Dhaloota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam
Seenaa Dhaloota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam
Raajichi Isaayyaas 1:9 irratti «Utuu Waaqayyo sanyii gaarii nuuf hambisuudhaa baatee akka warra Sadoomii fi Gamooraa taanee badna turre» jedha. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos sanyii gaarii kan taate giiftii keenya Maariyaam akaakayyuu torba (7) irraa kaasee filate. Isaan jalqaba biyya Iyyerusaalem keessa kan jiraatan warra Waaqayyootti amanan kan ta'an abbaa manaa fi haadha manaa "Pheexiriqaa fi Teekitaa" kan jedhaman irraa kaasee filate. Isaan kun lamaan qabeenyaa hundumaa qabu garuu dhala hin qaban turan.
Gaaf tokko haadha manaa isaa Teekitaan Waaqayyo akka dhala isheef kennuuf kadhatte. Waaqayyos mul'ataan gadameessa ishee keessaa raadi adii qulqulluun baate, raada adii qulqulluu dhaltee, hanga torbaatti akkasuma ta'e. Isheen torbaffaan immoo baatii (ji'a) dhalte. Ji'i immoo Aduu (Biiftuu) dhalte mul'ataan agartee abbaa manaa isheetti himte. Abbaan manaa ishee immoo akka Yooseef (Uma. 40:1), akka Daani'eel. (Dan. 2:14) abjuu hiikuu ykn mul'ata hiikuu kan danda'an bira deemee gaafate. Namichi abjuu hiiku kunis «Waaqayyo arjummaa isaan isin daawwateera. Raaddeen adii torban sun ijoollee durbaa qulqulluu ta'an torba argattu. Isheen torbaffaan baatii deesse immoo uumama namaa keessaa adda kan taate, hunda irra kan caaltu ergamoota durattis kan kabajamtu yemmuu ta'u, waa'een aduu sanaa immoo anaaf hin ifne» jedhee hiikeef. Haa ta'u malee, biiftuun sun gooftaa Iyyesuus Kiristoosiin ture. Akkaataa kanaan yeroon isaa yemmuu ga'u:
Teekitaan- Heernaaniin deesse- Hernaan- Dardiin deesse,
Dardiin Toonaanin deesse,
Toonaan Seekariin deesse,
Seekariin immoo Seetinaan deesse,
Seetinaan immoo Haannaa deesse,
Haannaan immoo Giiftii Maariyaamiin deesse,
Giiftii Maariyaamiin immoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin deesse.
Haannaan kan isheen Giiftii Maariyaamiin da'uu dandeesse: Iyyaaqeem nama jedhamutti heerumtee Waaqayyootti amananii jiraachaa turan. Haa ta'u malee waan hundumaa qabu garuu dhala hin qaban turan.
Akka Abrihaamii fi Saaraa, Yisihaaqii fi Ribqaa, Zakkaariyaasii fi Elsaabet, Tsaggaa Ze'aabii fi Igzi'aariyaa. Haa ta'u iyyuu malee galgalaa fi ganama gara Waaqayyootti ni boo'u turan. wareegas gara waaqayyootti ni wareegu turan. Wareegni isaan wareeganis «Yoo mucaa dhiiraa nuuf laatte mana kee keessa kan si tajaajilu, yoo durba taate immoo Tsabala waraabdee Masooba Warqii dhooftee mana qulqullummaa keessa akka qulqulleessituuf siif laanna.» Jedhanii wareeganii wareega isaanii kanas luba Zakkaariyaasitti himan. Lubichi kunis «Waaqni kadhannaa keessan isiniif haa dhaga'u, wareega keessaniis isiniif haa fudhatu, yaada garaa keessaniis isiniif haa raawwatu» jedhee kadhannnaa isaanii ol ergeef. Akka lubichi Eeli kadhannaa Haannaa ol ergeef 1 Sam.1:1
Manatti galaniis torban tokkoof subaayee (laguudhaan) turan. Isaan booda Hagayya gaafa 7, bara 16 Dh.K.D eeyyama Waaqayyoo ta'ee Haannaan giiftii keenya Maariyaam ulfoofte. Caamsaa 1, bara 15 Dh.K.D tulluu Liibaanoos irratti Giiftii keenya Maariyaam deesse. Sababni isheen tullicha irratti deesseef, Haannaan ulfooftee utuu jirtuu firri ishee Seeminaas namni jedhamu du'ee jennaan boo'icha isaa deemtee gaaddidduun ishee irra buunaan du'a keessaa ka'ee waa'ee gadameessa Haannaa keessa ishee jirtuu kadhannaa isheetiin akka ka'e dubbate.
Gaaddidduun Pheexiroos dinqii garaa garaa gochaa akka ture HDB.5:15, Akkasumas qulqulluun Phaawuloos mataatti kan maratuu fi herbeen inni ittiin dafqa haxaawatu ajaa'iba garaa garaa gochaa akka ture HDB. 19:11, Lafeen Raajicha Elsaayis du'aa akka kaase 2 Mot.13:20, Gaaddidduun Haannaa harmee Maariyaamiis ajaa'iba baay'ee gochaa tureera.
Yeroo kanatti ijoolleen Waaqayyoo warri abdii Addaamiif kenname hawwiidhaan eegan yemmuu gammadan, ijoolleen Diyaabiloos warri sanyii gaarii jibban immoo Haannaa fi Iyyaa'qeemiin balleessuu barbaadan. Yemmuu kanatti ergamaan Waaqayyoo gara gaara kanaa (Libaanositti) akka baqatan itti hime. Gaara kana irrattis qulqulleettii Haannaan Giiftii Maariyaamii deesse. Gaara kana gubbaattis akka isheen dhalattu ogeessichi Solomoon duraan dursa dubbatee jira waan ta'eef. M/W/Weedduu caalu 4:6 Kanaafis har'a Caamsaa 1 Manni Kiristaanaa keenya akka barsiistetti amantoonni alatti buna danfisuudhaan, mulluu affeeluudhaan, Hoolaa qaluudhaani fi k.k.f. tiin ni yaadatu. Yaadannoon qulqullootaa barabaraan ni jiraata waan ta'eef Faar.111/112/:6 Eebbas ni laata waan ta'eef Fkn 10:7.
Hanga waggaa sadiitti mana abbaa fi haadha isheetti turte. Waggaa sadii booda garuu «Wareega nyaachuun nuuf hin ta'u» jedhanii Muddee 3 bara 12 Dh.K.D. Mana qulqullummaa Iyyerusaalem jirutti geessan. Yeroo sanatti lubichi Zakkaariyaasii fi maanguddoonni yeroo sana turan fuula ishee akka biiftuu ifu ilaalanii «Maal nyaachifna, maal obaafna, eessa raffifna, eenyuutus immoo eega?» jedhanii utuu isaan wal falmaa jiranii hangafoota ergamootaa torban keessaa qulqulluu Faanu'eel kan jedhamu nyaata waaqa irraa masoobii warqee keessa kaa'ee dhugaatii waaqa irraa xoofoo ifaatti naqee sooruu jalqabe.
Yerooti yeroottis kan ishee eeguu fi kunuunsu waan ta'eef mana qulqullummaa keessa akka isheen jiraattuuf hiyyamaniif ykn jaalala Waaqayyoo ta'eef. Waggaa kudha lama guutuus ergamoota Waaqayyoon do'atamtee uffata waaqa irraa kennameef uffachaa nyaataa fi dhugaatii samii irraa soorachaa mana qulqulluummaa keessatti guddatte. Turtii mana qulqullummaa keessa turte kana keessatti qorumsi gurguddaa irraan ga'uuf yaaliin irratti geggeeffamaa tureera. Haata'u iyyuu malee gargaarsa ergamoota Waaqayyoon oolteetti. Qormaatni kunis:-
1. Ayihuudotni ijoollee Diyaabiloos ta'an al tokko manicha qulqullummaa keessatti gubanii ajjeesuudhaaf, al tokko immoo Maxaqul nama jedhamu bira deemanii qorichaan ajjeesuudhaaf yaalii guddaa gochaa turaniiru. Garuu waan gaariin morman waan ta'eef ofii badan malee ishee balleessuu hin dandeenye.
2. Qorumsi karaa keessaa maanguddoota yeroo sana turan irra buluudhaan umuriin ishee waggaa kudha shan (15) gaafa guutu akka dubartoota warra kaanii abaarsoo (xuraa'ummaan) Hewwaan irra kan jiru se'anii mana qulqullummaa keenya xureessiti haa baatu jedhan. Garuu Giiftii Maariyaamiin ogeessichi Solomoon W/Weeddotaa 4:7 irratti mudaa waan tokko kan hin qabne ta'uu ishee akka dubbate isheen mudaa tokko illee hin qabdu sookkoon Hewwaan ishee irra hin geenye. Akkaataa kanaan «Eenyuutti laanna, eenyuuttis heerumsiisna?» jedhan.
Yaada erga wal jijjiiranii booda Maanguddootni warri haadha manaan jalaa du'an fi dargaggootni warri fuudha ga'aan akkasumas warra sababa garaagaraan haadha warraa isaanii gadi dhiisan walii galli isaanii nama 4000 (kuma Afur) ta'aan ishee fuudhuudhaaf walitti qabaman. Garuu carraan kan kennameef maanguddoota haati warraa jalaa du'an baay'inni isaanii 1985 (kuma tokkoo fi dhibba sagalii fi saddeettamii shan) kan ta'aaniif carraan akka bu'uuf ta'e. Isaan keessaa maanguddichi Yooseef tokko ture. Yeroo kana "Carraan abbaaf haa murteessu" jedhanii ulee ykn dhaabbata isaanii irratti hundumtuu maqaa ofii isaanii barreessanii lubicha Zakkaariyaasitti akka kennamu ta'e. Innis harkaa funaanee mana qulqullummaa keessa kaa'ee kadhannaa irratti godhee ulee hunduma isaanii keessaa borumtaa isaa uleen Yooseef lalisee ija naqatee bule. Akka ulee Aaroon Lakk. 17:1-12 kanarraan kan ka'e manguddichi Yooseef gara mana isaatti fuudhee galee kaadhimaa ykn eegduu ishee akka ta'u godhan. (Kitaaba Nagara Maariyaam jedhu fuula 26-50 tti.)
As irratti kaadhimaa jechuun akka dubbii (aadaa) warra Israa'eelotaatti eegduu jechuu dha malee akka aadaa biyya keenyaatti isa fuudhaaf kaadhimatan jechuu miti. Kanaafis ragaan kitaaba qulqulludha: Hosey 2:21-22 irratti Waaqayyo Iyyerusaalemiin barabaraan "si kaadhimadheera" jedhe. Akkas jechuun an si eegeera jechuudha malee sin fuudha jechuu miti.
Waluma gala Yooseefiif kadhimamte jechuun Yooseefiin eegamti jechuu dha. Sababni isaa Yooseefii fi Giiftii Maariyaamiin firooma qabu. Firoomni isaas:- Alaazaar namni jedhamu Maattaa fi Qisaraa kan jedhaman dhalche. Mattaan inni jedhamu immoo Yaa'iqoob fi Yooseefiin dhalche. Qisaaraan immoo Iyyaa'eqeemiin, Iyyaa'iqeemiin immoo Maariyaamii dhalche. Maariyaamii fi Yooseefiin akaakayyuu 3ffaa irratti wal-ga'u waan ta'eef fira jedhamu. Firri immoo hanga akaakayyuu 7tti akka wal hin fuune kitaaba qulqulluutu dhorka Kitaaba Fitaa Nigistii keeyyata 24 lakk. 842, keeyyata 34 lakk. 853, Lew.18:1-20, Lew. 20:20
Sababii biraan Yooseef hunduma caalaatti filatamuuf immoo:-
1. Uleen isaa raajii Waaqayyoon Lalistee waan argamteef.
2. Nama Hundumaa keessaa carraan waan laatameefiif.
3. Hafuura Qulqulluun waan irra buleef
4. Gooftaan Iyyesuus Kiristoos sanyii Daawwit gosa Yihuudaa keessaa akka dhalatuuf raajiin dubbatame waan jiruuf Milk.5:2
5. Sanyii malee kiristoos yoo dhalate sanyii Addaam keessaa hin qabu akka hin jedhamneef Isay 1:9, Maat 1:1, Ibr.1:16.
6. Waa'een godaansaanhaadha keenya Dubroo Maariyaam Raajotaan barreeffamee jira, godaansa kana duukaa bu'ee akka eeguuf, akka gargaaruuf. Isaay 19:1, Hose 11:1, Maat 2:13.
7. Hafuura Qulqulluun yemmuu isheen ulfooftuu ejjituu abbaa manaa ala ulfoofte jedhanii akka seera Museetti dhagaan akka hin rukunneef ykn summii maayaa zalafaa jedhamu obaasanii akka hin ajjeesneef akka inni eeguuf Yooseefitti kennamte Lakk 5:19, SKD 22:1.
Utuu mana Yooseef jirtuu ergamaan Waaqayyoo Qulqulluu Gabreeliin «Gammadi nagaan siif haata'u!» ittiin jedhe. Yeroo kana «Kun Seexana isa harmee koo Hewaaniin dogoggorse ta'innaa laata?» jettee gara mana qulqullummaatti deemte. Achis taa'eema eege. Irra deddeebitees gaafatte. Dhuma irratti amantee «Akka jecha keetii naaf haa ta'u!» jettee fudhatte. Luq. 1:26-38.
Gaafuma sanas Hafuura Qulqulluudhaan ulfooftee sagaleen jalqaba ture sun inni waaqa bira/cina turee fi inni ofii isaatii waaqa ture sun foon ishee irraa foon dhiiga ishee irraa dhiiga fudhatee gadameessa ishee keessatti murtaa'e. Yoh. 1:1-14. Kunis kan ta'e bara Yohaannis Bitootessa 29 waggaa araaraa bara 1 guyyaa Sanbata Guddaa (Dilbata) ganama keessaa sa'aatii 3 (sadii). Waadaan Addaamii fi Hewaaniif seename barri 5500 yemmuu xumuramu "Sanyii kee irraa dhaladheen dhufee si fayyisa!" kan jedhe kana raawachuuf gadameessa Giiftii keenya Maariyaamii keessa bule, Giiftiin keenya Maariyaamiinis sanyii dhiiraa malee keenya durbummaadhaan fayyisaa keenya lyyesuus Kiristoosiin ulfooftee deesse. (Isa. 7:14).
Bara Maatewoos Mudde 29 Guyyaa gaafa Facaasaa (Kibxataa) halkan keessaa saa'atii 10tti Beeteliheem magaalaa Daawwititti dallaa horiitti durbummaadhaan deesse. Luq 2:1-8, W/Weeddotaa 4:12. Erga Gooftaa keenya deesseen boodas durbummaadhumaan jiraatte. (Durbummaan ishee hin jijjiramne), Hisq 44:1-3, Maat 2: 5-6, Milk 5:2-4
Kadhannaafi araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin ha ta'u! Ameen!
0 Comments