Subscribe To Our YouTube Channel

Hiikoo Amdimtaa Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Ibrootaatti erga | Boqonnaa 1 | Kutaa 1ffaa

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge


Boqonnaa 1


Kutaa 1ffaa


Seensa :- kana dura waa'ee ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Ibrootaatti erge seensa irratti wantoota tokko tokko kan ilaalle yoo ta'u, har'a ammoo boqonnaa 1 ni ilaalla. Kutaalee darban link kana tuquun dubbisaa! Seensa /2/


Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Ibrootaatti erge


Qo'annaa Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge

Qabxiiwwan gurguddoo Boqonnaa 1 kana keessa jiran;

• Waaqayyo karaawwan hedduu fi daandiiwwan hedduutiin Abbootii keenya Raajotaan nutti dubbate
• Dhuma bara kanaa irrattis mucaa isaatiin nutti dubbate.
• Hunda dhaalaa kan taasiseen
• Addunyaawwan kan uume ilma isaatiin 
• Mul'achuu kabaja isaa fi fakkeenya amala isaa ta'ee
• Hundumayyuu jecha aangoo isaatiin deeggaree
• Cubbuu keenya ofii isaatii erga qulqulleesse booda
• Samii irratti kabajaan mirgaan ni taa'e.

Seensa

Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos ergaa isaa kan jalqabe Waaqayyo abbootii keenya waliin dubbii taasise ibsuudhaani. Isaanis Qulqulloota Kakuu Moofaati. Jalqaba irratti Raajotaan kan isaaniitti dubbate eenyummaa Saboota sanaa erga dubbate booda wal simiinsa ajaa'ibaa Kakuuwwan lamaanii yeroo agarsiisu bara Kakuu Moofaatti namoota turaniin kan nutti dubbate Kakuu Haaraatti nu waliin ilma isaatiin kan nutti dubbate Waaqni tokko ta'uu dubbate. Bara Kakuu Moofaatti namoota turan waliin waa'ee dhugaa Waaqummaa (Melekootaawwii) dubbate. Amma garuu fedhii laphee isaa hunda ilma isaatiin nuuf ibse. Kanas dubbachuu isaatiin Raajota kan xureesse, kabaja Kakuu Moofaa kan xiqqeesse miti. Ta'us garuu Kabaja Kakuu Moofaa irra Kabajni Kakuu Haaraa akka caalu ni agarsiise malee, sababni isaas Kakuu isa jalqabaa hordofee kan dhufe waan ta'eef. Raajiin ykn Raagni Kakuu Moofaa xumura isaa kan argate Kakuu Haaraatti. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee akkuma dubbate;- Raajota gara Abbootii keenyaatti erguun isaa akkam wanta guddaadha? garuu dhumni barichaa yeroo gahetti Waaqayyo ilma isaa tokko gara Addunyaatti erge. Karaa tajaajiltoota isaatiin osoo hin taane Waaqayyo ofii isaa fedhii isaatiin nutti dubbachuuf eeyyame. Kun wanta gammachiisaa guddaa dha. Barsiisaan namoota bara Kakuu Moofaa Raajicha Musee ture, Barsiisaan keenya garuu Waaqa Museeti. Kabaja kanaaf kan isaaf ta'uu Ogummaa Samii irraa haa dubbannu, wanta lafa irratti hafu hawwuu haa dhiisnu.

Duuka Bu'ichi maalif Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Raajota waliin wal bira qabuun jalqabe?


Mootummaa Ayihuuditti dursaan isaanii jalqabaa Raajicha Musee ture. Obboleessi isaa Aroon hojii Hangafa Lubummaa hojjeta ture. Dhugaan Waaqummaa isaa karaa Museetiin uummata Israa'eeliif ibsa ture. Keessattuu karaa Seera isaatiin Aroon karaa Aarsaatiin hojii araarsummaa ni hojjeta ture. Hojii Uummata dursuu fi Sirnoota iccitiiwwan Afuurawaa kan ittiin raawwataman waliin ta'uun ni gaggeessu ture. Kanaafuu namni tokko Amanaa dhugaa fi miseensa hawaasa Ayihuud ta'ee dhugaa Abbootii irraa isatti himame fudhatee, jireenya Waaqessummaa ni dursa ture. Kunis Seera qofaan kan raawwatamu hin turre. Raajii Raajotaa fi Waaqayyo fi amanaa sana kan walitti fidu aarsaa dhiyaatuunis dabalateetu malee. Raajii fi Lubummaa gidduutti tajaajilli ture jechuunis abboommiiwwaniifi Waaqessummaa gidduutti nageenya dheera fiduun hin danda'aamneef. Luboonni Ayihuudis ergama isaanii irraa maqanii raawwannaa sirna alaatiif malee, Afuurawaa kan ta'e tajaajila Laphee irraa maddeef kan hin dhamaane turan. Sababa kanaanis wanti dhugaa ta'e dhabamee ture. Kanarraa kan ka'es Raajota dhugaa fi Luboota kabaja ykn bartee isaaniif of eeggatan gidduutti wal dhabdeetu ture. Haalli kun bara Raajicha Ermiyaas fi bara Raajicha Hizqi'eelitti kan barame ture. Garuu tajaajila dursee ture guutuu fi gonka taasisuu kan danda'aan tajaajila Fannoo irratti aarsaa adda ta'edha. Yeroo wal fakkaataatti dhuyeessaan Aarsichaa, kan fudhatuufi aarsaa ta'ee Cubbuu keenya kan dhiisu Samii irratti kan darbe Hangafa Lubootaa argamsiiseera waan ta'eef. Kabajaanis Samii irratti Abbaa isaa mirgaan taa'e. 

Duuka bu'ichi ergaa isaa gara Ibrootaatti erge kanaan garaagarummaa Lubummaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos fi Lubummaa Leewwii gidduu jiru ibsuuf Aarsaa sanaa fi garaagarummaa fi tokkummaa Kakuuwwan lamaan gidduu jiru ni hubachiise.

Raajonni sagalee Waaqummaa (Melekootaawwii) sana Abbootii keenyatti himan, Waaqayyo gara uummataatti kan ittiin gahu, jecha isaa kan ittiin dabarfatu mindaawwan isaa turan. Dursee adaraan Waaqayyo guddaan ni kennameef. (Room. 3:2). Gooftaan keenya Musee fi raajonni raajii kan dubbataniif isa ta'uu ragaa bahe. Dursee Raajotaan sagaleen isaa (isa ture) dhugumaanis qaamaan gara Addunyaatti dhufe. Kanaafuu akkas jedhe «Hunduu Abbaa koo irraa naaf kennameera, Abbaadhaan ala Ilma kan beeku hin jiru, Ilmaan alattis, Ilmis ibsuuf yoo eeyyameef ala Abbaa kan beeku hin jiru» Maat. 11:27

Waaqayyo nutti dubbate


Kakuu Moofaatti Waaqayyo Abbootii keenya Raajotaan ni dubbate, amma garuu nuuf ilma isaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin nutti dubbate. Kana jechuun maal jechuudha? Waaqayyo nutti irra deddeebiin dubbateera jechuudha. Gara keenyatti karaawwan garaa garaatiin dhiyaatee jaalala nuuf qabu nuuf ibse. Inni wanta hubachuus beekuus dandeenyuu hundaa olidha. Garuu nurraa kan fagaate miti. Nu waliin tokkummaa akka qabaatuuf ni eeyyame, Mootummaa isaa bara baraas akka dhaalluuf jaallateera waan ta'eef.

Dubbii inni nu waliin taasises jireenyaan kan ibsamu kabaja ijoollummaa akka qabaannu kan dandessisu jecha ykn sagalee jireenyaati malee kan biraa miti. Waaqayyo gooftaan haala kana dacheedhaaf bokkaa firii kennuun fakkeesseera. «Naannoo ol ka'a kiyyaatti iddoowwan jiran eebbaaf nan taasisaan, bokkaa isaas yeroo isaatti nan buusa bokkaa eebbaas ni ta'a» Hizq. 34:26. Duuka bu'ichi ergaa isaa gara Ibrootaa xumura irratti ergaa kan dabarse ykn kan dhaame iccitii itti aanee jiru kanadha. «Sagaleen Waaqayyoo jiraataadha waan ta'eef, Sayifii qara afaan lamaa qabu caalaas kan qaramedha. Lubbuu fi Afuuras, hiddaa fi lafees hanga gargar baasuutti ni waraana. Miiraa fi yaada laphees ni qorata, nu kan to'atan ija isaa fuulduratti wanti hundi duwwaa fi ifa kan ta'edha malee, isa fuulduratti uumamni dhokate hin jiru. » Ibr. 4:12-13. Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos akkas jedhe. Jechoonni ykn sagaleewwan ani isinitti dubbadhu jireenyaa kan kennanidha.

Waaqayyo karaalee garaagaraa nutti dubbate


Barri erga lakka'aamee sirni uumamaa erga uumamanii ilmi namaa bifa Waaqayyootiin erga uumamee kaasee nama kan jaallatu Waaqayyo nu waliin dudubbateera. Qulqulluun Awugisxiinoos akkas jedha «Jannata Edenitti Addaam waliin kan dubbate Waaqayyo mitii?» Uma. 3:17. Qaayan, Nooh, Abrahaam, Yisihaaq, Yaa'iqoob fi Raajota hunda waliin, Raajicha Musee waliinis kan du-dubbate isadha. Kan nutti dubbate yeroo tokko qofa osoo hin taane yeroo hedduudha.

Yeroo durii irraa kaasee bifa garaagaraatiin, daandiiwwan garaagaraatti nutti dubbateera. Sagalee isaa dhaga'uuf, adda ta'uuf isa fudhachuuf isa waliin walitti dhufeenyi qabnu itti fufaa akka ta'uuf taasisuun nurraa eegama. Waaqayyo gooftaan akkas jedha «Raajotattis dubbadheera, mul'atas baay'iseera, harka Raajotaattis fakkeenyota baaseera» Hoose'i. 12:10. Faaruu keessattis jechi akkas jedhu barreeffameera «Waaqni Waaqotaa Waaqayyo ni dubbate » Faaruu. 50:1. Qulqulluun Awugisxiinoosis akkas jedha «Waaqayyo karaa garaa garaa dubbateera. Ofii isaa waliin, Ergamoota isaa waliin, Raajota isaa waliin, Amantootaafi laphee isaanii waliin, namoota isa waliin qajeeloo ta'aan waliin karaa garaa garaa daandii garaagaraatiin fayyadamee nutti dubbateera. Kanaafuu yeroo hundumaatti kan nutti dubbate dhuma barichaatti ilma isaatiin kan nutti dubbate Waaquma tokko sanadha». 

Raajotaa fi Gooftaa keenya gidduutti


Waaqni Abboota keenyaa Waaqayyo gooftaan Abbootii keenya waliin karaa Raajota isaatiin wanti inni nutti dubbate, dhuma barichaatti ilma isaatiin wanta nutti dubbate waliin gargaridha. Garaa garummaa isaa ilaaluu keenyaan dursee Duuka bu'ichi maalif «Dhuma barichaatti» ykn «á‰ á‹˜áˆ˜áŠ‘ መጨረሻ» jecha jedhu fayyadame kan jedhu haa ilaallu;

Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee akkas jedha «Dhuma barichaatti jecha jedhu fayyadamuun gara fuulduratti kabaja ibsamuuf jiru agarsiise», iddoo biraattis akkas jedhamee jira «Gooftaan dhiyoodha» Filp. 4:5. «Yeroo itti amannee caalaatti, fayyinni keenya gara keenyatti dhiyaateera waan ta'eef» Room. 13:11. Dhuma barichaatti kabaja ibsamu qaamni ilaalu dhadhabbiin Addunyaa kana irratti dhadhabe gatii akka argatuufi dhadhabbii isaa kana hordofee boqonnaan bara baraa akka dhufu ni hubata. Qulqulluun Yohaannis irra deebiidhaanis akkas jedha «Bara dhumaatti guyyaan firdii dhiyaachuu isaa dhaga'aa. Kennaan Waaqayyoo lakka'aamuu hin dandeenye Qulqullummaan yeroo itti ibsamu ni dhufa».

Waaqayyo Abbaan Raajonni sagalee isaatiif kan amanaman ta'aanii yeroo isaan argu meeshaa sagalee isaa itti dabarfatu taasisee isaan kaase. Dhuma barichaatti ilma isaatiin kan nutti dubbate garuu meeshaa alaatiin sagalee isaa kan nutti dabarse osoo hin taane, ilmi matumti isaa sagalee ykn jecha Abbaati. Sagalee Abbaatiin uumamni kan muldhatus, kan hon muldhannes hunduu uumameera waan ta'eef. Akka Raajotaatti qaama keessummaa ta'e osoo hin taane, amalummaa isaatiin kan isaan wal qixxaatu ilma isaati. Abbaa isaa waliin tokkodha. Foon keenya mindaa taasifateera. Diinummaa balleesseera (Sababa cubbuutiin namaa fi Waaqayyo gidduutti diinummaatu ture waan ta'eef). Ifa ka'umsa isaatiin Cubbuu irraa bilisa taaneerra, Waaqayyo ilma Abbaa Abbaa jennee kan ittiin waammannu Afuura ijoollummaa nuuf kenneera. Sagalee Waaqayyoo waliin tokko taaneerra, dhiigni isaa dhiiga keenya, foon isaas foon keenya keessa bulee ni jiraata. 

Sagalee Waaqayyoo akka fudhannuuf kan ajajamne ajaja addaatiin miti, Sagalee isaa fudhannee qaama keenya keessatti Waaqayyo akka moo'uuf ni taasisna, qaamni keenyas jiraataa, aarsaa qulqulla'aas taasisnee dhiyeessina malee. Abbaaf maddi gammachuu isaa ilma isaa Amalummaa Waaqayyo ilmadha., Ilmis fedhii isaatiin fedhii Abbaa isaa raawwate. Fedhiin Abbaa fedhii ilmaa, fedhii Afuura Qulqulluutis. Fedhiin kunis fedhii ajajaa, ajajamaa, raawwataa fi raawwachiisaan keessa jiru miti. Jecha tokkoon, aangoo tokkoon, Waaqa tokkoon fedhii raawwatamtudha. Ajajoonni isaas nama Amantiidhaan fudhatuuf salphaadha malee ulfaataa ykn cimaa miti. Kennaa Samii irraa ijoollummaa, sammuu gaarii kan nuuf kenne jaalala Gooftaa keenyaan namoota jiraataniif malee «Mootummaan Waaqayyoo isin gidduu jirti» jechi jedhuyyuu dhugaa kana agarsiisa. 

Yeroo durii baroota darbanitti Abbootiin keenya Raajonni Waaqayyo waliin yeroo dudubbatan kan simatan gurguddoo kan ta'aan ergamoota Waaqayyooti. Dhuma barichaatti Waaqayyo Abbaan ilma isaatiin yeroo nutti dubbatu kan nuuf kenne ilma isaati. Iccitiin jireenyaa, fayyinni, ka'umsi fi jireenyi hundumtuu argamni isaanii isa irraati. Dhuma barichaatti Waaqayyo kan nuuf kenne ilmi isaa sagaleen ykn jechi eenyudha?

Guduunfaa :- Hiikoon Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge Boqonnaan tokko kutaan 1ffaan kana fakkaata ture waan dubbistaniif Galatoomaa! yeroo itti aanutti kutaa 2ffaa ni ilaalla. 

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

1 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)