Subscribe To Our YouTube Channel

Ergamoota | Kutaa 1ffaa : Ergamoota jechuun maal jechuudha? Ergamoonni iddoo meeqatti qoodamu? Baay'inni Ergamootaa hoo?

Ergamoota


Kutaa 1ffaa


Ergamoonni guyyaa Dilbataa akka uumaman kana dura seera uumamaa jalatti ilaaluun keenya ni yaadatama. Foonii fi lafee qabaachuu baatanis laphee ittiin yaadan waan qabaniif
akka dhagna hafuuraatti fudhatamu. Ergamoonni hin du'an,
hin dullooman, hin dhalan, hin dhalchan, Hafuurotas jedhamu.
Ergamoonni jiraachuun isaanii kan beekkame kitaaba qulqulluu irraa fi isaanumti abjuun kan namatti muldhataniin malee
filataman ija fooniitiin arganiiru.
akkasumaan ijaan ilaaluun miti. Addunyaan kun kan darbu
yoo tahu ergamoonni garuu darbuun isaaniif hin tahu.
Gooftaan Ergamoota waliin dhufa. «Dhaloota sagaagalaa fi
cubbamaa gidduutti anaa fi sagalee kootti kan qaana'u hundi
Ilmi namaas kabaja Abbaasaatiin yommuu ergamoota qulqulloota
wajjin dhufu isaanitti ni qaana'a.» (Mar 8:38) akkuma jedhame. «Ilmi namaa yeroo kabajaan qulqulloota wajjin dhufutti, yeroo sana inni teessoo Gooftummaa isaarra ni ta'a....» (Maat 25:31).

Ergamoonni wanta hin jirre irraa uumaman. Kanas fakkeenyaan
ibsuuf yeroo baay'ee fakkeenyummaa qilleensaa fi ibiddaa ykn amala qillensaa fi ibiddaa akka qabanitti itti fayyadamna malee qilleensaa fi ibidda irraa hin uumamne. Faarfannaa irratti akkanatti ibsameera: «Ergamoota isaa hafuura, tajaajiltoota isaas labooba ibiddaa kan taasisu» Faarfannaa 103(104):4. Kunis
amala isaanii wajjin fakkeenyummaa waan qabuuf ibsame malee ibiddaa fi qilleensa irraa uumaman jechuu miti.

 Gosa Ergamootaa


Ibsa suuraa :- Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel fi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eel

Ergamoota baay'ina isaanii lakkaa'anii bira gahuu waan hin danda'amneef, gosa gosaan lakkaa'amu. Waaqayyo dura
yommuu isaan uumu, gosa 100 taasisee uume. Gosa 100 kanas
bakka kudhanitti kudhan kudhan taasisee addaan qoode. Isaanis:-

1. Gosa Agaa'iztii


Gosa kanaaf dursaan isaanii Samaaliyaal yookiin Saaxinaa'el ture. Saaxinaa'el jechuunis Waaqayyoof kan dhihaate, kan golgaa qabu jechuu dha, kan galateeffannaa dhiheessus jechuu dha.

2. Gosa Kiruubeel


Dursaa isaanis kan fuula namaa fi
leencaa qabu muudeef; kunis Kiruub jedhama. Isaan kun ammoo
fakkeenya Lubootaati. Kanas yommuu uumuu mudhii isaanii
olitti afur mudhii isaanii gaditti ammoo tokko taasisee uume.
Isaanis fuula afur qabu, fuulli isaanis fuula namaa, fuula leencaa,
fuula joobiraa fi fuula sa'aa dha. Miila isaanii irraa eegalee
hanga mataa isaanitti ijaan kan guuttamaniidha. Waa'ee isaanis
akka armaan gadiitti Kitaaba Qulqulluu irratti barraa'ee jira.

     «Kunoo ani bubbee gara bitaatii dhufu, duumessa ulfaataa,
ibidda boba'u, ifa naannoo isaatti ifus nan arge, gidduun
ibiddichaas akka sibiila boraajjii ni calaqqisa ture. Ibiddicha
gidduus fakkeenyi bineelladootaa afur ni ba'e, bifni isaanii
ammoo bifa namaa fakkaata. Garuu tokkoon tokkoon
isaanii fuula afurii fi koochoo afur qabu, miilli isaanis
qajeeladha, faanni miila isaanis akka kottee jabbiiti, akka
sibiila boraajjii isa qulleeffamees ni calaqqisa ture, koochoowwan isaanii jalaa karaa afuriin harka namaa fakkaatu qabu turan; afran isaaniituu fuula kochoos qabu,
kochoowwan isaanis wal ni qaqqabu turan; isaanis adduma
addaan gara fuula duraatti qajeelanii adeeman malee, gara
tokkotti iyyuu hin jal'anne.»

   «Fuulli isaanis akka kanatti fufee jiru fakkaata; fuula isaanii
duraan hundumti isaanii fuula namaa fakkaatu, afranuun
isaanii gara mirgaa isaanitiin fuula fuula leencaa fakkaatu
qabu, arfanuun isaanii gara bitaatiin fuula fuula saawwa
fakkaatu qabu; afranuun isaanii gara dugda duubaatiin
fuula fuula joobiraa fakkaatu qabu» Hisq 1:4-10

3. Gosa Suraafeel


Afaan Ibraayisxiitiin hiikni isaa abiddoota jechuu yoo ta'u; luboota samiiti. Teessoo Waaqayyoo ni ulu. Mana Qulqullummaa ishee samii keessa tajaajilan. Waa'ee isaanis Raajaan Isaayyaas wayita dubbatu:-

      «Bara Uuziyaan mootichi du'e, gooftichi teessoo dheeraa fi ol ka'aa irra taa'ee andaarrii uffata isaas mana qulqullummaa guutee nan arge. Suraafeel isa
gararraadhaan ni dhaabatan; tokkoon tokkoon isaanii
kochoo jaha jaha qabu turan; kochoo lama lamaan fuula
isaanii, kochoo lama lamaan miila isaanii, ni golboobbatu,
kochoo lama lamaan ammoo ni balali'u turan.» (Isa 6:1-3)

Hoogganaan isaanii Suraafii jedhama.

4. Gosa Hayilaat


Waaqayyo gosa kanaaf dursaa isaanii qulqulluu Mikaa'eel taasisee muudeef. (Heenok 10:2-16)

5. Gosa Arbaab


Waaqayyo Qulqulluu Gabri'eel hoogganaa isaanii taasisee muude. (Hubachiisa! Waaqayyoon Raamaatti gosoota 30 kan qubachiise yoo ta'u, Raamaas magaalaa sadiitti qoode. Magaalaa sadan Raamaa kanneen keessaas gosoota kudhan kudhan qubachiise.) Gosoota Arbaab kanas kutaa magaalaa Raamaa ishee jalqabaa keessa qubachiise.

6. Gosa Manaabirt


Raamaatti magaala lammataa irraa
kan qubatan yoo tahu, isaan kuni ammoo, Sillaasee biraa meeshaa lolaa qabatanii kan ergaman, gaachana balaqeessaa, waraana ibiddaas qabatanii qilleensa keessa kan balali'aniidha.

Dursaan isaanis Ergamaa Qulqulluu Rufaa'eel dha.

7. Gosa Silxaanaat


Isaan kunniin ammoo ergamoota 
galateeffannaadhaaf kan dammaqsan, kan kakaasaa jiraataniidha. Isaan kanas kutaa magaalaa sadaffaa kan taate Raamaatti qubachiisee
jira. Dursaan ergamoota kanneenis Suuriyaal jedhama.


8. Gosa Mekuwaanint


Isaan kunniin waraana ibiddaa
kan gaara diigu, kan dhagaacha baqaqsu qabatanii namoota
balaa lubbuu fi foonii irraa eegaa kan bahanii dha. Dursaan
isaanis Sadaakaa'el dha, isaanis warra Samii Eerer jiraatanidha
(Maat 24:31) (Hubachiisa! Magaalaa Eerer akkuma Raamaa
kutaa saditti kan qoodamte yoo ta'u; gosoota Mekuwaanint,
Liqaanaatii fi Malaa'ikt/Ergamootaa keessa qubachiise.)

9. Gosa Liqaanaat


Uumamtoota hunda, kan lapheen
loowan, kan lukaan shararan, kan kochoo isaaniitiin balali'an
hunda kan eegani dha. Dursaan isaanis Salaatiyaal jedhama.

Malaa'ikt (Ergamoota)


Kunis balaqqeessa jabduu akka
ibiddaa kan lafatti gadi darbatan, aduu, addeessa, urjiilee,
midhaan, kuduraalee, biqiltuuwwan kan samii gadii fi kan dachee olitti uumaman hunda kan eeganidha. Dursaan isaanii Anaaniyaal jedhama. Walumaagalatti ergamoonni kunniin magaalaa ergamootaa (samii ergamootaa) kan jedhaman sadan keessa akkuma gosa gosa isaaniitiin jiraatu kunis:

Gosoota Agaa'izt, Kirubeel, Suraafelii fi Hayilaat Samii
(magaalaa) Iyyoor irra qubachiise.

Gosoota Arbaab, Manaabirtii fi Silxanaat Samii(magaalaa)
Raamaa irra qubachiise.

Gosoota Mekuwanint, Liiqaanatii fi Malaa'ikt Samii
(magaalaa) Eerer irra qubachiise.

Ergamoonni kunniin hunduu yoo Waaqayyo hojiif isaan waame malee bakka jiraatan irraa fedha isaaniin hin adeeman, hin bahan. Garuu yommuu Waaqayyo isaan ajajetti olitti hanga Galma Aariyaam gadittis hanga Barbaanoos battaluma biliqa/liphii ijaatiin gahanii ergamu. Sana booda iddoo
isaanitti deebi'anii Waaqayyoon galateeffatu, dhukkubbii fi
duuti isaan irra hin jirtu.

Baay'ina Ergamootaa


Baay'inni ergamootaa lakkaawwamee kan bira hin
gahamne tahuu isaa caqasawwan kanaa gadii irraa hubachuun ni danda'ama;

Iyyoob 25:3 «Raayyonni (ergamoonni) isaa lakkoofsa
qabuu ree?»

• Raaga Eermiyaas 33:22 «Macca samiirraa lakkaa'uun cirracha galaanaas safaruun akkuma hin danda'amne, akkasuma sanyii garbicha koo kan Daawitii fi leewwota na tajaajilanis nan baay'isa.»

• Raaga Daani'eel 7:10 «Yaa'an ibiddaa isa dura ba'ee ni yaa'a, warri kuma kumaatamatti lakkaa 'aman isaaf ni hojjatu, warri kitila baay'eetti lakkaa'amanis isa dura ni dhaabatu.»

• Heenok 10:1 «Kana boodas raawwatanii kan baay'atan ergamoota hedduu tahan nan arge, gooftaa Abbaa maccaa
ergamoota duratti ergamoonni dhaabbatanis lakkoofsa fi safara hin qaban.»

Dabalataanis Dirsaana Mikaa'eel irratti ammoo ergamoota nagada (gosa) tokko keessa jiran qofa lakkaa'amee fixuun hin danda'amu akka copha roobaa erga Waaqayyo ardii fi samii diriirseetii hanga ammaatti hanga addunyaan dabartuttis roobe dhumeeyyuu lakkoofsa ergamoota lakkaahanii lakka'amee osoo hin fixan jedha.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Madda :- Kitaaba «Bu'uuraawwan Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo »

Post a Comment

0 Comments