Subscribe To Our YouTube Channel

Qulqulluu Abuna Ewoosxaatewoos

Qulqulluu Abuna Ewoosxaatewoos


Abbaan keenya Qulqulluun Abuna Ewoosxaaxewoos eenyudha?


Ibsa suuraa :- Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Ewoosxaatewoos

Qulqulluun Ewoosxaatewoos lammii Itoophiyaa ykn Ertiraa yoo ta'aan tajaajila sadarkaa Addunyaatti beekamaa ta'e Qulqulluu qabanidha. Seenaa Itoophiyaa bara giddu galeessaatti hanga Qulqulluu Ewoosxaatewoos fi hanga Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot Qulqulluun maqaan isaanii sirriitti beekame hin jiru.  

Abbaan keenya Qulqulluun Ewoosxaatewoos naannoo bara 1265 Dh.K.B akka dhalatan kan amanamu yoo ta'u, maatiin isaaniis Kiristoos Mo'aa fi Sine Hiwoot jedhamu. Maqaan jalqabaa Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Ewoosxaatewoos «Maa'iqebe Igzi'i» ykn «Gooftaadhaaf kan eegame» ture. Ewoosxaatewoos kan jedhaman boodarradha. 

Abbaan keenya Qulqulluun Ewoosxaatewoos jalqabuma irraa kaasee yeroo ijoollummaa isaanii Afuurri Waaqayyoo isaanirra buleera waan ta'eef Addunyaa kanaaf hin dhiphatan ture. Barsiisaa bira deemanii Kitaabolee Qulqullaa'oo baratanii, Diqunnaa fudhatanii tajaajiluuf seenan. Tajaajila Diqunnaa isaaniitiinis cimoo waan ta'aaniif abbootiin yeroo sanaa «Isxifaanoos Lammaffaa» jedhanii isaan waamu ture.

Sana boodas yeroo dargaggummaa isaaniitti jireenya Minnaanee filatanii Tsoomii fi kadhannaadhaan Sagada waliin taasisuu jalqaban. Jireenya akkasii irra osoo jiranii guyyaa tokko Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos gara Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Ewoosxaatewoositti dhufe.

Abbaan keenya Qulqulluun Ewoosxaatewoosis Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo argan ni nahan, Gooftaan garuu «Yaa Ewoosxaatewoos garaa haadha kee keessa osoo jirtuu si filadheera! Itoophiyaa dhaa kaasee hanga Armaniyaatti Duuka Bu'aa akka taatuuf si muudeera. 'ዘኪያከ ሰምዐ ፥ ኪያየ ሰምዐ' ykn si kan dhaga'e ana dhaga'a, si kan dhaga'uu dide ana hin dhaga'u!» jedheenii isaan eebbisee ol ba'e.

Abbaan keenya Qulqulluun Ewoosxaatewoos waa'ee kennaa isaatiif isa galateeffachaa Lubummaa fudhatanii lallaba jalqaban. Maqaan isaaniis biyyattiitti saffisaan dhaga'aame. Bakkaa bakkatti socho'aa kan hin amanne amansiisanii cuuphaa, kan amane Sirna Mana Kiristaanaatiin jajjabeessaa fi cimsaa jireenya Gadaamii ykn jireenya Kawaalaa babaldhisaa deeman. 

Amma biyya Ertiraa keessatti kan argamuu fi Gadaamiin Abbaan keenya Qulqulluun Ewoosxaatewoos hundeessan dabalatee babaldhachuu jireenya Kawaalaatiif hirmaannaa guddaa taasisaniiru. Gadaamii isaaniittis Abbaa Absaaddii dabalatee Abbootii hedduu barsiisaniiru, horataniiru.

Abbaan keenya Qulqulluun Ewoosxaatewoos keessattuu kan ittiin beekaman guyyaan Sanbataa ykn Qidaameen akka kabajamtu ykn akka hin tuffatamne tattaaffii isaan taasisaniini. Dhamaatiin isaanii kunis milkaa'eera. Biyya keenyattis guyyoonni kunneen lamaan iddoo tokko tokkotti yoo ta'een ala ni kabajamu.

Abbaan keenya Qulqulluun Abuna Ewoosxaatewoos yeroo lama miila isaaniin deemsa dheeraa deemaniiru. Deemuun isaanii garuu Mana Kiristaanaa dhungachuuf ykn nagaa gaafachuuf qofaa hin turre. Inumaayyuu sanyii Wangeelaa facaasaa, firii isaa funaanaa deeman malee. Isaanis yoomiyyuu hojii Duuka Bu'ummaa isaanii irraa duubatti hin deebi'an waan ta'eef.

Jireenya isaanii gara dhumaatiinis Gadaamii isaanii irratti Duuka Bu'aa isaanii Abbaa Absaaddii muudanii deemsa isaanii haaraaf ka'an, ijoollee isaanii gar-tokkee Gadaamii sana keessatti dhiisanii, warreen kaan ammoo qabatanii deemsa gara Armaniyaatti taasisan.

Daandii irrattis gara Galaana Iyyaarikkootti yeroo gahan Bidiruu ittiin ce'an dhaban. Isaanis Abbaa ajaa'ibaa waan turaniif Amantiidhaan uffata isaanii xiqqoo baafatanii Galaana sana irratti gatan. Irra isaattis mallattoo Fannootiin mallatteeffatanii irra ta'aan.

Duuka Bu'oonni isaaniis uffata galaana sana irratti hafame irra itti marsanii irra ta'aan. Samii irraas gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos bu'ee gidduu isaanii dhaabbate, Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa'eel karaa Mirgaan, Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel ammoo karaa Bitaatiin dhaabbatan. Abbaan keenya Qulqulluun Abuna Ewoosxaatewoos ammoo ijoollee isaanii barsiisuu fi isaaniif hiikuu jalqaban. 

Gidduu isaanii keessaa inni tokko garuu shakkuu isaatiin inni kan irra taa'e qofti cittee dhidhime. Booda garuu Abuna Ewoosxaatewoos deebi'anii isa baasanii, du'aa isa kaasaniiru. Sababa kanaanis «ዘአደወ ባሕረ» ykn «Dambalii ykn Galaana kan ce'e» jedhamaniiru.

Abbaan keenya Qulqulluun Abuna Ewoosxaatewoos Armaniyaatti waggoota hedduuf lallabanii, jireenya Gadaamii babaldhisanii, hojiiwwan raajii hedduu raawwatanii dhalatanii waggaa 80 isaaniitti bara 1345 Dh.K.B Fulbaana 18 boqotaniiru.

Abbaan keenya Qulqulluun Abuna Ewoosxaatewoos Manneen Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Ertiraa, Gibtsii fi Armaniyaatti ni yaadatamu. Guyyaan Yaadannoo isaan kan ji'aa gaafa guyyaa 18 yoo ta'u, kunis guyyaa boqonnaa isaanii Fulbaana 18 irraa ka'uuni.

Eebbi fi araarsummaan Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Ewoosxaatewoos hunda keenya waliin haa ta'u!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments