Subscribe To Our YouTube Channel

Sirna Mana Kiristaanaa | Kutaa 2ffaa

Sirna Mana Kiristaanaa


Kutaa 2ffaa


Seensa :- Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen!

Kabajamtoota Maatiiwwaam Waaqayyoo ijoolleen haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nagaa Waaqayyootiin akkam jirtu? akkuma beekamu blog Afuurawaa keenya kana irratti waa'ee barnootaa amantaa Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Afaan Oromootiin erga dhiyeessuu jalqabnee bubbuulleerra, ta'us garuu sababoota garaa garaatiin yeroo dheeraaf wantoota haaraa barnootaa Amantaa waliin wal qabatan isiniif dhiyeessaa hin turre kanaafis dhiifama guddaa isin gaafanna! gara fuulduraattis akka fedha Waaqayyootti hanga danda'aame yeroo yeroon kan isiniif maxxansinu ta'a, isinis kadhannaa keessaniin nu yaadadhaa! 

Kunoo har'aafis Koorsii yeroo darbe jalqabne «Sirna Mana Kiristaanaa» kan jedhu kutaa darbe irraa kan itti fufe kutaa lammaffaa isaa isiniif qabannee dhiyaanneerra, namoonni kutaa 1ffaa hin dubbisne link kana tuquun dubbisaa, akkasumas erga dubbistanii xumurtan booda hiriyoota keessan ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo ta'aan hundaaf share taasisaa!


5. Ibsaawwan Mana Kiristaanaa


Ibsaan Mana Kiristaanaatti ibsamu Tsuwaafii fi Zayitii dha (Fitihaa Negest Keeyyata 1)

Mana Kiristaanaatti ibsaa hedduu ibsuuf ajajameera. Keessattuu Kitaabolee jechuunis Ergaawwan Qulqulluu Phaawuloos, Ergaawwan Qulqulloota Duuka Bu'ootaa, Hojii Duuka Bu'ootaa fa'a yeroo dubbifaman Manni Kiristaanaa baay'ee akka ifu ajajameera, inumaayyuu Wangeelli yeroo dubbifamu ibsaa garmalee baay'isuun akka barbaachisu ibsameera (Fitihaa Negest Keeyyata 1).

Sirna Maqdasii fi Awudamiratii


• Taabota fuulduratti sagaduuf, kadhachuuf yoo ta'een ala namni kamiyyuu gara Maqdasiitti seenee taa'uun isaaf hin eyyamamne.

• Luba yoo ta'een ala amantoota keessaa namni kamiyyuu gara Maqdasiitti seenee Foonii fi dhiiga isaa fudhachuun isaaf hin eyyamamu, gara Taabotaattis hin siqu! (Fitihaa Negest Keeyyata 1)

• Dubartoonni gara Maqdasiitti akka seenanii fi achii keessatti akka kadhatan hin eyyamamne. (Fitihaa Negest Keeyyata 1)

• Dallaa Mana Kiristaanaa keessatti fi karaa alaatti gabaan dhorkamaadha! Erm. 7:11, Maat. 21:12-13.

• Dallaa Mana Kiristaanaa keessattis affeerraa taasisuun, nyaachuun, dhuguun kan dhorkamedha. (Fitihaa Negest Keeyyata. 1)

• Meeshaalee Qulqullaa'oo Mana Kiristaanaa keessa seenan irra deebiin alatti baasuun tajaajila fooniitiif fayyadamuun dhorkaadha! (Fitihaa Negest Keeyyata 1)

• Warreen hin amanne, kanneen hin cuuphamne, maganamanii kan foo'aman gara Mana Kiristaanaatti akka hin seenne, iccitii Mana Kiristaanaa akka hin qooddanne dhorkameera. (Fitihaa Negest Keeyyata. 1).

• Gara Qulqulleettii Mana Kiristaanaatti kadhannaa fi Qurbaana Qulqulluu fudhachuudhaaf guyyoota deemamanitti, akkasumas guyyoota Tsoomii, Sanbata fi guyyoota Ayyaanaatti dhiiraa fi dubartiin fedhii fooniin wal qunnamuun dhorkaadha, sireedhaan kan wal argan guyyaa sanatti Mana Kiristaanaa hin seenan, gara Mana Kiristaanaatti deemuu dhiisaniyyuu Ayyaanota Tsoomiiwwan eeguun isaanirraa eegama. Seera Ba'uu 19:15, 1 Qor. 7:5-7.

• Wanta badaa kanneen akka gorora fi furrii gadi naquu namni qabu wanta kana irra osoo jiruu gara Mana Kiristaanaatti hin seenu! Foonii fi dhiiga isaas fudhachuu hin qabu! (Fitihaa Negest Keeyyata 13)

• Dubartoonni abaaboon ji'aa isaanii yeroo dhufu ykn waqtii kana irra yeroo jiran hanga guyyaa torbaatti, yeroo deessu ammoo yoo dhiira deesse hanga guyyaa afurtamaatti (40), yoo dubara deesse ammoo hanga guyyaa saddeettamaatti (80) gara Mana Kiristaanaatti akka hin seenne dhorkameera! kana booda garuu qaama ishee dhiqattee ni seenti! Seera Leewwotaa 12:15-28, Fitihaa Negest Keeyyata 6, Niqiyaa. 29.

• Dhiirri yoo abjuu isaatiin sanyiin dhiiraa itti dhufe guyyaa sanatti Mana Kiristaanaa hin seenu, guyyaa itti aanutti qaama isaa dhiqatee seena. Seera Leewwotaa 15: 2-18.

Mana Kiristaanaa yeroo Nagaa Gaafatan


• Namni ykn Kiristaanni kamiyyuu balbala Mana Kiristaanaa irra yeroo gahu Mana Kiristaanaa nagaa gaafachuu ykn «መሳለም» qaba. Faaruu. 28.

• Gara Mana Kiristaanaatti yeroo seenanu kopheen baafamuu qaba, kophee godhatanii Mana Kiristaanaa seenuun dhorkaadha. Seera Ba'uu 3:5-6, HDB. 7:35, Fitihaa Negest Keeyyata 12.

• Mana Kiristaanaa keessatti yaada keenya dhimma Afuurawaa irratti qofaa taasisnee gara yaada fooniitti ykn yaada Addunyaatti akka hin deemne dhorkuun barbaachisaadha.

• Lubatti siqanii Masqalii ykn Fannoo dhungachuu fi eebba argachuun barbaachisaadha.

• Mana Kiristaanaa keessatti kan argaman Fakkiiwwan Qulqullaa'oo Qulqulleettii Sillaasee, kan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos, kan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, kan ergamoota Waaqayyoo, kan Raajotaa, Duuka Bu'ootaa, kan Qulqullootaa, kan Wareegamtootaa fi kan Abbootii Qulqullootaa harka fuudhuun fi sagada kabajaa sagaduun barbaachisaadha.

• Mana Kiristaanaa keessatti kolfuun, waa'ee hojii Addunyaawaa haasa'uun dhorkaadha. Erga Mana Kiristaanaa seenne booda callisaan, sodaa Waaqayyootiin taa'uu qabna sababni isaas Manni Kiristaanaa iddoo Faaruu fi galatoon Maahileetii ergamootaa, raajiin raajotaa, lallabni Duuka Bu'ootaa itti dhaga'amu fi iddoo waa'ee Waaqayyoo itti baratan waan ta'eefi. Kanaan alas iddoo itti Foonii fi dhiigni Gooftaa itti kennamu waan ta'eefi.

• Uffata gabaabaa fi uffata xura'aa uffatanii gara Mana Kiristaanaatti seenuun dhorkaadha, gara Mana Kiristaanaa yeroo deemnu uffata dheeraa fi uffata qulqulluu uffannee deemuu qabna. Seera Ba'uu. 19:1-11. Akkasumas Dubartoonni rifeensa isaanii akka haguuggatan ajajameera.

• Gara Mana Kiristaanaatti harka duwwaa deemuun hin barbaachisu. Seera Ba'uu 34:20.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments