Subscribe To Our YouTube Channel

Appilikeeshiniin Viidiyoo hojjetu kan dhaabbata Google dhaan beeksifame Veo 3 maalidha?

Appilikeeshinii Ajaa'ibaa Viidiyoo hojjetu Google Veo 3 


Gama AI tiin Abdii fi sodaa keessa namoota hedduu kan galche Veo 3

Dhaabbanni Teeknooloojii guddichi Addunyaa keenyaa Google AI viidiyoo hojjetu Veo 3 jedhamu erga gadhiise booda dubbii ijoo Addunyaa ta'eera.

Dhaabbanni Teeknooloojii kun argannoo inni haaraa beeksise Veo 3 jedhamu kun ofii isaatiin viidiyoo hojjatee sagalee viidiyoo waliin walitti qindeessuun kanneen kana dura turan irra daran kan caaludha.

Appilikeeshiniin kun kana dura kan beekamu OPEN AI jalatti kan bulu viidiyoowwan hojjechuuf kan oolu Sora irraa kan ittiin adda ta'u haasaan namoota gidduutti taasifaman dhugaa hanga fakkaatanitti sagalee fi suuraa qindessuun dhiyeessuu isaati.

Teeknooloojii haaraa Google kanaan viidiyoowwan hojjetaman viidiyoowwan sirrii namaan hojjetaman irraa adda baasuun hanga ulfaatutti kan wal fakkaatan yoo ta'u, filannoo Afaaniitiinis kana dura kan turan irra fooyya'aadha jedhameera.

Yeroo ammaa kanatti Appilikeeshinii kana fayyadamuuf ji'a ji'aan $250 kaffaluun barbaachisaa akka ta'e ibsameera.

Viidiyoowwan karaa Veo 3 hojjetaman hedduun karaa miidiyaalee hawaasaa garaa garaa yeroo gadhiifaman namoonni hedduun viidiyoowwan sirrii irraa adda baasuuf yeroo rakkatan mul'ateera.

Teeknooloojiin kun erga ifa ta'ee guyyoota muraasa keessatti viidiyoowwan Afaan Amaariffaa fi kanneen biroon hojjetaman yoo ilaalle viidiyoowwan sirrii irraa adda baasuuf baay'ee rakkisaadha. Kana dura rakkoowwan sagalee irra turan yeroo xiqqoo keessatti fooyya'aanii akka dhiyaatan himameera.

Dhaabbanni Teeknooloojii guddichi Google dabalataan FLOW kan jedhamu Appilikeeshinii AI garaa garaa kan hammate fi namoonni Fiilmii hojjetan karaa barbaadaniin Fiilmii isaanii akka hojjetan kan gargaaru Appilikeeshinii Fiilmii ittiin hojjetan ifa taasiseera.

Kunis Fiilmii dhaaf abdiis yaaddoos qabatee dhufuun isaa himameera.

Fayyadamtoonni wanta karaa Veo 3 hojjechuu barbaadan barreeffamaan kan galchan yoo ta'u, Appilikeeshiniin kun barreeffama isaaf kenname irraa ka'uun viidiyoo sirrii fakkaatu erga hojjete booda sagalee viidiyoo sana waliin deemu itti dabaluun fayyadamtoota isaatiif dhiyeessa.

Fayyadamtoonni viidiyoo isaaniif dhiyaate erga ilaalan booda Appilikeeshinii Google kan biraa FLOW jedhamu fayyadamuun kallattii kaameraa fi sochii taatotaa jijjiiruu danda'u jedhameera.

Baasii xiqqeessuu isaa yoo ilaalle beeksisa qorichaa Doolaara kuma 500'n hojjetamu karaa Veo 3 Doolaara 500 gadiin guyyaa tokko keessatti hojjechuun akka danda'ame himameera.

Namoonni tokko tokko waa'ee Teeknooloojii haaraa kanaa «Argannoo fi kalaqa garaa garaa xiqqeessa» yaada jedhu dhiyeessaa kan jiran yoo ta'u, daawwattoonni ammoo viidiyoo sirrii ta'uu dhiisuu isaanii adda baasuuf rakkachuun isaanii qormaata kan biraati jedhame.

Madda :- Tikvah Ethiopia

Post a Comment

0 Comments