Subscribe To Our YouTube Channel

Ergamoota | Kutaa 3ffaa : Kabaja Ergamootaa | Ergamoota Xuraa'oo | Gaaffilee Ergamoota irra ka'aanii fi deebii isaanii

Ergamoota


Kutaa 3ffaa


Hub :- gara kutaa kanatti osoo hin darbiin dura kanaan dura kan maxxanfaman kutaa 1ffaa fi kutaa 2ffaa dubbisaa!

Ergamootaaf Sagadni Kennaa ni Sagadama




Sagadni mana amantaa keenya keessatti bakka lamatti qoodama. Inni tokko sagada Waaqayyoof taasifamu yoo ta'u,
uumamtoota biroof kan taasifamu garuu sagada kabajaa (kennaati). Waa'ee kana baldhinaan boqonnaa sagadaa jedhu jalatti ni ilaalla. Ergamoota Waaqayyootiifis sagadni kennaa ni sagadamaaf. Kunis kan taasifamu isaantu nu uume jechuu osoo hin taane, kabajaa fi jaalala qabnu kan ittiin ibsinuufi jechuu dha. Akkuma maanguddoo yookiin warra keenya lukarratti kufnee dhungannu jechuu dha. Kanas ragaa kitaaba
qulqulluu irra jiran kanaa gadii ilaaluun ni barbaachisa. Loox ergamootaaf sagadeera: «Ergamoonni Waaqayyoo
lamaan galgala gara Sadoom ni dhufan. Looxis karra ulaa Sadoom
ija dura ni taa'a ture. Loox yemmuu isaan arge simachuudhaaf ka'ee
itti adeeme, hamma mataan isaa lafa gahutti qoomma'eef» (Uma 19:1).

Bala'aam ergamaadhaaf sagadeera :- 


«Yeroo sanatti Waaqayyo ija
Bala'aam ni baneef, innis ergamaa Waaqayyoo isa billaa luqqifamaa harkatti qabatee karaa keessa dhaabatu ni arge! durattis qoomma'ee adda isaatiin ni gombifame» (Lakkoofsa 22:31).

Iyyaasuun ergamaadhaaf ni sagadeef :-


Iyyasuun mandara Iyyaarikootti yemmuu dhihaate, ol ilaalee nama billaa luqqifamaa harkatti qabatee isa dura ijaajju tokko argee gara isaa dhaqee, «Ati gara keenya moo gara diinota keenyati?» jedhee isa gaafate, inni ammoo deebisee, «Wawuu ani immoo angafa loltuu Waqaayyoo ta'een dhufe» jedhe, Iyyasuun ammoo lafa ga'ee qoomma'ee sagadeef (Iyyaasuu 5:14).

Daani'eel ergamaadhaaf sagadeera :-


 «Kana irratti Gabri'eel
gara iddoo ani dhaabadhuu dhufe, yeroo inni dhufe ammoo
na'een adda kootiin gad gombifame, inni garuu yaa mucaa
namaa, mul'atichi bara gara dhumaatiif ta'uu isaa hubadhu naan
jedhe» (Dan 8:16-17).

Egaa kana akka fakkeenyaatti kaafne malee ragaawwan
hedduu Kitaaba Qulqulluu irraa funaanuun ni danda'ama.
Namoonni wallaalummaadhaan garuu sagada kabajaaf ergamootaaf godhamu akka sirrii hin taane dubbatan jiru, kuni
immoo balleessaa guddaa fi kan Waaqayyoon kabajeef kabaja
laachuu dhabuu dha. Kitaabni waa'ee ergamootaa ibsus «Dirsaana Ergamootaa» jedhama, hiikni isaas, kan barreeffame, jecha, dubbisa dheeraa, lallaba dheeraa, kan jechi isaa mi'aawu jechuu dha. Gocha ykn tajaajila isaan raawwataniif qabsuuraa hin jedhamu, isaan ni moo'u malee hin moo'aman waan taheef. Dirsaana Mikaa'el, Dirsana Gabr'eeli, Dirsaana Uraa'el fi kan kana fakkaatan akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda'ama.

Dirsaanonni waa sadi qabu/ibsu;

1. Waa'ee ergamichaa, eenyummaa fi kabaja isaanii ni dubbatu
2. Dinqii isaan godhan ibsu
3. Bifa isaanii ni ibsa.

Ergamoota Xuraa'oo (Seexana)


Seexanni Afaan Ibirootaatiin «Saayixaan» jedhama hiikni isaas diina jechuudha. Afaan Giriikiitiin ammoo «Daabiloos» jedhama, hiikni isaas himataa jechuu dha (Maat 4:10). Waaqayyo dura ergamoota yemmuu uumutti Seexana hangafa isaanii godhee muude. Maqaan isaas Saamaaliyaal yookan Saaxinaa'eel jedhama ture. Waaqayyo guyyaa Dilbataa ergamoota erga uume booda jalaa dhokate. Maaliif jalaa dhokate yoo jedhan ammoo laphee ittiin yaadan kenneefi jirahoo hundumaa ol aangoo qabeessa ta'uu isaa yemmuu argu barbaadanii ana haa argatan jedheeti. Haa ta'u malee, Saaxinaa'el muddamee, aangoowwan ergamoota biroos kan isaa gadii ta'uu isaanii yemmuu argutti of tuuluu eegale. Ergamoota aangoon isaa gadi jiraniinis anatu isin uume, anaaf sagadaa ana tajaajilaa jedheen. Kanaaf abbaan sobaa fi oftuulummaa Saaxinaa'eel ta'ee argame. Sobnis yeroo sana irraa eegale. 

Kanaaf Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos wangeela irratti Yihuudonni yeroo isa dhaga'uu didanitti;

  «Isin kan abbaa keessanii, kan seexanaati, kajeellaa hamaa isa kan abbaa keessaniis gochuu ni feetu, jalqabumaa jalqabee inni sun nama ajjeesaa ture, dhugaan isa keessa waan hin jirreef, inni dhugaa irra hin dhaabanne, inni sobaadha, abbaa sobaatis kanaaf yemmuu sobu isa garaa isaa keessa jiru ni dubbata» (Yoh 8:44).

Yemmuu Saaxinaa'el anatu isin uume anaaf sagadaa jedhutti
garuu ergamoonni hundumti isaaf hin saganne. Qulqulluu
Gabri'eel garuu «Waaqni nu uume hanga nuuf mul'atutti hundumti
keenya jabaannee haa dhaabannu» jedhee ergamoota tasgabbeesse.
Ergamoonnis sagalee Qulqulluu Gabr'eel kana dhagahanii
jabaatan. Booda garuu Waaqayyo yemmuu isaanitti of muldhisu,
yemmuu ergamoonni Waaqayyoof qulqulluu qulqulluu qulqulluu
jedhanii sagadaniifiitti, Saaxinaa'el dura anatu isin uume jedheenii waan tureef qaana'ee dhiise. Ergamoonni yemmuu Saaxinaa'eel anatu isin uume anaaf sagadaa jedheen sanatti isaaf sagadan hundi surraan isaanii irraa mulqamee gara lafaatti fi lafaa gaditti (inxoorixoositti) gadi darbatamaniiru. Raayyaan Diyaabiloosis bakka saditti qoodameera.

Kan jalqabaa, eeyye situ nu uume jedhanii kan sagadaniif
waliin inxoorixoos bu'aniiru, gareen lammataa ammoo, gareen lammataa ammoo erga ati uumte nus ni uumna kaa kan jedhan turan, isaan lafa kana irratti kan hafaniiru. Isaan kanatu amma kunoo laphee namootaa akka dogoggoru godha, namas dogongorsaa kan jiratan isaan kana dha; dachee kana irratti, 

Gareen sadaffaan ammoo
«Waaqayyo ta'innaa laata?» jedhanii kan maman isaan kun ammoo
qilleensa irratti bittinaa'anii hafaniiru. Isaan kun «Jinnii Qilleensaa» jedhamu, kunoo lubbuun cubbamtootaa yoo foonin addaan baatu kan naasisan, kan rurrukutudhaan jiraataniidha; kanaaf gosa sadi jechuu dha (Akisimaaros).

Diyaabiloos bulchaa (bitaa) biyya Kanaas jedhameera, 

• Namoota yeroo hunda waan dogongorsuuf (Yoh 12:31). 
• Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaa hedduun waamamaniiru. Diyaabiloos:- Kitaaba Qulqulluu keessatti bitaa dukkanaa, raayyaa badiinsaa (Efe 6:10), jawwee bofa
duraaniis jedhama. Diina hamaas jedhama, kan qamadii irratti
inkirdaada facaasu kan laphee gaarii balleessu waan taheef.

Gaaffii Ergamoota Ilaalchisee ka'u keessaa:


Mul'ata Yohaannis (19:10) ergamaan maaf Yohaannisiin
anaaf hin sagadin Waaqayyoof sagadi jedhee dubbate? Erga
kana ta'ee ergamootaaf maaf sagadna ree?

Deebii kana deebisuun dursa, waa'ee Yohaannis ilaalun
dirqama ta'a. Yohaannis kan ergamaan anaaf hin sagadin jedheen kuni eenyu? Yohaannis qulqulluu kabajamaa kan ta'eefi Kitaaba Qulqulluu irrattis Wangeela Yohaannis, ergaawwan sadi kan
barreessee fi kitaaba mul'ataa kanas kan arge dha. Yohaannis
egaa kana hunda kan beeku osoo ta'uu ergamichaaf kan sagade
wallaleetu osoo hin taane, sagadni kabajaa akka ergamootaaf
godhamu beekeeti. Inni kan sagadamuuf adda baasuu wallaaleeti jennees fudhachuu hin dandeenyu. Kanaafi Yohaannis naaf
hin sagadin jedhamus, kan iddoo biraatti irra deebi'ee sagadeef
(Mul. 22:8) eenyuuf akka sagadamu wallaaleetii? waa'ee Waaqayyoo eenyuun caalaatti gadi fageenyaan kan ibse Yohaannis sagada Waaqayyoo fi ergamaaf malu adda baasee hin beeku jechuudhaaree? Egaa egamichis Yohaannis baay'ee qulqulluu kabajamaa waan ta'eef, kabajni isaa ergamaan waan wal gituuf ergamichi achi irratti anaaf hin sagadin jedheen. 

Dabalataanis akkuma namni yoo lukkaratti nama kufu maaloo akkas hin godhin ka'i malee jedhanii dafanii ol kaasan jechaa dha. Kanaf
Yohaannis ergamichaaf waan sagadeef, eeyyee anaaf baga
sagadde, hin jenneen, of gadi qabuu barsiisa waan taheef. Dhimma kana caalaatti fakkeenyaan ilaaluuf, jaarsi kabajamaan tokko yeroo alaa gara manaa scenu utuu jaarsoliin umriin kabajaan isaan wal gitan ka'anii fi ishoo baga naaf kaatan hin
jedhuuni. Inumaayyuu, lakki anaaf kaatuu? jedhaan malee. Yoo warreen umriin isaa gadi ta'an garuu yemmuu ka'aniif ulfaadhaa kabaja argadhaa jedhaan malee maaf naa kaatan hin jedhuun.

Xumurame!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments