Ibsa Ministeera Barnootaa Qormaata Bahumsaa irratti
Qormaanni bahumsaa bara 2017 Waxabajjii 2 hanga 10 bara 2017 tti giddu gala qormaataa 87, Yuunivarsiitiiwwan 51 tti qophaa'e keessatti ni kennama.
Qormaaticha sagantaalee barnootaa 238'n barattoota kaadhimamtoota digirii jalqabaa 190,787 tiif karaa online kennuuf qophiin barbaachisaan xumuramuu isaa Dr. Eebbaa Miijanaa himaniiru.
Barattoonni 102,360 yeroo jalqabaatiif qormaata kana kan fudhatan yoo ta'u, barattoonni 88,422 ammoo irra deebiin qormaata bahumsaa kana ni fudhatu jedhameera.
Barattoonni qormaata kana fudhatan yeroo gara giddu gala qormaataatti deeman waraqaa eenyummaa Fayda ykn Digital ID qabachuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Bilbila harkaa, sa'aatii harkaa miimoorii qabu, waraqaa eenyummaa nama biraa, kaalkuleetarii hin eeyyamamne fi wantoota dhorkamoo kana fakkaatan qabatanii seenuun akka hin danda'aamne ibsameera.
Qormaata bahumsaa kana kennuuf hojii raawwachiistonni 4,017 akka hirmaatan ibsameera.
Wantoota Qormaata Bahumsaa irratti Barataa fi Barsiisaa irraa Eegaman
Guyyoota qormaata bahumsaa irratti Naamusaa fi Pirootookoolota jiraachuu qaban keessaa;
• Aanga'oota olaanoo Yuunivarsiitichaa isaaniif eeyyamameen ala, haala mijeessitoota guyyaa sanaaf achitti ramadamaniin ala, qormaata sana qoruuf barsiisota ramadamaniin ala qaamni kamiyyuu gara kutaa qormaataatti seenuun kan dhorkamedha.
• Qormaatichi karaa Online kan kennamu waan ta'eef ogeeyyiin Ayisiitii (ICT) naannoo kutaalee qormaataa taa'uu gargaarsa ni kennu.
• Qaamni nageenyaa gara kutaa qormaataatti kan isa galchu wanti dirqamsiisaan yoo mudateen ala hin seenu. Garuu wanti dirqamsiisaan yoo mudate sa'aatii kamittiyyuu seenuu ni danda'a.
• Aanga'oota Olaanoo Yuunivarsiitichaa dabalatee qaamni kamiyyuu karaa kamiiniyyuu ta'u Bilbila harkaa, Sa'aatii ismaartii, fi wantoota kana fakkaatan gara kutaa qormaataatti qabatee seenuun dhorkaadha.
• Ogeessonni Ayisiitii (ICT) tajaajila kutaa qormaataa keessatti kennaniif namoota Ministeera Barnootaa irraa ykn deeggarsa Aanga'oota olaanoo Yuunivarsiitichaa fi qajeelfama argachuu waan dabalatuuf haala addaatiin Yuunivarsiitichatti galmaa'ee kan qabamuu fi kan beekamu lakkoofsa kan qabu bilbila qabatanii akka seenan eeyyamamuufii danda'a.
• Sagantaawwan ykn diippartimantiiwwan tokko tokko irratti Kaalkuleetarii fiduun ykn fayyadamuun ni eeyyamama. Dabalataanis akkasuma diippartimantiiwwan tokko tokkoof irratti hojjechuuuf waraqaan adiin karaa Yuunivarsiitichaa eeyyamamuu danda'a. Kanas ta'ee garuu bilbilli, sa'aatiin smaartii, taableetiin fi wantoonni kana fakkaatan hin eeyyamaman. Kaalkuleetaroonni itti fayyadamanis hojii kaalkuleetarii qofaaf kan hojiirra oolan ta'uu isaanii of eeggannoo taasisuun barbaachisaa dha.
• Yeroo kamittiyyuu eeyyamni kan isaaniif kenname fi deeggarsa kennuuf kan ramadaman Ogeessota Ayisiitii dhaan ala koompiitara barataa qormaata sana fudhatuu tuquun kan dhorkamedha.
Akkaataa Kenniinsaa fi Qajeelfamoota Qormaata Bahumsaa
Dirqama Barattoota Qormaata kana Qoromanii
1. Kutaa qormaataatti daqiiqaa 30 dursanii ID qabatanii argamuu.
2. Qormaatichi erga jalqabe booda daqiiqaa 15 caalaa barfachuu dhiisuu!
3. Qormaatichi erga jalqabe booda daqiiqaa 30 dursa bahuu dhiisuu
4. Username fi Password waraqaa Adii irratti barreessanii qabachuu.
5. Iddoo barsiisonni qormaata sana qoran nama teessisan qofaa taa'uu
6. Koompiitara ofii qofaa banuu fi itti fayyadamuu.
7. Kutaa qormaataa keessatti haasa'uu dhiisuu fi bakkaa bakkatti socho'uu dhiisuu.
8. Koompiitara barataa cinaa jiru ilaaluu dhiisuu.
9. Kutaa qormaataa keessatti bilbila harkaa cufuu.
10. Waraqaa kamiyyuu gara kutaa qormaataatti qabatanii deemuu dhiisuu.
11. Karaa kamiinuu hatuu fi hachisiisuu irraa of eeggachuu fi irratti hirmaachuu dhiisuu.
12. Barsiisota qormaata sana qoran fi haala mijeessitootaaf ajajamuu.
Dirqama Barsiisota qormaata Bahumsaa Qoranii;
1. ID barattoota qormaata kana fudhatanii mirkaneessuun gara kutaa itti qoromaniitti galchuu.
2. Barattoota qormaata kana fudhatan akkaataa tartiiba maqaa isaatiin teessisuu.
3. Attendance barattootaa fudhachuu fi mallatteessisuu.
4. Kutaa qormaataa keessatti sagalee to'achuu.
5. Barattoonni bakkaa bakkatti akka hin sochoone to'achu.
6. Haala walii galaa qormaatichaa xiyyeeffannoo dhaan hordofuu.
7. Sababa dhukkubaatiin barattoonni yoo kutaadhaa bahuu barbaadan Suppar Vaayizara waliin dubbachuun isaan gargaaruu.
8. Barattoonni koompiitara barataa biraa cinaa isaanii jiru akka hin ilaalle to'achuu.
9. Barattoonni bilbila harkaa isaanii akka cufan taasisuu.
10. Barattoonni qormaatichi erga jalqabee daqiiqaa 30 dura akka hin baane taasisuu.
11. Barataa hatuu fi hachisiisuu yoo arge kutaa qormaataati ni baasa.
12. Erga qormaatichi jalqabee daqiiqaa 15 booda barataan dhufu akka hin seenne taasisa.
Walumaa galatti wantoota armaan olii kana barattoonni, barsiisonni qormaata kana fudhatan fi kennan guutuu akka qaban Ministeerri Barnootaa ibseera, barattoota qormaata bahumsaa kana fudhattaniif carraa gaarii jenna.
0 Comments