Subscribe To Our YouTube Channel

Raajicha Ermiyaas | Raajota Gurguddoo Arfan Keessaa tokko Raajichi Ermiyaas eenyudha?

Raajicha Ermiyaas


Raajota Gurguddoo Arfan Keessaa tokko kan ta'e Raajichi Ermiyaas eenyudha?



Ermiyaas jechuun «Waaqayyo ol nama qaba» jechuudha. Akkasumas «Kan gadameessa
haadha isaa keessattis filatame» jechuudha. Akka Kitaabni Qulqulluu nutti himutti Abbaan isaa Luba «Kelqiyaas» jedhama. Haati isaa ammoo «Maartaa» akka jedhamtu Tiwuufiitiin Mana Kiristaanaa ni hubachiisa. Biyyi isaa naannoo magaalaa Iyyerusaaleem qarqaratti argamtu yoo ta'u, dhaloonni isaas qomoo warra Luboota keessaadha.

 Mootichi bara sana ture ammoo Ikkooniyaan jedhama. Naabukedenetsoor Faarisii dhufee mooticha hidhee uummata biyyichaa immoo booji' ee utuu deemuu, obboleessi isaa Naataan karaa irratti eegee, osoo anaan moosistee ykn osoo ana mootii na taasistee Israa'eel akka siif bitaman nan taasisa jedhee aangoo kadhate.

Naabukedenetsoor maqaa koo akka hin ganne jedhee warra boojii irraa hafetti Seedeqiyaas jedhee muude. Innis waggaa 8 erga mooticha isa muude gabbaree of jabeessee booda isaaf bitamuu dide. Kanaaf mootichi jalqaba Mo'abaawotaan, itti aansee immoo loltotaan ofiitiin marsee isa
cinqinaan Seedeqiyaas gara raajicha Ermiyaasitti maaloo naaf kadhadhu jedhee erge. Raajaan Ermiyaasis uummata waliin booji'amta jedhee deebiseef yeroo kanatti Sedeqiyaas ati anaaf waan gaarii dubbattee hin beektu jedhee boolla keessatti hidhe. Waaqayyo immoo Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel ergee Abemeleki irra bulee boolla keessaa isa baase Ermiyaas 38:7.

Isiraa'eloonni lolli itti hammaannaan mooticha keenya malaan baasuu qabna jedhanii akka inni du'e fakkeessanii wayyoo wayyoo jedhanii siree irra ka'aanii yoo baasan Naabukedenetsoor argee maalinni? jedhee yemmuu isaan gaafatu mootii keenyatu du'ee jennaan awwaaluuf deemaa jirra jedhaniin. Innis gaddee isa silaa anatu dhiqee kafanuu qaba ture mee amma dhungadheen geggeessaa reeffa isaa naaf fidaa jedhe. Yoo fidanii kafana hiikan namichi hin duune iji isaa ni arga ture. Kanaanis Naabukedenetsoor Sedeqiyaasiin osoon si amanuu maaf na gante amma ammoo eessa deemufiree? jedhee gara qondaaltotaatti gara galee nama kana irratti maal murteessitu jedhee gaafate isaanis du'atu isaaf ta'a haa du'u jedhaniin.

Naabukedenetsoor immoo deebisee lakki du'i qofti ga'aa miti jedhee ijoollee isaa 7'n ajjeesee, isa immoo ija isaa keessaa baasee Baabiloonnitti geessee Baaqelaa yeroo hororu ykn daaku onneen isaa dhootee du'eera. Ermiyaas duuka bu'oota Miidiyaam Abemelekii fi Baarook jedhaman qaba. Isaanis yeroo waa'ee badiinsa Iyyerusaalem dubbatu waan dhaga'aniif kana ijaan nun agarsiisin jedhan. Yeroo yeroon isaa ga'u Baarokiin awwaala moototaa eegsisee, Abemelekiin immoo baala qorichaa fidi jedhee gara bosonaatti erge innis tole jedhee dhaqee yoo deebi'uuf jedhu hirriba itti buusee muka tokko jala waggaa 66f raffise. Yeroo kana na'ee nan barfadhe jedhee ka'e haa ka'u malee waggaa amma
kanaa rafuu isaa hin beeku ture.

Yeroo kana galuuf gaafa jedhu karaan harkaa badee ergamaan Waaqayyoo tokko fakkeenya maanguddootiin tabbarraa yoo gadi deemu argee «Maaloo Ermiyaasiin agartanii?» jedhee gaafate. Jaarsichis «Ati biyya keessa hin jirtumoo? Ermiyaasiin booji'amee gara Baabiloon erga deemee waggaa 66 ta'eera» jedheen. Yeroo kana Abemeleek aaree «Ati jaarsa botontoraadha osoon si arrabse natti tola garuu Seerri ykn Oriitiin jaarsa kabaji jetti malee» jedhe. Ergamichis wanta ta'e hundumaa Abemeleekif ni ibse. Ergasii booda Baarokii waliin walitti fidee jennaan walitti marmanii kadhannaa yemmuu godhatan Israa'eloonni booji'aman boojiidha deebi'uuf waggaa 4 qofti akka isaan hafu hubatan.

Kanas yeroo argan barreessanii xalayyaa morma Joobiraatti hidhanii gara Baabiloonnitti erganiiru. Joobirichis xalayyicha Ermiyaasiif geesse. Ergaan
xalayyichaas isin boojiidha deebi'uuf waggaa 4 qofatu isiinii hafe kanaaf warri warra hin amannee wajjin wal fuutan hiikaa, seera keessanis cimsaa kan jedhu ture. Waggaa 4 booda Ermiyaas fedha Waaqayyoon Isiraa'eloota walitti qabee gara Iyyerusaaleemitti deebi'eera. Boojiidhaa erga deebi'an boodas Raajichi Ermiyaas Mana Qulqullummaa jige ijaarsiseera. Akkasumas Meeshaalee Qulqullaa'oonis akka itti galan taasiseera.

Amaloota Addaa Raajichi Ermiyaas ittiin Beekamu


1. Kitaaba Qulqulluu keessatti waa'ee gidiraa isa irra gahee hanga Raajicha Ermiyaas namni boo'e hin jiru. Hayyoota waa'ee Waaqummaa biratti «አልቃሻው ነቢይ» ykn «Raajicha isa Boo'u» jedhamaa waamamuun isaas kana amala isaa kana kan agarsiisu ture. Kitaaba Saqooqaa Ermiyaas dubbisuun wanta kana ifa nuuf taasisa.

2. Raajii Kadhannaati

Raajichi Ermiyaas Raajota kan biroo irraa wanti adda isa taasisu inni kan biraa Waaqayyo waliin kan haasa'u Kadhannaadhaan ta'uu isaati. Raajii isaa, mul'ata isaa kan ibsuuf yeroo kadhatudha. Yeroo dhiphatus kan isa mariisisu hiriyaa ykn haadha manaa hin qabu, ijoollees hin qabu, kanaafuu yeroo dhiphatu, gidiraa obboloota isaa yeroo argu, diigamu Mana Qulqullummaa yeroo argu ni boo'a, Waaqayyos itti dubbata.

3. Raajichi hangamiyyuu Iyyerusaaleem fi uummata isaa jaallatuyyuu booji'amuun isaanii akka hin hafne itti himuuf dirqameera. Kana irrattis «Mootii Baabilooniif harka kennaa, bitamaas, booji'amtoonnis hanga waggaa 70 tti hin deebi'an!» jedhee sagalee Waaqayyoo isaaf ibsame waan dubbateef ni jibbame. Baay'eewwanis isa ajjeesuuf ni yaadan. Erm. 11:21, 26:11. Kanaanis gidiraan garaa garaa irra gaheera ni rukutame, boolla dhoqqeetti gatame, yeroo lama hidhame, maraateera jedhame. Kanaafuu Raajichi kitaaba isaa irratti waa'ee isaa waa'ee gidiraa isa irra gahee baay'ee barreesse Raajota kan biroo caalaa waa'ee amala fi haala isaa ibseera.

4. Kana hunda waliin uummataaf fakkeenya akka ta'uuf niitii akka hin fuune, gara affeerraatti ykn gara boo'ichaatti akka hin deemne dhorkameera. Erm. 16

 Innis uummata walitti qabee «Egaa rakkinni kanaan duraa akka nuyi hin arganneef ykn akka nurra hin geenyeef Waaqayyoon kadhachuutti haa jabaannu!» erga jedhanii booda waa'ee foonummaa yoo barsiisu ; «Ilma Waaqayyoon arge nuun jedhaa?» jedhanii dhagaan dha'anii ajjeesan. Terefa
ERM/11:54, Ibr 11:37.

Ayyaanni boqonnaa yaadannoo Ermiyaas Camsaa 5 dha. 

Galanni waaqayyoof haa ta'u!

Eebbi Raajicha Ermiyaas nurra haa bulu!

Post a Comment

0 Comments