Isheenis «Yaa Obboleessa koo Waaqni Israa'eel ana yoo dhala na dhoowwate ati akkasumatti haftaaree? dubartii biraa irraa ijoollee argadhu malee!» jettee isa gorsituyyuu inni garuu waan akkasii hin raawwadhu, sammuu koottiyyuu akkan hin yaanne Waaqni Israa'eel ni beeka jedheen. Isheenis «Waaqni Israa'eel wanta taasisu kan beeku, waa hunda kan danda'u, hunda raawwachuu kan danda'u kaleessa halkan abjuu kootiin Jabbii Adiin gadameessa kootii yeroo baatu, Jabbiin Adiin sunis Jabbii Adii kan biraa yeroo dhaltu akkuma kanatti hanga dhaloota torbaatti itti fufee, isheen torbaffaan Addeessa yeroo dhaltu, Addeessi sunis Aduu yeroo dhaltu nan arge» jetteen. 

Innis ganamaan gara nama abjuu hiikuutti deemee wanta isheen itti himte hunda itti hime. Namichi abjuu hiiku sunis :- «Waaqayyo araara isaatiin isin ilaaleera, Jabbiin torba dhalachuun isaanii ijoollee shamarrannii ijoollee ijoollee isaanii waliin hanga dhaloota torbaatti ni deemtu, mana keessanni isheen torbaffaan Addeessa da'uun ishee ammoo nama irra kan caalte, Ergamoota irras kan kabajamte ni daa'ima ni argattu. Wanti Aduu sanaa garuu naaf hin ifne» jedheen. Innis wanta inni itti hime hunda deemee itti hime, isheenis «Wanta Waaqni Israa'eel hojjetu maaltu beeka!?» jettee ni calliste.

Sana boodas isheen garaatti baattee intala deesse. Maqaa ishees «Heemeen» jedhanii moggaasaniif, Heemeenis guddattee heerumtee intala dubaraa deesse. Guyyaa saddeettaffaa isheettis «Deerdii» jedhanii maqaa baasaniif, Deerdiinis erga guddatte booda heerumtee intala «Toonaa» jedhamtu deesse. Toonaanis akkasuma Siikaar deesse, Siikaaris Seetnaa deesse, Seetnaanis Heermeellaa deesse, Heermeellaanis haadha haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan taate Qulqulleettii Haannaa deesse.

Hidda dhaloota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Pheetriiqaa fi Teektaa dhaa kaasee hanga Haannaatti jiru gidduutti dhiironni hedduun kan jiran yoo ta'u, garuu hidda dhaloota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam lakkaa'uudhaaf raajiin waan isaaniif hin dubbatamneef, Subaa'een waan sirra saaniif hin lakka'aamneef maqaan isaanii hin barreeffamne. Haannaanis sirnaan ni guddatte. Yeroo guddattettis nama qomoo warra Mana Mootummaa Daawwit keessaa ta'e Qulqulluu Iyyaaqeemitti heerumte.

Qulqulloonni kunneen Iyyaaqeem fi Haannaan tokkummaan bultii ijaarratanii osoo jiraatanii garuu daa'ima dhaban, gaaf tokko gara Mana Waaqayyootti deemanii osoo kadhatanii fi osoo gaddanii oolan, gaddi isaanii kan akkamiiti yoo jedhame Iyyaaqeem «Maaloo yaa Gooftaa koo Waaqa Abbootii kootii, Waaqa Israa'eel ani garbichi kee sin kadhadha na hin gatiin! Kadhannaa koo naaf dhaga'i! fedhii koo naaf guuti, daa'ima eebbifamaa naaf kenni» jedhee kadhachaa oole.

Haannaanis gama isheetiin «Maaloo yaa Gooftaa koo! Waaqa Israa'eel Waaqa Abbootii kootii! ija koo kanan irra buufadhu intala eebbifamtuu naaf kenni!» jettee kadhachaa oolte. Akkas jedhanii gaddaa fi kadhachaa oolanii Haannaan Gugeen cuucii ishee waliin yeroo taphattu argitee «Yaa Gooftaa koo yaa Waaqa Gugee kanaaf dhala kennitee maaloo ana maalif dhala na dhoowwatte?» jettee hirqiffattee boosse. Akkas jedhanii gaddaa fi kadhachaa oolanii Hangafa Lubootaa Zakkaariyaas bira deemanii «Yaa Gooftaa ilma dhiiraa yoo arganne baratee Mana Waaqayyoo akka tajaajilu ni kennina, intala yoo argannee ammoo bishaan waraabdee, Masooba Warqii hodhitee, Golgaa hojjettee Luboota tajaajiltee akka jiraattu ni kennina!» jedhanii wareega wareegan. Zakkaariyaasis Waaqayyo kadhannaa keessan isiniif haa dhaga'u, wareega keessan isiniif haa fudhatu, fedhii laphee keessanii isiniif haa guutu jedhee kadhannaa isaanii ol baaseef. Sana boodas Qulqulleettiin Haannaa fi Qulqulluun Iyyaaqeem guyyuma sana mul'ata arganii bulan. Mul'anni isaan argan kunis Iyyaaqeem «Samiiwwan torban akka golgaatti ibsamanii ykn banamanii Samii isa gubbaa irratti Simbirroo Adiin bu'ee mataa koo irra yeroo taa'u nan arge» jedheen. Simbirroo kan jedhame Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Adii ta'uun isaa ammoo Qulqullummaan amalummaa isaa waan ta'eefi. Samii isa gubbaa irraa Simbirroo Adiin bu'ee mataa koo irra qubatee nan arge jechuun isaa, Amalummaa Iyyaaqeem ykn Amalummaa namaa Amalummaa akka taasise beeki yeroo isaan jedhudha, Samiiwwan torban kan jedhaman amaloota garaa garaa Gooftaa keenyaa ti. 

Haannaanis anis nan arge jetteen, maal argite? jedhee yeroo ishee gaafatus «Gugee Adiin dhuftee mataa koo irraan buutee gurra kootiin seentee Gadameessa koo keessa yeroo ciistu nan arge» jetteen. Gugee kan jedhamte Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yoo taatu, Adii ta'uun ishee ammoo Qulqullummaa ishee, Dubrummaa isaa agarsiisa. Gugee Adiin dhuftee mataa koo irra qubattee karaa gurra koo seentee Gadameessa koo keessa yeroo ciistun arge jechuun ishees himaa Missirachoo Qulqulluun Gabri'eel jecha Missirachoo inni hime gurra isheetiin dhageessee Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos garaatti baachuu isheeti. Mul'ata kanas kan argan Adoolessa 30 ture.

Isaanis mul'ata akkas fakkaatu argine jedhanii guyyuma sana waliin hin rafne, fedhii Waaqayyoo yoo ta'e jedhanii Addaam fi Heewaaniin baay'adhaa! dachee guutaa jedhee Waaqni missiraachoo isaanitti hime nuufis nuuf kenna mitii? jedhanii guyyaa sana waliin hin bulle hanga guyyaa torbaatti. Hagayyi seenee guyyaa torbaffaatti nama irra kan caalte Ergamoota irra kan kabajamte dhala ni argattu jedhee ergamaan Waaqayyo missiraachoo itti hime. 

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis missiraachoo ergamaa Qulqulluu Gabri'eeliitiin Hagayya 7 garaatti baatamte.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam erga garaatti baatamte booda Ayihuudonni inaaffaadhaan irratti ka'aan, maalif itti inaafan yoo jedhame mucaan Xooliiq mana eessuma Eedooq deemee ni du'e, isaanis ni awwaalla jedhanii siree irra ka'aanii osoo deemanii daandii irra isa ka'aan. Mucaan kunis Haannaadhaaf mucaa eessuma ishee waan tureef boo'uudhaaf yeroo achi geessu firoonni isaa hundi osoo boo'anii argite. Isheenis isaan waliin naanna'aa yeroo boossu gaaddidduun ishee yeroo irra bu'u mucaan du'e sun du'aa ni ka'ee «ስብሃት ለኪ ማርያም እሙ ለፀሃየ ጽድቅ ለአብ ሙሽራው ለወልድ ወላዲቱ ለመንፈስ ቅዱስ ጽርሃ ቤቱ ተፈስሂ» jedhee ni sagade. Yeroo sanattis Ayihuudonni waan achi turaniif Saaniinaas maal argite? maal jetta? jedhanii yeroo isa gaafatan «Daa'imni Haannaa irraa dhalattu kun Samii fi lafa kan uume ilma Waaqayyoo ni deessi jedhanii Ergamoonni hundi yeroo galateeffatan isaanin dhaga'e, anas kan na fayyiste, kan na kaaste, isheedha!» jedheen. Isaanis dhiisi! si dhageeny jedhanii inaaffaa jalqaban, Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam erga garaatti baatamtee ji'aa sagalii fi guyyaa shan booda Caamsaa 1 dhalatte.

Araarsummaa fi Eebbi haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta'u!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Madda :- D/n Melaku Ezezew

Post a Comment

0 Comments