Subscribe To Our YouTube Channel

Cufamuu Dhaabbilee Barnoota olaanoo dhuunfaa 90 fi Ibsa Ministeera Barnootaa

Waa'ee Cufamuu Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dhuunfaa dabalataan maal jedhame?


Deetaan Ministeera Barnootaa Obbo Kooraa Tushunee Yuunivarsiitiin Qulqulleettii Maariyaam magaalaa Finfinneetti kan qopheesse waltajjii dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa Afrikaa irratti sababa rakkoo gadi bu'uu qabxii qormaata bahumsaa ykn Exit Exam barattoota isaaniitiin kan ka'e dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa ykn Yuunivarsiitiiwwan fi Koolleejjiiwwan dhuunfaa 90 ta'aan akka cufaman ibsanii turan. Dhimma kana irratti odeeffannoo dabalataa qabannee dhiyaanneerra, dhaabbileen barnoota olaanoo kunneen maal jedhan? guutummaa isaa dubbisaa!


Yeroo dhiyoodhaa asitti Itoophiyaatti Dhaabbilee Barnoota olaanoo keessatti kan qopha'aan waraqaaleen eebbaa ykn "research" fi waraqaaleen qorannoo kana dura kan hojjetaman fi kanneen biroo irraa kan waraabamanidha kan jedhu komiiwwan fi riippoortiiwwan dabalaa waan jiraniif, kana hambisuuf ykn kana dhaabuuf wantoonni taasifamaa jiran maal maal akka ta'aan Ministeer Deetaadhaaf gaaffiin dhiyaateera, isaanis «Appilikeeshiniiwwan AI dabalatee waraqaalee eebbaa ykn research sobaa fi qorannoowwan sobaa dhorkuuf, Yuunivarsiitiiwwan bu'aalee Teeknooloojii garaa garaa akka fayyadaman fi qorannoowwan rakkoo kan hiikan akka ta'an, karaa qinda'aa ta'een akka hojjetaman taasifamaa jira.» jedhaniiru.

Waggoota shanan darban keessatti qorannoowwan Itoophiyaa keessatti maxxanfaman dachaa dhaa ol dabalaa akka jiran kan ibsan Obbo Kooraan, baay'eewwan isaanii dhaabbilee barnoota olaanoo Mootummaa irraa kan ba'aan ta'uu isaaniis ibsaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Qulqulleettii Maariyaam Dr. Wandasan Taammiraat gama isaaniitiin, Mootummaan qulqullina barnootaa eegsisuuf jechuudhaan sababa tarkaanfiiwwan inni fudhateetiin Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa fi Dhuunfaa miidhamuu isaanii dubbataniiru.

Akka biyyaatti lakkoofsi barattoota gara Yuunivarsiitiitti seenanii rakkoon isaa hunduma irratti ta'uyyuu, dhaabbileen dhuunfaa akka dhaabbilee barnoota olaanoo Mootummaa deeggarsa baajataa waan hin arganneef rakkoon isaa cimaadha jedhaniiru.

«Yuunivarsiitiin Qulqulleettii Maariyaam kana dura barattoota simachaa ture waliin barattoota wal madaalan simachaa jira» kan jedhan Pireezidaantichi, simannaan barattoota Yuunivarsiitii hir'achuun dhaabbileen hedduun akka cufaman taasiseera jedhaniiru.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatanii gara Yuunivarsiitii galuu ykn seenuu kan hin dandeenye, garuu sagantaa fooyya'iinsaa ykn sagantaan reemeediyaalii jiraachuu isaatiin rakkoon kun xiqqoo hir'achuu isaas Pireezidaantichi kaasaniiru.

Qulqullina barnootaa eegsisuun dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa dabalatee qaamolee hunda fayyadamoo akka taasisu Dr. Wandasan itti dabaluun himaniiru.

Mootummaan seektara kana irratti waggoota 25 darbaniif akka biyyaatti leenjitoota kuma 100'n lakka'aaman kan horate, sadarkaa biyyaatti kan ture rakkoo humna nama leenji'ee hiikaa kan ture ta'uu hubatee, dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaatiif deeggarsa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.

Dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa ykn Yuunivarsiitiiwwan dhuunfaa ofii isaanii sirna barnootaa kana keessa tursiisuuf akkasumas gabaa keessaa akka hin baaneef poolisii kana dura ture irraa adda ta'e hordofuun isaan irraa eegama jedhaniiru.

Odeeffannoo haaraa akkuma gadhiifameen kan isin biraan geenyu ta'a, isinis akkuma odeeffannoo haaraa gadhiifameen akka isin bira gahuuf Channel keenya Telegram Qubee Media join taasisaa!

Post a Comment

0 Comments