Subscribe To Our YouTube Channel

Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel fi Baahiraan

Guyyaa itti Qulqulluun Mikaa'eel xalayaa du'aa Baahiraan gara jireenyaatti jijjiire


Guyyaa Yaadannoo Baahiraan




Biyya Iskindiriyaa keessatti bara mooticha Barxilimiyoos Gibtsii keessaa Ziigol iddoo jedhamtutti maqaa urjiidhaan manni waaqa tolfamaa ijaaramee waggaa waggaadhaan guyyaa kana aarsaa dhiyeessaniifii isa irraa hafe immoo nyaatanii dhuganii sirbuudhaan ni kabajatu ture. Mirga mooticha Qosxanxiniyoos mirga Mana Kiristaanaaf inni kenne irra dhaabbatanii phaaphaasii abbaa Illeskindiriyoos jedhaman labsiidhaan manni waaqa tolfamaa sun diigamee iddoo isaa irratti immoo Manni Qulqullummaa ijaaramee Taabonni Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'elii seenee waggaa waggaadhaan guyyaa kana akka kabajamu murteessan.

Amantoota ayyaana kana kabajan keessaa tokko abbaa Baahiraan ture. Abbaan kun utuu haati warraa isaa mucaa kana ulfooftee jirtuu du'e. Guyyaa mucaan kun dhalatu Qulqulluu Mikaa'eelii fi Qulqulluu Gabri'eeliin ol seenanii mucicha eebbisanii raajii dubbatan raajiin dubbatanis qabeenyaa namicha badhaadhaa ollaa keessanii kana mucaa kanatu dhaala jedhanii deeman. Oolee bulee oduu kana namichi kun dhaga'ee maal godhu jedhee utuu yaadan dhiphatuu mucichi guddatee nama waggaa 10 ta'e. Harmeen mucaa kana ammoo waan nyaattuu fi waan ittiin mucaa kana guddistu dhabdee akka rakkachaa jirtu argee warqee waqeeta 20 laateefii ati ammoo mucaa kana naaf kenni nan guddifadhaa ittiin jedhe.

Yeroo isheen tole jettee laattuuf galaana qarqaratti geessee saanduqa ykn «Saaxinii» keessa buusee itti qollofee galaana keessa buuse. Waaqayyo galaanicha keessatti eegee biyya fagoodhaan ga'e. namichi hoolaa tiksu saaxinicha argee manatti fudhatee galee gaafa banu mucaa bareedaa tokkotu keessa jira. Mucaa barbaadaa waan tureef fuudhee guddifate. Maqaa isaas Baahiraan jedhee moggaase hiikni isaas bishaan keessaa kanan argadhe jechuudha.

Waggaa heedduu booddee namichi sooressichi bishaanitti gate sun daldalaaf osoo deemuu aduun itti dhiinaan gara mana kanaatti goree bule.

Yemmuu mucaan kun as fi achi deemee ergamu argee Baahiraan yemmuu jedhan dhaga'ee qoratee jennaan jaarsichis seenaa jiru hunda itti hime. Yeroo kana namtichi mucaan kun ammayyuu hin duunee jedhee yaadee ganama yeroo lafti bari'u manattan waa irraanfadhee dhufee adaraa gatii dadhabbii keetii siifan kaffalaa dhaqii naaf fidi jennaan tole jedhe. Yeroo kana namtichi sooressi kun xalayyaa akkas jedhu barreessee itti kenne xalayyichis akka mucaan kun isin bira ga'een ajjeesaa jedhee itti chaappessee ykn itti mallatteessee itti kenne. Akka nama tokkotti hin laanne jedhee isa akeekkachiise.

Tole jedhee adeemsa guyyaa sagalii adeemee guyyaan tokko gaafa isa hafu Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa'eel farda isaa yaabbatee nama fakkaatee itti dhufee «Ati eenyudha? eessaa deemta?» jedhee gaafate. Inni akka ergaa dhaqaa jiru itti hime. Xalayaa kana kenni nan ilaalaa jedhe. Hin kennu nama tokkotti hin kenniin naan jedheera Gooftaan koo jedhee deebiseef.

Haa ta'u hin banu kenni ilaaleen sitti deebisaa jedhee harkaa fuudhee hafuura itti baafatee itti deebise. Yerooma kana jechi du'aa isaaf barreeffame jijjiiramee jecha jireenyaa isaaf ta'e xalayaa sana fuudhee haadha warraa isaaf hojjetaa isaatti gaafa laatu mucaa koo itti heerumsiisaa qabeenyaa koo hundumaa immoo dhaalchisaa waan hundumtuu immoo isaaf haa bitamu kan jedhutu dubbifame. Chaappaa waan qabuuf tole jedhanii mirkaneessan.

Waan ergamaan Waaqayyoo sun dubbate raawwatee guyyaa 40f gammachuun ta'ee guyyaa 40 booda namtichi sooressi bakka turee yeroo deebi'ee dhufu sagalee gammachuu gaafa dhaga'u waan ta'es gaafa itti himan farda isaa irraa lafa kufee du'e haati manaa isaas du'a abbaa manaa ishee dhageesse naatee duute. Baahiraan kun hundumtuu gargaarsa ergamaa Mikaa'eeliin akka ta'e mul'ataan argee hubatee luba ta'ee maqaa Q/Mikaa'eliin mana qulqullummaa guddaa ijaarsise. Egaa walumaa galatti Waxabajjiin 12 guyyaa xalayaan du'aa isaatii jireenyatti jijjiirameef jedhamee beekama.

Walumaa galatti waa'ee Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel ilaalchisee;


Mikaa'eel jechuun hiikni maqaa isaati eenyu kan akka Waaqayyoo jechuudha. Kitaaba qulqulluu keessatti iddoo baayyetti barreeffamee jira.

1. Hoogganaa raayyaa ergamootaa. Maac Iya 5:13, Mul Yoh 12:7

2. Ergamaa guddicha. Dan. 12:1

3. Magaalaa badiisaa keessaa kan nama baasu. Uma 19:10-18

4. Ijoollee Waaqayyoo kan eeguudha. Uma 48:16. 

5. Diina irratti dukkana kan uwwisudha. Ba'uu 14:19-20.

6. Biyya abdachiifamtetti ijoollee Waaqayyoo kan galchudha. Ba'uu 23:20-23.

7. Mannaa samii irraa roobsee kan ijoollee Waaqayyo nyaachisuudha Far.106.

8. Daandii jal'inaa irra kan deeman kan dheekkamudha. Lakk. 22:22

9. Amma libsuu ijaa gidduutti diina ijoollee Waaqayyo kan barbadeessudha. 2 Moot. 19:35.

10. Boolla leencaa keessatti kan gataman kan nyaachisudha. Dan 6:1

11. Ijoollee Waaqayyoof dhiifama kan kadhatudha. Zak.1:12.

12. Ijoollee Waaqayyoo hidhaman mana hidhaa seenee kan baaseedha. HDB. 12:12.

13. Seexana kan ari'udha. Mul. 12:7

14. Gara jireenyaatti, gara gooftaatti kan nama geessuudha. Maat 28

15. Walumaa galatti ijoollee Waaqayyoo kan gargaarudha. Dan. 10:21. Ibr.1:1-14

16. Guyyaa deebii gooftaa guyyaa murtii sana namoota du'anii awwaalcha keessa jiran hunda kan dammaqsuudha. 1 Tas. 4:4-16.

Eegumsi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel hunda keenya waliin haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments