Komiin Barattoonni Yuunivarsiitii qabamuu qabxii sagantaa reemeediyaalii irratti kaasaa jiran maalidha?
«Nuti akka hin baranne barbaadame moo? qabxiin keenya kan nuuf hin qabamne yoo ta'e maalif qormaata sagantaa reemeediyaalii qoromne?» Barattoota Yuunivarsiitii
«Qajeelfama Ministeera Barnootaa irraa dhufedha » Gamtaa Barattoota Yuunivarsiitii Walqixxee
Barattoonni Yuunivarsiitii Walqixxee waggaa 1ffaa jalqabdoonni barattoonni seeraa gosa barnootaa ykn department filachuuf qabxiin sagantaa reemeediyaalii isaanii qofti qabamuu dhiisuu isaa, reemeediyaalii kan qoroman 90 ol keessaa barattoota 40 kan ta'aan qabxii isaanii akka hin beekne komii dhiyeessan.
Qabxiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa isaanii qabxii sagantaa reemeediyaalii waliin walitti dabalamee department filachuuf akka ulaagaatti qabamuu isaa, qabxiin isaanii sagantaa reemeediyaalii olaanaa ta'uyyuu kan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabamuu isaatiin waan gadi buusuuf gosa barnootaa ykn department barbaadan filachuu akka hin dandeenye dubbataniiru.
Gama biraatiin, barattoota seeraa qormaata sagantaa reemeediyaalii qoroman 96 keessaa qabxiin kan gadhiifameef barattoota 40'f qofa akka ta'e, kanneen hafan qabxii isaanii akka hin beekne ibsaniiru.
Barattoonni kun itti dabaluun maal jedhan?
«Fiildii ykn department filachuuf qabxii qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ykn qabxii isaatiin osoo hin taane kan reemiidiyaaliitiin qofaa qabamuu qaba ture. Dabalataan qabxiin keenya kan barattoota hundaa gadhiifamuu qaba ture. Barattoonni 96 qoromaniiru kan gadhiifame garuu kan barattoota 40 qofaadha, maalif kan hunda keenyaa hin gadhiifamne?»
Darbuu ykn darbuu dhiisuu keenya beekuuf dirqama qabxiin barattoota hundaa gadhiifamuu qaba. Gadhiifamuu dhiisuu isaatiin barataan hedduun rakkoon isa mudachuu danda'a. Qabxiin keenya osoo hin gadhiifamiin qormaatichi sirriitti soroorsuu isaaniiyyuu maaliin beekuu dandeenya?
«Nuti akka hin baranne barbaadame moo? qabxiin isaa kan nuuf hin qabamne yoo ta'e maalif qormaata sagantaa reemeediyaalii qoromne?» jechuun gaafataniiru.
Gamtaan Barattoota Yuunivarsiitii Walqixxee maal jedhe?
Komii barattoota irraa ka'eef Gamtaan Barattootaa Yuunivarsiitii Walqixxee «Gaaffichi fudhatama qaba jennee hin amannu!» deebii jedhu kenneera.
«Sababni isaas qajeelfama irra waan jirudha kan hojii irra oolchaa jiru reejistiraarri. 20% qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa irraa 30% qormaata COC qophaa'u irraa akkasumas 50% ammoo qabxii isaanii ykn CGPA irraa bifa kanaan fiildii filatu isaan kun qabamanii.
Kuni ammoo qajeelfama Ministeera Barnootaa irraa ba'e dha, bu'uura sanaan Reejistiraarri hojjechaa jira.» jedhaniiru.
Qabxiin barattoota 40 gadhiifamee kan isaan biroo hoo maalif hin gadhiifamne gaaffii jedhuuf ammoo deebii kennaniin «Qabxii barattoota darbaniiti kan gadhiifamu. Barattoota kana fudhanneerra, barattoonni kun darbaniiru jedhameetu kan gadhiifamu» deebii jedhu kennaniiru.
Barattoonni qoroman qabxiin isaanii gadhiifamee darbuu fi kufuu isaanii itti himuun hin barbaachisuu? gaaffii jedhamee ka'eef ammoo «Qabxii isaa barataan ilaaluu barbaadu Reejistiraara dhufee ilaaluu danda'a. Barattoonni darban maqaan isaanii gara Koolleejjiitti waan darbuuf gara galmeetti itti fufu» jechuun deebiseera.
Dhimma kana irratti odeeffannoo haaraa akkuma gadhiifameen akka isin bira gahuuf Channel keenya Telegram Qubee Media join taasisaa!
0 Comments