Subscribe To Our YouTube Channel

Seenaa Kiristiyaanoo Roonaaldoo

Kiristiyaanoo Roonaaldoo


Qophii keenya Ispoortii guyyaa har'aatiin waa'ee taphataa urjii Addunyaa keenyaa, akkasumas Baalaandoorii yeroo Shan kan injifate, goolii hedduu lakkoofsisuun Addunyaa irraa gita kan hin qabne Kilaboota gurguddoo kanneen akka Maanchiistar Yuunaayitid, Riyaal Maadriid fi Juuveentuusiif kan taphate, akkasumas karaa miidiyaa hawaasaa Inistaagiraamii hordoftoota hedduu qabachuun gita kan hin qabne waa'ee Kiristiyaanoo Roonaaldoo Doosaantoos Aviyeeroo isiniif qabannee dhiyaanneerra.

Kiristiyaanoo Roonaaldoo Doosaantoos Aviyeeroo


Kiristiyaanoo Roonaaldoo



Sagantaa keenya Ispoortii yeroo darbeetiin waa'ee Liyooneel Meesii dhiyeessuun keenya ni yaadatama, duubatti deebi'uun dubbisaa!

Seenaa Kiristiyaanoo Roonaaldoo


Maariyaa Dooloorees abbaa manaa fi ijoollee ishee waliin mana dhiphoo tokko keessatti jireenya harkaa gara afaanii jedhamuu gaditti jiraachaa osoo jiranii ulfa ta'uu ishee qorannoo yaalaa taasifteen mirkaneessuun Dooloorees baay'ee rifatte Kuni gonkumaa ta'uu hin qabu jette.

Jireenya hiyyummaa kana keessa osoon jiraadhuu, mucaa garaa koo keessa jiru kana nan baasisa ykn baasisuun qaba jettee yeroo sanatti Biiraa ho'aa dhuganii utaaluun ulfa no baasisa yeroo jedhamu dhageesseerti waan tureef ulfa hin yaadamne kana baasisuuf Biiraa ho'aa dhugaa utaaluu jalqabde.


Ta'us garuu jechamni aadaa ulfa ni baasisa jedhamee dhageesse akka isheen yaaddetti daa'ima sana hin ajjeefne, sana boodas ulfi ishee guddatee daa'imni sun ni dhalate 

Daa'imni dhalate sunis taphataa ajaa'ibaa Addunyaa keenyaa Kiristiyaanoo Roonaaldoo ture.

Haalli harmee isaa isa dhiphisaa kan ture Kiristiyaanoo Roonaaldoon taphataa kubbaa miilaa ta'ee qarshii argachuu yeroo jalqabu haati isaa hojii Hooteelaa isheen hojjettu akka dhiistuu fi giiftii manaa akka ishee taasisu waadaa galeefiira. Ta'us garuu taphataa kubbaa miilaa piroofeeshinaalummaatiin mindaan inni argate yaada inni yaadeef isa hin geenye.

Kiristiyaanoo Roonaaldoon gara Liizbanitti erga imale booda mana Kilabichi kiraadhaan itti kenne keessatti haati isaa akka jiraattu taasise. Waadaa isaa eegee mana dhuunfaa ishee hanga isheef bitutti cimee hojjechuu isaa itti fufuun Kilaba guddicha Ispeeniif erga mallatteesse booda bara 2009 A.L.A harmee isaaf mana biteera.

Shaakala Kiristiyaanoo Roonaaldoo Guyyaa Jalqabaa 


Umuriin isaa waggaa 16 kan ture Kiristiyaanoo Roonaaldoon ganama mana barumsaa oolee yeroo deebi'u leenjisaan dargaggootaa Liizban «Of qopheessi! har'a waaree booda garee isa guddaa waliin shaakala ni hojjetta!» jechuun itti hima. 

Roonaaldoonis gammachuun utaale. Yeroon itti shaakala hojjetu gahee garee sana waliin leenji'uu jalqaba ta'us garuu shaakala sana irratti wanta gaarii mul'isuu hin dandeesse.

Shaakala sana booda leenjisaan garichaa waa'ee Roonaaldoo akkas jechuun report calallii dhiyeessan;

    «Teekinika (dhadhabaa), kubbaa qilleensa irraa (dhadhabaa), teekinika (hojiin gahaan kan irratti hin hojjetamne), hirmaannaa ittisa irratti (dhadhabaa), dhimmoota qaama isaa (dhadhabaa), taaktika dhuunfaa fi garee (hubannoo kan hin qabne), sammuudhaan (dhadhabaa) ofii isaatiif qofaa kan taphatu, ciminni sammuu kan isa hanqatu, xiyyeeffannoo kan hin qabne fi k.k.f» jechuun qorannoo ykn gamaggamni irratti barreeffame.

Roonaaldoon gara garee dargaggootaatti deebi'uun ofii isaa irratti sirriitti hojjete, fageenya dheeraa deemuuf gufuudhaan jalqabamuyyuu ji'oota sadii fi afur booda wanti hundi isaaf sirrate. Roonaaldoon taphataa guddaa tokko irratti shartattee ykn tackle bu'a .... taphatichis «Mucaa xiqqoo tasgabbaa'i! tasgabbaa'i!» jedhaan.

Roonaaldoonis «Tole! taphataa urjii Addunyaa yeroon ta'u jecha kee kana irra deebita!» jedhee deebiseef.

Garee dargaggootaa irratti bifa ajaa'ibaatiin ofii isaa kan agarsiise Roonaaldoon irra deebiin gara garee guddichatti deebi'ee dhufe.


Kiristiyaanoo Roonaaldoo Mana Barumsaatti


Roonaaldoon gara Liizbanitti erga deeme booda mana barumsaa keessatti qormaata guddaa keessa darbeera, ijoollee kutaa sanaa Roonaaldoo irratti haala dubbii isaatti ni kolfu, ni qoosu turan, barattoonni kana yeroo taasisanitti Roonaaldoon miirri gaarii itti hin dhaga'aamu ture. Manni barumsaa isa jibbisiisa akkasumas baay'ee boo'a.

Roonaaldoon barumsa isaa irratti dhadhabbiin ifa ta'e irratti mul'ata ture. Barumsa isaa Liizbanitti ta'uufii dide, Ispoortiing Liizban walii galtee irra gahuun waggaa tokkoof gara magaalaa dhalootaa isaatti deebi'uun barumsa isaa kan itti fufe yoo ta'u achuma deemee koorsii biraatiin kufe.

Roonaaldoon umuriin isaa waggaa 17 yeroo ta'u kilaba fi garee biyyaalessa isaatiif taphoota hedduu taasisaa waan tureef caalaatti barumsa isaatiif yeroo dhabe.

Roonaaldoon barataa kutaa 9ffaa ta'ee osoo jiruu taphoonni baay'achuu fi akkasumas ji'oota sadan jalqabaa barnoota irratti argamuu dhabuu isaatiin gosoota barnootaa torbaan ni kufe. Kanaanis gara kutaa 10ffaatti qabxiin isa dabarsu dhufuufii dide.

Yeroo ammaa kanatti Yuunivarsiitii Biriitish Kolombiyaa Okaanaagaan jedhamu keessatti barattoonni Sooshiyooloojii waa'ee jireenya Kiristiyaanoo Roonaaldoo ni baratu.


Egaa guyyaa har'aatiif kan qabannee dhiyaanne kana fakkaata ture. Torbee qophii biraatiin walitti deebina. Horaa bulaa deebanaa!

Post a Comment

0 Comments