Subscribe To Our YouTube Channel

Wareegamtoota Qulqulluu Qiirqoos fi Qulqulleettii Iyyaluxaa | Ortodoksii Tawaahidoo

Wareegamaa Qulqulluu Qiirqoos fi Qulqulleettii Iyyaluxaa



Qulqulluu Qiirqoos fi Qulqulleettii Iyyaluxaa biyyi isaanii Room Anbangeen yoo tahu, abbaan Qulqulluu Qiirqoos Qozmoos haati isaa immoo Qulqulleettii Iyyaluxaa jedhamu. Bara Diyooqilixiyaanoos mootii ta'ee biyya bulchaa turetti labsii, «Manni kiristaanaa haa cufamu, manni waaq-harkee haa banamu,» jedhu baase. Kunis, bara 303 yoo ta'u yeroo kana kiristaanonni hedduun kan ajjeefaman gariin immoo kan biyya baqataniidha. Iyyeluuxaanis ilma ishee waggaa 3 qabattee biyya Iqooniyoon jedhamutti baqatte. Kan biyya isheen itti baqatte bulchaa ture immoo Illeskindiroos jedhama. Yemmus, «Waaqayyotti buluu dhiisiitii waaq-harkeetti buli,» jedheen. Isheen garuu, «Ija osoo qabuu kan hin agarre, gurras osoo qabuu kan hin dhageenye atumti harka keetiin kan tolchite, ani waaqolii namni harkaan tolcheef hin sagadu,» jetteen. Yoo didde immoo Seeyfidhaaniin morma kee sirraa mura jedheen. Yeroo kana. «Mee mucaa daa'ima kana gaafadhu,» jetteen. Innis, «Mucaa nana warqee hedduu siifan kenna waaq-harkee kanaaf sagadi,» jedheen. Daa'ima kan ta'e Qiirqoos garuu afuurri Waaqayyo waan irra buleef, «Ani kan ofii isaanituu baraaruu hin dandeenye waaq-harkeef hin sagadu,» jedheen.

Yeroo kanas mootichi dallanee, «Gaanii/hubboo/ guddaatti bishaan danfisaatii keessatti isaan affeelaa,» jedhee ajaje. Sagaleen danfa bishaanichaas fagootti dhagahama ture. Yeroo kana Iyyeluuxaatti sodaan dhagahamnaan Qulqulluu Qiirqoos, «Du'a lammataa hin duunutii haadha koo jabaadhu. Duraan Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa'eel kan ibidda keessaa baase, Waaqayyo ergamaa isaa nuuf ergee nunis nu baraara,» jedheenii jajjabeessee gara bishaanicha danfaa jirutti ishee harkisaa ture. Isheenis yeroo kana kutattee sodaa ishee hundumaa balleessitee gara kuteenyaan wareegamuuf gara bishaan danfaa jirutti waliin seente.

Yeroo kanas Waaqayyo ergamaa qulqulluu Gabri'eel ergee Fannoo isaatiin yemmuu bishaanicha tuqu bishaanichi ni diilallaa'e. Qaama isaaniis ta'ee uffata isaanii irra wanti hamaan tokkoyyuu tasumaa hin geenye. Warri naannoo sana turan kan gocha kana ilaalaa turanis amanuudhaan wareegamummaadhaan darbanii jiru.

Guyyaa Yaadannoo Qiirqoos fi Iyyaluxaa


Ergamaa Qulqulluu Gabri'eeliin abidda laboobaa fi bishaan danfaa jalaa erga isaan baasee booda mootichi isaanitti hojii hammeenyaa baay'isaati jiraate. Gooftaanis jabina isaanii argee dadhabbii kanarraa isaan boqochiisuu barbaade. Gooftan keenya Iyyasuus Kiristoos halkan qulqulluu Qiirqoositti yemmuu muldhatutti wanta isarraa argachuuf hawwu kadhate. Kadhannaa isaa keessaas, «Bakka manni Kiristaanaa koo ijaramee fi xaballi koo jirutti beellii fi badiinsi hin ta'iin. Dhibeen namaa fi looniis akkasuma, dhabamuun bishaanis hin ta'iin!» jedheen. Gooftaanis, «Kan kadhatte hundumti siif ni raawwatama. Foon kees akka hin tortorre saragallaa Eeliyaasiin nan eega,» jechuun waadaa kenneefii jira. Yemmuu bari'us Illaskindiroos teessoo isaarra taa'ee osoo jiru, «Gara yaada kootti deebitee moo?» jedhee qulqulluu Qiirqoosiin gaafate. Qulqulluu Qiirqoos immoo ejjannoon isaa isuma duraa akka ta'e waaq-harkeettis akka hin bulle itti hime. Yeroo kana goraadeedhaan morma irraa muruun wareegame. Waaqayyo lubbu isaa Gannata seensisee foon isaas akkuma jedhe Saragallaa Eeliyaasiin eege. Haati isaa Iyyaluuxaanis barii sanatti wareegamteetti. Ayyaanni boqonnaa isaa Amajjii 15 yaadatama. 

Akkasumas guyyaa yaadannoo Qiirqoos fi Iyyaluxaa Adoolessa 19 kan kabajamuuf bal'inaan ilaaluuf;

Adoolessa 19

Guyyaa kanatti Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel ibidda boba'aa keessaa Qulqulleettii Iyyaluxaa fi ilma ishee Qulqullicha Qiirqoos baaseera.

→ Qulqulluun Qiirqoos fi haati isaa Qulqulleettiin Iyyaluxaa biyyi isaanii Room (Xaaliyaanii) Angeebeenidha. Abbaan Qulqulluu Qiirqoosis Qoosmiiz jedhama. Isaanis kan turan bara Wareegamtootaa Jaarraa 4ffas keessa yoo ta'u, bara sanattis Mootichi hamaan fi Ahizaabii ta'e Diyooqilixiyaanoos labsii labsee ture.Labsiin isaas «Manneen Kiristaanaa has cufaman, Manneen Xaa'otii haa banaman» kan jedhuufi bara 303 Dh.K.B kan labsamee turedha. Sababa kanaanis Kiristaanonni hedduun ni godaanan, Qulqulleettiin Iyyaluxaas daa'ima ishee waggaa sadii Qiirqoos qabattee gara Iqooniyoonitti baqatte.

→ Mootichi Ala'iskindiroos ishee waamsisee «Kiristoos gani! Xaa'otiif sagadi!» jedheen. Isheenis «Harka keetiin hojjattee fakkiiwwan ati dhaabdeef hin sagadu!» jettee. Innis «yoo ati didde Sayifiidhaan ajjefamta!» jedhee ishee sodaachise, isheen garuu homaayyuu hin sodaaanne amantii isheen cimtuu waan turteef. Mootichi Hubboo Sibiilaatti bishaan danfistanii sana boodas achi keessatti isaan galchaa jedhee ajaje. Danfinni bishaanichaas akka bakakkaa gannaa hanga ciqilee 15 gara oliitti ni danfa ture. Gara bishaan danfeettis galchuuf yeroo isaan geessan Iyyaluxaan garaa ishee keessatti xiqqoo ni sodaatte, ilma ishee Qiirqoos irra garuu Afuurri Qulqulluu buluun sodaa haadha isaa irraa fageesse. «Haadha koo! jabaadhu! Cimi! Waaqni Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa'eel ibidda keessaa baase nus nu fayyisa» jechuun ishee jajjabeessuun uffata ishee harkisaa gara ibiddichaatti dhiyaatan, isheenis cimuudhaan laphee ishee guutuudhaan walqabatanii gara bishaan danfeetti seenan. Waaqayyos kanneen isa amanan kan hin irraanfanne Ergamaa isaa Qulqulluu Gabri'eel erguun ulee Fannoo isaa qabatee bishaan danfaa sana dhaamsuun isaan oolcheera.

Galatni Waaqayyoof haa ta'u

Waaqayyo kadhannaa qulqulloota kanaatiin nutti haa araaramu. 

Sugni wareegamoota kanaas nu waliin haa ta'u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Madda :- Dn. Naahimii

Post a Comment

0 Comments