Subscribe To Our YouTube Channel

Ergamoota | Kutaa 2ffaa : Hojii Ergamootaa

Ergamoota


Kutaa 2ffaa


Hub :- kutaa 1ffaa osoo hin dubisiin dura gara kutaa kanatti hin darbiinaa Ergamoota Kutaa 1ffaa link kana tuquun dubbisaa!

Ibsa suuraa :- Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Raagu'eel fi Qulqulluu Uraa'eel

Hojii Ergamootaa


1. Ergamoonni ni Araarsu


Ergamoonni, ilmi namaa akka baduu fi cubbuu hojjatu hin
barbaadan. Kanas dubbii wangeela irratti ibsame kana irraa hubachuu ni danda'ama. «Iyyesuus isaan xixiqqoo kana keessaa tokko illee akka hin tuffanne ilaalladhaa, ani isinittan hima, guyyaa hundumaa fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti ni Waaqa irraa ergamoonni warri isaan eeguudhaaf kennaman
argamu'oo» jedhe. (Maat 18:10)

Dabalataan ammoo irra caalaatti waa'ee araarsummaa isaanii ilaaluuf Ergamaan Waaqayyoo araara Iyyarusaalemiif akka kadhate seenaa armaan gadii irraa ni hubanna.

«Ammas ergamaan Waaqayyoo deebisee, yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, hamma yoomitti magaalota Iyyerusaaleemii
fi Yihudaa warra waggaa torbaatama itti dheekkamte
kanaaf araara hin buuftu ree?' jedhe». Waaqayyos yeroo sanatti
ergamaa isa anatti dubbachaa ture sanatti, dubbii gaggaarii fi jajjabinaa itti dubbate. Kanaafis ergamaan na waliin dubbachaa ture akkas naan jedhe; lallabi, akkasis jedhi 'Waaqayyo Gooftaan maccaa akkas jedha,...... gara Iyyerusaaleemitti dhiifamaan deebi'eera.» (Zak 1:12)

As irratti sirriitti hubachuu kan qabnu, ergamaan Waaqayyoo
yeroo warri Iyyerusaaleem bittaa suukanneessaa keessa turan, kan gidiraa hedduun dararamaa jiran kanaaf Waaqayyo akka garaa laafuuf ergamaan wayita kadhatu dha. Deebiin Waaqayyo ergamaa kanaaf deebise ammoo si maaltu si galche aniyyuu beeka kan jedhu osoo hin taane, dubbii baay'ee gaggaarii fi jechoota nama jajjabeessan akka deebiseef, Iyyerusaleemiifis akka araarame ni muldhisa.

2. Ergamoonni Kadhannaa keenya gara Waaqayyootti ol baasu


• Xoobiit :- «Kadhannaa Qulqullootaa kan ol baasan gara
kabajamee fi gara maqaan isaa ol guddate gara gooftummaa kan galchan ergamoota kabajamoo torban keessaa fi dursitoota
keessaa ani Rufaa'eel jedheen.» (Xoobit 12:15)

• Hojii Duuka Bu'ootaa 10:4 :- «Ergamichis jedhe, kadhannaa
keetii fi kennaan kee Waaqayyoon fuulduratti yaadannoo akka siif ta'uuf ol ba'e.»

3. Ergamoonni Missiraachoo kan Himanidha


Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo hedduu gocha irra deddeebi'amee ergamootaan hojjatamu keessaa tokko missiraachoo himuu dha. Kunis Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa keessatti kan argamu dha.

 Fakkeenyaaf Seera Uumamaa keessatti ergamaan Waaqayyoos Aggaariif Ismaa'eeliin akka deessu missiraachoo itti himeera (Uma 16:11).

Kakuu Haaraa keessatti ammoo luba Zakkaariyaasiin «Haati manaa kee Elsaabeex ni deessi» jedhee missiraachoo kan itti hime Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eelidha (Luq 1:13). Akkasumas
dhalachuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan Dubroo
Maariyaamitti hime ergamaa Gabri'eeli dha.

«Ergamichi Gabri'eel Waaqayyo biraa kutaa biyya Galiilaa magaalaa Naazireet jedhamtutti ergame; ergaan isaas gara Dubra Maariyaam jedhamtu tokkotti ture»
jedha. (Luq 1:26-27)

Akkasumas dhalachuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ergamaan
tiksootatti akkana jedhee itti himeera:

«Ergamaan Waaqayyoo tasa isaan dura dhaabbatee, ifni surraa gooftichaas naannoo isaanitti ibse, kana irratti isaan na'anii guddaa sodaatan. Ergamichi garuu hin
sodaatinaa, kunoo ani missiraachoo gammachuu guddaa
isinittan hima'oo, kunis saba hundumaaf kan tahu dha; har'a mandara Daawwititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kiristoos Goofticha.» jedha (Luq 2:9-10).

4. Ergamooonni Yeroo Rakkoo fi Dhiphinaa nuuf Dhaqqabu, nu Fayyisus


«Ergamaan Waaqayyoo namoota sodaatan naannoo isaanii.
ni buufatu ni fayyisus.» (Faarfannaa 33(34):7)

Ergamaan Waaqayyoo dubartoota yeroo Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos du'etti barii dimimmisa gara awwaala isaatti dhaqan Maariyaam
isheen Magdalaa fi Maariyaam isheen kaanin «Hin sodaatinaa!, isin Iyyesuus isa fannifamee ture akka barbaaddan anuu beeka, inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera, koottaa iddoo awwaala isaa ilaalaa» jedheenii jira.(Maat 28:5-6; Yoh. 20:1)

Akkasumas yemmuu Maariyaam isheen Magdalaa (Magdalaawiit
Maariiyaam) boossutti ergamoonni Waaqayyoo maaliif boossa
jedhanii tasgabbeessanii jiru.(Yohaannis 20:12-13).


5. Ergamoonni Yeroo Balaatti Dafanii nuuf Dhaqqabu


• Karaa kee hundumaa irratti akka si eegan ergamoota nan erga jedha.(Faarfannaa 90(91):11) 

• Waaqni koo ergamaa isaa
erguun afaan leencotaa ni cufe (Daani'eel 6:22).

• Ergamaan Waaqayyoo garuu halkaniin mana hidhaa banee deemaa dhaabbadhaatii sagalee jireenyaa kana uummata Waaqayyotti himaa jedhe (Hojii duuka bu'ootaa 5:19). 

• Ergamaan Waaqayyoos
dhihaatee, mana keessattis ifti ni ife, Pheexroosin cinaacha
isaa rurrukutee ni kaase, dafiitii ka'i jedheen, fooncaa (sansalata) isaas harkaa kufe (Hojii duuka bu'ootaa 12:7).

Egaa ergamoonni gochoota akkanaa fi kan kana fakkaatan kan
faayidaa qabeessa tahaniif namoota gargaarsa barbaadaniif
akka tahutti ni dhaqqabuuf. Kanaan alattis tajaajilli isaan kennan
hedduu dha, gargarsi isaan namootaf godhanis bal'aa dha.

6. Ergamoonni Nama Adabu


• Bala'aam Israa'el hin abaarin osoo jedhamu dhagahuu didee waan abaaruuf ka'eef ergamaan Waaqayyoo adabuuf bira ni dhaabate. (Seera Lakkoofsaa 22:22-31)

• Ergamaan Waaqayyoo Iyyaruusaalem balleesuudhaaf harka yemmuu itti ol fudhatetti Waaqayyo ni gaddeef, wanta hamaa itti fiduuf yaades ni dhiise, ergamicha isa namoota fixaa jiruun
ammoo «Haa gahu harka kee irraa deebisi» jedhe (2 Sam 24:16).

Ergasii ergamaan Waaqayyoo bu'ee, buufata loltuu warra Asoor keessaa namoota kuma dhibba tokkoofii fi saddeetami shan ni ajjeese, namoonni ganama ka'anii yemmuu ilaalan kunoo reeffa hunduma isaanii ni argan (Isa 37:36)

Luba Zakkariyaas ilma akka argatu ergamaan Qulqulluun Gabri'eel yemmuu missiraachoo itti himutti dubbicha waan shakkeef, arrabni isaa dubbachuurraa duudeera (Luq 1:19).

Yemmuu namoonni Heerods jajanii kuni sagalee namaa miti kan Waaqayyooti jedhanitti, ulfina kana dabarsee Waaqayyoof waan hin kenniniif achumaan ergamaan isa dha'e, kana irratti Heerods raamma'ee du'e (Hojii Duuka Bu'ootaa 12:23).

7. Ergamoonni Seexana Irratti Aangoo ni Qabaatu


Mul'ata 12:7 irrattis «Kana booddee samii keessatti lolli ni ta'e, Mikaa'eel ergamoota isaa wajjin bineensa akka Jawwee sanaan ni Iole, bineensichi akka jawwee sunis ergamoota isaa wajjiin deebisee isa ni lole. Bineensichi mirga hin arganne, deebi'ee isaaf ergamoota isaatiif samii keessatti iddoon hin
argamneef» (Mul'ata 12:7)

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Madda :- Kitaaba «Bu'uuraawwan Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo»

Post a Comment

0 Comments